< Hojii 1 >

1 Yaa Tewofilos, ani waan Yesuus hojjechuu fi barsiisuu jalqabe hunda kitaaba koo kan jalqabaa keessatti barreesseera.
Dear Theophilus, in my previous book I wrote about all that Jesus did and taught from the beginning
2 Wanni kunis waan erga Yesuus ergamoota filate sanaaf karaa hafuura qulqulluutiin ajaja kennee booddee hamma gaafa inni Samiitti ol fudhatameetti taʼee dha.
until the day he was taken up to heaven. This was after he'd given instructions through the Holy Spirit to his chosen apostles.
3 Innis duʼa isaa booddee namoota kanatti of argisiisee waan akka inni jiraataa taʼe mirkaneessu baayʼees dhiʼeesse; bultii afurtama isaanitti mulʼatee waaʼee mootummaa Waaqaa dubbate.
Over the course of forty days after the death he suffered, he showed himself to them, proving that he was alive with convincing evidence. He appeared to them, and told them about the kingdom of God.
4 Utuu isaan wajjin jiruus akkana jedhee isaan ajaje; “Waadaa Abbaa kootii kan waaʼee isaa narraa dhageessan sana eeggadhaa malee Yerusaalemii hin baʼinaa.
While he was still with them he instructed them, “Do not leave Jerusalem. Wait to receive what the Father promised, just as you heard it from me.
5 Yohannis bishaaniin cuupheetii; isin garuu bultii xinnoo booddee Hafuura Qulqulluudhaan ni cuuphamtu.”
It's true that John baptized with water, but in just a few days' time you will be baptized by the Holy Spirit.”
6 Isaanis yommuu walitti qabamanitti, “Yaa Gooftaa, ati yeroo kanatti Israaʼeliif mootummaa ni deebiftaa?” jedhanii isa gaafatan.
So when the disciples met with Jesus, they asked him, “Lord, is this the time when you will re-establish Israel's kingdom?”
7 Inni immoo akkana isaaniin jedhe; “Yeroo yookaan guyyaa Abbaan aangoo isaatiin murteesse beekuun hojii keessan miti.
“You don't need to know about the dates and times that are set by the Father's authority,” he told them.
8 Yeroo hafuurri Qulqulluun isin irra buʼutti garuu humna ni argattu; isinis Yerusaalem keessatti, Yihuudaa hundaa fi Samaariyaa keessatti, hamma qarqara lafaattis dhuga baatota koo ni taatu.”
“But you will be given power when the Holy Spirit comes upon you, and you will be my witnesses in Jerusalem, throughout Judea and Samaria, and to the farthest places on earth.”
9 Erga inni waan kana dubbatee booddee utuma isaan ilaalanuu ol fudhatame; duumessis ija isaanii duraa isa dhokse.
After Jesus had told them this, he was taken up as they were watching and a cloud hid him from their sight.
10 Yeroo inni ol baʼaa turettis, utuma isaan xiyyeeffatanii gara Samii ilaalaa jiranuu namoonni uffata adaadii uffatan lama isaan bira dhadhaabatan.
While they were staring intently at the sky as he ascended, two men dressed in white were suddenly standing beside them.
11 Akkanas jedhaniin; “Yaa namoota Galiilaa, isin maaliif as dhadhaabattanii gara Samii ilaaltu? Yesuus innumti isin biraa samiitti ol fudhatame kun, akkuma isin utuu inni samiitti ol baʼuu argitan kana deebiʼee ni dhufa.”
“Men of Galilee, why are you standing here staring at the sky?” they asked. “This same Jesus who has been taken up from you to heaven shall come in the same way you saw him go into heaven.”
12 Isaanis gaara Tulluu Ejersaa jedhamu irraa Yerusaalemitti deebiʼan; gaarri kunis Yerusaalem irraa gara deemsa guyyaa Sanbata tokkoo fagaata.
Then the disciples went back to Jerusalem from the Mount of Olives which is about a Sabbath day's walk from Jerusalem.
13 Isaanis yommuu Yerusaalem gaʼanitti kutaa darbii kan keessa jiraachaa turan sanatti ol baʼan; isaanis: Phexrosii fi Yohannis, Yaaqoobii fi Indiriiyaas, Fiiliphoosii fi Toomaas, Bartaloomewoosii fi Maatewos, Yaaqoob ilma Alfewoos, Simoon isa Hinaafticha jedhamuu fi Yihuudaa ilma Yaaqoob turan.
