< Hojii 24 >

1 Guyyaa shan booddee Anaaniyaas lubni ol aanaan maanguddoota tokko tokkoo fi abukaattoo Xerxuloos jedhamu tokko wajjin Qiisaariyaatti gad buʼe; isaanis waan ittiin Phaawulosin himatan bulchaa duratti dhiʼeeffatan.
五天,大司祭阿納尼雅同幾個長老和一個名叫特爾突羅的律師下來,向總督控告保祿。
2 Yommuu Phaawulos waamamee ol galetti, Xerxuloos akkana jedhee himata isaa Feeliksi duratti dhiʼeeffate; “Yaa Feeliksi kabajamaa, nu bara kee keessa yeroo dheeraa nagaan jiraanneera; ogummaan kees saba kanaaf geeddarama fideera.
保祿被傳來後,特爾突羅便開始控告說:「斐理斯大人!因了你,我們纔得大享太平,由於你的照料,這民族得了改善:
3 Yaa Feeliksi kabajamaa, nu waan kana karaa hundumaa fi iddoo hundatti galata guddaadhaan ni fudhanna.
這是我們時時處處感激不盡的。
4 Garuu ani akka hammana irra si hin dadhabsiifneef akka ati gabaabumatti gara laafinaan nu dhageessu sin kadhadha.
但為了不多耽誤你的時間,我請求你發仁慈,略聽我們片刻。
5 “Nu akka namichi kun dhukkuba hamaa taʼee Yihuudoota addunyaa guutuu irra jiran hunda keessatti goolii kaasaa jiru argineerra. Inni hoogganaa garee Naazirootaa ti.
我們查出這人實在是個危險人物。他鼓動天下的一切猶太人作亂,又是納匝肋教派的魁首。
6 Inni mana qulqullummaa iyyuu xureessuu yaaleera; nu immoo akka seera keenyaatti itti muruuf jennee isa qabne. [
他還企圖褻瀆聖殿,我們便把他抓住了。【本想按我們的法律來審判他,
7 Garuu Luusiyoos ajajaan kumaa sun dhufee humna guddaan harka keenya keessaa isa baase; akka himattoonni isaa fuula kee duratti dhiʼaatanis ni ajaje.]
可是千夫長里息雅趕到,以武力將他從我們手中奪去,
8 Ati mataan kee iyyuu isa qoruudhaan waaʼee waan nu isa himannu kanaa hunda beekuu ni dandeessa.”
命令控告他的人,到你這裏來。】你問問他,便可知道我們控告這人的一切事是真的了。」
9 Yihuudoonnis akka dubbiin kun dhugaa taʼe mirkaneessanii himata sana deeggaran.
猶太人也一起附和,肯定事情確是如此。
10 Phaawulosis yommuu bulchaan sun akka inni dubbatuuf harkaan mallattoo kenneefitti akkana jedhee deebii kenne; “Ani waan akka ati waggoota hedduuf abbaa murtii saba kanaa taate beekuuf falmii koo gammachuudhaan nan dhiʼeeffadha.
總督示意叫保祿說話,保祿便回答說:「我知道你多年以來,就作這民族的判官,所以我可放心為我自己的事作辯護。
11 Akkuma ati rakkoo malee mirkaneeffachuu dandeessu ani waaqeffachuuf jedhee Yerusaalemitti ol baʼuun koo guyyaa kudha lama hin caalu.
你能夠查知:自從我上耶路撒冷來朝拜,到現在還不過十二天。
12 Warri na himatan kun anaa mana qulqullummaa keessatti yookaan manneen sagadaa keessatti yookaan magaalaa keessatti nama tokkoon illee falmu yookaan uummata kakaasu na hin arganne.
他們在聖殿裏,或在會堂裏,或在城內,沒有看見我同什麼人爭論,或集合過群眾。
13 Isaan waan amma ittiin na himachaa jiran kanas siif mirkaneessuu hin dandaʼan.
對於他們現在控告我的事,他們也不能向你證明。
14 Taʼus ani akka nama karaa isaan garee mormitootaa jedhaniin sana duukaa buʼu tokkootti akka Waaqa abbootii keenyaa waaqeffadhu fuula kee duratti nan amana. Waan seera Museetiin walii galuu fi waan kitaabota raajotaa keessatti barreeffame hundas nan amana.
