< Hojii 25 >

1 Fesxoosis biyya sana gaʼee guyyaa sadii booddee Qiisaariyaadhaa Yerusaalemitti ol baʼe;
Φῆστος οὖν ἐπιβὰς τῇ ἐπαρχείῳ μετὰ τρεῖς ἡμέρας ἀνέβη εἰς Ἱεροσόλυμα ἀπὸ Καισαρίας,
2 achittis luboonni hangafoonnii fi dura buʼoonni Yihuudootaa fuula isaa duratti dhiʼaatanii himata Phaawulos irraa qaban dhiʼeeffatan.
ἐνεφάνισάν τε αὐτῷ οἱ ἀρχιερεῖς καὶ οἱ πρῶτοι τῶν Ἰουδαίων κατὰ τοῦ Παύλου, καὶ παρεκάλουν αὐτὸν
3 Isaanis waan karaatti riphanii Phaawulosin ajjeesuuf qophaaʼaa turaniif akka Fesxoos isaan deeggaree nama ergee gara Yerusaalem isa fichisiisu kadhatan.
αἰτούμενοι χάριν κατ’ αὐτοῦ ὅπως μεταπέμψηται αὐτὸν εἰς Ἱερουσαλήμ, ἐνέδραν ποιοῦντες ἀνελεῖν αὐτὸν κατὰ τὴν ὁδόν.
4 Fesxoos immoo akkana jedhee deebise; “Phaawulos Qiisaariyaatti eegamaa jira; ani mataan koo iyyuu dhiʼeenyatti achi nan dhaqa.
ὁ μὲν οὖν Φῆστος ἀπεκρίθη τηρεῖσθαι τὸν Παῦλον εἰς Καισάριαν, ἑαυτὸν δὲ μέλλειν ἐν τάχει ἐκπορεύεσθαι·
5 Kanaafuu abbootii taayitaa keessan keessaa tokko tokko na wajjin deemanii yoo namichi sun balleessaa wayii qabaate achitti isa haa himatan.”
οἱ οὖν ἐν ὑμῖν, φησίν, δυνατοὶ συνκαταβάντες εἴ τί ἐστιν ἐν τῷ ἀνδρὶ ἄτοπον κατηγορείτωσαν αὐτοῦ.
6 Innis erga guyyaa saddeeti yookaan kudhan isaan bira bubbulee booddee Qiisaariyaatti gad buʼe; guyyaa itti aanuttis barcuma murtii irra taaʼee akka Phaawulos fuula isaa duratti dhiʼeeffamu ajaje.
διατρίψας δὲ ἐν αὐτοῖς ἡμέρας οὐ πλείους ὀκτὼ ἢ δέκα, καταβὰς εἰς Καισάριαν, τῇ ἐπαύριον καθίσας ἐπὶ τοῦ βήματος ἐκέλευσεν τὸν Παῦλον ἀχθῆναι.
7 Yommuu Phaawulos dhiʼaatettis Yihuudoonni Yerusaalemii gad buʼan sun isatti naannaʼanii dhaabachuun himata ciccimaa hedduu isa irratti dhiʼeessan; garuu amansiisuu hin dandeenye.
παραγενομένου δὲ αὐτοῦ περιέστησαν αὐτὸν οἱ ἀπὸ Ἱεροσολύμων καταβεβηκότες Ἰουδαῖοι, πολλὰ καὶ βαρέα αἰτιώματα καταφέροντες ἃ οὐκ ἴσχυον ἀποδεῖξαι,
8 Phaawulosis, “Ani seera Yihuudootaa irratti yookaan mana qulqullummaa irratti yookaan Qeesaar irratti yakka tokko illee hin hojjenne” jedhee falmate.
τοῦ Παύλου ἀπολογουμένου ὅτι οὔτε εἰς τὸν νόμον τῶν Ἰουδαίων οὔτε εἰς τὸ ἱερὸν οὔτε εἰς Καίσαρά τι ἥμαρτον.
9 Fesxoosis Yihuudoota gammachiisuuf jedhee Phaawulosiin, “Ati Yerusaalemitti ol baatee himata kana irratti fuula koo duratti qoratamuu ni feetaa?” jedhe.
ὁ Φῆστος δὲ θέλων τοῖς Ἰουδαίοις χάριν καταθέσθαι ἀποκριθεὶς τῷ Παύλῳ εἶπεν, θέλεις εἰς Ἱεροσόλυμα ἀναβὰς ἐκεῖ περὶ τούτων κριθῆναι ἐπ’ ἐμοῦ;
10 Phaawulos garuu akkana jedhee deebise; “Ani amma barcuma murtii Qeesaar dura, iddoo itti qoratamuu qabu dhaabadheen jira; akkuma ati mataan kee iyyuu sirriitti beektu ani yakka tokko illee Yihuudoota irratti hin hojjenne.
