< Hojii 17 >
1 Isaanis Amfiipholiisii fi Apholooniyaa keessa darbanii Tasaloniiqee iddoo manni sagadaa Yihuudootaa ture dhufan.
祿和息拉經過安非頗里和阿頗羅尼雅,來到得撒洛尼,在那裏有猶太人的會堂。
2 Phaawulosis akkuma amala isaa mana sagadaa seenee guyyaa Sanbataa sadii dubbii kitaabaa irratti isaan wajjin dudubbachaa,
保祿照常例,到他們那裏,一連三個安息日,根據聖經和他們辯論,
3 akka Kiristoos dhiphachuu fi warra duʼan keessaa kaʼuu qabu addeessaa, mirkaneessaas ture. Innis, “Yesuus ani amma isinitti himu kun Kiristoosii dha” jedhe.
闡明指出默西亞必須受難,並從死者中復活;且說:「我向你們所傳報的耶穌,就是默西亞。」
4 Yihuudoota keessaa tokko tokko, Giriikota Waaqa sodaatan keessaas namoonni akka malee baayʼatanii fi dubartoonni bebeekamoon hedduun amananii Phaawulosii fi Siilaasitti dabalaman.
他們中有些人信服了,便與保祿和息拉聯合,還有許多敬畏天主的人和希臘人,以及不少的顯貴婦女。
5 Yihuudoonni garuu hinaaffaan guutaman; isaanis iddoo gabaatii kashlabboota tokko tokko walitti qabatanii, uummatas kakaasanii magaalaa keessatti goolii uuman; Phaawulosii fi Siilaasinis fuula uummataa duratti dhiʼeessuuf jedhanii isaan barbaacha mana Yaasonitti fiigan.
但是,猶太人卻起了嫉妒的心,聚集了一些市井敗類,結夥成群,擾亂城市;又闖進雅松家裏,搜尋保祿和息拉,要拉他們到民眾那裏。
6 Yommuu jara dhabanitti immoo Yaasonii fi obboloota tokko tokko harkisaa fuula qondaaltota magaalaa duratti dhiʼeessanii akkana jedhanii iyyan; “Namoonni addunyaa hunda rakkisaa turan kunneen amma kunoo as dhufaniiru;
但沒有搜到,就把雅松和幾個弟兄,拉到本城官長前,吶喊說:「這些擾亂天下的人,也到這裏來了,
7 Yaasonis mana isaatti isaan simateera. Hundi isaaniis, ‘Mootiin biraa kan Yesuus jedhamu tokko jira’ jedhanii labsii Qeesaariin mormu.”
雅松竟收留了他們;這些人都背叛凱撒諭令行事,說另有一位國王,就是耶穌。」
8 Uummannii fi qondaaltonni magaalaa sanaas yommuu waan kana dhagaʼanitti ni raafaman.
他們使群眾和本城官長們聽了這事,都惶惶不安。
9 Isaanis Yaasonii fi warra kaan irraa qabsiisa fuudhanii gad isaan dhiisan.
本城官長便由雅松及其餘的人取了保狀,便將他們釋放了。
10 Obboloonnis yeruma sana Phaawulosii fi Siilaasin halkaniin Beeriyaatti ergan; isaanis yommuu achi gaʼanitti mana sagadaa Yihuudootaa seenan.
弟兄們便立即在夜間打發保祿和息拉去貝洛雅;他們到了那裏,就進了猶太人的會堂。
11 Yihuudoonni Beeriyaa Yihuudoota Tasaloniiqee irra qalbii qabeeyyii turan; isaanis fedhii guddaan dubbii sana fudhatanii akka wanni Phaawulos jedhe sun dhugaa taʼee fi akka dhugaa hin taʼin ilaaluuf jedhanii guyyuma guyyaan Katabbiiwwan Qulqulluu qorachaa turaniitii.
這裏的人比得撒洛尼人開明,接受這道,極其熱切,天天考究聖經,看這些事是否是真的。
12 Kanaaf Yihuudoota keessaa baayʼeen ni amanan; akkasumas dubartoonni Giriik beekamoon hedduunii fi dhiironni Giriik hedduun ni amanan.
