< Hojii 5 >

1 Namni Anaaniyaas jedhamu tokko niitii isaa Safiiraa wajjin lafa gurgurate.
Now a man named Ananias, together with his wife Sapphira, also sold a piece of property.
2 Innis utuma niitiin isaa beektuu horii sana irraa gartokko ofii isaatii hambifatee kan hafe immoo geessee miilla ergamootaa bira kaaʼe.
With his wife’s full knowledge, he kept back some of the proceeds for himself, but brought a portion and laid it at the apostles’ feet.
3 Phexros garuu akkana jedhe; “Yaa Anaaniyaas, akka ati Hafuura Qulqulluu sobdee horii lafa gurgurattee argate irraa gartokko hambifattuuf seexanni maaliif akkas garaa kee guute?
Then Peter said, “Ananias, how is it that Satan has filled your heart to lie to the Holy Spirit and withhold some of the proceeds from the land?
4 Lafti sun utuu hin gurguramin iyyuu kan kee ture mitii? Erga gurguramee booddees horiin sun harkuma kee hin turree? Yoos akka ati waan akkasii gootu maalitu si yaachise? Ati Waaqa sobde malee nama hin sobne.”
Did it not belong to you before it was sold? And after it was sold, was it not at your disposal? How could you conceive such a deed in your heart? You have not lied to men, but to God!”
5 Anaaniyaasis yommuu waan kana dhagaʼetti kufee duʼe. Warri waan kana dhagaʼan hundinuus sodaa guddaan qabaman.
On hearing these words, Ananias fell down and died. And great fear came over all who heard what had happened.
6 Dargaggoonnis dhufanii, reeffa isaa kafanan; gad baasaniis isa awwaalan.
Then the young men stepped forward, wrapped up his body, and carried him out and buried him.
7 Gara saʼaatii sadii booddee niitiin isaa utuu waan taʼe hin beekin dhuftee ol seente.
About three hours later his wife also came in, unaware of what had happened.
8 Phexrosis, “Gatiin isin Anaaniyaas wajjin lafa gurgurattan sana irraa argattan kanumaa? Mee natti himi!” jedhee ishee gaafate. Isheenis, “Eeyyee kanuma” jette.
“Tell me,” said Peter, “is this the price you and your husband got for the land?” “Yes,” she answered, “that is the price.”
9 Phexrosis, “Isin akkam Hafuura Gooftaa qoruuf walii galuu dandeessan? Ilaa! miilli warra dhirsa kee awwaalanii balbala dura gaʼeera; sis gad si baasu” jedheen.
“How could you agree to test the Spirit of the Lord?” Peter replied. “Look, the feet of the men who buried your husband are at the door, and they will carry you out also.”
10 Isheenis yeruma sana miilla isaa jalatti lafa dhooftee duute; dargaggoonni sunis ol seenanii reeffa ishee argan; gad baasaniis dhirsa ishee biratti ishee awwaalan.
At that instant she fell down at his feet and died. Then the young men came in and, finding her dead, carried her out and buried her beside her husband.
11 Waldaan kiristaanaa hundi, warri waan kana dhagaʼan hundinuus sodaa guddaan qabaman.
And great fear came over the whole church and all who heard about these events.
12 Ergamoonnis mallattoo fi dinqii baayʼee uummata gidduutti hojjetan. Amantoonni hundinuus iddoo gardaafoo Solomoon jedhamutti walitti qabamu turan.
The apostles performed many signs and wonders among the people, and with one accord the believers gathered together in Solomon’s Colonnade.
13 Warra hafan keessaa namni tokko iyyuu isaanitti dabalamuuf ija hin jabaanne, uummanni garuu akka malee isaan ulfeessa ture.
Although the people regarded them highly, no one else dared to join them.
14 Hamma duraa caalaas dhiironnii fi dubartoonni hedduun Gooftaatti amananii amantootatti dabalaman.
Yet more and more believers were brought to the Lord—large numbers of both men and women.
15 Kanaafis akka yommuu Phexros achiin darbutti gaaddiddumti isaa iyyuu isaan keessaa tokko tokko irra buʼuuf jedhanii namoonni dhukkubsattoota karaatti baasanii siree fi itillee irra ciciibsan.