When they arrived, they went upstairs to the upper room where they were staying: Peter, John, James and Andrew; Philip and Thomas; Bartholomew and Matthew; James the son of Alphaeus, Simon the Zealot, and Judas the son of James.
14 Hundi isaaniis dubartootaa fi Maariyaam haadha Yesuus wajjin, obboloota isaa wajjinis utuu gargar hin kutin yaada tokkoon kadhannaatti jabaachaa turan.
They all joined together in prayer, together with the women and Mary, Jesus' mother, and his brothers.
15 Gidduma sana Phexros kaʼee amantoota gara 120 taʼan gidduu dhaabate.
At this time Peter stood up and addressed a crowd of around one hundred and twenty believers who had gathered together.
16 Akkanas jedhe; “Yaa obboloota, dubbiin kitaabaa kan Hafuurri Qulqulluun yeroo dheeraan dura waaʼee Yihuudaa isa warra Yesuusin qaban fide sanaa afaan Daawitiitiin dubbate sun raawwatamuu qaba.
“My brothers and sisters,” he said, “The Scriptures, spoken by the Holy Spirit through David, had to be fulfilled regarding Judas, who guided those who arrested Jesus.
17 Innis miseensa keenyaa fi nama akka tajaajila kana keessatti qooda qabaatuuf filatame ture.”
He was counted as one of us, and shared in this ministry.”
18 Yihuudaan horii hammina hojjetee argate sanaan lafa bitate; innis mataan kufee qixxee lamaanitti tarsaʼe; marʼumaan isaa hundinuus keessaa jige.
(Judas had bought a field with his ill-gotten gains. There he fell down headfirst, and his body burst apart, spilling out all his intestines.
19 Namoonni Yerusaalem keessa jiraatan hundinuus waan kana dhagaʼan; lafa sanas afaan isaaniitiin Akeldaamaa jedhanii waaman. Akeldaamaa jechuun “Lafa Dhiigaa” jechuu dha.
Everybody who lived in Jerusalem heard about this so that the field was called in their language “Akeldama,” which means, “Field of blood.”)
20 Phexrosis akkana jedhe; “Kitaaba faarfannaa keessatti akkana jedhamee barreeffameeraatii: “‘Qeʼeen isaa haa onu; namni keessa jiraatu tokko iyyuus hin hafin’ akkasumas “‘Aangoo isaa namni biraa haa fudhatu.’
As it's written in the book of Psalms, “Let his home be abandoned, and no-one live there;” and “Let someone else take over his position.”
21 Kanaaf warra yeroo gooftaa Yesuus nu gidduu baʼee galaa ture hundumaa nu wajjin turan keessaa nama tokko filachuun barbaachisaa dha;
“So now we have to choose someone who has been with us the whole time that Jesus was with us,
22 namni filatamu kun nama cuuphaa Yohannisii jalqabee hamma gaafa Yesuus nu biraa samiitti ol fudhatameetti nu wajjin ture taʼuu qaba. Namoota kanneen keessaa tokko nu wajjin dhuga baatuu duʼaa kaʼuu Yesuus taʼuu qabaatii.”
from the time John was baptizing up until the day Jesus was taken up to heaven from us. One of these must be chosen to join together with us as we witness, giving evidence of Jesus' resurrection.”
23 Kanaafis namoota lama dhiʼeessan; isaanis Yoosef isa Barsaabaas jedhamu kan Yoosxoos jedhamee beekamu tokkoo fi Maatiyaas.
Two names were put forward: Joseph Justus, also known as Barsabbas, and Matthias.
24 Akkanas jedhanii Waaqa kadhatan; “Yaa Gooftaa garaa nama hundumaa beektu, ati namoota kanneen lamaan keessaa isa kam akka filatte nutti argisiisi;
They prayed together and said, “Lord, you know everyone's thoughts please show us which of these two you have chosen
25 kunis akka inni tajaajilaa fi ergamtummaa Yihuudaan dhiisee gara iddoo ofii isaatti gara gale sana fudhatuuf.”
to replace Judas as an apostle in this ministry that he gave up to go to where he belongs.”
26 Isaanis ixaa buusan; ixaan sunis Maatiyaasiif baʼe. Kanaafuu inni ergamoota kudha tokkotti dabalame.
They cast lots, and Matthias was chosen. He was counted as an apostle with the other eleven.

< Hojii 1 >