< Hojii 7 >

1 Lubni ol aanaanis, “Wanni kun dhugumaa?” jedhee isa gaafate.
And the high priests said; Are these things so?
2 Innis akkana jedhee deebise; “Yaa obbolootaa fi yaa abbootii, mee na dhagaʼaa! Waaqni ulfinaa, yeroo abbaan keenya Abrahaam Mesophotaamiyaa turetti, utuu inni biyya Kaaraan hin dhaqin isatti mulʼate.
And he said, Men, brothers and fathers, hear ye; The God of glory appeared to our father Abraham, while he was in Mesopotamia, before he migrated into Haran, and He said to him;
3 Waaqnis, ‘Biyya keetii fi saba kee dhiisiitii gara biyya ani si argisiisuu dhaqi’ jedheen.
Come out from thy country and from thy kindred, and come hither into the land which I will show unto thee.
4 “Innis biyya Kaldootaatii baʼee dhaqee Kaaraan keessa jiraate. Erga abbaan isaa duʼe immoo Waaqni achii isa baasee biyya isin amma keessa jiraattan kanatti isa erge.
And after his father died he migrated himself thence into this country in which you now dwell,
5 Taʼus Waaqni dhaala tokko illee, lafa taakkuu tokkittii illee biyya sana keessatti hin kennineef; garuu Waaqni akka Abrahaamii fi sanyii isaa warra isaan booddeetiif biyya sana akkuma qabeenyaatti kennuuf waadaa galeef. Abrahaam yeroo sana ijoollee tokko illee hin qabu ture.
and God gave him no inheritance in it, not the step of his foot; and he promised to give it to him, and his seed after him, for an inheritance, there being no child to him.
6 Waaqni akkana jedhee karaa kanaan isatti dubbate; ‘Sanyiin kee biyya kan isaa hin taʼin keessatti alagaa taʼa; waggaa dhibba afuris ni garboomfama; ni cunqurfamas.’
And thus God spoke, that his seed shall sojourn in a strange land, and they will enslave it and oppress it four hundred years.
7 Waaqni akkana jedhe; ‘Ani garuu saba isaan akkuma garbootaatti tajaajilan sana nan adaba; ergasii immoo isaan biyya sanaa baʼanii lafa kanatti na waaqeffatu.’
And the nation whom they shall serve I will judge, says God, and after these things they shall come out and serve me in this place.
8 Waaqnis kakuu dhagna qabaa Abrahaamiif kenne; Abrahaamis abbaa Yisihaaq taʼee guyyaa saddeettaffaatti dhagna isa qabe; Yisihaaqis ergasii abbaa Yaaqoob taʼe; Yaaqoob immoo abbaa abbootii gosoota kudha lamaanii taʼe.
And He gave him the covenant of circumcision; and so he begat Isaac, and circumcised him on the eighth day; and Isaac, Jacob; and Jacob, the twelve patriarchs.
9 “Abbootiin sunis waan Yoosefitti hinaafaniif akka inni biyya Gibxitti garba taʼuuf isa gurguran; Waaqni garuu isa wajjin ture;
And the patriarchs, envying Joseph, sold him into Egypt:
10 rakkina isaa hunda keessaa isa baase; Waaqnis fuula Faraʼoon mooticha Gibxi duratti ulfinaa fi ogummaa Yoosefiif kenne; Faraʼoonis biyya Gibxii fi mana mootummaa isaa hunda irratti bulchaa isa godhe.
and God was with him, and delivered him out of all his troubles, and gave him grace and wisdom before Pharaoh the king of Egypt; and he placed him governor over Egypt and all his house.
11 “Baruma sana biyya Gibxii fi biyya Kanaʼaan hundatti beelli buʼee rakkina guddaa fide; abbootiin keenyas waan nyaatan tokko illee argachuu hin dandeenye.
And the famine came into all the land and Canaan, and great distress: and our fathers found no sustenance.
12 Yaaqoobis akka Gibxi keessa midhaan jiru dhageenyaan yeroo jalqabaatiif abbootii keenya achi erge.
And Jacob hearing that there is food in Egypt, sent away our fathers first.
13 Imala isaanii lammaffaa irrattis Yoosef eenyummaa isaa obboloota isaatti hime; Faraʼoonis waaʼee obboloota Yoosef beeke.
And the second time Joseph was made known to his brethren, and his race became manifest to Pharaoh.
14 Yoosefis ergasii nama ergee abbaa isaa Yaaqoobii fi maatii isaa hunda jechuunis walumatti qabaatti nama 75 waamsise.
And Joseph sending, called to him Jacob his father, and all the family, seventy-five souls.
