< Hojii 22 >
1 “Yaa obbolootaa fi abbootii, falmata ani amma isin duratti dhiʼeeffadhu kana mee naa dhagaʼaa.”
„Bratři a otcové, rád bych se před vámi obhájil.“
2 Jarris yommuu isaa afaan Ibraayisxiitiin isaanitti dubbatu dhagaʼanitti kan duraa illee caalaa calʼisan. Phaawulosis akkana jedhe;
Lidé byli překvapeni, že mluví jejich rodným jazykem, a tak tiše poslouchali. Pavel pokračoval:
3 “Ani Yihuudii dha; magaalaa Xarsees ishee biyya Kiilqiyaa keessaa sanattin dhaladhe; garuu Yerusaalemittin guddadhe. Miilla Gamaaliyaal jalattis seera Abbootii keenyaa akka gaariitti baradhee, akkuma isin hundi harʼa hinaaftan kana anis Waaqaaf nan hinaafa ture.
„Jsem žid, narozený sice v Tarsu v Kilikii, ale vychován jsem byl zde v Jeruzalémě. Vám dobře známý učenec Gamaliel mě vyškolil přesně podle zákona našich otců a horlil jsem pro Boha, právě tak jako vy dnes.
4 Dhiiraa fi dubartii qabee, mana hidhaa keessa isaan buusuudhaan duuka buutota karaa kanaa hamma duʼaatti ariʼadheera;
Víru v Ježíše Krista jsem nenáviděl k smrti. Dokonce jsem jeho vyznavače, muže i ženy, dával zatýkat a věznit.
5 waan kanas lubni ol aanaanii fi waldaan jaarsolii guutuun ragaa naa baʼu. Anis xalayoota isaan gara obboloota warra Damaasqoo jiraniitti barreessan fudhadheen akka namoonni kunneen adabamaniif hidhee Yerusaalemitti isaan fiduuf achi nan dhaqe.
To mi může dosvědčit velekněz a celá velerada. Jednou mi také vydali pověřující listiny pro židovskou obec v Damašku a já jsem se tam vypravil, abych mezi nimi pozatýkal křesťany a dopravil je do Jeruzaléma k potrestání.
6 “Gara saafaatti, akkuma ani Damaasqootti dhiʼaadheen ifni guddaan isaa akkuma tasaa samii irraa naannoo kootti balaqqise.
A poslyšte, co se stalo. Bylo kolem poledne a my jsme byli na dohled od damašských hradeb. Náhle se okolo mne rozzářilo oslnivé světlo, mnohem jasnější než polední slunce.
7 Anis lafatti kufeen sagalee, ‘Yaa Saaʼol! Yaa Saaʼol! Ati maaliif na ariʼatta?’ naan jedhu tokkon dhagaʼe.
Padl jsem na zem, když jsem uslyšel hlas: ‚Saule, Saule, proč mne pronásleduješ?‘
8 “Anis, ‘Yaa Gooftaa ati eenyu?’ jedheen gaafadhe. “Inni immoo deebisee, ‘Ani Yesuus nama Naazreeti isa ati ariʼattuu dha’ naan jedhe.
Ozval jsem se: ‚Kdo jsi, Pane?‘Slyšel jsem odpověď: ‚Já jsem Ježíš z Nazaretu a ty bojuješ proti mně.‘
9 Warri na wajjin turanis ifa sana argan malee sagalee isa natti dubbachaa ture sanaa hin hubanne.
Moji průvodci byli tím světlem také oslněni, ale neslyšeli, že by ke mně někdo mluvil.
10 “Anis, ‘Yaa Gooftaa, ani maal godhu ree?’ jedhee gaafadhe. “Gooftaanis, ‘Kaʼii Damaasqoo seeni. Wanni akka ati hojjettuuf siif kaaʼame hundinuu achitti sitti himamaatii’ naan jedhe.
Zeptal jsem se: ‚Pane, co mám dělat?‘Ježíš mi odpověděl: ‚Teď vstaň a jdi do Damašku. Tam ti řeknou, jaký mám pro tebe úkol.‘
11 Anis sababii calaqqisa ifa sanaatiif homaa arguu dadhabnaan, warri na wajjin turan harka qabanii Damaasqootti na geessan.
Jas toho světla mne docela oslepil a tak jsem klopýtal do Damašku, veden za ruce svými průvodci.
12 “Namichi Anaaniyaas jedhamu kan sirriitti seera eegu tokko Yihuudoota achi jiraatan hunda biratti maqaa gaarii qaba ture.
Tam mne navštívil Ananiáš, zbožný ctitel zákona, kterého si židé v Damašku velice vážili.
13 Innis gara koo dhufee na bira dhaabatee, ‘Yaa obboleessa koo Saaʼol, agartuun kee siif haa deebiʼu!’ naan jedhe; agartuun koos yeruma sana naa deebiʼe. Anis isa arguu dandaʼe.
Přišel a řekl mi: ‚Bratře Saule, otevři oči!‘Tu se mi vrátil zrak a já ho uviděl.
14 “Innis akkana jedhe; ‘Waaqni abbootii keenyaa akka ati fedhii isaa beektu, akka ati Isa Qajeelaa sana argituu fi akka afaan isaa irraa dubbii dhageessuuf si filateera.
Řekl ještě: ‚Tak to chtěl Bůh, abys konečně poznal jeho vůli, abys uviděl Božího Spravedlivého a uslyšel jeho vlastní hlas.
15 Atis waan argitee fi waan dhageesse sana fuula nama hundumaa duratti isaaf dhugaa ni baata.
Staneš se Ježíšovým svědkem celému světu a budeš všude vyprávět, co jsi viděl a slyšel.
