< Hojii 2 >
1 Yeroo guyyaan Pheenxeqoosxee gaʼetti, hundi isaanii iddoo tokkotti walitti qabamanii turan.
Siku ya Pentekoste ilipowadia, waamini wote walikuwa mahali pamoja.
2 Akkuma tasaas sagaleen akka bubbee jabaa bubbisu tokko samii irraa dhufee mana isaan keessa tataaʼaa turan sana hunda guute.
Ghafula sauti kama mvumo mkubwa wa upepo mkali uliotoka mbinguni ukaijaza nyumba yote walimokuwa wameketi.
3 Isaanis waan akka arraba ibiddaa tokko isaa gargar qoodamee dhufee tokkoo tokkoo isaanii irra bubbuʼu argan.
Zikatokea ndimi kama za moto zilizogawanyika na kukaa juu ya kila mmoja wao.
4 Hundi isaaniis Hafuura Qulqulluudhaan guutamanii akkuma hafuurri sun isaan dandeessisetti afaan gara biraatiin dubbachuu jalqaban.
Wote wakajazwa na Roho Mtakatifu, wakaanza kunena kwa lugha nyingine, kama Roho alivyowajalia.
5 Yeroo sana Yihuudoonni Waaqa sodaatan saboota samii jala jiran hunda keessaa dhufanii Yerusaalem keessa jiraachaa turan.
Basi walikuwepo Yerusalemu Wayahudi wanaomcha Mungu kutoka kila taifa chini ya mbingu.
6 Yeroo sagaleen sun dhagaʼamettis namoonni hedduun waan jedhan dhabanii walitti qabaman; warri Hafuuraan guutaman sun afaan tokkoo tokkoo namoota sanaatiin dubbachaa turaniitii.
Waliposikia sauti hii, umati wa watu ulikusanyika pamoja wakistaajabu, kwa sababu kila mmoja wao aliwasikia wakisema kwa lugha yake mwenyewe.
7 Isaanis akka malee dinqifatanii akkana jedhan; “Namoonni dudubbatan kunneen hundi warra Galiilaati mitii?
Wakiwa wameshangaa na kustaajabu wakauliza, “Je, hawa wote wanaozungumza si Wagalilaya?
8 Yoos akkamiin tokkoon tokkoon keenya isaanii afaanuma keenya kan nu itti dhalanne dubbatan dhageenya ree?
Imekuwaje basi kila mmoja wetu anawasikia wakinena kwa lugha yake ya kuzaliwa?
9 Nu warri Phartee, warri Meedii fi warri Elaam, jiraattonni Mesophotaamiyaa, warri Yihuudaa fi Qaphadooqiyaa akkasumas jiraattonni Phonxoosii fi Asiyaa,
Wapathi, Wamedi, Waelami, wakazi wa Mesopotamia, Uyahudi, Kapadokia, Ponto na Asia,
10 Firiigiyaa fi Phamfiliyaa, Gibxii fi kutaawwan biyya Liibiyaa kanneen naannoo Qareenaatti argaman, nu warri Roomaadhaa dhufne,
Frigia, Pamfilia, Misri na pande za Libya karibu na Kirene na wageni kutoka Rumi,
11 nu Yihuudoonnii fi warri amantii Yihuudootaa fudhanne lamaan, namoonni Qareexii fi Araboonni kunoo yommuu namoonni kunneen afaanuma keenyaan dinqii Waaqaa dubbatan dhageenya!”
Wayahudi na waongofu, Wakrete na Waarabu, sote tunawasikia watu hawa wakisema mambo makuu ya ajabu ya Mungu katika lugha zetu wenyewe.”
12 Hundi isaaniis dinqifatanii, waan jedhanis wallaalanii, “Kun maal jechuu dha?” jedhanii wal gaafatan.
Wakiwa wameshangaa na kufadhaika wakaulizana, “Ni nini maana ya mambo haya?”
