< Hojii 14 >
1 Phaawulosii fi Barnaabaas akkuma amala isaanii Iqooniyoonitti mana sagadaa Yihuudootaa seenan; achittis waan akka gaarii dubbataniif Yihuudoonnii fi Giriikonni hedduun ni amanan.
And it came to pass in Iconium, that they entered together into the synagogue of the Jews, and so spake, that a great multitude both of Jews and of Greeks believed.
2 Yihuudoonni hin amanin garuu Namoota Ormaa kakaasanii akka isaan obbolootaan mormaniif yaada isaanii hammeessan.
But the Jews that were disobedient stirred up the souls of the Gentiles, and made them evil affected against the brethren.
3 Phaawulosii fi Barnaabaas sodaa malee waaʼee Gooftaa dubbachaa yeroo dheeraa achi turan; Gooftaanis akka isaan mallattoo fi dinqii hojjetan isaan dandeessisuudhaan dubbii ayyaana isaa mirkaneesse.
Long time therefore they tarried [there] speaking boldly in the Lord, which bare witness unto the word of his grace, granting signs and wonders to be done by their hands.
4 Uummanni magaalaa sanaas gargar qoodame; garri tokko Yihuudoota wajjin, kaan immoo ergamoota wajjin dhaabate.
But the multitude of the city was divided; and part held with the Jews, and part with the apostles.
5 Namoonni Ormaatii fi Yihuudoonni bulchitoota isaanii wajjin isaan dhiphisuu fi dhagaadhaan isaan tumuuf mariʼatan.
And when there was made an onset both of the Gentiles and of the Jews with their rulers, to entreat them shamefully, and to stone them,
6 Jarri garuu waan kana beekkatanii magaalaawwan Liqaaʼooniyaa kanneen Lisxiraanii fi Darbeen jedhamanitti, gara biyya naannoo sanaattis baqatan.
they became aware of it, and fled unto the cities of Lycaonia, Lystra and Derbe, and the region round about:
7 Achittis wangeela lallabuu itti fufan.
and there they preached the gospel.
8 Lisxiraan keessa namichi miilli isaa laamshaʼe, kan dhaloota isaatii jalqabee naafa turee fi takkumaa miillaan deemee hin beekin tokko taaʼaa ture.
And at Lystra there sat a certain man, impotent in his feet, a cripple from his mother’s womb, who never had walked.
9 Innis yeroo Phaawulos dubbatutti isa dhaggeeffachaa ture; Phaawulosis hubatee isa ilaalee akka namichi sun fayyuuf amantii qabu arge;
The same heard Paul speaking: who, fastening his eyes upon him, and seeing that he had faith to be made whole,
10 sagalee guddaadhaanis, “Kaʼii miilla keetiin dhaabadhu!” jedheen. Namichi sunis ol utaalee kaʼe; miillaan deemuus jalqabe.
said with a loud voice, Stand upright on thy feet. And he leaped up and walked.
11 Namoonnis yommuu waan Phaawulos hojjete arganitti, sagalee isaanii ol fudhatanii afaan Liqaaʼooniyaatiin, “Waaqonni bifa namaatiin nutti gad buʼaniiru!” jedhan.
And when the multitudes saw what Paul had done, they lifted up their voice, saying in the speech of Lycaonia, The gods are come down to us in the likeness of men.
12 Isaanis Barnaabaasiin, “Zeʼoos” jedhan; Phaawulos immoo waan inni dubbataa hangafa tureef, “Hermeen” jedhaniin.
And they called Barnabas, Jupiter; and Paul, Mercury, because he was the chief speaker.
13 Lubni Zeʼoos uummata wajjin aarsaa isaanii dhiʼeessuu barbaadee sangootaa fi daraaraa foʼame gara balbala magaalaatti fide; manni qulqullummaa Diyaas magaalaa sanaan alatti argama ture.
And the priest of Jupiter whose [temple] was before the city, brought oxen and garlands unto the gates, and would have done sacrifice with the multitudes.
