< Hojii 15 >
1 Namoonni tokko tokko Yihuudaa gara Anxookiiyaatti gad buʼanii, “Isin yoo akkuma seera Museetti dhagna qabachuu baattan fayyuu hin dandeessan” jedhanii obboloota barsiisaa turan.
有几个来自犹太的人开始教授信徒。他们对信徒们说:“你们若不按照摩西定下的规矩行受割礼,就无法获得救赎。”
2 Kunis akka Phaawulosii fi Barnaabaas jara wajjin wal diddaa fi wal morkii cimaa keessa seenan isaan godhe; kanaaf Phaawulosii fi Barnaabaas waaʼee dubbii kanaatiif jedhanii akka Yerusaalemitti ol baʼanii ergamootaa fi maanguddoota bira dhaqaniif amantoota tokko tokko wajjin filataman.
保罗和巴拿巴与他们进行了激烈的辩论,于是众人指派他们和其他几个人去耶路撒冷,向信徒和长老们讲述这个问题。
3 Waldaan kiristaanaas isaan ergite; isaanis akka Namoonni Ormaa Waaqatti deebiʼan odeessaa Finiiqee fi Samaariyaa keessa darban. Oduun kunis obboloota hunda akka malee gammachiise.
教会为他们送行后,他们便上路了。途径腓尼基和撒玛利亚,讲述异教徒如何改变信仰,这让所有信徒都很高兴。
4 Yommuu isaan Yerusaalem gaʼanitti waldaan kiristaanaa, ergamoonnii fi maanguddoonni isaan simatan; isaanis waan Waaqni karaa isaaniitiin hojjete hunda jaratti himan.
来到耶路撒冷后,教会、信徒和长老们接待了他们,他们也报告了上帝通过他们所行的一切。
5 Amantoonni garee Fariisotaa tokko tokko garuu kaʼanii dhaabatanii, “Namoonni Ormaa dhagna qabachuu qaban; akka seera Musee eeganiifis itti himamuu qaba” jedhan.
但有几名法利赛派的信徒却提出了反对意见,他们说:“这些归信上帝的异教徒必须行割礼,教导他们遵守摩西的律法。”
6 Ergamoonnii fi maanguddoonni dubbii kana ilaaluuf walitti qabaman.
使徒和长老聚集在一起商讨此事。
7 Phexrosis falmii guddaan booddee kaʼee dhaabatee akkana isaaniin jedhe; “Yaa obboloota, isin akka Waaqni yeroo gabaabaan dura akka Namoonni Ormaa afaan koo irraa dubbii wangeelaa dhagaʼanii amananiif jedhee isinuma keessaa na filate beektu.
在进行了大量辩论后,彼得站起来对他们说:“兄弟们,你们知道过去上帝在你们中间选择了我,就是为了让异教徒可以听到福音之道,相信耶稣。
8 Waaqni yaada garaa namaa beeku sun akkuma nuuf kenne sanatti isaaniifis Hafuura Qulqulluu kennuudhaan akka isaan simate mirkaneesse.
那洞察我们思想的上帝也表明接受他们,就像对待我们一样向他们赐以圣灵。
9 Innis sababii garaa isaanii amantiin qulqulleesseef, nuu fi isaan gidduutti garaa garummaa tokko illee hin goone.
上帝绝不会将我们和他们区别对待。因为他们相信上帝,所以上帝洁净了他们的思想。
10 Yoos maaliif waanjoo nus abbootiin keenyas baachuu hin dandaʼin morma barattootaa irra kaaʼuudhaan Waaqa qortu ree?
现在你们为什么要反对上帝,把我们祖先和我们都无法承受的重负,放在这些信徒的身上?
11 Nu akka ayyaana Gooftaa keenya Yesuusiitiin fayyinu ni amanna; isaanis akkasuma ni fayyu.”
我们确信承蒙主耶稣的恩典获得救赎,与他们有着同样的方式。”
12 Yommuu Barnaabaasii fi Phaawulos waaʼee mallattoo fi dinqii Waaqni harka isaaniitiin Namoota Ormaa keessatti hojjete sanaa dubbatanitti yaaʼiin guutuun calʼisee isaan dhagaʼaa ture.
