< Hojii 28 >

1 Nus nagumaan qarqara galaanaatti baanee akka biyyi bishaaniin marfamte sun Malaaxiyaa jedhamtu beekne.
Fiya cuwo nya yilau kwamere, nyan nuwa den diiyele cuwa ki malta.
2 Namoonni biyya bishaaniin marfamte sana irra jiraatanis gara laafina dinqisiisaa nu argisiisan. Isaanis sababii roobnii fi dhaamochi tureef ibidda bobeessanii hunda keenya simatan.
Nubo mwan loro cuwa nung yinen luma nerek cin nuwa nyinen kira, cin yuwo nyo gwam ker mwemer kange cwuii ngir-ngireu.
3 Utuu Phaawulos hanxaxii qoraanii walitti qabee ibiddatti naqaa jiruu buutiin sababii hoʼaatiin gad baate tokko harka isaatti maxxantee gad dhiisuu didde.
La Bulus mwer bwatiye yo ti kirari, kwentibe ceru, wori kirako cwillen cakkan cinen ti kang.
4 Warri biyya bishaaniin marfamte sana irra jiraatan sunis buutii harka isaatti rarraatu arganii, “Namichi kun nama nama ajjeese taʼuu hin oolu; inni yoo balaa galaanaa jalaa baʼe illee Murtiin Qajeelaan akka inni jiraatu hin eeyyamneef” waliin jedhan.
La nubo mwan loro cuwo to na cuwe yayim kang cek ri, ci tokkangti bwitici ki, “Nii wo nii twal nob ti ci cuku mor bware caji. Kero dong dongeu ciyabo nii a buuti.”
5 Phaawulos buutii sana ibidda keessa of irraa buuse; miidhaa tokko malees hafe.
La con waciken na cuwe kira, kii cobo.
6 Namoonni sunis, “Inni ni dhiitaʼa yookaan akkuma tasaa kufee duʼa” jedhanii eegan; garuu yommuu yeroo dheeraa eeganii akka inni waa tokko illee hin taʼin arganitti yaada geeddaratanii, “Inni waaqa” jedhan.
Ci nintanti na ci to bwici fum, ki kwirum bwi na yarke bitine na bwiyam. La cin to co fiya kutangi, cin tobo diker fiya cobo di, cin fulongum ner cero, cin yi ki con bwel.
7 Bulchaan biyya bishaaniin marfamtee kan Phubiliyoos jedhamu tokkos naannoo sanaa lafa qotiisaa qaba ture; innis mana isaatti nu simatee guyyaa sadii jaalalaan nu keessumsiise.
La bi dom kange fiye cuwe, take kange wi na nii durece diiyele cuwa, wo ci cuwo ti Babiliya yuwo nyo, ki luma nerek, tam nyo na kume taar ce.
8 Abbaan Phubiliyoos dhukkuba dhagna nama gubuu fi garaa nama kaasuun qabamee ciisaa ture; Phaawulosis isa gaafachuuf ol seenee erga kadhatee booddee harka irra kaaʼee isa fayyise.
La te Babiliya cokkati kiwirum bwi kange teka fiya cuwa Bulus ya cinnen kwob cinen dilo, cin yoti kang dor cer con twam co.
9 Yommuu wanni kun taʼetti dhukkubsattoonni biyya bishaaniin marfamte sana irra jiraatan biraa hundi dhufanii fayyan.
Bwiko dike woro bwiyeu tangne nube yim diile diile wuro nen nuba. Luma cin bou ken cin twam ci.
10 Isaanis karaa baayʼeedhaan ulfina nuu kennan; yommuu nu dooniin deemuuf kaanettis waan nu barbaachisu hunda nuuf kennan.
Nubo wuro ne nyo dur ti ki dur. La nyon ka bati yamtiri, cin ne nyo dike nyo cwitiyeu.
11 Nus jiʼa sadii booddee doonii Iskindiriyaa kan biyya bishaaniin marfamte sana irratti yeroo gannaa dabarse tokkoon kaanee deemsa jalqabne; dooniin sunis asxaa waaqota lakkuu Kastoorii fi Paaluksi adda isaa irraa qaba ture.
