< Amoos 6 >

1 Yaa warra yaaddoo malee Xiyoon keessa jiraattan, kanneen Tulluu Samaariyaa irra waan nagaadhaan jiraatan seetan, isaan namoota ulfaatoo saba durii, kanneen sabni Israaʼel gara isaanii dhufuuf wayyoo!
国为列国之首,人最著名, 且为以色列家所归向, 在锡安和撒马利亚山安逸无虑的,有祸了!
2 Gara Kaalneetti darbaatii ilaalaa; achii kaʼaatii gara Hamaati guddichaa dhaqaa; ergasii immoo Gaati Filisxeem keessaatti gad buʼaa. Isaan mootummoota keessan lamaan caaluu? Biyyi isaanii biyya keessan caalaa balʼataa?
你们要过到甲尼察看, 从那里往大城哈马去, 又下到非利士人的迦特, 看那些国比你们的国还强吗? 境界比你们的境界还宽吗?
3 Isin guyyaa hamaa fageessitanii bulchiinsa jeequmsaa fiddu.
你们以为降祸的日子还远, 坐在位上尽行强暴。
4 Isin siree ilka arbaatiin miidhagfame irra ciiftu; siree keessan dinkii irra boqottu. Isin xobbaallaa hoolaa filatamoo fi jabbii coccoomoo nyaattu.
你们躺卧在象牙床上,舒身在榻上, 吃群中的羊羔,棚里的牛犊;
5 Isin sagalee baganaatiin weedduu faayidaa hin qabne weeddiftu; akkuma Daawitis meeshaa muuziiqaa qaqqajeelfattu.
弹琴鼓瑟唱消闲的歌曲, 为自己制造乐器,如同大卫所造的;
6 Isin xoofoo keessaa daadhii wayinii dhugdu; dibata akka malee gaarii dibattu; garuu badiisa Yoosefiif hin gadditan.
以大碗喝酒,用上等的油抹身, 却不为约瑟的苦难担忧。
7 Kanaafuu isin warra jalqabatti boojiʼaman wajjin boojiʼamtanii fudhatamtu; burraaquu fi bashannanuun keessan ni hafa.
所以这些人必在被掳的人中首先被掳; 舒身的人荒宴之乐必消灭了。
8 Waaqayyo Gooftaan ofii isaatiin kakateera; Waaqayyo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Ani of tuulummaa Yaaqoob nan balfa; daʼannoo isaas nan jibba; ani magaalattii fi waan ishee keessa jiru hunda dabarsee nan kenna.”
主耶和华—万军之 神指着自己起誓说: 我憎恶雅各的荣华,厌弃他的宫殿; 因此,我必将城和其中所有的都交付敌人。
9 Namoonni kudhan yoo mana tokko keessatti hafan isaanis ni dhumu.
那时,若在一房之内剩下十个人,也都必死。
10 Yoo firri reeffa baasee gubu tokko mana sana keessaa baasuuf dhufee nama dhokatee achi jiru kamiin iyyuu, “Namni tokko iyyuu si wajjin jiraa?” jedhee gaafatee namichi sun, “Hin jiru” jedheen, inni “Calʼisi! Nu maqaa Waaqayyoo dhaʼuu hin qabnu” jedhaan.
死人的伯叔,就是烧他尸首的,要将这尸首搬到房外,问房屋内间的人说:“你那里还有人没有?”他必说:“没有”;又说:“不要作声,因为我们不可提耶和华的名。”
11 Kunoo Waaqayyo ajaja kenneeraatii, manneen gurguddaan ni barbadaaʼu; manneen xixinnoonis ni caccabu.
看哪,耶和华出令, 大房就被攻破, 小屋就被打裂。
12 Fardeen kattaawwan irra ni fiiguu? Namni tokko qotiyyoodhaan achi ni qotaa? Isin garuu murtii qajeelaa gara summiitti, ija qajeelummaas gara hadhaatti geeddartaniirtu;
马岂能在崖石上奔跑? 人岂能在那里用牛耕种呢? 你们却使公平变为苦胆, 使公义的果子变为茵 。
13 isin warra Lodebaar moʼachuutti gammaddanii, “Nu humna keenyaan Qaarnaayim qabanne mitii?” jettanii dha.
你们喜爱虚浮的事,自夸说: 我们不是凭自己的力量取了角吗?
14 Waaqayyo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu akkana jedhaatii; “Yaa mana Israaʼel, ani saba Leeboo Hamaatii jalqabee hamma sulula Arabbaatti karaa keessan hunda irratti isin cunqursu tokko isinittin kaasa.”
耶和华、万军之 神说: 以色列家啊,我必兴起一国攻击你们; 他们必欺压你们, 从哈马口直到亚拉巴的河。

< Amoos 6 >