< Amoos 1 >

1 Kun mulʼata Amoos inni tikseewwan Teqooʼaa keessaa tokko ture sun bara Uziyaan mootii Yihuudaa, Yerobiʼaam ilmi Yooʼaash immoo mootii Israaʼel turetti, utuu sochiin lafaa hin taʼin waggaa lama dura waaʼee Israaʼel argee dha.
The wordes of Amos, who was among the heardmen at Tecoa, which he sawe vpon Israel, in the dayes of Vzziah king of Iudah, and in the dayes of Ieroboam the sonne of Ioash King of Israel, two yeere before the earthquake.
2 Innis akkana jedhe: “Waaqayyo Xiyoon keessaa iyya; Yerusaalem keessaa sagalee dhageessisa; dirreen tiksoonni itti bobbaasan ni goga; fiixeen gaara Qarmeloosis ni coollaga.”
And he saide, The Lord shall roare from Zion, and vtter his voyce from Ierusalem, and the dwelling places of the shepheards shall perish, and the top of Carmel shall wither,
3 Waaqayyo akkana jedha: “Ani cubbuu Damaasqoo sadiif, afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu. Sababii isaan meeshaa ittiin midhaan dhaʼan kan ilkaan sibiilaa qabuun Giliʼaadin tumaniif,
Thus saith the Lord, For three transgressions of Damascus, and for foure I will not turne to it, because they haue threshed Gilead with threshing instruments of yron.
4 ani ibidda daʼannoo Ben-Hadaad barbadeessu tokko, mana Hazaaʼeelitti nan erga.
Therefore will I sende a fire into the house of Hazael, and it shall deuoure the palaces of Ben-hadad.
5 Ani karra Damaasqoo nan cabsa; mootii Sulula Aawwen keessa jiruu fi isa Beet Eden keessatti bokkuu qabatu nan balleessa. Uummanni Sooriyaa boojiʼamee Qiiritti ni geeffama” jedha Waaqayyo.
I will breake also the barres of Damascus, and cut off the inhabitant of Bikeath-auen: and him that holdeth the scepter out of Beth-eden, and the people of Aram shall goe into captiuitie vnto Kir, sayth the Lord.
6 Waaqayyo akkana jedha: “Ani cubbuu Gaazaa sadiif, afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu. Sababii isheen hawaasa hunda boojitee Edoomitti gurguratteef,
Thus sayth the Lord, For three transgressions of Azzah, and for foure, I will not turne to it, because they caried away prisoners the whole captiuitie to shut them vp in Edom.
7 ani ibidda daʼannoo ishee barbadeessu tokko dallaa Gaazaatti nan erga.
Therefore will I sende a fire vpon the walles of Azzah, and it shall deuoure the palaces thereof.
8 Ani mootii Ashdoodii fi isa Ashqaloon keessatti bokkuu qabatu sana nan balleessa. Ani hamma hambaan Filisxeemotaa duʼuutti harka koo Eqroonitti nan deebifadha” jedha Waaqayyo Gooftaan.
And I will cut off the inhabitant from Ashdod, and him that holdeth the scepter from Ashkelon, and turne mine hande to Ekron, and the remnant of the Philistims shall perish, sayth the Lord God.
9 Waaqayyo akkana jedha: “Ani cubbuu Xiiroos sadiif, afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu. Sababii isheen walii galtee obbolummaa cabsitee hawaasa boojiʼame guutuu Edoomitti gurguratteef
Thus sayth the Lord, For three transgressions of Tyrus, and for foure, I will not turne to it, because they shut the whole captiuitie in Edom, and haue not remembred the brotherly couenant.
10 ani ibidda daʼannoo ishee barbadeessu tokko dallaa Xiiroositti nan erga.”
Therefore wil I send a fire vpon ye walles of Tyrus, and it shall deuoure the palaces thereof.
11 Waaqayyo akkana jedha: “Ani cubbuu Edoom sadiif, afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu. Sababii inni gara laafina hunda gatee obboleessa isaa goraadeedhaan ariʼeef, sababii aariin isaa ittuma fufee hoʼee dheekkamsi isaas utuu hin dhowwamin bobaʼeef,
Thus sayeth the Lord, For three transgressions of Edom, and for foure, I will not turne to it, because hee did pursue his brother with the sworde, and did cast off all pitie, and his anger spoyled him euermore, and his wrath watched him alway.
12 ani ibidda daʼannoo Bozraa barbadeessu tokko Teemaanitti nan erga.”
Therefore will I send a fire vpon Teman, and it shall deuoure the palaces of Bozrah.
13 Waaqayyo akkana jedha: “Ani cubbuu Amoon sadiif, afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu. Sababii inni daangaa isaa babalʼifachuuf jedhee dubartoota Giliʼaad kanneen ulfa qaban baqaqseef
Thus sayth ye Lord, For three transgressions of the children of Ammon, and for foure, I will not turne to it, because they haue ript vp the women with child of Gilead, that they might enlarge their border.
14 ani guyyaa lolaatti wacaan, guyyaa qilleensa hamaatti immoo bubbee jabaadhaan ibidda daʼannoo ishee barbadeessu tokko dallaa Rabbaatti nan erga.
Therefore will I kindle a fire in the wall of Rabbah, and it shall deuoure the palaces thereof, with shouting in the day of battell, and with a tempest in the day of the whirlewinde.
15 Mootiin ishee boojiʼamee innii fi qondaaltonni isaa wajjin ni boojiʼamu” jedha Waaqayyo.
And their King shall go into captiuitie, he and his princes together, saith the Lord.

< Amoos 1 >