< Hojii 2 >
1 Yeroo guyyaan Pheenxeqoosxee gaʼetti, hundi isaanii iddoo tokkotti walitti qabamanii turan.
When the day of Pentecost had come, they were all together with one purpose.
2 Akkuma tasaas sagaleen akka bubbee jabaa bubbisu tokko samii irraa dhufee mana isaan keessa tataaʼaa turan sana hunda guute.
And suddenly a roar came out of the sky, like the rushing of a violent wind, and it filled the whole house where they were sitting.
3 Isaanis waan akka arraba ibiddaa tokko isaa gargar qoodamee dhufee tokkoo tokkoo isaanii irra bubbuʼu argan.
Fiery tongues appeared and were distributed to them, and it [a tongue] landed on each one of them.
4 Hundi isaaniis Hafuura Qulqulluudhaan guutamanii akkuma hafuurri sun isaan dandeessisetti afaan gara biraatiin dubbachuu jalqaban.
And they were all filled with Holy Spirit and began to speak different languages, as the Spirit was granting to them to speak out.
5 Yeroo sana Yihuudoonni Waaqa sodaatan saboota samii jala jiran hunda keessaa dhufanii Yerusaalem keessa jiraachaa turan.
Now there were devout men, Jews, from every nation under heaven, dwelling in Jerusalem.
6 Yeroo sagaleen sun dhagaʼamettis namoonni hedduun waan jedhan dhabanii walitti qabaman; warri Hafuuraan guutaman sun afaan tokkoo tokkoo namoota sanaatiin dubbachaa turaniitii.
So when that roar occurred, the crowd came together, and was bewildered, because each one was hearing them speaking to him in his own dialect.
7 Isaanis akka malee dinqifatanii akkana jedhan; “Namoonni dudubbatan kunneen hundi warra Galiilaati mitii?
So they were amazed and marveled, saying to one another: “Hey, aren't all these who are speaking Galileans?
8 Yoos akkamiin tokkoon tokkoon keenya isaanii afaanuma keenya kan nu itti dhalanne dubbatan dhageenya ree?
So how can each of us be hearing our own dialect in which we were born?
9 Nu warri Phartee, warri Meedii fi warri Elaam, jiraattonni Mesophotaamiyaa, warri Yihuudaa fi Qaphadooqiyaa akkasumas jiraattonni Phonxoosii fi Asiyaa,
Parthians and Medes and Elamites; those dwelling in Mesopotamia, in Judea and Cappadocia, in Pontus and Asia,
10 Firiigiyaa fi Phamfiliyaa, Gibxii fi kutaawwan biyya Liibiyaa kanneen naannoo Qareenaatti argaman, nu warri Roomaadhaa dhufne,
in Phrygia and Pamphylia, in Egypt and the parts of Libya adjoining Cyrene; and visitors from Rome—both Jews and proselytes—
11 nu Yihuudoonnii fi warri amantii Yihuudootaa fudhanne lamaan, namoonni Qareexii fi Araboonni kunoo yommuu namoonni kunneen afaanuma keenyaan dinqii Waaqaa dubbatan dhageenya!”
Cretans and Arabians; we hear them declaring the great works of God in our own languages.”
12 Hundi isaaniis dinqifatanii, waan jedhanis wallaalanii, “Kun maal jechuu dha?” jedhanii wal gaafatan.
Yes they were all amazed and perplexed, saying one to another, “Whatever is going on?”
13 Namoonni tokko tokko garuu, “Isaan daadhii wayinii baayʼee dhuganiiru” jedhanii isaanitti qoosan.
But different ones were jeering, saying, “They are full of sweet wine!”
14 Phexrosis ergamoota Kudha Tokkoo sana wajjin kaʼee dhaabate; sagalee isaas ol fudhatee tuuta sanaan akkana jedhe; “Isin yaa namoota Yihuudaatii fi warri Yerusaalem keessa jiraattan hundi, mee waan kana beekaa; waan ani isinitti himu kana hubadhaa dhagaʼaa.
So Peter, standing with the eleven, raised his voice and proclaimed to them: “Men—Jews and all who are dwelling in Jerusalem—let this be known to you; indeed, listen to my speech!
