< Amoos 2 >
1 Waaqayyo akkana jedha: “Ani cubbuu Moʼaab sadiif, afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu. Sababii inni lafee mootii Edoom gubee daaraa godheef,
Так говорить Госпо́дь: За три пере́ступи Моа́ва й за чотири цього не прощу́: за те, що спалив на вапно́ кості едо́мського царя!
2 ani ibidda daʼannoo Keriiyooti barbadeessu tokko Moʼaabitti nan erga. Moʼaab iyya waraanaatii fi sagalee malakataatiin duʼa.
І пошлю́ Я огонь на Моава, і пожере́ він пала́ти Керіййоту, і загине Моав серед га́ласу, серед кри́ку, при голосі ро́га.
3 Ani bulchaa ishee ajjeesee qondaaltota ishee hundas isa wajjinin fixa” jedha Waaqayyo.
І витну суддю́ з-серед нього, а з ним позабиваю князі́в його всіх, говорить Госпо́дь.
4 Waaqayyo akkana jedha: “Ani cubbuu Yihuudaa sadiif, afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu. Sababii isaan seera Waaqayyoo didanii ajaja isaas hin eeginiif, sababii isaan waaqota sobaa, waaqota abbootiin isaanii duukaa buʼan sanaan karaa irraa jalʼataniif,
Так говорить Госпо́дь: За три про́гріхи Юди й за чотири цього́ не прощу́: за те, що повідкида́ли Господній Зако́н, і постано́в Його не стерегли́, і що на манівці́ їх звели́ їхні лжебо́ги, за якими пішли їхні батьки́.
5 ani ibidda daʼannoo Yerusaalem barbadeessu tokko Yihuudaatti nan erga.”
І пошлю́ Я на Юду огонь, — і пожере́ він пала́ти Єрусалиму!
6 Waaqayyo akkana jedha: “Ani cubbuu Israaʼel sadiif, afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu. Isaan qajeeltota meetiitti, rakkattoota immoo kophee cimdii tokkotti gurguratan.
Так говорить Господь: За три пере́ступи Ізраїлеві й за чотири цього́ не прощу́: за те, що за срі́бло вони продають справедливого, а за чоботи — вбогого!
7 Isaan akkuma biyyoo lafaatti mataa hiyyeeyyii irra ijaajjanii cunqurfamaas murtii qajeelaa dhowwatan. Abbaa fi ilmi durba tokkotti galanii akkasiin maqaa koo qulqulluu xureessan.
Вони то́пчуть у зе́мному по́росі го́лову бідних, а доро́гу суми́рних викри́влюють. А син й його батько вчащають до однієї блудниці, щоб святе Моє Йме́ння знева́жити.
8 Isaan uffata qabdiidhaan nama irraa fudhatan irra iddoo aarsaa hunda bira ciciisan. Isaan daadhii wayinii kan warra adabaman biraa dhufe, mana waaqa isaanii keessatti dhugu.
І вони стелять одіж заста́влену, щоб півлежати при кожному же́ртівнику, і п'ють в домі Бога свого вино від пока́раних.
9 “Inni akkuma birbirsaa dheeratee akka qilxuu jabaatu iyyuu, ani namicha Amoor sana fuula isaanii duratti galaafadheera. Ani gubbaadhaa ija isaa, jalaan immoo hidda isaa balleesseera.
І Я вигубив був з-перед них Аморе́я, що його височі́нь, як високий той кедр, і він міцни́й, як дуб. Та Я плід його знищив згори́, а здо́лу — корі́ння його.
10 “Ani biyya Amoorotaa isiniif kennuuf jedhee, biyya Gibxiitii isin baasee waggaa afurtama gammoojjii keessa isinan geggeesse.
А вас Я був вивів із кра́ю єгипетського, і сорок років прова́див пустинею вас, щоб ви край аморе́йський успадкува́ли.
11 “Akkasumas ani ilmaan keessan gidduudhaa raajota, dargaggoota keessan gidduudhaa immoo Naaziroota kaaseera. Yaa saba Israaʼel, wanni kun dhuguma mitii?” jedha Waaqayyo.
І пророків Я збу́джував з ваших синів, а з ваших юнці́в назоре́їв. Хіба ж то не так, сино́ве Ізраїлеві? говорить Госпо́дь.
12 “Isin garuu Naaziroota daadhii wayinii obaaftanii akka raajonnis raajii hin dubbanne ajajjan.
А ви назоре́їв пої́ли вином, а пророкам наказували й говорили: „Не пророку́йте!“
13 “Ani akkuma gaariin yommuu midhaaniin guutamu caccabu sana, amma isinan caccabsa.
Отож Я поти́сну на вас, як тисне снопа́ми напо́внений віз, —
14 Saffisaan hin miliqu; namoonni jajjaboon humna isaanii hin jabeeffatan; loltuunis lubbuu isaa hin oolfatu.
і згине й в мото́рного вте́ча, і поту́жний не втримає сили своєї, а ли́цар свого життя не врятує.
15 Abbaan xiyyaa jabaatee dhaabachuu hin dandaʼu; loltuun saffisaan fiigee jalaa hin baʼu; abbaan fardaas lubbuu isaa oolfachuu hin dandaʼu.
І не всто́їть із лука стріле́ць, і своїми ногами прудки́й не втече́, і верхіве́ць не врятує свого життя.
16 Loltoonni akka malee jajjaboon iyyuu gaafas qullaa isaanii baqatu” jedha Waaqayyo.
І наймужні́ший з лица́рства наги́м утече того дня, говорить Госпо́дь.