< Hojii 23 >
1 Phaawulos xiyyeeffatee yaaʼii sana ilaalee, “Yaa obboloota ko, ani hamma guyyaa harʼaatti fuula Waaqaa dura yaada gaariidhaan jiraadheera” jedhe.
१पौलुस ने महासभा की ओर टकटकी लगाकर देखा, और कहा, “हे भाइयों, मैंने आज तक परमेश्वर के लिये बिलकुल सच्चे विवेक से जीवन बिताया है।”
2 Kana irratti Anaaniyaas lubni ol aanaan akka warri Phaawulos bira dhaabachaa turan sun afaan isaa keessa dhaʼan ajaje.
२हनन्याह महायाजक ने, उनको जो उसके पास खड़े थे, उसके मुँह पर थप्पड़ मारने की आज्ञा दी।
3 Phaawulosis deebisee, “Ati keenyan nooraa dibame, Waaqni si rukuta! Seeraan natti muruuf jettee achi teessee atumti mataan kee immoo akka ani dhaʼamu ajajuudhaan seera cabsitaa?” jedhe.
३तब पौलुस ने उससे कहा, “हे चूना फिरी हुई दीवार, परमेश्वर तुझे मारेगा। तू व्यवस्था के अनुसार मेरा न्याय करने को बैठा है, और फिर क्या व्यवस्था के विरुद्ध मुझे मारने की आज्ञा देता है?”
4 Warri Phaawulos bira dhaabachaa turanis; “Ati akkam luba Waaqaa ol aanaa tokko arrabsita?” jedhaniin.
४जो पास खड़े थे, उन्होंने कहा, “क्या तू परमेश्वर के महायाजक को बुरा-भला कहता है?”
5 Phaawulos immoo deebisee, “Yaa obboloota, ani akka inni lubicha ol aanaa taʼe hin beekne; ‘Waaʼee bulchaa saba keetii hamaa hin dubbatin’ jedhamee barreeffameeraatii” jedhe.
५पौलुस ने कहा, “हे भाइयों, मैं नहीं जानता था, कि यह महायाजक है; क्योंकि लिखा है, ‘अपने लोगों के प्रधान को बुरा न कह।’”
6 Phaawulos yommuu akka isaan keessaa garri tokko Saduuqota, garri kaan immoo Fariisota taʼan beeketti, “Yaa obboloota ko, ani Fariisicha ilma Fariisii ti. Ani sababii akka warri duʼan duʼaa kaʼan abdadhuuf qoramuuf dhiʼaadheera” jedhe.
६तब पौलुस ने यह जानकर, कि एक दल सदूकियों और दूसरा फरीसियों का है, महासभा में पुकारकर कहा, “हे भाइयों, मैं फरीसी और फरीसियों के वंश का हूँ, मरे हुओं की आशा और पुनरुत्थान के विषय में मेरा मुकद्दमा हो रहा है।”
7 Yommuu inni waan kana dubbatetti Fariisotaa fi Saduuqota gidduutti falmiin uumame; yaaʼiin sun gargar qoodame.
७जब उसने यह बात कही तो फरीसियों और सदूकियों में झगड़ा होने लगा; और सभा में फूट पड़ गई।
8 Saduuqonni, “Duʼaa kaʼuun hin jiru, ergamoonnis, hafuuronnis hin jiran” jedhu; Fariisonni garuu akka kunneen hundinuu jiran amanu.
८क्योंकि सदूकी तो यह कहते हैं, कि न पुनरुत्थान है, न स्वर्गदूत और न आत्मा है; परन्तु फरीसी इन सब को मानते हैं।
9 Wacni guddaanis uumame; barsiistonni seeraa tokko tokkos garee Fariisotaa keessaa kaʼanii, “Nu balleessaa tokko illee namicha kana irratti hin arganne; Hafuura yookaan ergamaa Waaqaatu isatti dubbate taʼinnaa?” jedhanii cimsanii dubbatan.
९तब बड़ा हल्ला मचा और कुछ शास्त्री जो फरीसियों के दल के थे, उठकर यह कहकर झगड़ने लगे, “हम इस मनुष्य में कुछ बुराई नहीं पाते; और यदि कोई आत्मा या स्वर्गदूत उससे बोला है तो फिर क्या?”
10 Ajajaan kumaa sunis yommuu falmiin jabaachaa deemetti jarri kun Phaawulosin cicciru jedhee sodaate. Kanaaf akka loltoonni dhaqanii humnaan achii isa fuudhanii qubata loltootaatti ol galchan ajaje.
१०जब बहुत झगड़ा हुआ, तो सैन्य-दल के सरदार ने इस डर से कि वे पौलुस के टुकड़े-टुकड़े न कर डालें, सैन्य-दल को आज्ञा दी कि उतरकर उसको उनके बीच में से जबरदस्ती निकालो, और गढ़ में ले आओ।
11 Gooftaanis halkan itti aanutti Phaawulositti mulʼatee, “Jabaadhu! Akkuma Yerusaalem keessatti waaʼee koo dhugaa baate sana Roomaa keessattis dhugaa baʼuu qabdaatii” jedheen.
