< Hojii 3 >
1 Gaaf tokko Phexrosii fi Yohannis yeroo kadhannaatti jechuunis waaree booddee saʼaatii sagalitti mana qulqullummaatti ol baʼaa turan.
Sasa Peter na Yohana walikuwa wanaelekea katika hekalu wakati wa maombi, saa tisa.
2 Namoonnis akka inni warra mana qulqullummaa seenan waa kadhatuuf jedhanii namicha dhalootuma isaatii jalqabee naafa ture tokko guyyuma guyyaan baatanii gara karra mana qulqullummaa kan “Miidhagaa” jedhamuutti geessu turan.
Mtu fulani, kiwete tangu kuzaliwa, alikuwa akibebwa kila siku na alikuwa akilazwa katika mlango wa hekalu uitwao mzuri, ili aweze kuomba sadaka kutoka kwa watu waliokuwa wakielekea hekaluni.
3 Innis utuu Phexrosii fi Yohannis mana qulqullummaa seenanuu argee horii isaan kadhate.
Alipowaona Petro na Yohana wanakaribia kuingia hekaluni, aliomba sadaka.
4 Phexrosis Yohannis wajjin namicha hubatee ilaalee, “Mee nu ilaali!” jedheen.
Petro, akimkazia macho, pamoja na Yohana, alisema,”tutazame sisi.”
5 Namichis waa isaan irraa argachuu abdatee hubatee isaan ilaale.
Kiwete akawatazama, akitazamia kupokea kitu fulani kutoka kwao.
6 Phexrosis, “Ani meetii yookaan warqee hin qabu; ani garuu waan qabu siifin kenna. Maqaa Yesuus Kiristoos isa Naazreetiin ol kaʼii deemi!” jedhe.
Lakini Petro akasema, “fedha na dhahabu mimi sina, lakini kile nilichonacho nitatoa kwako. Katika jina la Yesu Kristo wa Nazareth, tembea.”
7 Phexrosis harka isaa mirgaa qabee ol isa kaase; yeruma sana miillaa fi gulubiin isaa ni jabaate.
Petro akamchukua kwa mkono wake wa kulia, na akamwinua juu: mara moja miguu yake na vifundo vya mifupa yake vikapata nguvu.
8 Innis utaalee kaʼee miillaan deemuu jalqabe; deemaa, utaalaa, Waaqas galateeffachaa isaan wajjin mana qulqullummaa seene.
Akiruka juu, mtu kiwete alisimama na akaanza kutembea; akaingia hekaluni pamoja na Petro na Yohana, akitembea, akiruka, na kumsifu Mungu.
9 Namoonni hundinuu yommuu deemuu isaatii fi Waaqa galateeffachuu isaa arganitti,
Watu wote walimwona akitembea na akimsifu Mungu.
10 akka inni namicha karra mana qulqullummaa kan, “Miidhagaa” jedhamu sana bira taaʼee kadhachaa ture sana taʼe hubatan; isaanis waan isaaf taʼe sanaaf akka malee raajeffatan; ni dinqifatanis.
Wakatambua kwamba alikuwa ni yule mtu ambaye alikuwa akikaa akiomba sadaka kwenye mlango mzuri wa hekalu; walijawa na mshangao na kustaajabu kwa sababu ya kile kilichotokea kwake.
11 Namoonni hundinuu yeroo namichi fayye sun Phexrosii fi Yohannis biraa deebiʼuu didetti dinqisiifatanii utuu isaan iddoo gardaafoo Solomoon jedhamu keessa jiranuu fiigaa isaanitti dhufan.
Namna alivyokuwa amewashikilia Petro na Yohana, watu wote kwa pamoja wakakimbilia kwenye ukumbi uitwao wa Sulemani, wakishangaa sana.
12 Phexrosis yommuu waan kana argetti akkana isaaniin jedhe; “Yaa namoota Israaʼel wanni kun maaliif isin dinqa? Akka waan nu humna yookaan qulqullummaa mataa keenyaatiin akka namichi kun deemu gooneetti maaliif ija nutti babaaftu?
Petro alipoliona hili, yeye akawajibu watu, “Enyi watu wa Israel, kwa nini mnashangaa? Kwa nini mnayaelekeza macho yenu kwetu, kama kwamba tumemfanya huyu atembee kwa nguvu zetu wenyewe au uchaji wetu?”
13 Waaqni abbootii keenyaa, Waaqni Abrahaam, Waaqni Yisihaaqii fi Waaqni Yaaqoob tajaajilaa isaa Yesuusin kabajeera. Isin garuu akka inni ajjeefamuuf dabarsitanii isa kennitan; Phiilaaxoos gad isa dhiisuu murteessu iyyuu isin fuuluma Phiilaaxoos duratti isa haaltan.
