< Amoos 3 >
1 Yaa saba Israaʼel, dubbii Waaqayyo isiniin mormuudhaan, maatii ani biyya Gibxii baasee fide hundaan mormuudhaan dubbate kana dhagaʼaa:
Ku ji wannan maganar da Ubangiji ya yi game da ku, ya ku jama’ar Isra’ila, a kan dukan iyalin da na fitar daga Masar.
2 “Ani maatiiwwan lafa irra jiraatan hunda keessaa isin qofa filadheera; kanaafuu ani cubbuu keessan hundaaf isinan adaba.”
“Ku ne kaɗai na zaɓa cikin dukan al’umman duniya; saboda haka zan hukunta ku saboda dukan zunubanku.”
3 Yoo walii galan malee namoonni lama wajjin ni deemuu?
Mutum biyu za su iya yin tafiya tare in ba su yarda su yi haka ba?
4 Leenci tokko yoo waan adamsu hin argatin bosona keessaa ni aadaa? Inni yoo waa qabate malee holqa isaa keessaa ni aadaa?
Zaki yakan yi ruri a jeji in bai sami kama nama ba? Zai yi gurnani a cikin kogonsa in bai kama kome ba?
5 Simbirri tokko lafa kiyyoon hin kaaʼaminitti kiyyoo keessa ni seentii? Kiyyoon tokko yoo wanni qabamu hin jirre akkasumatti lafaa ni utaalaa?
Tsuntsu yakan fāɗa a tarko a ƙasa inda ba a sa tarko ba, ko tarko yakan zargu daga ƙasa in ba abin da ya taɓa shi?
6 Yoo magaalaa keessatti malakanni afuufame, namoonni hin raafamanii? Balaan magaalaa tokkotti yoo dhufe, Waaqayyotu waan sana fide mitii?
Idan aka busa ƙaho a ciki birni mutane ba sa yin rawar jiki? Sa’ad da bala’i ya auko wa birni, ba Ubangiji ne ya sa a kawo shi ba?
7 Dhugumaan Waaqayyo Gooftaan utuu tajaajiltoota isaa raajotatti hin mulʼisin waan tokko illee hin hojjetu.
Ba shakka, Ubangiji Mai Iko Duka ba ya yin wani abu ba tare da ya sanar wa bayinsa annabawa ba.
8 Leenci aadeera; eenyutu hin sodaanne ree? Waaqayyo Gooftaan dubbateera; yoos eenyutu raajii hin dubbanne ree?
Zaki ya yi ruri, wa ba zai tsorata ba? Ubangiji Mai Iko Duka ya yi magana, wa ba zai yi annabci ba?
9 Daʼannoo Ashdoodiitii fi daʼannoo Gibxitti akkana jedhaa labsaa: “Tulluuwwan Samaariyaa irratti walitti qabamaa; jeequmsa guddaa ishee keessa jiruu fi cunqursaa uummata ishee keessa jiru ilaalaa.”
Ku yi shela ga kagarun Ashdod da kuma ga kagarun Masar. “Ku tara kanku a tuddan Samariya; ku ga rashin jituwar da take a cikinta, da kuma zaluncin da ake yi a cikin mutanenta.”
10 “Warri daʼannoo isaanii keessatti waan boojiʼamee fi waan saamame kuufatan akka itti waan qajeelaa hojjetan hin beekan” jedha Waaqayyo.
“Ba su ma san yadda za su yi abin da yake daidai ba,” in ji Ubangiji, “sun ɓoye ganima da abubuwan da suka washe a cikin kagarunsu.”
11 Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “Diinni biyya keessan marsa; jabina keessan gad buusa; daʼannoowwan keessanis ni saama.”
Saboda haka ga abin da Ubangiji Mai Iko Duka ya ce, “Abokin gāba zai ƙwace ƙasar, zai saukar da mafakarku, zai washe kagarunku.”
12 Waaqayyo akkana jedha: “Akkuma tikseen tokko lafee miilla lamaanii yookaan fiixee gurraa qofa afaan leencaatii buusu sana, Israaʼeloonni Samaariyaa keessa, qarqara siree isaanii irra, Damaasqoo keessas siree isaanii dinkii irra taaʼan akkasuma ni baraaramu.”
Ga abin da Ubangiji ya ce, “Kamar yadda makiyayi yakan ceci daga bakin zaki ƙasusuwa ƙafafu biyu kawai ko kunne ɗaya, haka za a ceci Isra’ilawa, masu zama a Samariya da kan gado kawai da kuma a ɗan ƙyalle a kan dogayen kujerunsu.”
13 “Waan kana dhagaʼaatii mana Yaaqoobitti dhugaa baʼaa” jedha Gooftaan, Waaqayyo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu.
“Ku ji wannan ku kuma yi wa gidan Yaƙub gargaɗi,” in ji Ubangiji, Ubangiji Allah Maɗaukaki.
14 “Guyyaa ani cubbuu isheetiif jedhee Israaʼelin adabutti, iddoowwan aarsaa Beetʼeel nan barbadeessa; gaanfawwan iddoo aarsaas caccabanii lafatti ni harcaʼu.
“A ranar da zan hukunta Isra’ila saboda zunubanta, zan hallaka bagadan Betel; za a yayyanka ƙahonin bagadan za su fāɗa ƙasa
15 Ani mana gannaatii fi mana bonaa nan diiga; manneen ilka arbaatiin miidhagfaman ni diigamu; manneen gurguddaanis ni balleeffamu” jedha Waaqayyo.
Zan rushe gidan rani da na damina; gidajen da aka yi musu ado da hauren giwa za a rushe su haka ma duk za a rurrushe manyan gidaje,” in ji Ubangiji.