< Amoos 5 >

1 Yaa mana Israaʼel dubbii kana, faaruu booʼichaa kan ani waaʼee keessaniif booʼu kana dhagaʼaa:
שמעו את הדבר הזה אשר אנכי נשא עליכם קינה--בית ישראל
2 “Durbi qulqullittiin Israaʼel kufteerti; isheen lammata hin kaatu; biyyuma ishee keessatti gatamtee nama ol ishee qabu tokko illee dhabde.”
נפלה לא תוסיף קום בתולת ישראל נטשה על אדמתה אין מקימה
3 Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “Magaalaa loltoota kuma tokko Israaʼeliif bobbaafteef dhibba tokko qofatu hafa; magaalaa loltoota dhibba tokko bobbaafteef kudhan qofatu hafa.”
כי כה אמר אדני יהוה העיר היצאת אלף תשאיר מאה והיוצאת מאה תשאיר עשרה לבית ישראל
4 Waaqayyo mana Israaʼeliin akkana jedha: “Na barbaaddadhaatii jiraadhaa;
כי כה אמר יהוה לבית ישראל דרשוני וחיו
5 Beetʼeelin hin barbaaddatinaa; Gilgaal hin dhaqinaa; Bersheebaattis hin ceʼinaa. Gilgaal dhugumaan ni boojiʼamti; Beetʼeelis ni dhabamti.”
ואל תדרשו בית אל והגלגל לא תבאו ובאר שבע לא תעברו כי הגלגל גלה יגלה ובית אל יהיה לאון
6 Waaqayyoon barbaaddadhaatii jiraadhaa; yoo kanaa achii inni akkuma ibiddaa mana Yoosef keessa baʼee haxaaʼaa; ibiddi sun ishee guba; Beetʼeelis nama irraa dhaamsu tokko iyyuu hin qabaattu.
דרשו את יהוה וחיו פן יצלח כאש בית יוסף ואכלה ואין מכבה לבית אל
7 Isin warra murtii qajeelaa hadhaatti geeddartanii qajeelummaas lafatti harcaaftanii dha.
ההפכים ללענה משפט וצדקה לארץ הניחו
8 Inni urjiiwwan Torbii fi urjiiwwan Sadee uume, kan dukkana bariitti geeddaru, inni guyyaa dukkaneessee halkan godhu, kan galaana keessaa bishaan ol waamee fuula lafa gogaa irratti dhangalaasu maqaan isaa Waaqayyoo dha.
עשה כימה וכסיל והפך לבקר צלמות ויום לילה החשיך הקורא למי הים וישפכם על פני הארץ--יהוה שמו
9 Inni daʼoo jabaatti badiisa tasaa fida; magaalaa dallaa jabaa qabdus ni barbadeessa.
המבליג שד על עז ושד על מבצר יבוא
10 Isaan nama karra irratti nama ifatu ni jibbu; kan dhugaa dubbatus ni balfu.
שנאו בשער מוכיח ודבר תמים יתעבו
11 Isin hiyyeeyyii dhidhiittanii akka isaan midhaan isinii kennan dirqisiiftu. Kanaafuu isin manneen dhagaa yoo ijaarrattan iyyuu manneen sana keessa hin jiraattan; isin iddoowwan qotiisaa gaarii keessa wayinii yoo dhaabbattan iyyuu daadhii wayinii isaanii hin dhugdan.
לכן יען בושסכם על דל ומשאת בר תקחו ממנו--בתי גזית בניתם ולא תשבו בם כרמי חמד נטעתם ולא תשתו את יינם
12 Balleessaan keessan hammam akka baayʼatuu fi cubbuun keessanis hammam guddaa akka taʼe nan beekaatii. Isaan qajeeltota hacuucanii mattaʼaa irraa fudhatu; hiyyeeyyiis mana murtii keessatti murtii qajeelaa dhowwatu.
כי ידעתי רבים פשעיכם ועצמים חטאתיכם צררי צדיק לקחי כפר ואביונים בשער הטו
13 Kanaafuu namni qalbeeffataan yeroo akkasiitti afaan qabata; barri kun bara hamaadhaatii.
לכן המשכיל בעת ההיא--ידם כי עת רעה היא
14 Akka lubbuudhaan jiraattaniif waan hamaa dhiisaatii waan gaarii barbaadaa. Yoos akkuma isin jettan sana Waaqayyo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu isin wajjin taʼa.