Mungu wa Ibrahimu, na wa Isaka, na wa Yakobo, Mungu wa Baba zetu, amemtukuza mtumishi wake Yesu. Huyu ndiye ambaye ninyi mlimkabidhi na kumkataa mbele ya uso wa Pilato, japo yeye alikuwa ameamua kumwachia huru.
14 Isinis isa qulqulluu fi qajeelaa sana gantanii akka namichi nama ajjeese sun gad isinii dhiifamu kadhattan.
Mlimkataa Mtakatifu na Mwenye Haki, na badala yake mkataka muuaji aachwe huru.
15 Isin burqaa jireenyaa ajjeeftan; Waaqni garuu warra duʼan keessaa isa kaase; nus dhuga baatota waan kanaa ti.
Ninyi mlimuua Mfalme wa uzima, ambaye Mungu alimfufua kutoka kwa wafu - Sisi ni mashahidi wa hili.
16 Namichi isin argitanii fi isa beektan kun maqaa Yesuusitti amanuudhaan jabaate. Maqaa Yesuusii fi amantii karaa isaatiin dhufutu akkuma isin hundi argitan kana namicha kanaaf fayyaa guutuu kenne.
Sasa, kwa imani katika jina lake, mtu huyu ambaye mnamwona na kujua, alifanywa kuwa na nguvu. Imani ambayo inapitia kwa Yesu imempa yeye afya hii kamilifu, mbele yenu ninyi nyote.
17 “Ammas yaa obboloota, akka isinis utuu hin beekin akkuma bulchitoonni keessan gochaa turan sana gootan ani nan beeka.
Sasa, Ndugu, najua kwamba mlitenda katika ujinga, ndivyo pia walivyofanya viongozi wenu.
18 Waaqni garuu waan akka Kiristoos dhiphachuuf jiru duraan dursee karaa raajota hundaatiin dubbate sana akkanaan raawwate.
Lakini mambo ambayo Mungu aliwaambia mapema kwa vinywa vya manabii wote, kwamba huyu Kristo atateseka, sasa ameyatimiza.
19 Egaa akka cubbuun keessan haqamuuf, akka barri haaromfamaa Gooftaa biraa dhufuuf qalbii jijjiirradhaa gara Waaqaatti deebiʼaa;
Kwa hiyo, tubuni na mgeuke, ili kwamba dhambi zenu ziweze kuondolewa kabisa, kusudi zije nyakati za kuburudika kutokana na uwepo wa Bwana;
20 kunis akka inni Kiristoos isiniif filatame sana jechuunis Yesuusin erguuf.
na kwamba aweze kumtuma Kristo ambaye ameshateuliwa kwa ajili yenu, Yesu.
21 Innis hamma yeroon Waaqni itti waan hunda iddootti deebisu sun gaʼutti samii irra turuu qaba; Waaqnis bara dheeraadhaan dura karaa raajota isaa qulqullootaatiin waan kana dubbatee ture. (aiōn )
Yeye ndiye ambaye lazima mbingu zimpokee mpaka wakati wa kurejeshwa kwa vitu vyote, ambavyo Mungu alizungumzia zamani za kale kwa vinywa vya manabii watakatifu. (aiōn )
22 Museen akkana jedheeraatii; ‘Waaqni keessan Gooftaan sabuma keessan keessaa raajii akka kootii tokko isinii kaasa; isinis waan inni isinitti himu hunda dhagaʼaa.
Hakika Musa alisema, 'Bwana Mungu atainua nabii kama mimi kutoka katika ndugu zenu. Mtamsikiliza kila kitu ambacho atawaambia ninyi.
23 Namni raajii sana hin dhageenye kam iyyuu saba isaa keessaa baafamee ni balleeffama.’
Itatokea kwamba kila mtu ambaye hasikilizi kwa nabii huyo ataangamizwa kabisa atoke kati ya watu.'
24 “Saamuʼeel irraa jalqabee raajonni isa duubaan dhufanii waa dubbatan hundi duraan dursanii waaʼee yeroo sanaa labsaniiru.
Ndiyo, na manabii wote tokea Samweli na wale waliofuata baada yake, walizungumza na walitangaza siku hizi.
25 Isin immoo ilmaan raajotaatii fi ilmaan kakuu Waaqni abbootii keessan wajjin seene sanaa ti. Innis Abrahaamiin, ‘Sabni lafa irraa hundi karaa sanyii keetiitiin ni eebbifama’ jedhe.
Ninyi ni wana wa manabii na wa agano ambalo Mungu alilifanya pamoja na mababu, kama alivyosema kwa Abrahamu, 'Katika mbegu yako familia zote za dunia zitabarikiwa.'
26 Waaqni yeroo Ilma isaa duʼaa kaasetti, tokkoo tokkoo keessan hammina irraa isin deebisuudhaan isin eebbisuuf jedhee jalqabatti gara keessanitti isa erge.”
Baada ya Mungu kumwinua mtumishi wake, alimtuma kwenu kwanza, ili awabariki ninyi kwa kugeuka kutoka katika uovu wenu.”