所以他們中有許多人信從了,還有許多希臘尊貴婦女,男子也不少。
13 Yihuudoonni Tasaloniiqee yommuu akka Phaawulos Beeriyaa keessattis dubbii Waaqaa lallabaa ture dhagaʼanitti achis dhaqanii rakkoo uumanii uummata kakaasan.
可是,得撒洛尼的猶太人,一知道保祿在貝洛雅也傳開了天主的聖道,就到那裏煽動擾亂群眾。
14 Obboloonni immoo yommusuma Phaawulosin gara qarqara galaanaatti ergan; Siilaasii fi Xiimotewos garuu Beeriyaatti hafan.
弟兄們遂立即打發保祿往海邊去;息拉和弟茂德仍留在貝洛雅。
15 Namoonni Phaawulosin geggeessanis Ateenaan isa gaʼanii akka Siilaasii fi Xiimotewos hamma isaanii dandaʼametti dafanii Phaawulos bira dhaqaniif ajaja fuudhaniifii deebiʼan.
送保祿的人領他一直到了雅典;他們領了保祿的命令,叫息拉和弟茂德趕快來到他那裏,以後就走了。
16 Phaawulos utuu Ateenaa keessatti isaan eegaa jiruu akka magaalaan sun waaqota tolfamoodhaan guutamte argee akka malee gadde.
保祿在雅典等候他們時,見城裏滿是偶像,心神很是悲憤。
17 Kanaaf mana sagadaa keessatti Yihuudootaa fi Giriikota Waaqa sodaatan wajjin, iddoo gabaatti immoo guyyuma guyyaan warra achitti argaman wajjin falmaa ture.
所以他就在會堂裏,同猶太人和敬畏天主的人辯論,每天也在街市上,同所遇到的人辯論。
18 Gareen falaasamtoota Efiiqoroosiitii fi Istoʼiki tokkos isaan falmaa ture; isaan keessaa tokko tokko, “Namichi legellegaan kun maal jedha?” jedhan. Warri kaan immoo, “Inni waaʼee waaqota ormaa labsa fakkaata” jedhan. Phaawulos waaʼee Yesuusii fi waaʼee duʼaa kaʼuu lallabaa tureetii.
有幾個伊壁鴆魯派和斯多噶派的哲士同他爭論,有的說:「這個饒舌多言的人想說什麼﹖」有的說:「看來他是個外國鬼神的宣傳者」──因為保祿宣講耶穌及復活的福音。
19 Isaanis isa qabanii gara wal gaʼii Ariyoosphaagositti geessan; achittis akkana jedhaniin; “Barsiisni haaraan ati fidde kun maal akka taʼe beekuu dandeenyaa?
他門遂帶保祿,領他到了阿勒約帕哥,說: 「我們可以知道你所講的這新道理是什麼嗎﹖
20 Ati waan nu takkumaa hin dhagaʼin nutti himaa jirta; kanaaf nu akka wanni kun maal jechuu taʼe beekuu feena.”
我們聽見你說了一些新奇的事,所以我們想知道這到底有什麼意思。」
21 Warri Ateenaa hundii fi namoonni biyya ormaa kanneen achi jiraatan yeroo isaanii waan haaraa dhagaʼuu fi odeessuu irratti malee waan biraa irratti hin balleessan ture.
原來所有的雅典人和僑居在那裏的外國人,不管其他的事,只是論談或探聽一些新奇的事。
22 Phaawulosis wal gaʼii Ariyoosphaagos walakkaa dhaabatee akkana jedhe; “Yaa namoota Ateenaa! Ani akka isin karaa hundaanuu warra amantaa taatan nan hubadha.
保祿遂即站在阿勒約帕哥當中說:「眾位雅典人,我看你們在各方面都更敬畏神明,
23 Ani yommuun nanaannaʼee waan isin waaqeffattan ilaaletti iddoo aarsaa kan katabbii, Waaqa hin Beekamneef, jedhu of irraa qabu argeeraatii. Egaa amma waan isin utuu hin beekin waaqeffattan kana isinittin hima.