13 Namoonni tokko tokko garuu, “Isaan daadhii wayinii baayʼee dhuganiiru” jedhanii isaanitti qoosan.
Lakini wengine wakawadhihaki wakasema, “Hawa wamelewa divai!”
14 Phexrosis ergamoota Kudha Tokkoo sana wajjin kaʼee dhaabate; sagalee isaas ol fudhatee tuuta sanaan akkana jedhe; “Isin yaa namoota Yihuudaatii fi warri Yerusaalem keessa jiraattan hundi, mee waan kana beekaa; waan ani isinitti himu kana hubadhaa dhagaʼaa.
Ndipo Petro akasimama pamoja na wale mitume kumi na mmoja, akainua sauti yake na kuhutubia ule umati wa watu, akasema: “Wayahudi wenzangu na ninyi nyote mkaao Yerusalemu, jueni jambo hili mkanisikilize.
15 Yeroon kun waan guyyaa keessaa saʼaatii sadaffaa taʼeef namoonni kunneen akka isin yaaddan sana hin machoofne!
Hakika watu hawa hawakulewa kama mnavyodhania, kwa kuwa sasa ni saa tatu asubuhi!
16 Kun garuu waan Yooʼeel raajichi dubbatee dha; innis akkana jedha:
La, hili ni jambo lililotabiriwa na nabii Yoeli, akisema:
17 “‘Bara dhumaa keessa, jedha Waaqayyo, ani Hafuura koo nama hunda irratti nan dhangalaasa; ilmaanii fi intallan keessan raajii dubbatu; dargaggoonni keessan mulʼata argu; jaarsoliin keessan abjuu abjootu.
“‘Katika siku za mwisho, asema Mungu, nitamimina Roho wangu juu ya wote wenye mwili. Wana wenu na binti zenu watatabiri, vijana wenu wataona maono, na wazee wenu wataota ndoto.
18 Bara sana keessa garboota koo warra dhiiraa fi dubartii irratti illee, Hafuura koo nan dhangalaasa; isaanis raajii ni dubbatu.
Hata juu ya watumishi wangu, wanaume kwa wanawake, katika siku zile nitamimina Roho wangu, nao watatabiri.
19 Ani ol samii irratti dinqii, gad lafa irrattis mallattoo, dhiiga, ibiddaa fi hurrii aaraa nan argisiisa.
Nami nitaonyesha maajabu juu mbinguni, na ishara chini duniani: damu, moto, na mawimbi ya moshi.
20 Utuu guyyaan Gooftaa inni guddichii fi ulfina qabeessi sun hin dhufin dura, aduun dukkanatti geeddaramti; jiʼi immoo dhiigatti geeddarama.
Jua litakuwa giza na mwezi utakuwa mwekundu kama damu, kabla ya kuja siku ile kuu ya Bwana iliyo tukufu.
21 Namni maqaa Gooftaa waammatu, hundinuu ni fayya.’
Na kila mtu atakayeliitia jina la Bwana, ataokolewa.’
22 “Yaa namoota Israaʼel, dubbii kana dhagaʼaa; akkuma isinuu beektan, Yesuus namni Naazreeti nama Waaqni dinqii, raajii fi mallattoo karaa isaatiin isin gidduutti hojjeteen isinii mirkaneessee dha.
“Enyi Waisraeli, sikilizeni maneno haya nisemayo: Yesu wa Nazareti alikuwa mtu aliyethibitishwa kwenu na Mungu kwa miujiza, maajabu na ishara, ambayo Mungu alitenda miongoni mwenu kupitia kwake, kama ninyi wenyewe mjuavyo.
23 Namicha kana Waaqatu akkuma dur murteessee fi akkuma duraan dursee beeku sanatti dabarsee isinitti kenne. Isinis namoota hamoo wajjin tokko taatanii fanniftanii isa ajjeeftan.
Huyu mtu akiisha kutolewa kwa shauri la Mungu lililokusudiwa kwa kujua kwake Mungu tangu zamani, ninyi, kwa mikono ya watu wabaya, mlimuua kwa kumgongomea msalabani.