११उसी रात प्रभु ने उसके पास आ खड़े होकर कहा, “हे पौलुस, धैर्य रख; क्योंकि जैसी तूने यरूशलेम में मेरी गवाही दी, वैसी ही तुझे रोम में भी गवाही देनी होगी।”
12 Yihuudoonni tokko tokko barii guyyaa itti aanuu mariʼatanii akka hamma Phaawulosin ajjeesanitti waa hin nyaanne yookaan waa hin dhugne walii kakatan.
१२जब दिन हुआ, तो यहूदियों ने एका किया, और शपथ खाई कि जब तक हम पौलुस को मार न डालें, यदि हम खाएँ या पीएँ तो हम पर धिक्कार।
13 Namoota afurtamaa oltu maree kana irratti hirmaate.
१३जिन्होंने यह शपथ खाई थी, वे चालीस जन से अधिक थे।
14 Isaanis gara luboota hangafootaatii fi gara maanguddootaa dhaqanii akkana jedhan; “Nu hamma Phaawulosin ajjeefnutti akka homaa afaaniin hin qabne jabeessinee kakanneerra.
१४उन्होंने प्रधान याजकों और प्राचीनों के पास आकर कहा, “हमने यह ठाना है कि जब तक हम पौलुस को मार न डालें, तब तक यदि कुछ भी खाएँ, तो हम पर धिक्कार है।
15 Kanaafuu isinii fi waldaan Yihuudootaa waan waaʼee Phaawulos sirriitti cimsitanii qorachuu barbaaddan fakkeessaatii akka ajajaan kumaa sun Phaawulosin gara keessanitti gad ergu kadhadhaa; nu utuu inni achi hin gaʼin isa ajjeesuuf qophoofneerraatii.”
१५इसलिए अब महासभा समेत सैन्य-दल के सरदार को समझाओ, कि उसे तुम्हारे पास ले आए, मानो कि तुम उसके विषय में और भी ठीक से जाँच करना चाहते हो, और हम उसके पहुँचने से पहले ही उसे मार डालने के लिये तैयार रहेंगे।”
16 Garuu ilmi obboleettii Phaawulos yommuu maree kana dhagaʼetti qubata loltootaatti ol galee Phaawulositti hime.
१६और पौलुस के भांजे ने सुना कि वे उसकी घात में हैं, तो गढ़ में जाकर पौलुस को सन्देश दिया।
17 Phaawulosis ajajjuuwwan dhibbaa keessaa nama tokko waamee, “Dargaggeessi kun waan isatti himu qabaatii mee ajajaa kumaatti isa geessi” jedheen.
१७पौलुस ने सूबेदारों में से एक को अपने पास बुलाकर कहा, “इस जवान को सैन्य-दल के सरदार के पास ले जाओ, यह उससे कुछ कहना चाहता है।”
18 Innis ajajaa kumaa sanatti isa geesse. Ajajaan dhibbaa sunis, “Phaawulos inni mana hidhaa jiru sun na waamsisee waan dargaggeessi kun waan sitti himu qabuuf akka ani isa sitti fidu na kadhate” jedheen.
१८अतः उसने उसको सैन्य-दल के सरदार के पास ले जाकर कहा, “बन्दी पौलुस ने मुझे बुलाकर विनती की, कि यह जवान सैन्य-दल के सरदार से कुछ कहना चाहता है; इसे उसके पास ले जा।”
19 Ajajaan kumaas dargaggeessa sana harka qabee kophaatti baasee, “Wanni ati natti himuu barbaaddu maali?” jedhee gaafate.
१९सैन्य-दल के सरदार ने उसका हाथ पकड़कर, और उसे अलग ले जाकर पूछा, “तू मुझसे क्या कहना चाहता है?”
20 Dargaggeessi sunis akkana jedhe; “Yihuudoonni waan waaʼee isaa sirriitti cimsanii qoruu barbaadan fakkeessanii akka ati Phaawulosin bori gara yaaʼii Yihuudootaatti gad ergitu si kadhachuuf walii galaniiru.
२०उसने कहा, “यहूदियों ने एका किया है, कि तुझ से विनती करें कि कल पौलुस को महासभा में लाए, मानो तू और ठीक से उसकी जाँच करना चाहता है।
21 Waan isaan keessaa namoonni afurtamaa oli taʼan riphanii isa eeggachaa jiraniif ati isaan jalaa hin qabin. Isaan akka hamma isa ajjeesanitti homaa hin nyaanne yookaan hin dhugne kakataniiru; qophaaʼaniis eeyyama kee eeggachaa jiru.”
२१परन्तु उनकी मत मानना, क्योंकि उनमें से चालीस के ऊपर मनुष्य उसकी घात में हैं, जिन्होंने यह ठान लिया है कि जब तक वे पौलुस को मार न डालें, तब तक न खाएँगे और न पीएँगे, और अब वे तैयार हैं और तेरे वचन की प्रतीक्षा कर रहे हैं।”
22 Ajajaan kumaa sunis, “Ati akka waan kana natti himte nama tokkotti iyyuu hin dubbatin” jedhee dargaggeessa sana akeekkachiisee gad dhiise.