Bwiko cwak ko taare nyong kwen yambo ki nabire mwenge wo ma tirako wiiye, nsbire Alexandriya, ki bwel do yob ci ywellum tikab dore cike.
12 Seraakuus geenyees bultii sadii achi turre.
Bwiko nya yiram cinanr lor ciranku nyon yim wii kume taar.
13 Achiis kaanee Reegiyuumitti galle; guyyaa tokko booddees waan bubbeen kibbaa bubbiseef guyyaa itti aanutti Putiyooluus geenye.
Wii ri nyon yaken cinan lor Rigiyum ki kume wiin di, yuwa ko bangeu kwenu, la mor kume yobeu nyin lam cinan lor, Butiyoli,
14 Achitti obboloota tokko tokko arganne; isaanis akka nu bultii torba isaan bira turru nu kadhatan. Nus akkasiin Roomaatti galle.
Nyon fiya yitub nyebo kange wii, cin cuwo nyong yii kange ci kume niber, nure wo nya yaken Roma.
15 Obboloonni achi turanis yommuu dhufaatii keenya dhagaʼanitti hamma iddoo gabaa Aphiyuusiittii fi iddoo “Lafa Bultoo Sadii” jedhamuutti nu simachuu dhufan; Phaawulosis isaan argee Waaqa galateeffate; ofii isaatiis ni jajjabaate.
Nyo firen di yitub nyebo nuwa fulen nyero cin ceru cin yuwo nyo, tati fiye miyeka dike Abiya kange bituk taar. La Bitrus to yitubori, con fiya bikwan neret.
16 Yommuu nu Roomaa geenyetti Phaawulos akka loltuu isa eegu tokko wajjin kophaa isaa jiraatu eeyyamameef.
Kambo nya doken Roma ri, cin dob Bitrus na yi ki kwace kange nii kwene wo to co tiye.
17 Phaawulosis guyyaa sadii booddee dura buʼoota Yihuudootaa walitti waame; yommuu isaan walitti qabamanittis akkana jedheen; “Yaa obboloota ko, ani utuu waan saba keenyaan yookaan duudhaa abbootii keenyaatiin mormu tokko illee hin hojjetin Yerusaalem keessatti qabamee dabarfamee harka warra Roomaatti kennameera.
Ki kume taar di Bulus cuwo nubo wuro na dur mor Yahudawa. La cin bou ri, con yiki, “yitub me, ma mabo nob nen dikero bwir kaka, dike ka ciya cike wo tembebo ceu, cin taye. Bwiko cin me ya, ci cwiti naci nyam kang minen ci fiya yebo ki bwirangke wo lam twalka.
18 Isaanis erga na qoranii booddee sababii ani yakka duʼa namatti mursiisu tokko illee hin qabaatiniif gad na dhiisuu barbaadan.
Kambo cii merang ye kereri, cin cwi na cin nyemkan minen, wori ci fiya yebo ki bwirang ker wo lam ciya twalye tiye.
19 Ani garuu yoo waan ittiin saba koo himadhu tokko iyyuu hin qabaatin illee yommuu Yihuudoonni mormanitti akka Qeesaaritti ol iyyadhu nan dirqame.
La Yahudawa tok diker cwika nerek ciyeu, cin dok ye, ya ki kiyange kaisar nin, muni bou ki kiyange bitineu.
20 Wanni ani isin arguu fi isin wajjin haasaʼuu kadhadheefis kanuma. Ani sababuma abdii Israaʼeliif jedhee foncaa kanaan hidhameera.”
Dor kerero wo ma cuwo kom na to kom na yi kom. Nyo neri Israila ci bwam yere.
21 Isaanis akkana jedhanii deebisan; “Nu xalayaa waaʼee kee dubbatu tokko illee biyya Yihuudaatii hin arganne; obboloota achii dhufan keessaas namni tokko iyyuu waaʼee kee waan hamaa hin dubbanne; nuttis hin himne.
