< Hojii 27 >
1 Yommuu dooniin Iixaaliyaa dhaquun keenya murteeffametti, Phaawulosii fi warri hidhaman biraa ajajaa dhibbaa kan Yuuliyoos jedhamu tokkotti dabarfamanii kennaman; innis miseensa kutaa waraanaa “Awugisxoos” jedhamu tokkoo ture.
Sa ta hem tidi dusa u italiya, wa witi duru Bulus nan aye adesa a kurso we nan Bulus atari ti urunu udang nizame agi juliyas, unu ubataliya Agustas.
2 Nus doonii Adraamiixoosii kaʼee gara buufatawwan doonii kanneen qarqara galaana biyya Asiyaa dhaquuf kaʼe tokko yaabbannee deemuu jalqabne. Arisxirokoos namichi Maqedooniyaa kan Tasaloniiqee jiraatu tokkos nu wajjin ture.
Ti ribe uzirigi ume, adramatiya, uge sa wazi uguna udi hiri uhana upuru uraba udang wa Asiya. Ti haa uraba udang. Aristakus unanu Tasalonika amakiduniya ma dusa nan haru.
3 Guyyaa itti aanutti Siidoonaatti galle; Yuuliyoosis Phaawulosiif garaa laafee akka inni michoota isaa bira dhaqee waan isa barbaachisu argatu eeyyameef.
Sa ahira asana ti tu anipin nu sidom, ahira gebasa Juliyas ma bezi Bulus uhem ni ma kuri ma hem aroni ameme wa tasi me barki wa hiri me.
4 Nus dooniin achii kaanee waan bubbeen fuula keenya duraan nutti bubbisaa tureef Qophiroosiin daʼannee dabarre.
Ahira me, ta tarsi uraba udang ti dusa uhana u kuburus, barki upebu udandang sa wa raa aje aru.
5 Erga galaana Kiilqiyaa fi Phamfiliyaa irra dooniin darbinee booddee magaalaa Miiraa kan Luuqiiyaa keessatti argamtu geenye.
Sata kafa amei uhana uwatu ukilikiya Bampaliya, ti ē umira anipin nu lisiya.
6 Ajajaan dhibbaa sunis doonii Iskindiriyaa kan Iixaaliyaa dhaquutti jiru tokko achitti argatee nu yaabbachiise.
Abibi me, unu udang me ma kem uzirigi umei u Iskanriya ugesa uhaza italiya, ma wuna duru anyimo me.
7 Nus guyyaa hedduu suuta jennee dooniin deemnee rakkinaan naannoo Kiniidoos geenye; yommuu bubbeen karaa sana irra darbuu nu dhowwettis Salmoonee biraan gara daʼoo Qareexitti qajeelle.
Niye nan tiye ti zi ni tanu seke u hana adumo tanu me ti cukuno duru dusi iwono ti ka tino upuru u sini dus upebu u karti duru tanu, ti wata u karita, upuru salmina.
8 Rakkina guddaadhaanis qarqara galaanichaa irra darbinee iddoo “Buufata doonii gaarii” jedhamu kan magaalaa Laasiyaa biraa tokkotti baane.
In nirere ta tarsi u makurda ini ijasi at ē are ahira sa agusan ani ahira ugua uhuma a rā mamu nan nipin nu lasiya.
9 Yeroon dheeraan badeera; sababii yeroon sun erga Soomni darbee taʼeef dooniidhaan karaa deemuun sodaachisaa taʼeera; kanaafuu Phaawulos akkana jedhee isaan akeekkachiise;
A'ane me ta zika uganiya ujoko, uganya uzatu are imumare ima yahudawa wa aka, tanu tiru ta de anyimo ijasi. Bulus ma nyinzi we tize.
10 “Yaa jarana, ani akka karaan keenya kun badiisa of keessaa qabu, akka inni doonichattii fi miʼa qofatti utuu hin taʼin jireenya keenyatti illee balaa guddaa fiduuf deemu nan arga.”
Magu, anabu tanu tiru me tidi cukuno duru in ti cari nan udira abanga gbanrdang, da si ahira ucira uzirgi cas ba nan ace aru me.