15 Yaaqoobis Gibxitti gad buʼe; innis, abbootiin keenyas achitti duʼan.
And Jacob went down into Egypt, and he and our fathers died there.
16 Reeffi isaaniis Sheekemitti geeffamee lafa awwaalaa kan Abrahaam ijoollee Hamoori irraa horii wayiitiin bitee ture sanatti awwaalame.
And they were carried over into Shechem, and buried in a tomb which Abraham purchased from the sons of Emmor in Shechem with a sum of money.
17 “Akkuma yeroon waadaa Waaqni Abrahaamiif gale sun itti raawwatamu dhiʼaachaa dhufeen baayʼinni saba keenyaa Gibxi keessatti akka malee guddate.
When the time of the promise which God made with Abraham drew nigh, the people increased and multiplied in Egypt,
18 Ergasii ‘Mootiin waaʼee Yoosef hin beekin haaraan tokko bulchaa Gibxi taʼe.’
until another king arose over Egypt, who knew not Joseph.
19 Innis akka malee saba keenya cunqurse; abbootii keenyas akka daaʼimman isaanii dhumaniif akka isaan gad gatan dirqisiise.
He dealing fraudulently with our race, afflicted our fathers, that they should expose their infants, so that they should not live.
20 “Yeroon Museen dhalates yeruma kana ture; innis fuula Waaqaa duratti miidhagaa ture; jiʼa sadiifis mana abbaa isaatti kunuunfamee guddate.
During which time Moses was born, and was beautiful to God; who was kept three months in the house of his father.
21 Yommuu inni alatti gatametti intalli Faraʼoon fudhattee akka ilma isheetti isa guddifatte.
And he being exposed, the daughter of Pharaoh took him, and adopted him for a son to herself.
22 Museen ogummaa warra Gibxi hunda barate; innis dubbii isaatii fi hojii isaatiin jabaa ture.
And Moses was educated in all the wisdom of the Egyptians; and was mighty in his words and works.
23 “Museen yommuu umuriin isaa waggaa 40 guutetti dhaqee obboloota isaa ijoollee Israaʼel ilaaluu murteesse.
And when the time of the fortieth year was fulfilled to him, it came into his heart to visit his brethren, the children of Israel.
24 Museenis utuu namni Gibxi tokko nama isaanii tokko miidhuu arge. Kanaafis nama isaanii gargaaruu dhaqee namicha Gibxi sana ajjeesuun haaloo baaseef.
And seeing a certain one suffering affliction, he interposed, and executed vengeance in behalf of the oppressed one, slaying the Egyptian.
25 Museen waan sabni isaa akka Waaqni karaa isaatiin saba Israaʼel furu hubatu seʼee ture; sabni sun garuu hin hubanne.
And he supposed that his brethren would understand that God through his hand is giving them salvation: but they did not recognize it.
26 Guyyaa itti aanutti immoo utuu namoonni Israaʼel lama wal lolanuu itti dhufee, ‘Jarana, isin obboloota walii ti; yoos maaliif wal miitu ree?’ jedhee walitti araarsuu yaale.
On the following day, he appeared to them fighting, and undertook to reduce them to peace, saying, Men, you are brethren; therefore do not injure one another.
27 “Namichi hiriyaa isaa miidhaa ture sun garuu Musee achi of irraa darbatee akkana jedhe; ‘Eenyutu nurratti bulchaa fi abbaa murtii si godhe?
And the one injuring his neighbor thrust him away, saying, Who appointeth you a leader and a judge over us?
28 Akkuma kaleessa namicha Gibxi ajjeefte sana ana illee ajjeesuu barbaaddaa?’
whether do you wish to kill me, in the manner in which you slew the Egyptian yesterday?
29 Museenis waan kana dhageenyaan biyya Midiyaanitti baqatee galtuu taʼee achi jiraate; achittis ilmaan lama dhalche.
And at this word Moses fled, and became a sojourner in the land of Midia, where he begat two sons.
30 “Erga waggaan afurtamni darbee booddees ergamaan Waaqaa tokko gammoojjii naannoo Tulluu Siinaa keessatti daggala bobaʼu keessaa arraba ibiddaa keessaan Museetti mulʼate.
And forty years having passed away, an angel appeared to him in the desert of Mount Sinai in the flame of fire of the bramble bush.
31 Innis waan kana arginaan waan arge sana dinqifate. Yommuu ilaaluuf itti dhiʼaatettis sagalee Gooftaa dhagaʼe.
And Moses, seeing the sight, was astonished: and he coming nigh to investigate, the voice of the Lord came:
32 Sagaleen sunis, ‘Ani Waaqa abbootii keetii, Waaqa Abrahaam, kan Yisihaaqii fi kan Yaaqoob’ jedheen. Museenis ni hollate; ilaaluus ni sodaate.
