< Hojii 27 >

1 Yommuu dooniin Iixaaliyaa dhaquun keenya murteeffametti, Phaawulosii fi warri hidhaman biraa ajajaa dhibbaa kan Yuuliyoos jedhamu tokkotti dabarfamanii kennaman; innis miseensa kutaa waraanaa “Awugisxoos” jedhamu tokkoo ture.
ជលបថេនាស្មាកម៑ ឥតោលិយាទេឝំ ប្រតិ យាត្រាយាំ និឝ្ចិតាយាំ សត្យាំ តេ យូលិយនាម្នោ មហារាជស្យ សំឃាតាន្តគ៌តស្យ សេនាបតេះ សមីបេ បៅលំ តទន្យាន៑ កតិនយជនាំឝ្ច សមាប៌យន៑។
2 Nus doonii Adraamiixoosii kaʼee gara buufatawwan doonii kanneen qarqara galaana biyya Asiyaa dhaquuf kaʼe tokko yaabbannee deemuu jalqabne. Arisxirokoos namichi Maqedooniyaa kan Tasaloniiqee jiraatu tokkos nu wajjin ture.
វយម៑ អាទ្រាមុត្តីយំ បោតមេកម៑ អារុហ្យ អាឝិយាទេឝស្យ តដសមីបេន យាតុំ មតិំ ក្ឫត្វា លង្គរម៑ ឧត្ថាប្យ បោតម៑ អមោចយាម; មាកិទនិយាទេឝស្ថថិឞលនីកីនិវាស្យារិស្តាក៌្ហនាមា កឝ្ចិទ៑ ជនោៜស្មាភិះ សាទ៌្ធម៑ អាសីត៑។
3 Guyyaa itti aanutti Siidoonaatti galle; Yuuliyoosis Phaawulosiif garaa laafee akka inni michoota isaa bira dhaqee waan isa barbaachisu argatu eeyyameef.
បរស្មិន៑ ទិវសេ ៜស្មាភិះ សីទោន្នគរេ បោតេ លាគិតេ តត្រ យូលិយះ សេនាបតិះ បៅលំ ប្រតិ សៅជន្យំ ប្រទត៌្ហ្យ សាន្ត្វនាត៌្ហំ ពន្ធុពាន្ធវាន៑ ឧបយាតុម៑ អនុជជ្ញៅ។
4 Nus dooniin achii kaanee waan bubbeen fuula keenya duraan nutti bubbisaa tureef Qophiroosiin daʼannee dabarre.
តស្មាត៑ បោតេ មោចិតេ សតិ សម្មុខវាយោះ សម្ភវាទ៑ វយំ កុប្រោបទ្វីបស្យ តីរសមីបេន គតវន្តះ។
5 Erga galaana Kiilqiyaa fi Phamfiliyaa irra dooniin darbinee booddee magaalaa Miiraa kan Luuqiiyaa keessatti argamtu geenye.
កិលិកិយាយាះ បាម្ផូលិយាយាឝ្ច សមុទ្រស្យ បារំ គត្វា លូកិយាទេឝាន្តគ៌តំ មុរានគរម៑ ឧបាតិឞ្ឋាម។
6 Ajajaan dhibbaa sunis doonii Iskindiriyaa kan Iixaaliyaa dhaquutti jiru tokko achitti argatee nu yaabbachiise.
តត្ស្ថានាទ៑ ឥតាលិយាទេឝំ គច្ឆតិ យះ សិកន្ទរិយានគរស្យ បោតស្តំ តត្រ ប្រាប្យ ឝតសេនាបតិស្តំ បោតម៑ អស្មាន៑ អារោហយត៑។
7 Nus guyyaa hedduu suuta jennee dooniin deemnee rakkinaan naannoo Kiniidoos geenye; yommuu bubbeen karaa sana irra darbuu nu dhowwettis Salmoonee biraan gara daʼoo Qareexitti qajeelle.