11 Ajajaan dhibbaa sun garuu qooda waan Phaawulos jedhe dhagaʼu gorsa ooftuu dooniitii fi gorsa abbaa doonii fudhate.
Unu udang mateki unu kunna unaje ameme nan unu zirgi umei me, pit nan imum me sa Bulus ma buki.
12 Sababii buufanni doonii sun ganna achi turuuf mijaaʼaa hin taʼiniif baayʼeen isaanii Finiiqeetti galanii ganna achitti dabarsuu abdatanii akka nu ittuma fufnee dooniin deemnu murteessan. Buufanni Qareexi kun fuulli isaa gara kibba dhiʼaattii fi gara kaaba dhiʼaatti deebiʼee ture.
Barki ahira me ada runta ticukum ba. Maro gbardang wa gamirka agi aceki ahira me, ingi idi wu ti biki nipin ni Finikiya, barki ti venke abini me. Ufinikiya ahira uribize amazirigi ma mei ukarita, u hira u arewa uhana anaza nan ukudu uhana anaza.
13 Yeroo bubbeen kibbaa suuta bubbisuu jalqabetti waan kaayyoo isaanii guutachuu dandaʼan seʼanii hiituu doonii hiikanii Qareexi biraan qarqara galaana irra darban.
Sa upebu wa hira usuro ukudu wa hure sekr, wa gusi agi imum me ya wuna. Ba wa hunugko nizin nu zirigi umei me wa tarsi ukarita upuru upingaru.
14 Utuu hin turinis bubbeen hamaan, “Awuraaqiis” jedhamu tokko biyya bishaaniin marfamte sana irraa gad bubbise.
Sa ku ganiya ka aka akem unani kara ni gino me sa agusan me kurokilidon, ma tuba utira uru u zalang.
15 Dooniin sunis bubbeedhaan qabamee gara bubbee sanaatti deemuu dadhabe; kanaafuu akka inni bubbeen fudhatamuuf ittuma dhiifne.
Sa uzirigi umei da wa sisizikime uhira upebu me, ti tarsi uwatu me sa upebu me u hazani.
16 Nus biyya bishaaniin marfamte xinnoo Qeedaa jedhamtu tokkoon daʼannee rakkina guddaadhaan bidiruu doonichaa oolchuu dandeenye.
Ba ti tarsi ahira me sa tidi kem ubenki ni upru ure uzalang sa agusan in uni ukauda; In nirere ta tiri uzirigi ku cin me anipu nudan me.
17 Namoonni sunis bidiruu sana dooniitti ol baasanii akka dooniin sun gargar hin diigamneef funyoon xaxanii walitti hidhan. Isaanis tima cirracha Sirtiisitti buʼuu sodaatanii hiituu doonii galaanatti gad buusanii akka dooniin sun bubbeen oofamtuuf ittuma dhiisan.
Sa wa nyeze uni, wa wuzi katuma inti zin wa tiri uzirigi meni barki usum kati urizi aseseri ubikiki bu sirtis, wa ceki uziirigi me unu gido uwe.
18 Waan bubbeen sun akka malee nutti jabaachaa deemeef isaan guyyaa itti aanutti doonii sana irraa feʼiisa guuranii bishaanitti dadarbachuu jalqaban.
Ta wuzi nirere inti wiri da cin ba, sa ahira asana runga ti uzirigi me.
19 Guyyaa sadaffaatti immoo miʼa doonii sanaa harkuma ofii isaaniitiin dadarbatan.
Uwui utaru, ana katuma ku uzirigi wa vengizi ti runga sa ta rā uzirigi tari tuwe.
20 Nu waan utuu aduu yookaan urjii hin argin guyyaa hedduu turree fi waan bubbeen nutti jabaateef dhuma irratti abdii badiisa ooluuf qabnu hunda ni kutanne.
Tiye gbardang da ta ira masaa mu uwui nan mi iwiran aseseri aru. ni wiri ni dandang mini cas na zinu nu tira uru, vat ta kari mu riba tidi kafa.
21 Phaawulosis erga namoonni sun agabuu isaanii yeroo dheeraa turanii booddee gidduu isaanii dhaabatee akkana jedhe; “Yaa jarana, isin utuu gorsa koo dhageessanii Qareexii kaʼuu hin qabdan ture; silaa balaa fi badiisa kana hundumaa irraa of oolchitu turtan.