דרשו טוב ואל רע למען תחיו ויהי כן יהוה אלהי צבאות אתכם--כאשר אמרתם
15 Waan hamaa jibbaa; waan gaarii jaalladhaa; mana murtii keessatti murtii qajeelaa jabeessaa; Waaqayyo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu tarii hambaa Yoosefiif garaa laafa taʼaatii.
שנאו רע ואהבו טוב והציגו בשער משפט אולי יחנן יהוה אלהי צבאות--שארית יוסף
16 Kanaafuu Gooftaan, Waaqayyo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Daandii hunda irra booʼicha, oobdii uummataa hunda irra immoo iyya dhiphinaatu jira. Qonnaan bultoonni akka booʼaniif, warri booʼan immoo akka wawwaataniif ni waamamu.
לכן כה אמר יהוה אלהי צבאות אדני בכל רחבות מספד ובכל חוצות יאמרו הו הו וקראו אכר אל אבל ומספד אל יודעי נהי
17 Ani gidduu keessan waanan darbuuf iddoo dhaabaa wayinii hunda keessaa booʼichatu taʼa” jedha Waaqayyo.
ובכל כרמים מספד כי אעבר בקרבך אמר יהוה
18 Isin warra guyyaa Waaqayyoo arguu hawwitaniif wayyoo! Isin maaliif guyyaa Waaqayyoo arguu hawwitu! Guyyaan sun dukkana malee ifa hin taʼuutii.
הוי המתאוים את יום יהוה למה זה לכם יום יהוה הוא חשך ולא אור
19 Wanni kun akkuma nama leenca jalaa baʼee afaan amaaketaa buʼu tokkoo ti; yookaan akka nama mana isaa seenee harka isaa keenyan manaa irra kaaʼatee bofti isa idde tokkoo ti.
כאשר ינוס איש מפני הארי ופגעו הדב ובא הבית--וסמך ידו על הקיר ונשכו הנחש
20 Guyyaan Waaqayyoo ifa utuu hin taʼin dukkana mitii? Dukkana hamaa ifa tokko illee of keessaa hin qabne mitii?
הלא חשך יום יהוה ולא אור ואפל ולא נגה לו
21 “Ani ayyaana amantaa keessanii nan jibba; nan tuffadhas; waldaa keessanittis hin gammadu.
שנאתי מאסתי חגיכם ולא אריח בעצרתיכם
22 Utuu isin aarsaa gubamuu fi kennaa midhaanii naaf fiddanii iyyuu ani jaalladhee isin irraa hin fudhadhu. Utuu isin aarsaa nagaa filatamaa naaf fiddanii iyyuu ani homaattuu isa hin lakkaaʼu.
כי אם תעלו לי עלות ומנחתיכם לא ארצה ושלם מריאיכם לא אביט
23 Waca faarfannaa keessanii asii balleessaa! Ani muuziiqaa baganaa keessanii hin dhaggeeffadhu.
הסר מעלי המון שריך וזמרת נבליך לא אשמע
24 Garuu murtiin qajeelaan akkuma lagaa, qajeelummaanis akkuma burqaa hin gognee haa yaaʼu!
ויגל כמים משפט וצדקה כנחל איתן
25 “Yaa mana Israaʼel isin waggaa afurtama gammoojjii keessatti takkumaa aarsaa fi kennaa naaf fiddaniirtuu?
הזבחים ומנחה הגשתם לי במדבר ארבעים שנה--בית ישראל
26 Isin waan harkuma keessaniin tolfattan jechuunis galma waaqeffannaa mootii keessanii, utubaa waaqa keessan tolfamaatii fi fakkii urjii waaqa keessanii ol fuutaniirtu.
ונשאתם את סכות מלככם ואת כיון צלמיכם--כוכב אלהיכם אשר עשיתם לכם
27 Kanaafuu ani akka isin boojiʼamtaniif, Damaasqoodhaan gamatti isinan erga” jedha Waaqayyo inni maqaan isaa Waaqa Waan Hunda Dandaʼu taʼe sun.
והגליתי אתכם מהלאה לדמשק אמר יהוה אלהי צבאות שמו

< Amoos 5 >