14 Ergamoonni jechuunis Barnaabaasii fi Phaawulos garuu yommuu waan kana dhagaʼanitti wayyaa isaanii tarsaasanii iyyaa fiiganii uummata keessa seenan; akkanas jedhan;
But when the apostles, Barnabas and Paul, heard of it, they rent their garments, and sprang forth among the multitude, crying out
15 “Yaa jarana, isin maaliif waan kana gootan? Nus namuma akka keessanii ti. Akka isin waan faayidaa hin qabne kana irraa deebitanii Waaqa jiraataa isa samii, lafa, galaanaa fi waan isaan keessa jiru hunda uumetti deebitaniif nu oduu gaarii isinitti himna.
and saying, Sirs, why do ye these things? We also are men of like passions with you, and bring you good tidings, that ye should turn from these vain things unto the living God, who made the heaven and the earth and the sea, and all that in them is:
16 Inni bara durii keessa akka saboonni hundinuu akkuma fedhanitti jiraatan isaan dhiise;
who in the generations gone by suffered all the nations to walk in their own ways.
17 taʼus dhuga baʼumsa malee of hin dhiifne. Bokkaa samii irraa roobsee midhaanis yeroo isaatti isinii kennee, garaa laafummaa isaa argisiiseera; soora hedduus isinii kennee garaa keessan gammachuudhaan guuta.”
And yet he left not himself without witness, in that he did good, and gave you from heaven rains and fruitful seasons, filling your hearts with food and gladness.
18 Jarri garuu dubbii kanaan iyyuu rakkina guddaadhaan akka tuunni sun aarsaa isaaniif hin dhiʼeessine of irraa deebisan.
And with these sayings scarce restrained they the multitudes from doing sacrifice unto them.
19 Yihuudoonni tokko tokko Anxookiiyaa fi Iqooniyoonii dhufanii uummata gara ofii isaaniitti deebifatan. Phaawulosin dhagaadhaan tumanii waan inni duʼe seʼaniis lafa irra harkisaa magaalaa keessaa gad isa baasan.
But there came Jews thither from Antioch and Iconium: and having persuaded the multitudes, they stoned Paul, and dragged him out of the city, supposing that he was dead.
20 Inni garuu yeroo barattoonni isatti naannaʼanitti kaʼee magaalaa seene; guyyaa itti aanutti immoo Barnaabaas wajjin magaalaa Darbeenitti qajeele.
But as the disciples stood round about him, he rose up, and entered into the city: and on the morrow he went forth with Barnabas to Derbe.
21 Isaanis erga magaalaa sanatti wangeela lallabanii namoota hedduu barattoota godhatanii booddee Lisxiraanitti, Iqooniyoonii fi Anxookiiyaatti deebiʼan.
And when they had preached the gospel to that city, and had made many disciples, they returned to Lystra, and to Iconium, and to Antioch,
22 Isaanis, “Nu mootummaa Waaqaatti galuudhaaf rakkina baayʼee keessa darbuu qabna” jedhanii barattoota jajjabeessaa, akka isaan amantiitti cimaniifis gorsaa turan.
confirming the souls of the disciples, exhorting them to continue in the faith, and that through many tribulations we must enter into the kingdom of God.
23 Phaawulosii fi Barnaabaas tokkoo tokkoo waldaa kiristaanaa keessatti maanguddoota muudaniifii kadhaa fi soomaan Goofticha isaan itti amananitti dabarsanii isaan kennan.
And when they had appointed for them elders in every church, and had prayed with fasting, they commended them to the Lord, on whom they had believed.
24 Phisiidiyaa keessa darbanii Phamfiliyaa seenan.
And they passed through Pisidia, and came to Pamphylia.
25 Phergeenitti dubbicha lallabanii Axaaliyaatti gad buʼan.
And when they had spoken the word in Perga, they went down to Attalia;
26 Axaaliyaadhaa kaʼanii gara iddoo itti hojii amma fixatan kanaaf ayyaana Waaqaatti imaanaa kennamanii turanii Anxookiiyaatti dooniin deebiʼan.
and thence they sailed to Antioch, from whence they had been committed to the grace of God for the work which they had fulfilled.
27 Akkuma achi gaʼaniinis waldaa kiristaanaa walitti qabanii waan Waaqni karaa isaaniitiin hojjete hundaa fi akkamitti akka inni Namoota Ormaatiif balbala amantii banes isaanitti himan.
And when they were come, and had gathered the church together, they rehearsed all things that God had done with them, and how that he had opened a door of faith unto the Gentiles.
28 Isaanis barattoota wajjin yeroo dheeraa achi turan.
And they tarried no little time with the disciples.