16 Egaa amma maal eegda ree? Kaʼii maqaa isaa waammachaa cuuphamiitii cubbuu kee of irraa dhiqi.’
Neváhej, vyznej, že je tvým Pánem, dej se pokřtít na znamení, že jsi očištěn od hříchů.‘
17 “Anis Yerusaalemitti deebiʼee utuu mana qulqullummaa keessatti kadhannaatti jiruu akka waan of wallaaluu nan taʼe.
Později, když jsem se vrátil do Jeruzaléma a modlil se v chrámu, měl jsem ještě jedno vidění.
18 Gooftaa illee isaa, ‘Jarri kun waan ati waaʼee koo dhugaa baatu hin fudhataniitii dafii ammuma Yerusaalem keessaa baʼi!’ jedhee natti dubbatu nan arge.
Viděl jsem Pána a slyšel jeho slova: ‚Nezdržuj se a rychle odejdi z Jeruzaléma. Tady nepřijmou tvoje svědectví o mně.‘
19 “Anis deebiseen akkana jedhe; ‘Yaa Gooftaa jarri kun akka ani warra sitti amanan hidhuu fi tumuuf jedhee mana sagadaa tokko irraa gara isa biraatti darbaa ture beeku.
Ale já jsem odporoval: ‚Pane, tady jsem dával tvoje věrné věznit a bičovat v synagogách.
20 Yeroo dhiigni dhuga baatuu keetii, dhiigni Isxifaanos dhangalaafamettis ani ajjeefamuu isaatti namootaan walii galee achi dhaabadheen uffata warra isa ajjeesanii eegaa ture.’
Tady byla prolita první krev, krev tvého svědka Štěpána. Já byl při tom, souhlasil jsem s tím a hlídal jsem pláště těm, kdo ho kamenovali. Všichni to tu o mně vědí.‘
21 “Gooftaanis, ‘Ani fagootti, gara Namoota Ormaatti sin ergaatii deemi’ naan jedhe.”
Pán mi však řekl: ‚Jen jdi, protože tě pošlu k pohanům.‘“
22 Namoonni sunis hamma inni dubbii kana dubbatutti isa dhagaʼaa turan; ergasiis sagalee isaanii ol fudhatanii, “Namni akkanaa jiraachuu hin qabuutii lafa irraa balleessaa!” jedhanii iyyan.
Až potud dav Pavla pozorně poslouchal, ale zmínka o pohanech je znovu pobouřila. Začali mávat plášti, házeli na něho hrsti prachu a křičeli: „Pryč s tím zrádcem! Na smrt! Nemá tu co dělat!“
23 Utuu isaan uffata isaanii dadarbatanii, awwaaras qilleensa keessa bibittinneessanii iyyanuu,
24 ajajaan sun akka Phaawulos qubata loltootaatti ol galfamuu ajaje; innis waan namoonni akkas isatti iyyaniif beekuuf jedhee akka Phaawulos garafamee qoratamu ajaje.
Velitel dal Pavla rychle odvést do pevnosti a nařídil, aby ho zbičovali a vyslechli; chtěl vědět, čím vzbudil tolik nenávisti.
25 Phaawulos immoo yommuu isaan isa garafuuf jedhanii teephaan isa hidhanitti ajajaa dhibbaa kan isa bira dhaabachaa tureen, “Lammii Roomaa tokko murtii malee garafuun isiniif ni eeyyamamaa?” jedhe.
Už ho připoutali k bičovací lavici, když se Pavel obrátil k velícímu setníkovi: „Nemáte přece právo bičovat římského občana. Musím být postaven před řádný soud.“
26 Ajajaan dhibbaa sunis yommuu waan kana dhagaʼetti gara ajajaa kumaa sanaa dhaqee, “Namichi kunoo lammii Roomaatii ati maal gochuu yaadda?” jedheen.
Důstojník dal přerušit přípravy, šel k veliteli a hlásil mu: „Stal se nějaký omyl, ten člověk prohlašuje, že je občanem Říma.“
27 Ajajaan kumaa sunis Phaawulos bira dhaqee, “Mee natti himi; ati lammii Roomaatii?” jedhee gaafate. Innis, “Eeyyee” jedhee deebise.
Velitel s ním šel k Pavlovi a zeptal se: „Je pravda, že jsi římský občan?“„Ano, jsem, “odpověděl vězeň.
28 Ajajaan kumaa sunis, “Ani lammummaa kana argachuudhaaf gatii guddaa baase” jedhe. Phaawulos immoo deebisee, “Ani garuu ittin dhaladhe” jedhe.
Velitel zapochyboval: „Vím z vlastní zkušenosti, že je to pěkně drahé. Kdepak bys na to vzal?“Pavel řekl: „Já jsem nic nekupoval, jsem občanem od narození.“
29 Warri isa qoruuf yaadanis yommusuma isa irraa deebiʼan; ajajaan kumaa sunis yommuu akka Phaawulos lammii Roomaa taʼee fi akka ofii isaatii immoo Phaawulosin foncaan hidhe hubatetti ni rifate.
Po tomto prohlášení vojáci odhodili důtky a spěšně jej odvazovali. Velitel měl obavy, protože se dopustil takového přehmatu vůči rodilému římskému občanu. Rozhodl se, že vyšetří, z čeho židé Pavla vlastně obviňují.
30 Ajajaan kumaa sun sababii Yihuudoonni Phaawulosin himataniif sirriitti beekuu fedhee guyyaa itti aanu isa hiikee akka luboonni hangafoonnii fi waldaan Yihuudootaa hundi walitti qabaman ajaje. Ergasii immoo Phaawulosin fidee akka inni fuula isaanii duratti dhiʼaatu godhe.
Na velitelovu žádost se nazítří sešla židovská velerada za předsednictví úřadujícího i minulého velekněze.