< Hojii 6 >

1 Bara sana keessa yommuu baayʼinni barattootaa dabalamaa deemetti Yihuudoonni Giriikota keessa jiraatan Ibrootatti guunguman; haadhonni hiyyeessaa Yihuudootaa nyaata guyyaa guyyaan hiramu keessatti hacuucamanii turaniitii.
そのころ、弟子たちがふえるにつれて、ギリシヤ語を使うユダヤ人たちが、ヘブル語を使うユダヤ人たちに対して苦情を申し立てた。彼らのうちのやもめたちが、毎日の配給でなおざりにされていたからである。
2 Kanaaf ergamoonni kudha lamaan barattoota hunda walitti qabanii akkana jedhaniin; “Maaddii tajaajiluuf jennee dubbii Waaqaa barsiisuu dhiisuun nuuf qajeelaa miti.
そこで、十二使徒は弟子たち全員を呼び集めてこう言った。「私たちが神のことばをあと回しにして、食卓のことに仕えるのはよくありません。
3 Kanaaf yaa obboloota isin namoota maqaa gaarii qaban kanneen Hafuura Qulqulluu fi ogummaan guutaman torba gidduu keessanii filadhaa. Nus itti gaafatama kana isaanitti kenninee,
そこで、兄弟たち。あなたがたの中から、御霊と知恵とに満ちた、評判の良い人たち七人を選びなさい。私たちはその人たちをこの仕事に当たらせることにします。
4 Waaqa kadhachuu fi dubbii isaa barsiisuutti jabaannaa.”
そして、私たちは、もっぱら祈りとみことばの奉仕に励むことにします。」
5 Wanni isaan jedhanis tuuta sana hunda gammachiise. Isaanis Isxifaanos namicha amantii fi Hafuura Qulqulluudhaan guutame tokko, akkasumas Fiiliphoosii fi Phirookoroosin, Niiqaaroonaa fi Xiimoonaa, Pharmeenaa fi Niqoolaas namicha Anxookiiyaa isa amantii Yihuudootaatti gale sana filatan.
この提案は全員の承認するところとなり、彼らは、信仰と聖霊とに満ちた人ステパノ、およびピリポ、プロコロ、ニカノル、テモン、パルメナ、アンテオケの改宗者ニコラオを選び、
6 Isaanis jara kana fuula ergamootaa dura dhaaban; ergamoonnis Waaqa kadhataniifii harka isaan irra kaaʼan.
この人たちを使徒たちの前に立たせた。そこで使徒たちは祈って、手を彼らの上に置いた。
7 Dubbiin Waaqaa ni babalʼate; baayʼinni barattootaas Yerusaalem keessatti akka malee dabalame; luboonni hedduun amantii kanaaf ajajaman.
こうして神のことばは、ますます広まって行き、エルサレムで、弟子の数が非常にふえて行った。そして、多くの祭司たちが次々に信仰にはいった。
8 Isxifaanos ayyaanaa fi humna Waaqaatiin guutamee dinqii fi mallattoo gurguddaa namoota gidduutti hojjette.
さて、ステパノは恵みと力とに満ち、人々の間で、すばらしい不思議なわざとしるしを行なっていた。
9 Miseensonni mana sagadaa warra, “Namoota bilisooman” jedhamanii, jechuunis Yihuudoonni Qareenaa fi Iskindiriyaadhaa dhufan akkasumas Yihuudoonni Kiilqiyaa fi Asiyaadhaa dhufan tokko tokko Isxifaanosiin mormuu jalqaban.
ところが、いわゆるリベルテンの会堂に属する人々で、クレネ人、アレキサンドリヤ人、キリキヤやアジヤから来た人々などが立ち上がって、ステパノと議論した。
10 Isaan garuu ogummaa isaa yookaan Hafuura Qulqulluu inni ittiin dubbatu sanaan mormuu hin dandeenye.
しかし、彼が知恵と御霊によって語っていたので、それに対抗することができなかった。
11 Kanaafuu akka isaan, “Nu utuu Isxifaanos Musee fi Waaqa irratti dubbii arrabsoo dubbatuu dhageenyeerra” jedhaniif dhoksaan namoota tokko tokko sossobatan.
そこで、彼らはある人々をそそのかし、「私たちは彼がモーセと神とをけがすことばを語るのを聞いた。」と言わせた。
12 Isaanis uummata, maanguddootaa fi barsiistota seeraa kakaasan. Isxifaanosiinis qabanii fuula waldaa Yihuudootaa duratti isa dhiʼeessan.
また、民衆と長老たちと律法学者たちを扇動し、彼を襲って捕え、議会にひっぱって行った。
13 Dhuga baatota sobduus qopheeffatan; isaanis akkana jedhan; “Namichi kun iddoo qulqulluu kanaa fi seeraan mormuu takkumaa hin dhiifne.
そして、偽りの証人たちを立てて、こう言わせた。「この人は、この聖なる所と律法とに逆らうことばを語るのをやめません。
14 Nu isaa, ‘Yesuus namni Naazreeti kun iddoo kana ni diiga; seera Museen nuu kennes ni geeddara’ jedhu dhageenyeerra.”
『あのナザレ人イエスはこの聖なる所をこわし、モーセが私たちに伝えた慣例を変えてしまう。』と彼が言うのを、私たちは聞きました。」
15 Warri waldaa sana keessa turan hundi ija babaasanii Isxifaanosin ilaalanii akka fuuli isaa akkuma fuula ergamaa Waaqaa taʼe argan.
議会で席に着いていた人々はみな、ステパノに目を注いだ。すると彼の顔は御使いの顔のように見えた。

< Hojii 6 >