Sa wa dondokino da wa rē imumare ba, ba Bulus ma hiri aje ana katuma ku zirigi magu, anabu, sa ikunani mi, data hiri ukarita ba, sa tidi iri ti cari ti geme nan udira.
22 Amma garuu ani akka isin jabaattan isinan gorsa; doonicha malee isin keessaa lubbuun nama tokkoo iyyuu hin baduutii.
Aname in nasa shi mu riba wuzani iriba ihu, barki ba desa madi diri nice numeme anyimo ashi, uzirigi uni cas adi diri.
23 Ergamaan Waaqa ani kan isaa taʼee fi isa tajaajilu sanaa tokko eda dhufee na cina dhaabatee,
Barki niye sa na aki bi be bi kadura ka Asere desa mi ume mani, desa in zin inirere barki me-bi be bikadura ma tunnu upuru um.
24 ‘Yaa Phaawulos, hin sodaatin; ati Qeesaar dura dhaabachuu qabdaatii; kunoo, Waaqni warra si wajjin deemaa jiran hunda gaarummaa isaatiin sitti kenneera’ naan jedhe.
Magu, ''kati u kunna biyau ba, ulus, udi udi tunno aje akaisara ahu anime, ukuri u iri, Asere anyimo ugogoni umeme ma nyawe vat imum sa i haka nan hu.
25 Kanaaf yaa jarana jabaadhaa! Ani akka wanni kun akkuma natti himame sana taʼu Waaqa nan amanaatii.
Barki ani anadu, wuzani iriba ihu, barki ma hem in Asere, kasi sa abukum ane ani imumme idi cukuno.
26 Taʼus biyya bishaaniin marfamte tokkotti buʼuun keenya hin oolu.”
Adi vingi duru a ure uzalang aharu anime.
27 Halkan kudha afuraffaatti utuu galaana Adiriyaa irra asii fi achi oofamaa jirruu gara halkan walakkaatti warri doonii irra hojjetan sun waan gara lafaatti dhiʼaatan seʼan.
In niye nu kirau in ka nazi nza aye, azisi un tuburo uru aba nan abini anyimo uraba udang u Adriyat, ina ti aniye, ana katuma ku zirigi wa gusi agi wa aye mamu nan nire nipin.
28 Isaan funyoo ittiin gad fageenya galaanaa ilaalan gad buusanii akka galaanni sun meetira soddomii torba gad fagaatu argan; yeroo gabaabaa booddee ammas funyoo sana gad buusanii akka gad fageenyi galaanichaa meetira digdamii saddeet taʼe argan.
Sa wa batan duru wa kem ta biku anu akura are, sa kuganiya ka aka cin wa kuri wa batin duru wakem haru ukurau in nanu ucibi.
29 Isaanis kattaatti buuna jedhanii sodaatanii hiituu doonii afur dugda duubaan doonii irraa gad buusan. Akka lafti bariituufis kadhatan.
Biyau bi meki we nan adi vengi duru aseseri apo, ba wa ningi nizin nu nazi adumo uzirigi me.
30 Warri doonii irra hojjetanis bidiruu keessaa baqachuuf jedhanii waan fuula doonii duraan hiituu doonii buusan fakkaatanii bidiruu sana galaana keessa buusan.
Ana katuma ku zirigi une, umei me wa zin unu, nyara una wadi ceki uzirige me wa kuri wa vingi sa wadi me anyimo uraba udang. Wa ku gusi wadi reki tire tizin in na aje uzirigi me.
31 Phaawulos immoo ajajaa dhibbaatii fi loltootaan, “Yoo namoonni kunneen doonii keessatti hafan malee isin badii ooluu hin dandeessan” jedhe.
Ba Bulus magu unani kara nini kono, ''ingi anu ageme wada tunno me anyimo uzirigi me ba ida kafa shi ba.''
32 Kanaafuu loltoonni sun funyoo bidirichi ittiin hidhamee ture sana irraa kutanii galaanatti gad ishee dhiisan.
Anu udang ati kara wa tassi nizin nu zirigime umei me wa ceki uni urizi.
33 Gara barii lafaattis Phaawulos akka namoonni hundinuu waa nyaataniif isaan kadhate; akkanas jedheen; “Isin bultii kudha afran darban yaaddaʼaa, utuu waa tokko illee hin nyaatin agabuu keessan ooltanii bultaniirtu.
