< Hojii 19 >
1 Utuu Apholoos Qorontos keessa jiruu Phaawulos immoo biyya ol aanu keessa baʼee Efesoon dhufe; achittis barattoota tokko tokko argate.
亚波罗在哥林多期间,保罗从内陆抵达以弗所,在那里找到了若干信徒。
2 Innis, “Isin yeroo amantanitti Hafuura Qulqulluu argattaniirtuu?” jedhee gaafate. Isaan immoo deebisanii, “Hin arganne; nu akka Hafuurri Qulqulluun jiru iyyuu takkumaa hin dhageenye” jedhan.
他问他们说:“当你们信了上帝的时候,是否领取了圣灵?”他们说:“没有,我们甚至都没听说过圣灵这件事情。”
3 Phaawulosis, “Yoos cuuphaa kami cuuphamtan ree?” jedhee gaafate. Isaanis, “Cuuphaa Yohannis” jedhan.
保罗问:“那么你们接受的是何种施洗?” 他们说:“是约翰的施洗。”
4 Phaawulosis, “Cuuphaan Yohannis cuuphaa qalbii jijjiirrannaa ti; Yohannis akka isaan kan isa duubaan dhufaa jirutti, jechuunis Yesuusitti amananiif namootatti hima ture” jedhe.
保罗说:“约翰提供的是悔改施洗,他告诉众人应该相信在他之后到来的那个人,也就是他们应该相信耶稣。”
5 Isaanis waan kana dhagaʼanii maqaa Gooftaa Yesuusitti cuuphaman.
众人听罢,便以主耶稣之名进行受洗。
6 Yommuu Phaawulos harka isaan irra kaaʼetti Hafuurri Qulqulluun isaan irra buʼe; isaanis afaan haaraadhaan dubbatan; raajiis ni dubbatan.
保罗为他们按手,圣灵就便降临在他们身上,他们开始用不同的语言说话,还可以进行预言。
7 Isaanis walumatti gara nama kudha lamaa turan.
这些人总计大约十二人。
8 Phaawulosis mana sagadaa seenee waaʼee mootummaa Waaqaa isaan wajjin falmaa, akka isaan amananiifis yaalaa, jiʼa sadii sodaa malee dubbachaa ture.
在三个月的时间内,保罗一直都在会堂里向那里的人大胆宣讲,与他们进行讨论,努力说服他们相信上帝之国。
9 Isaan keessaa tokko tokko garuu mata jabeeyyii taʼan; amanuus didanii waaʼee karaa sanaa uummata duratti waan hamaa dubbatan; kanaaf Phaawulos isaan dhiisee deeme; barattootas ofitti fudhatee mana barumsaa Xiraanoos keessatti guyyuma guyyaan isaan wajjin mariʼachaa ture.
但有些人始终顽固不化,拒绝接受他的宣讲,还在众人面前毁谤道。所以保罗放弃了他们,离开了会堂,将信徒们也一并带走。之后,他每天都在推喇奴讲堂与大家进行讨论。
10 Kunis waggaa lama itti fufe; kanaaf Yihuudoonnii fi Giriikonni biyya Asiyaa keessa jiraatan hundinuu dubbii Gooftaa dhagaʼan.
就这样过了两年,所有亚西亚省的居民,无论犹太人或希腊人,都听到了主的道。
11 Waaqni harka Phaawulosiitiin hojii dinqii kan akka malee dinqisiisu hojjechaa ture.
上帝通过保罗显化很多不同寻常的神迹。
12 Kanaaf maarrabiin yookaan marxoon dhagna isaa tuqe iyyuu dhukkubsattootatti geeffama ture; isaanis ni fayyu; hafuurri hamaanis isaan keessaa baʼa ture.
甚至有人会拿走保罗曾经触碰的手帕或围巾,去医治病患和赶走邪灵。
13 Yihuudoonni biyya keessa nanaannaʼanii hafuurota xuraaʼoo nama keessaa baasan tokko tokkos namoota hafuura hamaan qabaman irratti maqaa Gooftaa Yesuus waamuu yaalan; isaanis, “Ani maqaa Yesuus kan Phaawulos lallabu sanaan sin ajaja” jedhan.