巴拿巴和保罗述说了上帝通过他们在异教徒中所行的神迹奇事,所有人都专心聆听。
13 Erga isaan dubbatanii fixanii booddees Yaaqoob akkana jedhe; “Yaa obboloota, mee na dhaggeeffadhaa!
他们讲述完后,雅各说:“兄弟们,请听我说!
14 Simoonis akka Waaqni duraan dursee Namoota Ormaa keessaa saba tokko ofii isaatii filachuun jaalala isaa argisiise nutti himeera.
刚才西门讲述了上帝如何显示他对异教徒的关心,从他们中间挑选一名鉴定信仰上帝之人。
15 Dubbiin raajotaas waan kana wajjin walii gala; innis akkana jedhamee barreeffameera:
这符合了众先知所写下的问题,正如经上所记:
16 “‘Kana booddee ani nan deebiʼa; dunkaana Daawit kan kufe sana deebisee nan ijaara; diigamaa isaa immoo deebisee nan ijaara; deebisees nan dhaaba;
‘未来我要回归,重建大卫崩塌的宅邸,在废墟上将其重建,让它重新站立起来,
17 kunis akka namoonni hafan jechuunis, Namoonni Ormaa warri maqaa kootiin waamaman hundinuu gooftaa barbaadaniif’
我这样做,是为了让剩下的人可以追随主,包括所有呼唤我名的异教徒。
18 jedha Gooftichi waan bara dheeraaf beekame hojjete sun. (aiōn )
这就是主的真言,他很久以前就昭示了这一切。’ (aiōn )
19 “Kanaaf nu akka murtii kootiitti Namoota Ormaa kanneen Waaqatti deebiʼan rakkisuu hin qabnu.
所以我认为,不应该为难那些归信上帝的异教徒。
20 Qooda kanaa akka isaan nyaata waaqonni tolfamoon xureessan, sagaagalummaa, foon horii hudhamee duʼeetii fi dhiiga lagataniif xalayaa barreessinee itti himuu qabna.
我们应该给他们写信,告诉他们不吃祭祀偶像的食物、不要淫乱、要避开勒死的牲畜和血。
21 Seerri Musee dhaloota duriitii jalqabee magaalaa hunda keessatti lallabamaa ture; manneen sagadaa keessattis Sanbata Sanbata ni dubbifama.”
因为很久很久以来,各地都在教导摩西所写律法,每逢安息日,都会有人在会堂中诵读。”
22 Yommus ergamoonnii fi maanguddoonni miseensota waldaa kiristaanaa guutuu wajjin tokko taʼanii namoota isaanii keessaa tokko tokko filatanii Phaawulosii fi Barnaabaas wajjin gara Anxookiiyaatti erguu murteessan; isaanis namoota lama jechuunis Yihuudaa isa Barsiyaan jedhamuu fi Siilaas kanneen obboloota keessatti dura buʼoota turan sana filatan.
使徒、长老和教会所有人都认可这个方法,于是他们决定选出几名代表,派他们和保罗、巴拿巴一同到安提阿去。最终选择的人是犹大(巴撒巴)和西拉,他们是信徒中的领袖。
23 Xalayaa armaan gad jiru kanas isaanitti ergan: Obboloota keessan, ergamootaa fi maanguddoota irraa; Gara Namoota Ormaa kanneen amanan warra Anxookiiyaa, Sooriyaa fi Kiilqiyaa keessa jiraataniitti; Nagaa isinii dhaamna.
他们被派出去送信。信上说: “安提阿、叙利亚和基利家的非犹太异族兄弟们,这里是来自使徒、长老和信徒们的问候。
24 Nu akka namoonni tokko tokko eeyyama keenya malee nu biraa baʼanii waan dubbataniin qalbii isin raasanii isin jeeqan dhageenyeerra.
听说我们中有些人在向你们讲道时,让你们感到困扰和不安,其实我们并没有吩咐他们这样做。
25 Kanaafuu nu hundi namoota tokko tokko filannee obboloota keenya jaallatamoo Barnaabaasii fi Phaawulos jechuunis
因此,我们一致同意选出几名代表,与我们挚爱的巴拿巴和保罗一起派去见你们,
26 namoota maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiitiif jedhanii jireenya isaanii kennan isinitti erguuf walii galle.