εἶπεν δὲ ὁ Παῦλος· ἑστὼς ἐπὶ τοῦ βήματος Καίσαρός εἰμι, οὗ με δεῖ κρίνεσθαι. Ἰουδαίους οὐδὲν ἠδίκηκα, ὡς καὶ σὺ κάλλιον ἐπιγινώσκεις.
11 Taʼus ani utuu balleessaa duʼa natti mursiisu tokko illee hojjedhee silaa duʼa jalaa baʼuuf hin carraaqu; garuu yoo wanni Yihuudoonni kunneen ittiin na himatan dhugaa hin taʼin, namni tokko iyyuu dabarsee harka isaaniitti na kennuuf mirga hin qabu. Ani Qeesaaritti oli nan iyyadha!”
εἰ μὲν οὖν ἀδικῶ καὶ ἄξιον θανάτου πέπραχά τι, οὐ παραιτοῦμαι τὸ ἀποθανεῖν· εἰ δὲ οὐδέν ἐστιν ὧν οὗτοι κατηγοροῦσίν μου, οὐδείς με δύναται αὐτοῖς χαρίσασθαι· Καίσαρα ἐπικαλοῦμαι.
12 Fesxoosis erga gorsitoota isaa wajjin mariʼatee booddee, “Ati Qeesaaritti ol iyyatteerta; gara Qeesaar ni dhaqxa!” jedhe.
τότε ὁ Φῆστος συνλαλήσας μετὰ τοῦ συμβουλίου ἀπεκρίθη, Καίσαρα ἐπικέκλησαι, ἐπὶ Καίσαρα πορεύσῃ.
13 Bultii muraasa booddee Agriiphaa mootichii fi Barniiqeen Fesxoos simachuuf Qiisaariyaa dhaqan.
Ἡμερῶν δὲ διαγενομένων τινῶν Ἀγρίππας ὁ βασιλεὺς καὶ Βερνίκη κατήντησαν εἰς Καισάριαν ἀσπασάμενοι τὸν Φῆστον.
14 Fesxoosis isaan guyyaa hedduu achi bubbullaan akkana jedhee waaʼee himata Phaawulos mooticha wajjin dubbate; “Namichi Feeliksi mana hidhaa keessatti dhiisee deeme tokko as jira.
ὡς δὲ πλείους ἡμέρας διέτριβον ἐκεῖ, ὁ Φῆστος τῷ βασιλεῖ ἀνέθετο τὰ κατὰ τὸν Παῦλον λέγων, ἀνήρ τίς ἐστιν καταλελειμμένος ὑπὸ Φήλικος δέσμιος,
15 Yeroo ani Yerusaalem turetti luboonni hangafoonnii fi maanguddoonni Yihuudootaa isa himatanii akka itti muramu kadhatan.
περὶ οὗ γενομένου μου εἰς Ἱεροσόλυμα ἐνεφάνισαν οἱ ἀρχιερεῖς καὶ οἱ πρεσβύτεροι τῶν Ἰουδαίων, αἰτούμενοι κατ’ αὐτοῦ καταδίκην·
16 “Anis akka namni kam iyyuu akka seera biyya Roomaatti utuu fuula himattoota isaa duratti dhiʼaatee himata sana mormachuuf carraa hin argatin dabarfamee kennamuu hin qabne isaanitti himeera.
πρὸς οὓς ἀπεκρίθην ὅτι οὐκ ἔστιν ἔθος Ῥωμαίοις χαρίζεσθαί τινα ἄνθρωπον πρὶν ἢ ὁ κατηγορούμενος κατὰ πρόσωπον ἔχοι τοὺς κατηγόρους τόπον τε ἀπολογίας λάβοι περὶ τοῦ ἐγκλήματος.
17 Kanaafuu ani yommuu isaan na wajjin as dhufanitti barcuma murtii irra taaʼeen akka namicha natti fidan ajaje malee dubbii sana lafa irra hin harkifne.
συνελθόντων οὖν αὐτῶν ἐνθάδε ἀναβολὴν μηδεμίαν ποιησάμενος τῇ ἑξῆς καθίσας ἐπὶ τοῦ βήματος ἐκέλευσα ἀχθῆναι τὸν ἄνδρα·
18 Himattoonni isaas yommuu dubbachuuf kaʼanitti yakka ani ittiin isa himatu jedhee eege keessaa tokko illee isa irratti hin dhiʼeessine.
περὶ οὗ σταθέντες οἱ κατήγοροι οὐδεμίαν αἰτίαν ἔφερον ὧν ἐγὼ ὑπενόουν πονηράν,
19 Garuu isaan waaʼee amantaa isaaniitii fi waaʼee namicha duʼe kan Yesuus jedhamu isa Phaawulos immoo, ‘Inni jiraataa dha’ jedhee falmuu tokkoo irratti wal dhaban.
ζητήματα δέ τινα περὶ τῆς ἰδίας δεισιδαιμονίας εἶχον πρὸς αὐτὸν καὶ περί τινος Ἰησοῦ τεθνηκότος, ὃν ἔφασκεν ὁ Παῦλος ζῆν.