२२तब सैन्य-दल के सरदार ने जवान को यह निर्देश देकर विदा किया, “किसी से न कहना कि तूने मुझ को ये बातें बताई हैं।”
23 Ergasii inni ajajjuuwwan dhibbaa keessaa nama lama waamee akkana jedhee ajaje; “Akka loltoonni dhibbi lama, abbootiin fardaa torbaatamnii fi warri eeboo qabatan dhibbi lama edana saʼaatii sadiitti Qiisaariyaa dhaqaniif qopheessaa.
२३उसने तब दो सूबेदारों को बुलाकर कहा, “दो सौ सिपाही, सत्तर सवार, और दो सौ भालैत को कैसरिया जाने के लिये तैयार कर रख, तू रात के तीसरे पहर को निकलना।
24 Phaawulosiifis farda inni yaabbatu qopheessaatii gara Feeliksi Bulchaa Biyyaatti nagaan geessaa.”
२४और पौलुस की सवारी के लिये घोड़े तैयार रखो कि उसे फेलिक्स राज्यपाल के पास सुरक्षित पहुँचा दें।”
25 Innis akkana jedhee xalayaa tokko barreesse.
२५उसने इस प्रकार की चिट्ठी भी लिखी:
26 Qilaawudewoos Liisiiyaas irraa, Gara bulchaa kabajamaa, gara Feeliksi: Nagaa jirtaa.
२६“महाप्रतापी फेलिक्स राज्यपाल को क्लौदियुस लूसियास को नमस्कार;
27 Yihuudoonni namicha kana qabanii ajjeesuu barbaadaa turan; ani garuu akka inni lammii Roomaa taʼe beekee loltoota koo wajjin dhaqee isa baase.
२७इस मनुष्य को यहूदियों ने पकड़कर मार डालना चाहा, परन्तु जब मैंने जाना कि वो रोमी है, तो सैन्य-दल लेकर छुड़ा लाया।
28 Anis waan isaan isa himataniif beekuu barbaadeen fuula waldaa isaanii duratti isa dhiʼeesse.
२८और मैं जानना चाहता था, कि वे उस पर किस कारण दोष लगाते हैं, इसलिए उसे उनकी महासभा में ले गया।
29 Ani akka inni waaʼee gaaffii seera isaaniitiin himatame arge malee akka inni waan duʼaan yookaan hidhaan isa gaʼu tokkumaanuu himatame hin argine.
२९तब मैंने जान लिया, कि वे अपनी व्यवस्था के विवादों के विषय में उस पर दोष लगाते हैं, परन्तु मार डाले जाने या बाँधे जाने के योग्य उसमें कोई दोष नहीं।
30 Ani yeroo akka isaan namicha sanatti mariʼatan dhagaʼetti dafee isa sitti erge. Warra isa himatanis akka isaan himata isaanii sittan dhiʼeeffatan ajajeera.
३०और जब मुझे बताया गया, कि वे इस मनुष्य की घात में लगे हैं तो मैंने तुरन्त उसको तेरे पास भेज दिया; और मुद्दइयों को भी आज्ञा दी, कि तेरे सामने उस पर आरोप लगाए।”
31 Kanaaf loltoonni sun akkuma ajajaman sana Phaawulosin fuudhanii halkaniin Antiiphaaxriisitti geessan.
३१अतः जैसे सिपाहियों को आज्ञा दी गई थी, वैसे ही पौलुस को लेकर रातों-रात अन्तिपत्रिस में लाए।
32 Isaanis guyyaa itti aanutti akka abbootiin fardaa isa wajjin deeman godhanii ofii immoo qubata loltootaatti deebiʼan.
३२दूसरे दिन वे सवारों को उसके साथ जाने के लिये छोड़कर आप गढ़ को लौटे।
33 Abbootiin fardaa sunis yommuu Qiisaariyaa gaʼanitti xalayaa sana bulchaatti kennan; Phaawulosinis fuula isaa dura dhiʼeessan.
३३उन्होंने कैसरिया में पहुँचकर राज्यपाल को चिट्ठी दी; और पौलुस को भी उसके सामने खड़ा किया।
34 Bulchaan sunis erga xalayaa sana dubbifatee booddee, akka inni biyya kamii dhufe isa gaafate. Yommuu akka inni Kiilqiyaadhaa dhufe beekettis,
३४उसने पढ़कर पूछा, “यह किस प्रदेश का है?” और जब जान लिया कि किलिकिया का है;
35 “Ani yeroo himattoonni kee as gaʼanitti dubbii kee nan dhagaʼa” jedhe. Innis ergasii akka Phaawulos masaraa Heroodis keessatti eegamus ajaje.
३५तो उससे कहा, “जब तेरे मुद्दई भी आएँगे, तो मैं तेरा मुकद्दमा करूँगा।” और उसने उसे हेरोदेस के किले में, पहरे में रखने की आज्ञा दी।