几个犹太人打着耶稣的名号四处驱鬼,向身上附着之人说:“我以保罗所言耶稣之名,命令你们出来。”
14 Ilmaan Iskoyaas, isa luba hangafa Yihuudootaa ture sanaa torbanis waan kana hojjetaniiru.
一位名叫士基瓦的犹太人司长,他的七个儿子都在做这件事,一个是犹太人,一个是大祭司。
15 Hafuurri hamaan sun garuu, “Ani Yesuusin beeka; waaʼee Phaawulosis beeka; isin immoo eenyu?” jedhee deebiseef.
但有一天当他们驱魔时,邪灵却回答到:“我认识耶稣,也认识保罗,但你们是谁?”
16 Namichi hafuura hamaan qabame sunis isaanitti utaale; hunda isaaniis moʼate; ni tumes; isaanis madaaʼanii qullaa isaanii mana keessaa baʼanii baqatan.
邪灵附体那人扑到他们身上将其制服,一番痛殴后,他们赤裸着身体从那房子逃了出来,满身是伤。
17 Kunis Yihuudootaa fi Giriikota Efesoon keessa jiraatan hunda biratti beekame; isaan hundis sodaan guutaman; maqaan Gooftaa Yesuusis baayʼee kabajame.
所有住在以弗所的犹太人和希腊人都知道此事,纷纷表示敬畏,主耶稣之名获得了广泛尊重。
18 Warra amanan keessaas baayʼeen isaanii dhufanii hojii isaanii hamaa sana ifatti baasanii himachaa turan.
也有许多信主之人前来忏悔他们的罪,公开坦诚他们曾经做过的恶行。
19 Warra falfala hojjechaa turan keessaas namoonni baayʼeen kitaabota isaanii walitti qabanii fuula uummataa duratti guban; gatiin kitaabota sanaas yommuu shallagametti gara meetii kuma shantama taʼe.
其中有许多曾经施行巫术之人,把他们关于巫术的书堆在一起当众烧掉。他们估算了一下书价,总计五万银币。
20 Haala kanaanis dubbiin Gooftaa akka malee babalʼate; humnaanis guddate.
通过这种方式,主的道日益强大,广为传播。
21 Erga wanni kun hundinuu taʼee booddee Phaawulos Maqedooniyaa fi Akaayaa keessa darbee Yerusaalem dhaquu murteeffate; innis, “Ani ergan achi gaʼee booddee Roomaas dhaquun qaba” jedhe.
在这之后,保罗决定穿过马其顿和亚该亚去往耶路撒冷。他说:“我到了那边以后,必须去罗马看看。”
22 Innis gargaartota isaa keessaa nama lama jechuunis Xiimotewosii fi Erisxoosin Maqedooniyaatti ergee ofii immoo yeroof biyya Asiyaa keessa ture.
他派了两名帮手提摩太和以拉都两人去马其顿,自己则暂时留在亚西亚省。
23 Gidduma sana waaʼee karaa sanaa irratti gooliin guddaan uumame.
就在这期间,发生了很多关于道的骚乱,
24 Tumtuun meetii kan Dimeexiroos jedhamu tokko fakkii mana qulqullummaa Arxemiisi meetii irraa hojjechuun ogeeyyii hojii harkaatiif galii guddaa galchaa ture.
有一位名叫低米丢的银匠,以制造亚底米女神的小银龛为生,这门手艺给他这样的工匠带来了不少生意。
25 Innis isaan hundaa fi namoota hojii akkasii qaban kaan walitti waamee akkana jedheen; “Yaa namoota nana, akka nu hojii kana irraa galii guddaa argannu ni beektu.
他把同行和相似行业的工人们聚起来,说:“工友们,你们知道,我们就是靠这门生意赚钱。
26 Isin akka namichi Phaawulos jedhamu kun utuu Efesoon qofatti hin taʼin guutummaa biyya Asiyaa gara caalu keessattis akka waaqonni harka namaatiin tolfaman waaqota hin taʼin dubbachuudhaan nama hedduu amansiisee karaa irraa balleesse ni argitu; ni dhageessus.
毫无疑问,通过你们看见和听见的事情,你们也应该意识到这个叫保罗的人,不仅在以弗所、还几乎在整个亚西亚游说和误导众人,说人类所制造的都不是上帝的创造。
27 Kanaafuu akka maqaan hojii keenyaa inni gaariin sun badu sodaan jira; garuu kana qofa utuu hin taʼin manni sagadaa Arxemiisi waaqittii guddoo sanaa iyyuu ni salphata; waaqittiin biyya Asiyaa guutuu fi addunyaa keessatti waaqeffatamtu mataan ishee iyyuu ulfina waaqummaa ishee ni dhabdi.”
