< Amoos 7 >

1 Waaqayyo Gooftaan waan kana natti argisiise: Inni erga qoodni mootichaa haamamee booddee, utuma midhaan lammaffaan gaʼaa jiruu tuuta hawwaannisaa qopheesse.
This is what the Lord GOD showed me: He was preparing swarms of locusts just after the king’s harvest, as the late spring crop was coming up.
2 Anis erga hawwaannisni sun lafa barbadeessee booddee, “Yaa Waaqayyo Gooftaa, nuuf araarami! Yaaqoob akkamiin dandaʼee badiisa irraa hafa? Inni daaʼima xinnaa dha!” jedheen iyye.
And when the locusts had eaten every green plant in the land, I said, “Lord GOD, please forgive! How will Jacob survive, since he is so small?”
3 Kanaafuu Waaqayyo ni gaabbe. Waaqayyos, “Wanni kun hin taʼu” jedhe.
So the LORD relented from this plan. “It will not happen,” He said.
4 Waaqayyo Gooftaan waan kana natti argisiise; Waaqayyo Gooftaan murtii kennuuf ibidda waamaa ture; ibiddi sunis tuujuba guddaa gogsee lafas ni barbadeesse.
This is what the Lord GOD showed me: The Lord GOD was calling for judgment by fire. It consumed the great deep and devoured the land.
5 Kana irratti ani, “Yaa Waaqayyo Gooftaa, ani sin kadhadhaa, waan kana nurraa dhaabi! Yaaqoob akkamiin waan kana irraa hafa? Inni daaʼima xinnaa dha!” jedheen iyye.
Then I said, “Lord GOD, please stop! How will Jacob survive, since he is so small?”
6 Kanaafuu Waaqayyo ni gaabbe. Waaqayyo Gooftaan, “Wanni kunis hin taʼu” jedhe.
So the LORD relented from this plan. “It will not happen either,” said the Lord GOD.
7 Inni waan kana na argisiise: Gooftaan tumbii harkatti qabatee dallaa tumbiidhaan ijaarame bira dhaabachaa ture.
This is what He showed me: Behold, the Lord was standing by a wall true to plumb, with a plumb line in His hand.
8 Waaqayyos, “Amoos, ati maal arguutti jirta?” jedhee na gaafate. Anis, “Tumbii nan arga” jedheen deebise. Gooftaanis akkana naan jedhe; “Kunoo ani saba koo Israaʼel gidduu tumbii tokko nan kaaʼa; ani siʼachi isaan hin baraaru.
“Amos, what do you see?” asked the LORD. “A plumb line,” I replied. “Behold,” said the Lord, “I am setting a plumb line among My people Israel; I will no longer spare them:
9 “Iddoowwan sagadaa Yisihaaq ni barbadaaʼu; iddoon qulqulluun Israaʼelis ni ona; ani goraadee kootiin mana Yerobiʼaamitti nan kaʼa.”
The high places of Isaac will be deserted, and the sanctuaries of Israel will be laid waste; and I will rise up against the house of Jeroboam with My sword.”
10 Ergasii Amasiyaa lubni Beetʼeel akkana jedhee Yerobiʼaam mooticha Israaʼelitti ergaa tokko erge; “Amoos garaa Israaʼel keessatti sitti malateera. Dubbii isaa hunda lafti iyyuu baachuu hin dandeessu.
Then Amaziah the priest of Bethel sent word to Jeroboam king of Israel, saying, “Amos has conspired against you in the midst of the house of Israel. The land cannot bear all his words,
11 Amoos akkana jedheeraatii: “‘Yerobiʼaam goraadeedhaan duʼa; Israaʼelis dhugumaan boojiʼamee biyya isaatii ni fudhatama.’”
for this is what Amos has said: ‘Jeroboam will die by the sword, and Israel will surely go into exile, away from their homeland.’”
12 Kana irratti Amasiyaan Amoosiin akkana jedhe; “Yaa ilaaltuu nana, sokki! Biyya Yihuudaatti deebiʼi. Achitti buddeena nyaadhu; raajiis dubbadhu.
And Amaziah said to Amos, “Go away, you seer! Flee to the land of Judah; earn your bread there and do your prophesying there.
13 Sababii inni iddoo qulqulluu mootichaatii fi mana qulqullummaa mootummaa taʼeef ati lammata Beetʼeel keessatti raajii hin dubbatin.”
But never prophesy at Bethel again, because it is the sanctuary of the king and the temple of the kingdom.”
14 Amoos immoo akkana jedhee Amasiyaaf deebise; “Ani raajii yookaan ilma raajii miti; garuu ani tiksee fi eegduu muka harbuun ture.
“I was not a prophet,” Amos replied, “nor was I the son of a prophet; rather, I was a herdsman and a tender of sycamore-fig trees.
15 Waaqayyo garuu tika bushaayee keessaa na fuudhee, ‘Dhaqii saba koo Israaʼelitti raajii dubbadhu’ naan jedhe.
But the LORD took me from following the flock and said to me, ‘Go, prophesy to My people Israel.’
16 Egaa amma dubbii Waaqayyoo dhagaʼi. Ati akkana jetta; “‘Ati Israaʼeliin mormuudhaan raajii hin dubbatin; mana Yisihaaq mormuudhaan lallabuu dhiisi.’
Now, therefore, hear the word of the LORD. You say: ‘Do not prophesy against Israel; do not preach against the house of Isaac.’
17 “Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha: “‘Niitiin kee magaalaa keessatti sagaagaltuu taati; ilmaan keetii fi intallan kee goraadeedhaan dhumu. Biyyi kee safaramtee gargar qoodamti; ati mataan kee iyyuu biyya ormaatti duuta. Israaʼel dhugumaan boojiʼamee biyya isaatii ni fuudhama.’”
Therefore this is what the LORD says: ‘Your wife will become a prostitute in the city, and your sons and daughters will fall by the sword. Your land will be divided by a measuring line, and you yourself will die on pagan soil. And Israel will surely go into exile, away from their homeland.’”

< Amoos 7 >