15 Yeroon kun waan guyyaa keessaa saʼaatii sadaffaa taʼeef namoonni kunneen akka isin yaaddan sana hin machoofne!
Because these are not drunk, as you suppose (since it is only the third hour of the day),
16 Kun garuu waan Yooʼeel raajichi dubbatee dha; innis akkana jedha:
but this is what was spoken through the prophet Joel:
17 “‘Bara dhumaa keessa, jedha Waaqayyo, ani Hafuura koo nama hunda irratti nan dhangalaasa; ilmaanii fi intallan keessan raajii dubbatu; dargaggoonni keessan mulʼata argu; jaarsoliin keessan abjuu abjootu.
‘It will be in the last days, says God: I will pour out from my Spirit upon all flesh; your sons and your daughters will prophesy; your young men will see visions; your old men will dream a dream.
18 Bara sana keessa garboota koo warra dhiiraa fi dubartii irratti illee, Hafuura koo nan dhangalaasa; isaanis raajii ni dubbatu.
In those days I will indeed pour out from my Spirit upon my male slaves and upon my female slaves, and they will prophesy.
19 Ani ol samii irratti dinqii, gad lafa irrattis mallattoo, dhiiga, ibiddaa fi hurrii aaraa nan argisiisa.
I will show wonders in the heaven above and signs on the earth below: blood and fire and smoke vapor.
20 Utuu guyyaan Gooftaa inni guddichii fi ulfina qabeessi sun hin dhufin dura, aduun dukkanatti geeddaramti; jiʼi immoo dhiigatti geeddarama.
The sun will be turned into darkness and the moon into ‘blood’ before the great and glorious day of the Lord will come.
21 Namni maqaa Gooftaa waammatu, hundinuu ni fayya.’
And it will be: whoever calls on the name of the Lord will be saved!’
22 “Yaa namoota Israaʼel, dubbii kana dhagaʼaa; akkuma isinuu beektan, Yesuus namni Naazreeti nama Waaqni dinqii, raajii fi mallattoo karaa isaatiin isin gidduutti hojjeteen isinii mirkaneessee dha.
“Men of Israel, listen to these words: Jesus the Natsorean, a man from God attested to you by miracles and wonders and signs, which God did by Him in your midst, as you yourselves well know,
23 Namicha kana Waaqatu akkuma dur murteessee fi akkuma duraan dursee beeku sanatti dabarsee isinitti kenne. Isinis namoota hamoo wajjin tokko taatanii fanniftanii isa ajjeeftan.
Him—being delivered up by the established purpose and foreknowledge of God—you murdered, having taken Him with lawless hands and crucified Him;
24 Waaqni garuu dhiphina keessaa isa baasee, warra duʼan keessaa isa kaase; duuti isa irratti aangoo qabaachuu hin dandeenyeetii.
whom God raised up, ending the labor pains of death, because it was not possible that He should be held by it.
25 Daawitis akkana jedhee waaʼee isaa dubbate: “‘Ani yeroo hunda Gooftaa of duratti nan argan ture. Waan inni mirga koo jiruuf, ani hin raafamu.
For David says concerning Him: ‘I always saw the Lord before my face, because He is at my right side so that I not be shaken.
26 Kanaaf garaan koo ni gammada; arrabni koos ni ililcha; foon koos abdiidhaan jiraata.
Therefore my heart was glad and my tongue rejoiced. Furthermore, even my flesh will repose upon hope,
27 Ati siiʼool keessatti na hin dhiiftuutii; qulqullichi kee akka tortoru hin gootu. (Hadēs )
because You will not abandon my soul in Hades, nor will You allow Your Holy One to see decay. (Hadēs )
28 Karaa jireenyaa na barsiifteerta; fuula kee durattis gammachuudhaan na guutta.’
You have made known to me roads of life; with Your presence You make me full of gladness.’
29 “Yaa obboloota, akka Daawit hangafni abbootii durii sun duʼee awwaalame, awwaalli isaas hamma harʼaatti asuma akka jiru ani ija jabaadhee isinitti himuu nan dandaʼa.
“Men, brothers, be it permitted to speak to you plainly about the patriarch David, that he both died and was buried, and his tomb is with us to this day.
30 Innis waan raajii tureef akka Waaqni sanyii isaa keessaa nama tokko teessoo isaa irra teessisuuf akka kakatee waadaa galeefii ture beeke.