I am the God of thy fathers, the God of Abraham, and of Isaac, and of Jacob. And Moses trembling, did not dare to investigate.
33 “Gooftaan immoo akkana jedheen; ‘Sababii iddoon ati dhaabatu kun qulqulluu taʼeef kophee kee baafadhu.
And the Lord said to him, Loose the sandal of thy feet: for the place on which thou standest is holy ground.
34 Ani akka sabni koo biyya Gibxi keessatti cunqurfamaa jiru dhugumaan argeera; booʼicha isaaniis dhagaʼee isaan bilisoomsuuf jedhee gad buʼeera; egaa kottu Gibxittin deebisee si ergaatii.’
Seeing, I have seen the affliction of my people who are in Egypt, and heard their groaning, and have come down to deliver them. And come now, I will send thee into Egypt.
35 “Namni isaan, ‘Eenyutu bulchaa fi abbaa murtii si godhe?’ jedhanii tuffatan sun Museedhuma kana. Isas Waaqni akka inni bulchaa fi furaa isaanii taʼuuf harka ergamaa Waaqaa kan daggala keessaan isatti mulʼate sanaatiin erge.
And this Moses whom they denied, saying, Who hath established thee a ruler and a judge? him hath God sent a ruler and deliverer, with the hand of an angel having appeared unto him in a bush.
36 Innis Gibxi keessatti, galaana diimaa irratti akkasumas waggaa 40 gammoojjii keessatti dinqii fi mallattoo hojjechaa Gibxi keessaa isaan baase.
He led them out, doing wonders and miracles in the land of Egypt, and in the Red Sea, and in the wilderness forty years.
37 “Museen kun isuma saba Israaʼeliitiin, ‘Waaqni sabuma keessan keessaa raajii akka kootii tokko isinii kaasa’ jedhe sanaa dha.
This Moses is the one having said to the sons of Israel, A prophet will God raise up to you of your brethren, like unto me.
38 Innis, Ergamaa Waaqaa kan Tulluu Siinaa irratti isatti dubbate sanaa fi abbootii keenya wajjin gammoojjii keessatti waldaa keessa ture; dubbii jiraataas nutti kennuuf fudhate.
And this is the one being in the church in the wilderness with the angel speaking to him in Mount Sinai, and with our fathers: who received the living oracles to give unto us;
39 “Abbootiin keenya garuu isaaf ajajamuu didan; qooda ajajamuu isa tuffatanii garaa isaaniitiinis gara Gibxitti deebiʼan.
to whom our fathers were not willing to be obedient, but thrust him away, and turned back in their hearts towards Egypt,
40 Arooniinis, ‘Waaqota nu dura deeman nuu tolchi; Museen Gibxii nu baase sun maal akka taʼe hin beeknuutii!’ jedhan.
saying to Aaron, Make us gods who shall go before us: for this Moses, who led us out from the land of Egypt, we know not what happened to him.
41 Yeroon isaan Waaqa tolfamaa bifa jabbiitiin qopheeffatanis baruma sana; isaanis Waaqa sanaaf aarsaa dhiʼeessanii waanuma harka isaaniitiin tolfame sanaaf ayyaana ulfinaa ayyaaneffatan.
And they made a calf in those days, and offered sacrifice to the idol, and rejoiced in the works of their own hands.
42 Waaqni garuu isaan irraa garagalee akka isaan humnoota samii irraa waaqeffataniif isaan dhiise. Kunis waan kitaaba raajotaa keessatti barreeffame sanaan wal fakkaata; innis akkana jedha; “‘Yaa mana Israaʼel isin waggaa afurtama gammoojjii keessatti takkumaa aarsaa fi kennaa naaf fiddaniirtuu?
And God turned away, and gave them up to serve the host of the heaven; as has been written in the book of the prophets: Slain victims and sacrifices you have not brought unto me forty years in the wilderness, O house of Israel.
43 Isin fakkii waaqota waaqeffachuuf tolfattanii jechuunis dunkaana Moolekiitii fi urjii waaqa keessan Reefaan ol qabdaniirtu. Kanaafuu ani biyya Baabiloniin gamaattin isin ariʼa.’
And ye took up the shrine of Moloch, and the star of the god Remphan, images which you made to worship them; and I will transport you beyond Babylon.
44 “Abbootiin keenya gammoojjii keessatti dunkaana dhuga baʼumsaa of biraa qabu turan. Dunkaanni sunis akkuma Waaqni akka Museen akkuma bifa arge sanaatti hojjetuuf isa qajeelchetti hojjetamee ture.