这两个人曾为了主耶稣基督之名,置个人生死于不顾。
27 Kanaafuu akka isaan waanuma nu barreessine sana dubbii afaaniitiin isinii mirkaneessaniif jennee Yihuudaa fi Siilaasin ergineerra.
我们派犹大和西拉同行,他们会亲口确认我们所说的一切。
28 Waan barbaachisaa armaan gad jiru kana malee akka nu baʼaa tokko illee isin irra hin keenye Hafuurri Qulqulluun jaallateera; nus itti gammanneerra;
圣灵和我们都认为,除了以下重要的要求,最好不要让你们承担更多重负。
29 kunis akka isin nyaata waaqota tolfamoof aarsaa dhiʼeeffamu, dhiiga, foon horii hudhamee duʼeetii fi sagaagalummaa lagattanii dha. Isin yoo waan kana irraa of eegdan, waan qajeelaa hojjettan. Nagaatti.
你们应该避免的是:不吃祭祀偶像的食物,要避开勒死的牲畜和血,不要淫乱。只要遵守这些要求就好了。上帝保佑你们!”
30 Jarri sunis ergamanii Anxookiiyaatti gad buʼan; achittis amantoota walitti qabanii xalayaa sana itti kennan.
还有人被派到安提阿,在那里召集众人,交上这封书信。
31 Amantoonnis yommuu xalayaa sana dubbisanitti gorsa jajjabeessaa sanatti ni gammadan.
众人读罢,因信上的劝勉之语而感到欣慰。
32 Yihuudaa fi Siilaas warri mataan isaanii iyyuu raajota turan sun dubbii baayʼeen obboloota gorsanii jajjabeessan.
犹大和西拉也是先知,他们说了许多鼓励兄弟们的话,让他们获得了更大的力量。
33 Erga isaan yeroo gabaabaa achi turanii booddees, obboloonni akka isaan warra isaan erganitti deebiʼaniif nagaan isaan geggeessan. [
住了一段时间后,他们打道回府,带走了众人向耶路撒冷信徒送去的祝福。
34 Siilaas immoo achumatti hafuu murteesse.]
35 Phaawulosii fi Barnaabaas garuu Anxookiiyaatti hafanii namoota biraa hedduu wajjin dubbii Gooftaa barsiisan; ni lallabanis.
但保罗和巴拿巴却住在安提阿,与众人一起进行教导,传播主之道。
36 Phaawulosis bultii gabaabduu booddee Barnaabaasiin, “Mee kottu, magaalaawwan itti dubbii Gooftaa lallabne hundatti deebinee obboloota dubbifnaa; haala isaan keessa jiranis ni ilaallaa!” jedhe.
过了一段时间,保罗对巴拿巴说:“我们回到曾经传道的那些城邦去吧,看看那里的信徒们现在如何了。”
37 Barnaabaasis Yohannis isa Maarqos jedhamu sana isaan wajjin fudhatee deemuu barbaade.
巴拿巴打算带上马可(约翰)一同去,
38 Phaawulos garuu sababii Maarqos isaan wajjin hojiitti fufuu didee Phamfiliyaatti isaan dhiisee deemeef akka inni isaan wajjin deemu hin jaallanne.
但保罗认为带上他不合适,因为他当年在旁非利亚时曾经离开过他们,没有继续与他们一起完成自己的使命。
39 Kana irratti waldhabiisni guddaan gidduu isaaniitti uumamnaan gargar baʼan; Barnaabaasis Maarqosin fudhatee dooniidhaan Qophiroositti qajeele.
两人为此大吵一架,于是分道扬镳。巴拿巴带上马可,乘船去塞浦路斯。
40 Phaawulos immoo Siilaasin filatee erga obboloonni dabarsanii ayyaana gooftaatti isa kennanii booddee kaʼee deeme.
保罗则选了西拉,当他们离开时,信徒们将他们交托给主的恩典。
41 Innis waldoota kiristaanaa jajjabeessaa Sooriyaa fi Kiilqiyaa keessa darbe.
保罗走遍了叙利亚和基利家,鼓舞那里的教会。