តតះ បរំ ពហូនិ ទិនានិ ឝនៃះ ឝនៃះ រ្គត្វា ក្នីទបាឝ៌្វោបស្ថ្តិះ បូវ៌្វំ ប្រតិកូលេន បវនេន វយំ សល្មោន្យាះ សម្មុខម៑ ឧបស្ថាយ ក្រីត្យុបទ្វីបស្យ តីរសមីបេន គតវន្តះ។
8 Rakkina guddaadhaanis qarqara galaanichaa irra darbinee iddoo “Buufata doonii gaarii” jedhamu kan magaalaa Laasiyaa biraa tokkotti baane.
កឞ្ដេន តមុត្តីយ៌្យ លាសេយានគរស្យាធះ សុន្ទរនាមកំ ខាតម៑ ឧបាតិឞ្ឋាម។
9 Yeroon dheeraan badeera; sababii yeroon sun erga Soomni darbee taʼeef dooniidhaan karaa deemuun sodaachisaa taʼeera; kanaafuu Phaawulos akkana jedhee isaan akeekkachiise;
ឥត្ថំ ពហុតិថះ កាលោ យាបិត ឧបវាសទិនញ្ចាតីតំ, តត្ការណាត៑ នៅវត៌្មនិ ភយង្ករេ សតិ បៅលោ វិនយេន កថិតវាន៑,
10 “Yaa jarana, ani akka karaan keenya kun badiisa of keessaa qabu, akka inni doonichattii fi miʼa qofatti utuu hin taʼin jireenya keenyatti illee balaa guddaa fiduuf deemu nan arga.”
ហេ មហេច្ឆា អហំ និឝ្ចយំ ជានាមិ យាត្រាយាមស្យាម៑ អស្មាកំ ក្លេឝា ពហូនាមបចយាឝ្ច ភវិឞ្យន្តិ, តេ កេវលំ បោតសាមគ្រ្យោរិតិ នហិ, កិន្ត្វស្មាកំ ប្រាណានាមបិ។
11 Ajajaan dhibbaa sun garuu qooda waan Phaawulos jedhe dhagaʼu gorsa ooftuu dooniitii fi gorsa abbaa doonii fudhate.
តទា ឝតសេនាបតិះ បៅលោក្តវាក្យតោបិ កណ៌ធារស្យ បោតវណិជឝ្ច វាក្យំ ពហុមំស្ត។
12 Sababii buufanni doonii sun ganna achi turuuf mijaaʼaa hin taʼiniif baayʼeen isaanii Finiiqeetti galanii ganna achitti dabarsuu abdatanii akka nu ittuma fufnee dooniin deemnu murteessan. Buufanni Qareexi kun fuulli isaa gara kibba dhiʼaattii fi gara kaaba dhiʼaatti deebiʼee ture.
តត៑ ខាតំ ឝីតកាលេ វាសាហ៌ស្ថានំ ន តស្មាទ៑ អវាចីប្រតីចោទ៌ិឝោះ ក្រីត្យាះ ផៃនីកិយខាតំ យាតុំ យទិ ឝក្នុវន្តស្តហ៌ិ តត្រ ឝីតកាលំ យាបយិតុំ ប្រាយេណ សវ៌្វេ មន្ត្រយាមាសុះ។
13 Yeroo bubbeen kibbaa suuta bubbisuu jalqabetti waan kaayyoo isaanii guutachuu dandaʼan seʼanii hiituu doonii hiikanii Qareexi biraan qarqara galaana irra darban.
តតះ បរំ ទក្ឞិណវាយុ រ្មន្ទំ វហតីតិ វិលោក្យ និជាភិប្រាយស្យ សិទ្ធេះ សុយោគោ ភវតីតិ ពុទ្ធ្វា បោតំ មោចយិត្វា ក្រីត្យុបទ្វីបស្យ តីរសមីបេន ចលិតវន្តះ។
14 Utuu hin turinis bubbeen hamaan, “Awuraaqiis” jedhamu tokko biyya bishaaniin marfamte sana irraa gad bubbise.
កិន្ត្វល្បក្ឞណាត៑ បរមេវ ឧរក្លុទោន្នាមា ប្រតិកូលះ ប្រចណ្ឌោ វាយុ រ្វហន៑ បោតេៜលគីត្
15 Dooniin sunis bubbeedhaan qabamee gara bubbee sanaatti deemuu dadhabe; kanaafuu akka inni bubbeen fudhatamuuf ittuma dhiifne.