Sa ahira atuba ussana, Bulus ma riki we vat wa donkino ke mumare, magu, ''kani tiye ukerau ni ti nazi da ta rē imumare ba.
34 Kanaaf ani akka isin waa nyaattaniif isin kadhadha. Nyaanni jiraachuuf isin barbaachisaatii. Isin keessaa nama kam iyyuu rifeensa mataa isaa keessaa tokko iyyuu hin baduutii.”
Barkianime magu nan shi re ni imumare, wani me barki nihuma nishenini, nice ni inde nishi me ida niniba.
35 Innis erga waan kana dubbatee booddee buddeena fuudhee hunduma isaanii duratti Waaqa galateeffate; kutatees nyaachuu jalqabe.
Sa ma buka anime maziki ugurasa me magu Asere jankai aje akonda vi, bama posi ugurasa me ma tuba arame.
36 Isaan hundinuu jajjabaatanii ofumaan waa nyaatan.
Vat uwe wa kunna shew amuriba muweme wa tunguno are imumare.
37 Walumatti nu nama 276 taanee doonii sana keessa ture.
Haru anu akuri are in nanu akuri usunare inutasi sa ta zi anyimo uzirigime.
38 Isaanis erga nyaatanii quufanii booddee qamadii feʼamee ture sana galaanatti naqanii akka dooniin salphatu godhan.
Sa wa rē wa tiyu, wa kpunko i alkama me anyimo uraba udang barki wa kaska ugitak uzirigime.
39 Isaanis yommuu lafti bariitetti galoo galaanaa kan kuufama cirrachaa qabu tokko argan malee biyyi fuula isaanii dura jiru sun eessa akka taʼe hin hubanne; doonii sanas yoo isaanii dandaʼame dhiibanii qarqara galaanaatti baasuu murteessan.
Sa ahira asana, wa tinka nipin me ba, wa iri ure ugbikubigaru, wa gamirka tizze ace aweme nani wa tuburko uzirigime uhana upingaru ugbik me.
40 Kanaafuu funyoo hiituu doonii kutanii galaana keessatti gad dhiisan; yeruma sana funyoo batoon ittiin hidhame sana hiikan; ergasiis sharaa karaa fuula doonii duraan jiru sana qilleensatti ol fuudhanii gara kuufama cirrachaatti qajeelan.
Ba wa tazi tizin me wa ceki tini anyimo uraba udang me. Anyimo uganiya u inde wa sopisi tizin sa ti gamara uzirigime, ceki mabeze ma bi tini uzirigi me madusa uhana upingaro u raba udang.
41 Garuu dooniin sun iddoo itti galaanni lama wal gaʼutti tima cirrachaatti buʼee lafa tuqe. Mataan isaa achitti qabamee sochoʼuu dide; dudga duubni isaa immoo humna dhaʼaa galaanaatiin dhaʼamee caccabe.
Sa wa biki ahira sa mei kare magurnani, ba u zirigi me u tunno adizi. Anaje uzirigime aribe abi jamarki abini me, usezirke uka zome ba, azumo umesi azumome atubi upusa barki iranza i'barka i mei.
42 Loltoonnis akka warra hidhaman sana keessaa namni tokko iyyuu bishaan daakee baqatee jalaa hin baaneef isaan ajjeesuuf karoorfatan.
Ana nikara niti kara ti mayanga wanu barka agi wadi huzi adesa a impoo we barki kati wa kafa wa sumi.
43 Garuu ajajaan dhibbaa sun waan Phaawulosin duʼa oolchuu fedheef akka isaan waan karoorfatan sana hin goone dhowwe; innis akka warri bishaan daakuu dandaʼan duraan dursanii doonii irraa utaalanii gara lafaatti baʼan ajaje.
Me unu udang me ma nyari ma buri Bulus, ba turi imum be sa wanu barka, ma nya tize magu, vat desa ma rusa mei ca ma hinna ma kafa uhana upingaru.
44 Akka warri hafan immoo saanqaa yookaan caccabaa dooniitiin achi gaʼan ajaje; haala kanaan hundi isaanii nagaan lafatti baʼan.
Ahana aruma wadi ku tarsi in nadumo, aye aseseri a makatako anyimo uzirigi me. Ane ani vat uru ta kafa anyimo upingaru.