这不仅导致我们这一行可能会受人鄙视,就连伟大女神亚底米的庙也会遭人摒弃,亚西亚和普天下所敬拜的女神将失去其威严。”
28 Isaanis yommuu waan kana dhagaʼanitti akka malee aaranii, “Arxemiisiin warra Efesoon guddoo dha!” jedhanii iyyan.
这话掀起了众人的怒火,他们高喊到:“以弗所人的亚底米,伟大的神!”
29 Yommusuma magaalattiin ni raafamte; namoonni sunis miiltota Phaawulos kanneen Maqedooniyaadhaa dhufan jechuunis Gaayoosii fi Arisxirokoosin qabanii akkuma nama tokkootti gara iddoo itti tapha argisiisanii girrisanii fiigan.
全城陷入大骚动,他们捉住了与保罗同行的马其顿人该犹和亚里达古,一起冲进了剧场。
30 Phaawulos uummatatti mulʼachuu barbaade; barattoonni garuu hin eeyyamneef.
保罗想去直面暴徒,但其他信徒不让他这么做。
31 Qondaaltota biyya Asiyaa warra michoota Phaawulos turan keessaas tokko tokko nama isatti erganii akka inni iddoo itti tapha argisiisan sana hin dhaqne isa kadhatan.
保罗有几名省长官的朋友,也捎来口信,叮嘱他不要去剧场那里。
32 Yaaʼichis wacaan guutame: Garri tokko waan tokko, garri kaan waan biraa iyye. Garri caalaan isaanii immoo waan achitti walitti qabamaniif illee hin beekne.
但暴徒们并不知道聚集的原因,如一群无头苍蝇一般,口中胡乱喊叫着。
33 Yihuudoonnis Iskindiroosin dhiibanii fuula uummataa duratti baafnaan, namoonni tokko tokko uummata keessaa iyyanii gorsa kennaniif; innis uummata duratti falmachuuf jedhee akka namoonni calʼisaniif harkaan mallattoo kenne.
人群中的犹太人把亚历山大推到前面,他做了个让大家安静的手势,想要解释给众人听。
34 Yommuu akka inni Yihuudii taʼe hubatanitti garuu isaan hundinuu sagalee tokkoon, “Arxemiisiin warra Efesoon guddoo dha!” jedhanii gara saʼaatii lamaa iyyaa turan.
众人认出他是犹太人,便异口同声高喊:“以弗所人的亚底米,伟大的神!”足足喊了两个小时。
35 Barreessaan magaalaa sanaas uummata calʼisiisee akkana jedhe; “Yaa namoota Efesoon, akka magaalaan Efesoon kun eegduu mana sagadaa Arxemiisi guddittiitii fi fakkii ishee kan samii irraa buʼe sanaa taate namni hin beekne jiraa?
后来书记官设法安抚了民众。他说:“以弗所人呐!你们的城是看守伟大亚底米的神庙,也看守来自天堂的神像。这一点谁不知道呢?
36 Kanaaf waan namni dhugaa kana falmu hin jirreef isin calʼisuu qabdu; waan tokko illee jarjarsuun hojjechuu hin qabdan.
这些都是不可辩驳的事实,你们应当保持平静,不可冲动行事。
37 Isaan mana sagadaa saamuu yookaan waaqittii keenya arrabsuu baatan illee isin jara kana as fiddaniirtu.
你们抓到这里的两个人,既没有打劫庙宇,也没有亵渎我们的女神。
38 Kanaaf Dimeexiroosii fi ogeeyyiin isa wajjin jiran sun yoo waan ittiin nama tokko iyyuu himatan qabaatan manneen murtii banaa dha; bulchitoonni biyyaas jiru. Isaan himata qaban achitti haa dhiʼeeffatan.
如果低米丢和其他工匠想要控告谁,完全可以去找总督或提交法庭,可以在那里提交诉状。
39 Yoo wanni biraa kan isin dhiʼeeffachuu barbaaddan tokko iyyuu jiraate garuu wanni sun yaaʼii seera qabeessa irratti ilaalama.
如果还有其他问题,就应该进行合法的集会予以解决。
40 Nu wal gaʼii kanaaf sababii dhiʼeeffachuu dandeenyu waan hin qabneef goolii harʼa taʼe kanatti akka gaafatamnu sodaa qabna.”
今天的骚乱毫无来由,我们实在无法评判,事实上,我们甚至可能需要为这件事情负责。”
41 Innis erga waan kana dubbatee booddee waldaa sana gad lakkise.
说罢这番话,他就让暴徒们散去了。