< Hojii 4 >
1 Utuu Phexrosii fi Yohannis namootatti dubbachaa jiranuu, luboonni, ajajaan eegdota mana qulqullummaatii fi Saduuqonni isaanitti dhufan.
And they speaking to the people, the priests and captain of the temple and the Sadducees rose up against them,
2 Sababii ergamoonni sun namoota barsiisanii duʼaa kaʼuu karaa Yesuusiitiin argamu labsaniifis akka malee aaran.
being grieved because they were teaching the people and preaching the resurrection of the dead through Jesus;
3 Isaanis Phexrosii fi Yohannisin qabanii hamma guyyaa itti aanuutti mana hidhaatti isaan galchan; galgalaaʼee tureetii.
and they laid hands on them and put them in prison till the morrow; for it was already evening.
4 Warra dubbicha dhagaʼan keessaas baayʼeetu amane; baayʼinni warra amanees gara kuma shaniitti ol kaʼe.
And many of those hearing the word believed, and the number of men was about five thousand.
5 Guyyaa itti aanuttis bulchitoonni, maanguddoonnii fi barsiistonni seeraa Yerusaalemitti wal gaʼan.
And it came to pass on the morrow, the rulers and elders and scribes
6 Haannaas lubichi ol aanaan, isa wajjin immoo Qayyaaffaan, Yohannis, Iskindiroosii fi namoonni maatii lubicha ol aanaa taʼan kaan hundi achi turan.
assembled in Jerusalem, and Annas the high priest and Caiaphas and John and Alexander, and so many as were of the family of the high priest.
7 Isaanis Phexrosii fi Yohannisin gidduu isaanii dhaabanii, “Isin humna maaliitiin yookaan maqaa eenyuutiin waan kana gootan?” jedhanii gaafachuu jalqaban.
And having set them in the midst, asked them, By what power or in what name have you done this?
8 Phexrosis Hafuura Qulqulluudhaan guutamee akkana isaaniin jedhe; “Isin yaa bulchitootaa fi maanguddoota uummataa!
Then Peter being full of the Holy Spirit said to them, Ye rulers of the people and elders,
9 Harʼa waaʼee waan gaarii nama naafa tokkoof godhameetii fi akka inni itti fayyifame yoo nu gaafattan,
if we are this day judged for the benefaction of the impotent man, by whom he has been saved,
10 isinii fi namoonni Israaʼel hundinuu waan kana beekaa; namichi kun maqaa Yesuus Kiristoos nama Naazreeti kan isin fanniftanii Waaqni immoo warra duʼan keessaa isa kaase sanaatiin fayyee fuula keessan dura dhaabata.
let it be known to you all, and to all the people of Israel, that in the name of Jesus Christ, the Nazarene whom you crucified, whom God raised from the dead, through him this man now stands sound in your presence.
11 Yesuusis, “‘Dhagaa isin ijaartonni tuffattan kan dhagaa golee taʼee dha.’
This is the stone rejected by your builders, which has become the head of the corner.
12 Fayyinni nama biraa tokko irraa iyyuu hin argamu; maqaan nu ittiin fayyifamnu kan samii gaditti namootaaf kenname biraa tokko iyyuu hin jiruutii.”
And there is salvation in no other; for there is no other name given under heaven among men by which it behooveth us to he saved.
13 Namoonni sunis yommuu ija jabina Phexrosii fi Yohannis arganii akka isaan warra barumsa hin qabnee fi warra hin beekamne taʼan hubatanitti ni dinqisiifatan; akka isaan Yesuus wajjin turanis ni qalbeeffatan.
And seeing the boldness of Peter and John, and apprehending that they are unlearned and ignorant men, they continued to be astonished, and recognized them, that they were with Jesus;
14 Garuu namicha fayyifame sana isaa isaanuma wajjin achi dhaabatu arganii waan dubbatan dhaban.
and seeing the man who had been healed standing with them, they had nothing to say against it.
15 Kanaaf akka isaan waldaa keessaa gad baʼan ajajanii wajjin mariʼachuu jalqaban.
And having commanded them to depart out from the assembly, they conferred with one another,
16 Akkanas jedhan; “Jara kana maal haa goonu? Akka isaan dinqii guddaa hojjetan namni Yerusaalem keessa jiraatu hundi ni beeka; nus waan kana waakkachuu hin dandeenyu.
saying, What can we do to these men? for that a notable miracle has been wrought by them is indeed manifest to all dwelling at Jerusalem, and we are not able to deny it;
17 Garuu akka wanni kun hammana caalaa uummata keessa hin babalʼanneef nu akka jarri kun siʼachi maqaa kanaan nama tokkotti illee hin dubbanne isaan of eeggachiisuu qabna.”
but that it may extend no further unto the people, let us threaten them to speak no more in this name to any one of men.
18 Isaanis jara waamanii akka isaan gonkumaa maqaa Yesuusiitiin hin dubbanne yookaan hin barsiifne isaan ajajan.
And having called them, they command them, not at all to speak or teach in the name of Jesus.
19 Phexrosii fi Yohannis garuu deebisanii akkana jedhan; “Qooda Waaqaa isiniif ajajamuun fuula Waaqaa duratti akka qajeelaa taʼee fi akka hin taʼin mee isinuu ilaalaa!
And Peter and John responding said to them, Whether it is right in the sight of God to hearken unto you rather than God, judge ye;
20 Nu waan arginee fi waan dhageenye dubbachuu dhiisuu hin dandeenyuutii.”
for we are not able not to speak those things which we have seen and heard.