តស្យាភិមុខំ គន្តុម៑ បោតស្យាឝក្តត្វាទ៑ វយំ វាយុនា ស្វយំ នីតាះ។
16 Nus biyya bishaaniin marfamte xinnoo Qeedaa jedhamtu tokkoon daʼannee rakkina guddaadhaan bidiruu doonichaa oolchuu dandeenye.
អនន្តរំ ក្លៅទីនាម្ន ឧបទ្វីបស្យ កូលសមីបេន បោតំ គមយិត្វា ពហុនា កឞ្ដេន ក្ឞុទ្រនាវម៑ អរក្ឞាម។
17 Namoonni sunis bidiruu sana dooniitti ol baasanii akka dooniin sun gargar hin diigamneef funyoon xaxanii walitti hidhan. Isaanis tima cirracha Sirtiisitti buʼuu sodaatanii hiituu doonii galaanatti gad buusanii akka dooniin sun bubbeen oofamtuuf ittuma dhiisan.
តេ តាមារុហ្យ រជ្ជ្ចា បោតស្យាធោភាគម៑ អពធ្នន៑ តទនន្តរំ ចេត៑ បោតោ សៃកតេ លគតីតិ ភយាទ៑ វាតវសនាន្យមោចយន៑ តតះ បោតោ វាយុនា ចាលិតះ។
18 Waan bubbeen sun akka malee nutti jabaachaa deemeef isaan guyyaa itti aanutti doonii sana irraa feʼiisa guuranii bishaanitti dadarbachuu jalqaban.
កិន្តុ ក្រមឝោ វាយោះ ប្រពលត្វាត៑ បោតោ ទោលាយមានោៜភវត៑ បរស្មិន៑ ទិវសេ បោតស្ថានិ កតិបយានិ ទ្រវ្យាណិ តោយេ និក្ឞិប្តានិ។
19 Guyyaa sadaffaatti immoo miʼa doonii sanaa harkuma ofii isaaniitiin dadarbatan.
ត្ឫតីយទិវសេ វយំ ស្វហស្តៃះ បោតសជ្ជនទ្រវ្យាណិ និក្ឞិប្តវន្តះ។
20 Nu waan utuu aduu yookaan urjii hin argin guyyaa hedduu turree fi waan bubbeen nutti jabaateef dhuma irratti abdii badiisa ooluuf qabnu hunda ni kutanne.
តតោ ពហុទិនានិ យាវត៑ សូយ៌្យនក្ឞត្រាទីនិ សមាច្ឆន្នានិ តតោ ៜតីវ វាត្យាគមាទ៑ អស្មាកំ ប្រាណរក្ឞាយាះ កាបិ ប្រត្យាឝា នាតិឞ្ឋត៑។
21 Phaawulosis erga namoonni sun agabuu isaanii yeroo dheeraa turanii booddee gidduu isaanii dhaabatee akkana jedhe; “Yaa jarana, isin utuu gorsa koo dhageessanii Qareexii kaʼuu hin qabdan ture; silaa balaa fi badiisa kana hundumaa irraa of oolchitu turtan.
ពហុទិនេឞុ លោកៃរនាហារេណ យាបិតេឞុ សវ៌្វេឞាំ សាក្ឞត៑ បៅលស្តិឞ្ឋន៑ អកថយត៑, ហេ មហេច្ឆាះ ក្រីត្យុបទ្វីបាត៑ បោតំ ន មោចយិតុម៑ អហំ បូវ៌្វំ យទ៑ អវទំ តទ្គ្រហណំ យុឞ្មាកម៑ ឧចិតម៑ អាសីត៑ តថា ក្ឫតេ យុឞ្មាកម៑ ឯឞា វិបទ៑ ឯឞោៜបចយឝ្ច នាឃដិឞ្យេតាម៑។