但是有一點,我卻向你承認:就是我確是依照他們所稱為異端的道,事奉祖先的天主;凡合乎法律及先知書上所記載的一切,我都相信。
15 Anis akkuma jara kanaa akka duʼaa kaʼuun qajeeltotaatii fi hamootaa jiraatu Waaqa nan abdadha.
我對天主所有的希望,也是他們自己所期待的,就是義人及不義的人將要復活。
16 Kanaafuu ani akka yeroo hunda Waaqaa fi nama duratti yaada qulqulluu qabaadhu nan tattaaffadha.
因此,我自己勉力,對天主對人時常保持良心無愧。
17 “Anis bara baayʼee hiyyeeyyii saba kootiitiif gargaarsa kennuuf, Waaqaafis aarsaa dhiʼeessuuf jedhee Yerusaalem dhufe.
我離開耶路撒冷多年以後,纔回到那裏,是為賙濟我國人,並呈獻祭物。
18 Yeroo ani waan kana hojjechaa turettis isaan anaa qulqullaaʼee jiru mana qulqullummaa keessatti na argan. Tuunni tokko iyyuu na bira hin turre; anis goolii keessatti hin hirmaanne.
這期間,有人見我在聖殿裏行取潔禮,既沒有集眾,也沒有作亂。
19 Garuu Yihuudoonni biyya Asiyaa kanneen yoo waan ittiin na himatan tokko illee narraa qabaatan si duratti as dhiʼaatanii na himachuu malan tokko tokko jiru.
不過,只有幾個從亞細亞來的猶太人,他們若有告我的事,他們應該到你面前控告。
20 Yookaan warri as jiran kunneen yakka yeroo ani fuula Waldaa Yihuudootaa dura dhaabadhe sana narratti argan haa himan;
或者,如果這裏的這些人,見我站在公議會前有什麼不對,他們儘可提出;
21 waan ani yeroo fuula isaanii dura dhaabadhe sana iyyee, ‘Ani harʼa waaʼee duʼaa kaʼuu warra duʼanii irratti qoramuuf jedhee fuula keessan dura dhaabadheera’ jedhe tokkicha sana malee yoo jiraate haa himan.”
即使有,無非是為了我站在他們中間所喊的這一聲:為了死者的復活,我今天纔受你們審判。」
22 Feeliksi garuu waan waaʼee Karaa sanaa sirriitti beekuuf, “Ani gaafa Liisiiyaas ajajaan kumaa sun dhufutti dubbii keessan nan murteessa” jedhee yeroo biraatti dabarse.
斐理斯對於這道,既有比較確切的認識,便有意拖延,就對他們說:「等里息雅千夫長下來,我再審斷你們的事。」
23 Innis akka ajajaan dhibbaa sun Phaawulosin eegumsa jala tursu, garuu akka haala isaa itti furuu fi akka michoonni isaas waan isa barbaachisu kam iyyuu isaaf dhiʼeessan eeyyamuuf ajaje.
遂命百夫長看守保祿,要從寬待他,不要阻止他的近人來接濟他。
24 Feeliksis bultii muraasa booddee niitii isaa Diruusiilaa ishee Yihuudii turte wajjin dhufe; innis Phaawulosin waamsisee isaa waaʼee Kiristoos Yesuusitti amanuu dubbatu dhaggeeffate.
過了幾天,斐理斯和他的猶太籍妻子得魯息拉一起來到,就打發人叫保祿來,聽他講論有關信仰基督耶穌的道理。
25 Yommuu Phaawulos waaʼee qajeelummaa, waaʼee of qabuutii fi waaʼee murtii kan dhufuuf jiru sanaa dubbatetti Feeliksi sodaatee, “Ammaaf ni gaʼaatii deemi! Yommuu naa mijaaʼutti anuu sin waamsisaatii” jedhe.
保祿講論到公義、節操和將來的審判時,斐理斯害怕起來,便回答說:「現在你回去,等我得便,再叫你來。」
26 Yeroodhuma sanattis inni akka waan Phaawulos mattaʼaa isaaf kennuutti waan abdachaa tureef ammuma amma waamsisee isa wajjin haasaʼaa ture.
他同時也希望保祿給他些錢,因此,履次打發人叫他來和他談話。
27 Phoorqiyoos Fesxoos erga waggaan lama darbee booddee iddoo Feeliksi qabate; Feeliksis waan Yihuudoota gammachiisuu barbaadeef Phaawulosin manuma hidhaatti dhiise.
滿了兩年,頗爾基約斐斯托接了斐理斯的任;斐理斯願意向猶太人討好,就將保祿留在監裏。

< Hojii 24 >