And the tabernacle of testimony was with our fathers in the wilderness, as the one speaking to Moses commanded him to make it according to the example he had seen;
45 Abbootiin keenyas dunkaanicha fudhatanii biyya saba Waaqni isaan duraa ariʼee baase sanaatti Iyyaasuu wajjin galan; dunkaanni sun hamma bara Daawitiitti biyya sana ture.
which our fathers receiving, brought in along with Joshua in the dispossession of the nations, whom God drove out, from the face of our fathers, until the days of David,
46 Daawitis fuula Waaqaa duratti fudhatama argatee Waaqa Yaaqoobiitiif mana jireenyaa ijaaruuf kadhate.
who found favor before God, and asked that he should build a tabernacle for the house of Jacob.
47 Garuu kan mana sana ijaareef Solomoon ture.
But Solomon built a house for him.
48 “Taʼus Waaqni Waan Hundaa Olii mana harki namaa ijaare keessa hin jiraatu; kunis akkuma raajichi akkana jedhee dubbatee dha:
But the Most High dwelleth not in houses built with hands, as the prophet says,
49 “‘Samiin teessoo koo ti; laftis ejjeta miilla kootii ti. Yoos isin mana akkamii naaf ijaartu ree? jedha Gooftaan. Yookaan lafti boqonnaa kootii eessa taʼa?
Heaven is my throne, and earth the footstool of my feet: What house will you build for me? says the Lord; Or what shall be the place of my rest?
50 Waan kana hunda harki koo hin hojjennee?’
Hath not my hand made all of these things?
51 “Yaa namoota mata jabeeyyii nana! garaan keessan hin amanu; gurri keessanis hin dhagaʼu! Isin yeroo hunda Hafuura Qulqulluun mormitu; akkuma abbootiin keessan godhan sana isinis gootu.
Ye stiffnecked and uncircumcised in heart and ears, you do always resist the Holy Ghost; as your fathers did, so do ye.
52 Raajiin abbootiin keessan hin ariʼatin tokko iyyuu jiraa? Isaan warra duraan dursanii dhufaatii isa qajeelaa sanaa himan illee ni ajjeesan; isinis amma isa dabarsitanii kennitanii ajjeeftaniirtu;
Which one of the prophets did your fathers not persecute? and they slew those proclaiming concerning the coming of the Righteous One, whose betrayers and murderers you became:
53 warri karaa ergamoota Waaqaatiin seera fudhattanii seera sanaaf ajajamuu diddanis isinuma.”
who received the law in the administrations of angels, and did not keep it.
54 Isaanis yommuu waan kana dhagaʼanitti aariin guggubatanii isatti ciniinnatan.
And hearing these words, they were cut through their hearts and gnashed their teeth at him.
55 Isxifaanos garuu Hafuura Qulqulluun guutamee gara samii ol ilaalee ulfina Waaqaatii fi Yesuusinis isaa mirga Waaqaa dhaabatee jiru arge.
But he, being full of the Holy Ghost, and looking up to heaven, saw the glory of God, and Jesus standing on the right hand of God,
56 Innis, “Ani kunoo samiin banamee, Ilma Namaas isaa mirga Waaqaa dhaabatee jiru nan arga” jedhe.
and said, Behold, I see the heavens opened, and the Son of man standing on the right hand of God.
57 Kana irratti isaan hundi gurra isaanii qabatanii sagalee guddaan iyyaa isatti girrisan.
And crying out with a loud voice, they stopped their ears, and unanimously rushed on him,
58 Magaalaa keessaas gad isa baasanii dhagaan isa tumuu jalqaban. Yeroo sana dhuga baatonni uffata isaanii miilla dargaggeessa Saaʼol jedhamu tokkoo jala kaaʼatan.
and casting him out from the city, they began to stone him. And the witnesses laid down their garments at the feet of a young man, called Saul:
59 Isxifaanosis utuu isaan dhagaan isa tumaa jiranuu, “Yaa Gooftaa Yesuus, hafuura koo fudhadhu” jedhee kadhate.
and continued to stone Stephen, calling upon the Lord, and saying, Lord Jesus, receive my spirit.
60 Jilbeenfatees sagalee guddaadhaan, “Yaa Gooftaa, cubbuu kana isaanitti hin lakkaaʼin!” jedhee iyye; innis erga waan kana dubbatee booddee ni duʼe.
And putting down his knees, he cried with a loud voice, Lord, do not impute this sin to them. And saying this, he fell asleep.

< Hojii 7 >