22 Amma garuu ani akka isin jabaattan isinan gorsa; doonicha malee isin keessaa lubbuun nama tokkoo iyyuu hin baduutii.
កិន្តុ សាម្ប្រតំ យុឞ្មាន៑ វិនីយ ព្រវីម្យហំ, យូយំ ន ក្ឞុភ្យត យុឞ្មាកម៑ ឯកស្យាបិ ប្រាណិនោ ហានិ រ្ន ភវិឞ្យតិ, កេវលស្យ បោតស្យ ហានិ រ្ភវិឞ្យតិ។
23 Ergamaan Waaqa ani kan isaa taʼee fi isa tajaajilu sanaa tokko eda dhufee na cina dhaabatee,
យតោ យស្យេឝ្វរស្យ លោកោៜហំ យញ្ចាហំ បរិចរាមិ តទីយ ឯកោ ទូតោ ហ្យោ រាត្រៅ មមាន្តិកេ តិឞ្ឋន៑ កថិតវាន៑,
24 ‘Yaa Phaawulos, hin sodaatin; ati Qeesaar dura dhaabachuu qabdaatii; kunoo, Waaqni warra si wajjin deemaa jiran hunda gaarummaa isaatiin sitti kenneera’ naan jedhe.
ហេ បៅល មា ភៃឞីះ កៃសរស្យ សម្មុខេ ត្វយោបស្ថាតវ្យំ; តវៃតាន៑ សង្គិនោ លោកាន៑ ឦឝ្វរស្តុភ្យំ ទត្តវាន៑។
25 Kanaaf yaa jarana jabaadhaa! Ani akka wanni kun akkuma natti himame sana taʼu Waaqa nan amanaatii.
អតឯវ ហេ មហេច្ឆា យូយំ ស្ថិរមនសោ ភវត មហ្យំ យា កថាកថិ សាវឝ្យំ ឃដិឞ្យតេ មមៃតាទ្ឫឝី វិឝ្វាស ឦឝ្វរេ វិទ្យតេ,
26 Taʼus biyya bishaaniin marfamte tokkotti buʼuun keenya hin oolu.”
កិន្តុ កស្យចិទ៑ ឧបទ្វីបស្យោបរិ បតិតវ្យម៑ អស្មាភិះ។
27 Halkan kudha afuraffaatti utuu galaana Adiriyaa irra asii fi achi oofamaa jirruu gara halkan walakkaatti warri doonii irra hojjetan sun waan gara lafaatti dhiʼaatan seʼan.
តតះ បរម៑ អាទ្រិយាសមុទ្រេ បោតស្តថៃវ ទោលាយមានះ សន៑ ឥតស្តតោ គច្ឆន៑ ចតុទ៌ឝទិវសស្យ រាត្រេ រ្ទ្វិតីយប្រហរសមយេ កស្យចិត៑ ស្ថលស្យ សមីបមុបតិឞ្ឋតីតិ បោតីយលោកា អន្វមន្យន្ត។
28 Isaan funyoo ittiin gad fageenya galaanaa ilaalan gad buusanii akka galaanni sun meetira soddomii torba gad fagaatu argan; yeroo gabaabaa booddee ammas funyoo sana gad buusanii akka gad fageenyi galaanichaa meetira digdamii saddeet taʼe argan.
តតស្តេ ជលំ បរិមាយ តត្រ វិំឝតិ រ្វ្យាមា ជលានីតិ ជ្ញាតវន្តះ។ កិញ្ចិទ្ទូរំ គត្វា បុនរបិ ជលំ បរិមិតវន្តះ។ តត្រ បញ្ចទឝ វ្យាមា ជលានិ ទ្ឫឞ្ដ្វា
29 Isaanis kattaatti buuna jedhanii sodaatanii hiituu doonii afur dugda duubaan doonii irraa gad buusan. Akka lafti bariituufis kadhatan.