20 Anis akka itti dubbii sana qoradhu wallaale; kanaaf inni Yerusaalem dhaqee himata kana irratti qoratamuuf fedhii qabuu fi akka inni hin qabne isa gaafadhe.
ἀπορούμενος δὲ ἐγὼ τὴν περὶ τούτων ζήτησιν ἔλεγον εἰ βούλοιτο πορεύεσθαι εἰς Ἱεροσόλυμα κἀκεῖ κρίνεσθαι περὶ τούτων.
21 Garuu yommuu Phaawulos murtii Awugisxoos Qeesaar argachuuf jedhee turfamuu kadhatetti ani akka inni hamma ani Qeesaaritti isa ergutti eegamu nan ajaje.”
τοῦ δὲ Παύλου ἐπικαλεσαμένου τηρηθῆναι αὐτὸν εἰς τὴν τοῦ Σεβαστοῦ διάγνωσιν, ἐκέλευσα τηρεῖσθαι αὐτὸν ἕως οὗ ἀναπέμψω αὐτὸν πρὸς Καίσαρα.
22 Agriiphaanis Fesxoosiin, “Ani mataan koo namicha kana dhagaʼuu nan barbaada” jedhe. Inni immoo deebisee, “Bori isa dhageessa” jedheen.
Ἀγρίππας δὲ πρὸς τὸν Φῆστον, ἐβουλόμην καὶ αὐτὸς τοῦ ἀνθρώπου ἀκοῦσαι. αὔριον, φησίν, ἀκούσῃ αὐτοῦ.
23 Guyyaa itti aanuttis Agriiphaa fi Barniiqeen ulfina guddaan dhufanii Ajajjuuwwan kumaatii fi gurguddoota magaalaa wajjin galma wal gaʼii seenan. Fesxoos ajajnaan Phaawulosin ol galchan.
Τῇ οὖν ἐπαύριον ἐλθόντος τοῦ Ἀγρίππα καὶ τῆς Βερνίκης μετὰ πολλῆς φαντασίας καὶ εἰσελθόντων εἰς τὸ ἀκροατήριον σύν τε χιλιάρχοις καὶ ἀνδράσιν τοῖς κατ’ ἐξοχὴν τῆς πόλεως, καὶ κελεύσαντος τοῦ Φήστου ἤχθη ὁ Παῦλος.
24 Fesxoosis akkana jedhe; “Yaa Agriiphaa mooticha, warri nu wajjin as jirtan hundinuus isin namicha kana ni argitu! Hawaasni Yihuudootaa guutummaatti, ‘Namichi kun siʼachi jiraachuu hin qabu’ jedhanii waaʼee isaa Yerusaalemittii fi as Qiisaariyaatti iyyanii na kadhatan.
καί φησιν ὁ Φῆστος· Ἀγρίππα βασιλεῦ καὶ πάντες οἱ συνπαρόντες ἡμῖν ἄνδρες, θεωρεῖτε τοῦτον περὶ οὗ ἅπαν τὸ πλῆθος τῶν Ἰουδαίων ἐνέτυχόν μοι ἔν τε Ἱεροσολύμοις καὶ ἐνθάδε, βοῶντες μὴ δεῖν αὐτὸν ζῆν μηκέτι.
25 Ani waan duʼaan isa gaʼu kan inni hojjete tokko illee hin argine; ani garuu sababii inni Awugisxoositti ol iyyateef gara Roomaatti isa erguu nan murteesse.
ἐγὼ δὲ κατελαβόμην μηδὲν ἄξιον αὐτὸν θανάτου πεπραχέναι, αὐτοῦ δὲ τούτου ἐπικαλεσαμένου τὸν Σεβαστὸν ἔκρινα πέμπειν.
26 Ani waaʼee namicha kanaa waan ifatti baʼe kan gooftaa kootiif barreessu tokko illee hin qabu; kanaafuu ani erga isa qorannee booddee akka waan barreessu argadhuuf jedhee fuula hunda keessanii duratti, keessumattuu yaa Agriiphaa mooticha, fuula kee duratti isa dhiʼeesseera.
περὶ οὗ ἀσφαλές τι γράψαι τῷ κυρίῳ οὐκ ἔχω· διὸ προήγαγον αὐτὸν ἐφ’ ὑμῶν καὶ μάλιστα ἐπὶ σοῦ, βασιλεῦ Ἀγρίππα, ὅπως τῆς ἀνακρίσεως γενομένης σχῶ τί γράψω·
27 Ani nama hidhame tokko utuu waan inni ittiin himatame ifatti hin baasin ol dabarsuu qajeela hin seʼuutii.”
ἄλογον γάρ μοι δοκεῖ πέμποντα δέσμιον μὴ καὶ τὰς κατ’ αὐτοῦ αἰτίας σημᾶναι.

< Hojii 25 >