因為我行經各處,細看你們所敬之物,也見到一座祭壇,上面寫著「給未識之神。」現在,我就將你們所敬拜而不認識的這一位,傳告給你們。
24 “Waaqni addunyaa fi waan ishee keessa jiru hunda uume sun Gooftaa samiitii fi lafaa ti; inni mana qulqullummaa kan harka namaatiin hojjetame keessa hin jiraatu.
創造宇宙及其中萬物的天主,既是天地的主宰,就不住人手所建的殿宇,
25 Inni mataan isaa sababii jireenya hafuura baafatamuu fi waan biraa hunda nama hundaaf kennuuf akka waan waa dhabeetti harka namaatiin hin tajaajilamu.
也不受人手的侍候,好像需要什麼似的,而是他將生命、呼吸和一切賞給了眾人。
26 Inni saboota hunda nama tokko irraa uumee akka isaan lafa hunda irra jiraatan godhe; bara jireenyaa kan isaanii kennamee fi daarii lafa isaan jiraatanii murteesse.
他由一個人造了全人類,使他們住在全地面上,給他們立定了年限,和他們所居處的疆界;
27 Waaqni yoo tokkoo tokkoo keenya irraa fagoo jiraachuu baate iyyuu akka namoonni isa barbaadanii, tarii carraaqaniis isa argataniif jedhee waan kana godhe.
如他們尋求天主,或者可以摸索而找到他;其實,他離我們每人並不遠,
28 Akkuma beektonni keessan tokko tokko, ‘Nu ilmaan isaa ti’ jedhan sana ‘Nu isa keessa jiraanna; isa keessa sochoona; eenyummaa keenya illee isa keessatti qabaannaatii.’
因為我們生活、行動、存在,都在他內,正如你們的某些詩人說的:「原來我們也是他的子孫。」
29 “Kanaafuu nu waan ilmaan Waaqaa taaneef Waaqni waan akka warqee yookaan meetii yookaan dhagaa jechuunis waan ogummaa fi beekumsa namaatiin hojjetame fakkaata jennee yaaduu hin qabnu.
我們既是天主的子孫,就不該想:神就像由人的藝術及思想所製的金銀石刻的東西一樣。
30 Waaqni bara wallaalummaa durii hin ilaalu ture; amma garuu akka namni iddoo hunda jiru hundi qalbii jijjiirratu ajaja.
天主對那愚昧無知的時代,原不深究;如今卻傳諭各處的人都要悔改,
31 Innis guyyaa itti harka namicha filate sanaatiin qajeelummaadhaan addunyaatti muru murteesseeraatii; kanas warra duʼan keessaa isa kaasuun nama hundumaaf mirkaneesseera.”
因為他已定了一個日期,要由他所立定的人,按正義審判天下,他為給眾人一個可信的憑據,就叫這人從死者中復活了。」
32 Isaan keessaa namoonni tokko tokko yommuu waaʼee duʼaa kaʼuu warra duʼanii dhagaʼanitti ni qoosan; warri kaan immoo, “Nu ammas dubbii kana sirraa dhagaʼuu barbaanna” jedhan.
他們一聽見死人復活,有的譏笑,有的卻說:「關於這事,我們後來再聽你罷!」
33 Kana irratti Phaawulos isaan keessaa baʼee deeme.
這樣,保祿便從他們當中出去了。
34 Namoonni tokko tokko garuu gama Phaawulos goranii amanan; isaan keessaas namichi Diiyonaasiyoos jedhamu kan miseensa Ariyoosphaagos ture tokko, dubartiin Damaariis jedhamtuu fi namoonni biraas isaan wajjin turan.
可是,也有幾個人依附保祿而信從了,其中有阿勒約帕哥的官員狄尼約削,和一個名叫達瑪黎的婦人;同他們一起信從的,還有其他一些人。