ចេត៑ បាឞាណេ លគតីតិ ភយាត៑ បោតស្យ បឝ្ចាទ្ភាគតឝ្ចតុរោ លង្គរាន៑ និក្ឞិប្យ ទិវាករម៑ អបេក្ឞ្យ សវ៌្វេ ស្ថិតវន្តះ។
30 Warri doonii irra hojjetanis bidiruu keessaa baqachuuf jedhanii waan fuula doonii duraan hiituu doonii buusan fakkaatanii bidiruu sana galaana keessa buusan.
កិន្តុ បោតីយលោកាះ បោតាគ្រភាគេ លង្គរនិក្ឞេបំ ឆលំ ក្ឫត្វា ជលធៅ ក្ឞុទ្រនាវម៑ អវរោហ្យ បលាយិតុម៑ អចេឞ្ដន្ត។
31 Phaawulos immoo ajajaa dhibbaatii fi loltootaan, “Yoo namoonni kunneen doonii keessatti hafan malee isin badii ooluu hin dandeessan” jedhe.
តតះ បៅលះ សេនាបតយេ សៃន្យគណាយ ច កថិតវាន៑, ឯតេ យទិ បោតមធ្យេ ន តិឞ្ឋន្តិ តហ៌ិ យុឞ្មាកំ រក្ឞណំ ន ឝក្យំ។
32 Kanaafuu loltoonni sun funyoo bidirichi ittiin hidhamee ture sana irraa kutanii galaanatti gad ishee dhiisan.
តទា សេនាគណោ រជ្ជូន៑ ឆិត្វា នាវំ ជលេ បតិតុម៑ អទទាត៑។
33 Gara barii lafaattis Phaawulos akka namoonni hundinuu waa nyaataniif isaan kadhate; akkanas jedheen; “Isin bultii kudha afran darban yaaddaʼaa, utuu waa tokko illee hin nyaatin agabuu keessan ooltanii bultaniirtu.
ប្រភាតសមយេ បៅលះ សវ៌្វាន៑ ជនាន៑ ភោជនាត៌្ហំ ប្រាត៌្ហ្យ វ្យាហរត៑, អទ្យ ចតុទ៌ឝទិនានិ យាវទ៑ យូយម៑ អបេក្ឞមានា អនាហារាះ កាលម៑ អយាបយត កិមបិ នាភុំគ្ធំ។
34 Kanaaf ani akka isin waa nyaattaniif isin kadhadha. Nyaanni jiraachuuf isin barbaachisaatii. Isin keessaa nama kam iyyuu rifeensa mataa isaa keessaa tokko iyyuu hin baduutii.”
អតោ វិនយេៜហំ ភក្ឞ្យំ ភុជ្យតាំ តតោ យុឞ្មាកំ មង្គលំ ភវិឞ្យតិ, យុឞ្មាកំ កស្យចិជ្ជនស្យ ឝិរសះ កេឝៃកោបិ ន នំក្ឞ្យតិ។
35 Innis erga waan kana dubbatee booddee buddeena fuudhee hunduma isaanii duratti Waaqa galateeffate; kutatees nyaachuu jalqabe.
ឥតិ វ្យាហ្ឫត្យ បៅលំ បូបំ គ្ឫហីត្វេឝ្វរំ ធន្យំ ភាឞមាណស្តំ ភំក្ត្វា ភោក្តុម៑ អារព្ធវាន៑។
36 Isaan hundinuu jajjabaatanii ofumaan waa nyaatan.
អនន្តរំ សវ៌្វេ ច សុស្ថិរាះ សន្តះ ខាទ្យានិ បប៌្យគ្ឫហ្លន៑។
37 Walumatti nu nama 276 taanee doonii sana keessa ture.
អស្មាកំ បោតេ ឞដ្សប្តត្យធិកឝតទ្វយលោកា អាសន៑។
38 Isaanis erga nyaatanii quufanii booddee qamadii feʼamee ture sana galaanatti naqanii akka dooniin salphatu godhan.
សវ៌្វេឞុ លោកេឞុ យថេឞ្ដំ ភុក្តវត្សុ បោតស្ថន៑ គោធូមាន៑ ជលធៅ និក្ឞិប្យ តៃះ បោតស្យ ភារោ លឃូក្ឫតះ។
39 Isaanis yommuu lafti bariitetti galoo galaanaa kan kuufama cirrachaa qabu tokko argan malee biyyi fuula isaanii dura jiru sun eessa akka taʼe hin hubanne; doonii sanas yoo isaanii dandaʼame dhiibanii qarqara galaanaatti baasuu murteessan.