La cin yi co “nya yuwobo tomange kange Yahudawa dor mwer kaka kange yitubo bou bo nyi nyo dikero bwir dor mwer.
22 Nu garuu yaadni kee maal akka taʼe sirraa dhagaʼuu barbaanna; nu akka namoonni iddoo hunda jiran garee kanaan morman ni beeknaatii.”
Nyo wcii na yi nuwa muneng ye mo kwatiye dor mwan nibero wo, wori nyon nyimom dike wuro cin toki fiye gwam.
23 Isaanis guyyaa itti Phaawulos wajjin wal argan qabatanii, akka malee baayʼatanii lafa inni jiraachaa ture dhaqan; innis ganamaa jalqabee hamma galgalaatti waaʼee mootummaa Waaqaa isaanii ibsaa, lallabaas ture; waaʼee Yesuusiis Seera Museetii fi Kitaabota Raajotaa keessaa eeree isaan amansiisuu yaalaa ture.
cin yo cinen kakuko, nubo ducce bou fiye ci yim wiye con yi ci dikero gwam, con yi cerka liyar kwama, con ken ci dor Yesu ter ti ki Musa ya ciko nob tomangeb ki buri mee doti.
24 Isaan keessaa warri tokko tokko waan inni jedhe ni fudhatan; warri kaan immoo amanuu didan.
Kangum bo ciya dike co tokkeu, kangumbo ne bo bilenke.
25 Isaan gidduutti waldhabiisni uumamnaan kaʼanii deemuu jalqaban; kunis erga Phaawulos akkana jedhee dubbii dhumaa dubbatee booddee; “Hafuurri Qulqulluun yeroo karaa Isaayyaas raajichaatiin abbootii keessanitti dubbate sana dhugaa isaa dubbate; innis akkana jedhe:
La cin ciya kambo kange butici, Bwiko Bulus dim kere di cin cu. “Yuwa tangbeko wusakke tok ker nyii Ishaya nii tomange teb kimeb bo nin.
26 “‘Gara saba kanaa dhaqiitii akkana jedhi; “Dhagaʼuu inuma dhageessu; garuu hin hubattan; ilaaluus inuma ilaaltu; garuu hin qalbeeffattan.”
Yi ki “ya nubo wuro nen, na yi ci,” ki nuwaka, kan nuwa, la ma ka nyomti, ki toka kan to, maka nyomti.
27 Qalbiin saba kanaa doomeeraatii; gurri isaanii sirriitti hin dhagaʼu; ija isaaniis dunuunfataniiru; utuu akkas taʼuu baatee silaa ija isaaniitiin arganii, gurra isaaniitiin dhagaʼanii, qalbii isaaniitiinis hubatanii, ni deebiʼu turan; anis isaan nan fayyisa ture.’
wori ner nibero wuro kuci, ki tuci, bwai naci nuwa, cin kumom nuwe ciye, naci tore ki nuwe ciye, ci nuwa ki tu ci nyimom ki ner cer, na ci yilau na twam ci.
28 “Kanaafuu ani akka fayyisuun Waaqaa gara Namoota Ormaatti ergame akka isin beektan nan barbaada! Isaanis ni dhagaʼu.” [
Nyori kon nyimom fuloka kwamako, cin ya nubo nyumbo kwama, ciya nuwa.
29 Yihuudoonnis erga inni waan kana dubbatee booddee jabeessanii waliin mormaa achii deeman.]
La co tokum dike buro di yahudawau kweni, cu lor ki kwobkanka ko dur more ciye.
30 Phaawulosis waggaa lama guutuu mana ofii isaatii kireeffate keessa jiraachaa, warra isa dubbisuu dhufan hundas simachaa ture.
Bulus yii wi ki chor kambo co co yim loh Aya, cin wab nubo gwam wo bou cineneu.
31 Innis ija jabinaan, gufuu tokko malees mootummaa Waaqaa lallabaa, waaʼee Gooftaa Yesuus Kiristoosis barsiisaa ture.
La ci tok liyar kwamaro ti, ci meran dikero dor Yesu ti kibi kwamer neret ci ywa cobo wii.

< Hojii 28 >