As a result, people brought the sick into the streets and laid them on cots and mats, so that at least Peter’s shadow might fall on some of them as he passed by.
16 Namoonnis magaalaawwan naannoo Yerusaalem jiran keessaa warra dhukkubsatanii fi warra hafuura xuraaʼaan dhiphatan fidanii achitti wal gaʼan; warri geeffaman hundinuus ni fayyifaman.
Crowds also gathered from the towns around Jerusalem, bringing the sick and those tormented by unclean spirits, and all of them were healed.
17 Lubni ol aanaanii fi miseensonni garee Saduuqotaa warri isa wajjin turan hundinuu hinaaffaan guutaman.
Then the high priest and all his associates, who belonged to the party of the Sadducees, were filled with jealousy. They went out
18 Isaanis ergamoota qabanii mana hidhaa uummataa keessa buusan.
and arrested the apostles and put them in the public jail.
19 Garuu ergamaan Gooftaa tokko halkaniin balbala mana hidhaa banee gad isaan baase.
But during the night an angel of the Lord opened the doors of the jail and brought them out, saying,
20 Innis, “Dhaqaa mana qulqullummaa keessa dhadhaabadhaatii, dubbii jireenya haaraa kana hunda isaa uummatatti himaa” jedheen.
“Go, stand in the temple courts and tell the people the full message of this new life.”
21 Isaanis akkuma isaanitti himame sanatti ganama barii mana qulqullummaa seenanii uummata barsiisuu jalqaban. Lubni ol aanaanii fi warri isa wajjin turan yommuu achi gaʼanitti waldaa Yihuudootaatii fi yaaʼii maanguddoota Israaʼel walitti waaman; akka ergamoota sana fidaniifis mana hidhaatti namoota ergan.
At daybreak the apostles entered the temple courts as they had been told and began to teach the people. When the high priest and his associates arrived, they convened the Sanhedrin—the full assembly of the elders of Israel—and sent to the jail for the apostles.
22 Qondaaltonni ergaman sun garuu yommuu mana hidhaa gaʼanitti jara achitti hin arganne; kanaafis deebiʼanii,
But on arriving at the jail, the officers did not find them there. So they returned with the report:
23 “Mana hidhaa sana isaa sirriitti qollofamee jiru, eegdotas, utuu isaan balbala dura dhaabatanii jiranuu argine; yeroo bannetti garuu nama tokko illee achi keessatti hin arganne” jedhan.
“We found the jail securely locked, with the guards posted at the doors; but when we opened them, we found no one inside.”
24 Ajajaan eegdota mana qulqullummaatii fi luboonni hangafoonni yommuu oduu kana dhagaʼanitti dinqifachuudhaan waan jedhan wallaalanii, “Maaltu dhalate immoo?” jedhan.
When the captain of the temple guard and the chief priests heard this account, they were perplexed as to what was happening.
25 Yommus namichi tokko dhufee, “Jarri isin mana hidhaatti galchitan sun kunoo, mana qulqullummaa keessa dhadhaabatanii uummata barsiisaa jiru!” jedhe.
Then someone came in and announced, “Look, the men you put in jail are standing in the temple courts teaching the people!”
26 Kana irratti ajajaan sun qondaaltota wajjin dhaqee ergamoota sana fide; isaanis sababii uummanni dhagaan nu tuma jedhanii sodaataniif humnatti hin fayyadamne.
At that point, the captain went with the officers and brought the apostles—but not by force, for fear the people would stone them.
27 Ergamootas fidanii, akka lubni ol aanaan isaan qoruuf fuula yaaʼii Yihuudootaa dura isaan dhadhaabachiisan.
They brought them in and made them stand before the Sanhedrin, where the high priest interrogated them.
28 Lubichi ol aanaanis, “Nu akka isin maqaa kanaan hin barsiisne jabeessinee isin ajajnee turre; isin garuu barsiisa keessaniin Yerusaalem guuttaniirtu; akka nu itti gaafatamtoota dhiiga namicha kanaa taanu nu gochuu barbaaddu” jedhe.
“We gave you strict orders not to teach in this name,” he said. “Yet you have filled Jerusalem with your teaching and are determined to make us responsible for this man’s blood.”
29 Phexrosii fi ergamoonni kaan garuu akkana jedhanii deebisan; “Nu namaaf ajajamuu irra Waaqaaf ajajamuu qabna!
But Peter and the other apostles replied, “We must obey God rather than men.