ទិនេ ជាតេៜបិ ស កោ ទេឝ ឥតិ តទា ន បយ៌្យចីយត; កិន្តុ តត្រ សមតដម៑ ឯកំ ខាតំ ទ្ឫឞ្ដ្វា យទិ ឝក្នុមស្តហ៌ិ វយំ តស្យាភ្យន្តរំ បោតំ គមយាម ឥតិ មតិំ ក្ឫត្វា តេ លង្គរាន៑ ឆិត្ត្វា ជលធៅ ត្យក្តវន្តះ។
40 Kanaafuu funyoo hiituu doonii kutanii galaana keessatti gad dhiisan; yeruma sana funyoo batoon ittiin hidhame sana hiikan; ergasiis sharaa karaa fuula doonii duraan jiru sana qilleensatti ol fuudhanii gara kuufama cirrachaatti qajeelan.
តថា កណ៌ពន្ធនំ មោចយិត្វា ប្រធានំ វាតវសនម៑ ឧត្តោល្យ តីរសមីបំ គតវន្តះ។
41 Garuu dooniin sun iddoo itti galaanni lama wal gaʼutti tima cirrachaatti buʼee lafa tuqe. Mataan isaa achitti qabamee sochoʼuu dide; dudga duubni isaa immoo humna dhaʼaa galaanaatiin dhaʼamee caccabe.
កិន្តុ ទ្វយោះ សមុទ្រយោះ សង្គមស្ថានេ សៃកតោបរិ បោតេ និក្ឞិប្តេ ៜគ្រភាគេ ពាធិតេ បឝ្ចាទ្ភាគេ ប្រពលតរង្គោៜលគត៑ តេន បោតោ ភគ្នះ។
42 Loltoonnis akka warra hidhaman sana keessaa namni tokko iyyuu bishaan daakee baqatee jalaa hin baaneef isaan ajjeesuuf karoorfatan.
តស្មាទ៑ ពន្ទយឝ្ចេទ៑ ពាហុភិស្តរន្តះ បលាយន្តេ ឥត្យាឝង្កយា សេនាគណស្តាន៑ ហន្តុម៑ អមន្ត្រយត៑;
43 Garuu ajajaan dhibbaa sun waan Phaawulosin duʼa oolchuu fedheef akka isaan waan karoorfatan sana hin goone dhowwe; innis akka warri bishaan daakuu dandaʼan duraan dursanii doonii irraa utaalanii gara lafaatti baʼan ajaje.
កិន្តុ ឝតសេនាបតិះ បៅលំ រក្ឞិតុំ ប្រយត្នំ ក្ឫត្វា តាន៑ តច្ចេឞ្ដាយា និវត៌្យ ឥត្យាទិឞ្ដវាន៑, យេ ពាហុតរណំ ជានន្តិ តេៜគ្រេ ប្រោល្លម្ប្យ សមុទ្រេ បតិត្វា ពាហុភិស្តីត៌្ត្វា កូលំ យាន្តុ។
44 Akka warri hafan immoo saanqaa yookaan caccabaa dooniitiin achi gaʼan ajaje; haala kanaan hundi isaanii nagaan lafatti baʼan.
អបរម៑ អវឝិឞ្ដា ជនាះ កាឞ្ឋំ បោតីយំ ទ្រវ្យំ វា យេន យត៑ ប្រាប្យតេ តទវលម្ព្យ យាន្តុ; ឥត្ថំ សវ៌្វេ ភូមិំ ប្រាប្យ ប្រាណៃ រ្ជីវិតាះ។

< Hojii 27 >