24 Waaqni garuu dhiphina keessaa isa baasee, warra duʼan keessaa isa kaase; duuti isa irratti aangoo qabaachuu hin dandeenyeetii.
Lakini Mungu alimfufua kutoka kwa wafu akamwondolea uchungu wa mauti, kwa sababu haikuwezekana yeye kushikiliwa na nguvu za mauti.
25 Daawitis akkana jedhee waaʼee isaa dubbate: “‘Ani yeroo hunda Gooftaa of duratti nan argan ture. Waan inni mirga koo jiruuf, ani hin raafamu.
Kwa maana Daudi asema kumhusu yeye: “‘Nalimwona Bwana mbele yangu daima. Kwa sababu yuko mkono wangu wa kuume, sitatikisika.
26 Kanaaf garaan koo ni gammada; arrabni koos ni ililcha; foon koos abdiidhaan jiraata.
Kwa hiyo moyo wangu unafurahia, na ulimi wangu unashangilia; mwili wangu nao utapumzika kwa tumaini.
27 Ati siiʼool keessatti na hin dhiiftuutii; qulqullichi kee akka tortoru hin gootu. (Hadēs )
Kwa maana hutaniacha kaburini, wala hutamwacha Aliye Mtakatifu wako kuona uharibifu. (Hadēs )
28 Karaa jireenyaa na barsiifteerta; fuula kee durattis gammachuudhaan na guutta.’
Umenionyesha njia za uzima, utanijaza na furaha mbele zako.’
29 “Yaa obboloota, akka Daawit hangafni abbootii durii sun duʼee awwaalame, awwaalli isaas hamma harʼaatti asuma akka jiru ani ija jabaadhee isinitti himuu nan dandaʼa.
“Ndugu zangu Waisraeli, nataka niwaambie kwa uhakika kwamba baba yetu Daudi alikufa na kuzikwa, nalo kaburi lake lipo hapa mpaka leo.
30 Innis waan raajii tureef akka Waaqni sanyii isaa keessaa nama tokko teessoo isaa irra teessisuuf akka kakatee waadaa galeefii ture beeke.
Lakini alikuwa nabii na alijua ya kuwa Mungu alikuwa amemwahidi kwa kiapo kwamba angemweka mmoja wa wazao wake penye kiti chake cha enzi.
31 Innis waaʼee duʼaa kaʼuu Kiristoos, lubbuun isaa siiʼool keessatti akka hin hafin, yookaan foon isaas akka hin tortorin duraan dursee argee dubbate. (Hadēs )
Daudi, akiona mambo yaliyoko mbele, akanena juu ya kufufuka kwa Kristo, kwamba hakuachwa kaburini, wala mwili wake haukuona uharibifu. (Hadēs )
32 Yesuusuma kana Waaqni duʼaa kaaseera; nu hundinuu dhuga baatota waan kanaa ti.
Mungu alimfufua huyu Yesu na sisi sote ni mashahidi wa jambo hilo.
33 Kanaaf inni gara mirga Waaqaatti ol ol jedhee, abdii Hafuura Qulqulluu Abbaa biraa fuudhee waan isin amma argitanii fi dhageessan kana dhangalaase.
Basi ikiwa yeye ametukuzwa kwa mkono wa kuume wa Mungu, amepokea kutoka kwa Baba ahadi ya Roho Mtakatifu, naye amemimina kile mnachoona sasa na kusikia.
34 Daawit gara samiitti ol hin baaneetii; inni mataan isaa garuu akkana jedha: “‘Gooftaan Gooftaa kootiin akkana jedhe; “Gara mirga koo taaʼi;
Kwa kuwa Daudi hakupaa kwenda mbinguni, lakini anasema, “‘Bwana alimwambia Bwana wangu: “Keti mkono wangu wa kuume,
35 hamma ani diinota kee ejjeta miilla keetii siif godhutti.”’
hadi nitakapowaweka adui zako chini ya miguu yako.”’