30 Yesuus isa isin fannoo irratti fanniftanii ajjeeftan sana Waaqni abbootii keenyaa warra duʼan keessaa isa kaaseera.
The God of our fathers raised up Jesus, whom you had killed by hanging Him on a tree.
31 Waaqni akka inni Israaʼeliif qalbii jijjiirrachuu fi dhiifama cubbuu kennuuf jedhee bulchaa fi Fayyisaa godhee mirga ofiitti ol ol isa qabe.
God exalted Him to His right hand as Prince and Savior, in order to grant repentance and forgiveness of sins to Israel.
32 Nu dhuga baatota waan kanaa ti; akkasumas Hafuurri Qulqulluun Waaqni warra isaaf ajajamaniif kenne sun dhuga baʼaa waan kanaa ti.”
We are witnesses of these things, and so is the Holy Spirit, whom God has given to those who obey Him.”
33 Isaanis yommuu waan kana dhagaʼanitti akka malee aariidhaan guggubatanii ergamoota ajjeesuuf mariʼatan.
When the Council members heard this, they were enraged, and they resolved to put the apostles to death.
34 Fariisichi Gamaaliyaal jedhamu, barsiisaan seeraa kan namni hundi kabaju tokko garuu waldaa Yihuudootaa keessa dhaabatee akka ergamoonni sun yeroof gad baafaman ajaje.
But a Pharisee named Gamaliel, a teacher of the law who was honored by all the people, stood up in the Sanhedrin and ordered that the men be put outside for a short time.
35 Innis akkana isaaniin jedhe; “Yaa namoota Israaʼel, waan jara kana gochuuf deemtan keessatti of eeggadhaa.
“Men of Israel,” he said, “consider carefully what you are about to do to these men.
36 Bara dheeraan dura Toyidaas akka waan nama guddaa taʼeetti of ilaalee kaanaan namoonni gara dhibba afuriitti hedaman isa faana buʼan; inni ni ajjeefame; duuka buutonni isaa ni bittinneeffaman; akkasumaan badanis.
Some time ago Theudas rose up, claiming to be somebody, and about four hundred men joined him. He was killed, all his followers were dispersed, and it all came to nothing.
37 Namicha kana booddee immoo Yihuudaan, namni Galiilaa bara lakkoobsa sabaa keessa kaʼee nama baayʼee ofitti kutate; innis ni ajjeefame; warri isa faana buʼanis ni bittinnaaʼan.
After him, Judas the Galilean appeared in the days of the census and drew away people after him. He too perished, and all his followers were scattered.
38 Kanaafuu dubbii kana keessatti ani isinittin hima; namoota kana gad dhiisaa! Haa deemani! Mariin isaanii yookaan hojiin isaanii kun yoo waan nama irraa dhufe taʼe ni bada.
So in the present case I advise you: Leave these men alone. Let them go! For if their purpose or endeavor is of human origin, it will fail.
39 Yoo waan Waaqa irraa dhufe taʼe garuu jara kana dhowwuu hin dandeessan; isin mataan keessan iyyuu akka utuu Waaqaan wal loltanuu hin argamne of eeggadhaa!”
But if it is from God, you will not be able to stop them. You may even find yourselves fighting against God.”
40 Isaanis gorsa isaa fudhatan; ergamoota sanas ol waamanii garafan; akka isaan maqaa Yesuusiitiin waa hin dubbannes ajajanii gad isaan dhiisan.
At this, they yielded to Gamaliel. They called the apostles in and had them flogged. Then they ordered them not to speak in the name of Jesus, and released them.
41 Ergamoonnis akka maqaa sanaaf jedhanii qaanaʼaniif waan gaʼumsa argataniif akka malee gammadaa fuula waldaa duraa deeman.
The apostles left the Sanhedrin, rejoicing that they had been counted worthy of suffering disgrace for the Name.
42 Isaanis guyyuma guyyaan mana qulqullummaatti, mana namaattis utuu gargar hin kutin akka Yesuus Kiristoos taʼe barsiisaa, lallabaas turan.
Every day, in the temple courts and from house to house, they did not stop teaching and proclaiming the good news that Jesus is the Christ.

< Hojii 5 >