So then, he being a prophet and knowing that God had sworn to him with an oath that of the fruit, according to flesh, of his loins He would raise up the Messiah to sit on his throne,
31 Innis waaʼee duʼaa kaʼuu Kiristoos, lubbuun isaa siiʼool keessatti akka hin hafin, yookaan foon isaas akka hin tortorin duraan dursee argee dubbate. (Hadēs )
he foreseeing this spoke about the resurrection of the Messiah, that His soul was not abandoned in Hades, nor did His flesh see decay. (Hadēs )
32 Yesuusuma kana Waaqni duʼaa kaaseera; nu hundinuu dhuga baatota waan kanaa ti.
“This Jesus God raised, to which we all are witnesses.
33 Kanaaf inni gara mirga Waaqaatti ol ol jedhee, abdii Hafuura Qulqulluu Abbaa biraa fuudhee waan isin amma argitanii fi dhageessan kana dhangalaase.
Therefore, having been exalted to God's right hand, and having received from the Father the promise of the Holy Spirit, He poured out this that you now see and hear.
34 Daawit gara samiitti ol hin baaneetii; inni mataan isaa garuu akkana jedha: “‘Gooftaan Gooftaa kootiin akkana jedhe; “Gara mirga koo taaʼi;
Further, David did not ascend into the heavens, but he himself says: ‘The Lord said to my Lord: Sit at my right hand
35 hamma ani diinota kee ejjeta miilla keetii siif godhutti.”’
until I make your enemies a footstool for your feet.’
36 “Kanaafuu Yesuusuma isin fanniftan kana akka Waaqni Gooftaa fi Kiristoos isa godhe manni Israaʼel hundi dhugumaan haa beeku.”
Therefore, let all the house of Israel know assuredly that God has made Him both Lord and Christ, this Jesus whom you crucified!”
37 Namoonni sunis yommuu waan kana dhagaʼanitti, garaan isaanii raafamee Phexrosii fi ergamoota kaaniin, “Yaa obboloota, yoos maal haa goonu?” jedhan.
Now upon hearing this they were cut to the heart and said to Peter, and the rest of the Apostles, “Men, brothers, what shall we do?!”
38 Phexrosis akkana jedhee deebise; “Tokkoon tokkoon keessan qalbii jijjiirradhaa; dhiifama cubbuu keessaniitiifis maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphamaa; kennaa Hafuura Qulqulluus ni argattu.
So Peter said to them: “Repent and be baptized, each one of you, upon the name of Jesus Christ, for forgiveness of sins, and you will receive the gift of the Holy Spirit.
39 Abdiin kunis isinii fi ijoollee keessaniif, akkasumas warra Waaqni Gooftaan keenya ofitti waamu kanneen fagoo jiran hundaaf kenname.”
For the promise is to you, and to your children, and to all who are far away—as many, that is, as the Lord our God may call.”
40 Innis dubbii biraa baayʼeedhaan dhugaa baʼee, “Dhaloota jalʼaa kana duraa of oolchaa” jedhee isaan gorse.
With many different words he both testified and kept exhorting, saying, “Escape from this perverse generation!”
41 Warri dubbii isaa fudhatanis ni cuuphaman; gaafas nama gara kuma sadiitu isaanitti dabalame.
Then those who gladly received his word were baptized, and that day about three thousand souls were added.
42 Isaanis barsiisa ergamootaatti, jireenya tokkummaatti, buddeena caccabsuutti, Waaqa kadhachuuttis ni jabaatan.
And they continued steadfastly in the Apostles' teaching and in the fellowship, both in the breaking of the bread and in the prayers.
43 Namni hundinuus sodaan guutame; dinqii fi mallattoon baayʼeen ergamootaan hojjetame.
Fear came upon every soul—many wonders and signs were taking place through the Apostles.
44 Amantoonni hundinuus wajjin turan; waan hundas walumaan qabu turan.
Now all who believed were together and had all things in common;
45 Qabeenya isaaniitii fi miʼa isaaniis gurguranii nama rakkina qabu kamiif iyyuu qoodaa turan.
they started selling both possessions and goods and were distributing to all according as anyone had need.
46 Isaanis guyyuma guyyaan mana qulqullummaatti wal gaʼaa turan; mana tokkoo tokkoo isaaniittis buddeena kukkutanii, gammachuu fi garaa qulqulluudhaan wajjin nyaachaa turan.
So day by day they continued steadfastly with one purpose in the temple and broke bread from house to house; they received their share of food with gladness and singleness of heart,
47 Waaqas galateeffachaa turan. Namoota hunda durattis ulfina qabu turan. Gooftaanis guyyuma guyyaan warra fayyan waldaa isaaniitti dabalaa ture.
praising God and having favor with all the people. And day by day the Lord added to the Church those who were being saved.