21 Isaanis erga ittuma fufanii doorsisanii booddee jara gad dhiisan. Waan namoonni sababii waan hojjetame sanaatiif Waaqa galateeffachaa turaniifis akka itti jara adaban murteeffachuu hin dandeenye.
And they having threatened them, in addition sent them away, finding nothing to the end that they can punish them, on account of the people, because all continued to glorify God over that which had taken place;
22 Umuriin namicha karaa dinqiitiin fayyifame sanaa waggaa afurtamaa ol tureetii.
for the man on whom this miracle of healing was wrought was more than forty years old.
23 Phexrosii fi Yohannis yeroo gad dhiifamanitti gara saba isaanii dhaqanii waan luboonni hangafoonnii fi maanguddoonni jedhaniin hundumaa isaanitti himan.
And having been released they came to their own people, and proclaimed so many things as the chief priests and elders said to them.
24 Isaanis yommuu waan kana dhagaʼanitti kadhannaadhaan sagalee isaanii tokkummaan Waaqatti ol fuudhanii akkana jedhan; “Yaa Gooftaa Waan Hundaa Olii, situ samii, lafa, galaanaa fi waan isaan keessa jiru hunda uume.
And having heard, they unanimously lifted up their voice to God, and said, O Lord, thou having created the heaven and the earth and the sea and all things which are in them,
25 Ati Hafuura Qulqulluun karaa afaan tajaajilaa kee abbaa keenya Daawitiitiin akkana jettee dubbatteerta; “‘Namoonni maaliif akkanumaan mariʼatu? Saboonnis maaliif waan faayidaa hin qabne yaadu?
the One speaking through the mouth of David, thy child, our father through the Holy Ghost, Wherefore did the heathen rage, and the people imagine vain things?
26 Mootonni lafaa kaʼanii, bulchitoonnis Gooftichaa fi dibamaa isaatiin mormuuf walitti qabaman.’
The kings of the earth stood up, and the rulers were gathered together against the Lord and his Christ.
27 Dhugumaan Heroodisii fi Phonxoos Phiilaaxoos Namoota Ormaatii fi uummata Israaʼel wajjin hojjetaa kee isa qulqulluu, Yesuus isa ati dibdetti mariʼachuuf jedhanii magaalaa kana keessatti walitti qabaman.
For in truth they were assembled together in this city, against thy holy Child Jesus, whom thou didst anoint; both Herod and Pontius Pilate, with the Gentiles and the people of Israel,
28 Isaanis waanuma humnii fi fedhiin kee akka wanni kun taʼuuf duraan dursanii murteessan sana hojjetan.
to do so many things as thy hand and thy counsel did foreordain to come to pass.
29 Yaa Gooftaa, egaa doorsisa isaanii ilaaliitii akka garboonni kee ija jabinaan dubbii kee dubbataniif dandeettii kenniif.
And now, Lord, look upon their threats and grant to thy servants with all boldness to speak thy word,
30 Nama fayyisuu fi maqaa tajaajilaa kee qulqullichaa, maqaa Yesuusiitiin mallattoo fi dinqii hojjechuuf harka kee diriirfadhu.”
while, reaching forth thy hand unto healings, both miracles and wonders are wrought through the name of thy holy child Jesus.
31 Erga isaan Waaqa kadhatanii booddee lafti isaan itti wal gaʼan sun ni sosochoote; isaan hundinuus hafuura qulqulluudhaan guutamanii ija jabinaan dubbii Waaqaa dubbatan.
And they praying, the place in which they were assembled was shaken, and they were all filled with the Holy Ghost, and continued to speak the word of God with boldness.
32 Amantoonni hundinuus garaa tokkoo fi yaada tokko qabu turan; waan qaban hundas walumaan qoodachaa turan malee namni tokko iyyuu akka waan qabeenyi inni qabu kam iyyuu kan mataa isaa qofa taʼeetti hin lakkoofne.
And of the multitude who believed there was one heart and soul, and no one was saying that any of those things which belonged to him were his own, but all things were common to them.
33 Ergamoonnis duʼaa kaʼuu Gooftaa Yesuus humna guddaadhaan dhugaa baʼaa turan; ayyaanni guddaanis hunduma isaanii irra ture.
And with great power the apostles continued to give witness of the resurrection of Jesus Christ the Lord; and great grace was upon them all.
34 Rakkataan tokko iyyuu isaan gidduu hin turre. Warri lafa yookaan mana qaban hundinuu gurguranii maallaqa fidanii,
For no one among them was in need; for so many possessions of lands or houses as belonged to them, selling, they were bringing the prices of the things having been sold,
35 miilla ergamootaa bira kaaʼu turan; maallaqni sunis nama rakkina qabu kamiif iyyuu ni qoodama ture.
and laying them at the feet of the apostles; and it was distributed to each as any one had need.
36 Yoosef namni gosa Lewwii kan Qophiroositti dhalate, inni ergamoonni Barnaabaas jedhaniin tokkos achi ture. Barnaabaas jechuun “ilma jajjabinaa” jechuu dha.
And Joseph called Barnabas by the apostles, which is interpreted, Son of consolation, a Levite, a Cyprian by race,
37 Innis lafa qotiisaa ofii isaa gurguree horii isaa fidee miilla ergamootaa bira kaaʼe.
a farm belonging to him, having sold it, he brought the money and laid it at the feet of the apostles.