36 “Kanaafuu Yesuusuma isin fanniftan kana akka Waaqni Gooftaa fi Kiristoos isa godhe manni Israaʼel hundi dhugumaan haa beeku.”
“Kwa hiyo Israeli wote na wajue jambo hili kwa uhakika kwamba: Mungu amemfanya huyu Yesu, ambaye ninyi mlimsulubisha, kuwa Bwana na Kristo.”
37 Namoonni sunis yommuu waan kana dhagaʼanitti, garaan isaanii raafamee Phexrosii fi ergamoota kaaniin, “Yaa obboloota, yoos maal haa goonu?” jedhan.
Watu waliposikia maneno haya yakawachoma mioyo yao, wakawauliza Petro na wale mitume wengine, “Ndugu zetu tufanye nini?”
38 Phexrosis akkana jedhee deebise; “Tokkoon tokkoon keessan qalbii jijjiirradhaa; dhiifama cubbuu keessaniitiifis maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphamaa; kennaa Hafuura Qulqulluus ni argattu.
Petro akawajibu, “Tubuni, mkabatizwe kila mmoja wenu kwa jina la Yesu Kristo, ili mpate kusamehewa dhambi zenu, nanyi mtapokea kipawa cha Roho Mtakatifu.
39 Abdiin kunis isinii fi ijoollee keessaniif, akkasumas warra Waaqni Gooftaan keenya ofitti waamu kanneen fagoo jiran hundaaf kenname.”
Kwa kuwa ahadi hii ni kwa ajili yenu na watoto wenu, na kwa wote walio mbali, na kila mtu ambaye Bwana Mungu wetu atamwita amjie.”
40 Innis dubbii biraa baayʼeedhaan dhugaa baʼee, “Dhaloota jalʼaa kana duraa of oolchaa” jedhee isaan gorse.
Petro akawaonya kwa maneno mengine mengi na kuwasihi akisema, “Jiepusheni na kizazi hiki kilichopotoka.”
41 Warri dubbii isaa fudhatanis ni cuuphaman; gaafas nama gara kuma sadiitu isaanitti dabalame.
Wale wote waliopokea ujumbe wa Petro kwa furaha wakabatizwa na siku ile waliongezeka watu wapatao 3,000.
42 Isaanis barsiisa ergamootaatti, jireenya tokkummaatti, buddeena caccabsuutti, Waaqa kadhachuuttis ni jabaatan.
Nao wakawa wanadumu katika mafundisho ya mitume, katika ushirika, katika kumega mkate na katika kusali.
43 Namni hundinuus sodaan guutame; dinqii fi mallattoon baayʼeen ergamootaan hojjetame.
Kila mtu akaingiwa na hofu ya Mungu, nayo miujiza mingi na ishara zikafanywa na mitume.
44 Amantoonni hundinuus wajjin turan; waan hundas walumaan qabu turan.
Walioamini wote walikuwa mahali pamoja, nao walikuwa na kila kitu shirika.
45 Qabeenya isaaniitii fi miʼa isaaniis gurguranii nama rakkina qabu kamiif iyyuu qoodaa turan.
Waliuza mali zao na vitu walivyokuwa navyo, kila mtu akagawiwa kadiri ya mahitaji yake.
46 Isaanis guyyuma guyyaan mana qulqullummaatti wal gaʼaa turan; mana tokkoo tokkoo isaaniittis buddeena kukkutanii, gammachuu fi garaa qulqulluudhaan wajjin nyaachaa turan.
Siku zote kwa moyo mmoja walikutana ndani ya ukumbi wa Hekalu, wakimega mkate nyumba kwa nyumba, wakila chakula chao kwa furaha na moyo mweupe,
47 Waaqas galateeffachaa turan. Namoota hunda durattis ulfina qabu turan. Gooftaanis guyyuma guyyaan warra fayyan waldaa isaaniitti dabalaa ture.
wakimsifu Mungu na kuwapendeza watu wote. Kila siku Bwana akaliongeza kanisa wale waliokuwa wakiokolewa.