< Amoos 3 >

1 Yaa saba Israaʼel, dubbii Waaqayyo isiniin mormuudhaan, maatii ani biyya Gibxii baasee fide hundaan mormuudhaan dubbate kana dhagaʼaa:
Audite verbum, quod locutus est Dominus super vos, filii Israel: super omnem cognationem, quam eduxi de Terra Ægypti, dicens:
2 “Ani maatiiwwan lafa irra jiraatan hunda keessaa isin qofa filadheera; kanaafuu ani cubbuu keessan hundaaf isinan adaba.”
Tantummodo vos cognovi ex omnibus cognationibus terræ: idcirco visitabo super vos omnes iniquitates vestras.
3 Yoo walii galan malee namoonni lama wajjin ni deemuu?
Numquid ambulabunt duo pariter, nisi convenerit eis?
4 Leenci tokko yoo waan adamsu hin argatin bosona keessaa ni aadaa? Inni yoo waa qabate malee holqa isaa keessaa ni aadaa?
Numquid rugiet leo in saltu, nisi habuerit prædam? numquid dabit catulus leonis vocem de cubili suo, nisi aliquid apprehenderit?
5 Simbirri tokko lafa kiyyoon hin kaaʼaminitti kiyyoo keessa ni seentii? Kiyyoon tokko yoo wanni qabamu hin jirre akkasumatti lafaa ni utaalaa?
numquid cadet avis in laqueum terræ absque aucupe? numquid auferetur laqueus de terra antequam quid ceperit?
6 Yoo magaalaa keessatti malakanni afuufame, namoonni hin raafamanii? Balaan magaalaa tokkotti yoo dhufe, Waaqayyotu waan sana fide mitii?
Si clanget tuba in civitate, et populus non expavescet? si erit malum in civitate, quod Dominus non fecerit?
7 Dhugumaan Waaqayyo Gooftaan utuu tajaajiltoota isaa raajotatti hin mulʼisin waan tokko illee hin hojjetu.
Quia non facit Dominus Deus verbum, nisi revelaverit secretum suum ad servos suos prophetas.
8 Leenci aadeera; eenyutu hin sodaanne ree? Waaqayyo Gooftaan dubbateera; yoos eenyutu raajii hin dubbanne ree?
Leo rugiet, quis non timebit? Dominus Deus locutus est, quis non prophetabit?
9 Daʼannoo Ashdoodiitii fi daʼannoo Gibxitti akkana jedhaa labsaa: “Tulluuwwan Samaariyaa irratti walitti qabamaa; jeequmsa guddaa ishee keessa jiruu fi cunqursaa uummata ishee keessa jiru ilaalaa.”
Auditum facite in ædibus Azoti, et in ædibus Terræ Ægypti: et dicite: Congregamini super montes Samariæ, et videte insanias multas in medio eius, et calumniam patientes in penetralibus eius.
10 “Warri daʼannoo isaanii keessatti waan boojiʼamee fi waan saamame kuufatan akka itti waan qajeelaa hojjetan hin beekan” jedha Waaqayyo.
Et nescierunt facere rectum, dicit Dominus, thesaurizantes iniquitatem, et rapinas in ædibus suis.
11 Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “Diinni biyya keessan marsa; jabina keessan gad buusa; daʼannoowwan keessanis ni saama.”
Propterea hæc dicit Dominus Deus: Tribulabitur et circuietur terra: et detrahetur ex te fortitudo tua, et diripientur ædes tuæ.
12 Waaqayyo akkana jedha: “Akkuma tikseen tokko lafee miilla lamaanii yookaan fiixee gurraa qofa afaan leencaatii buusu sana, Israaʼeloonni Samaariyaa keessa, qarqara siree isaanii irra, Damaasqoo keessas siree isaanii dinkii irra taaʼan akkasuma ni baraaramu.”
Hæc dicit Dominus: Quomodo si eruat pastor de ore leonis duo crura, aut extremum auriculæ: sic eruentur filii Israel, qui habitant in Samaria in plaga lectuli, et in Damasci grabato.
13 “Waan kana dhagaʼaatii mana Yaaqoobitti dhugaa baʼaa” jedha Gooftaan, Waaqayyo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu.
Audite, et contestamini in domo Iacob, dicit Dominus Deus exercituum:
14 “Guyyaa ani cubbuu isheetiif jedhee Israaʼelin adabutti, iddoowwan aarsaa Beetʼeel nan barbadeessa; gaanfawwan iddoo aarsaas caccabanii lafatti ni harcaʼu.
quia in die cum visitare cœpero prævaricationes Israel, super eum visitabo, et super altaria Bethel: et amputabuntur cornua altaris, et cadent in terram.
15 Ani mana gannaatii fi mana bonaa nan diiga; manneen ilka arbaatiin miidhagfaman ni diigamu; manneen gurguddaanis ni balleeffamu” jedha Waaqayyo.
Et percutiam domum hiemalem cum domo æstiva: et peribunt domus eburneæ, et dissipabuntur ædes multæ, dicit Dominus.

< Amoos 3 >