< Hojii 13 >
1 Waldaa kiristaanaa Anxookiiyaa keessa Raajotaa fi barsiistotatu ture; isaanis Barnaabaas, Simiʼoon isa Niiger jedhamu, Luukiyoos nama Qareenaa, Maanaaʼen isa Heroodis bulchaa sana wajjin guddatee fi Saaʼol faʼa.
Sasa katika kanisa la Antiokia, palikuwa na baadhi ya manabii na walimu. Walikua Barnaba, Simeoni (aliyeitwa Nigeri). Lukio wa Kirene, Manaeni( ndugu asiye wa damu wa Herode kiongozi wa mkoa), na Sauli.
2 Utuu isaan Gooftaa tajaajilaa, soomaas jiranuu Hafuurri Qulqulluun, “Barnaabaasii fi Saaʼolin hojii ani itti isaan waammadheef naa filaa” jedhe.
Walipokuwa wakimwabudu Bwana na kufunga, Roho Mtakatifu alisema, “Niteengeeni pembeni Barnaba na Sauli, waifanye kazi niliyo waitia.”
3 Kanaaf isaan erga soomanii kadhatanii booddee harka isaanii jara irra kaaʼanii isaan ergan.
Baada ya Kanisa kufunga, kuomba, na kuweka mikono yao juu ya watu hawa, wakawaacha waende.
4 Isaan lachuu Hafuura Qulqulluudhaan ergamanii Seluuqiyaatti gad buʼan; achiis kaʼanii dooniin Qophiroos dhaqan.
Kwa hiyo Barnabas na Sauli walimtii Roho Mtakatifu na walitelemka kuelekea Seleukia; Kutoka huko walisafiri baharini kuelekea kisiwa cha Kipro.
5 Yommuu Salaamiis gaʼanittis manneen sagadaa Yihuudootaa keessatti dubbii Waaqaa lallaban; Yohannisis isaan gargaaruuf isaan bira ture.
Walipokuwa katika mji wa Salami, walilitangaza neno la Mungu katika Masinagogi ya Wayahudi. Pia walikuwa pamoja na Yohana Marko kama msaidizi wao.
6 Isaanis yommuu biyyoota bishaaniin marfaman sana hundumaa keessa baʼanii hamma Phaafoositti dhufanitti, Yihuudii falfaltichaa fi raajii sobaa kan maqaan isaa Baaryesuus jedhamu tokkotti dhufan.
Walipokwenda katika kisiwa chote mpaka Pafo, walikuta mtu fulani mchawi, Myahudi nabii wa uongo, ambaye jina lake lilikuwa Bar Yesu.
7 Innis namicha hubataa bulchaa biyyaa taʼe kan Sergiyoos Phaawulos jedhamu tokko wajjin ture. Bulchaan sunis waan dubbii Waaqaa dhagaʼuu barbaadeef nama ergee Barnaabaasii fi Saaʼolin waamsifate.
Mchawi huyu alishirikiana na Liwali Sergio Paulus, aliyekuwa mtu mwenye akili. Mtu huyu aliwaalika Barnaba na Sauli, kwa sababu alihitaji kusikia neno la Mungu.
8 Eliimaas falfaltichi kan hiikkaan maqaa isaa afaan Giriikiin akkasuma taʼe sun garuu bulchaa biyyaa sana amantii irraa deebisuuf jedhee isaaniin morme.
Lakini Elima “yule mchawi” (hivyo ndivyo jina lake lilivyo tafsiriwa) aliwapinga; alijaribu kumgeuza yule liwali atoke kwenye imani.
9 Saaʼol inni Phaawulos jedhamu sun garuu Hafuura Qulqulluudhaan guutamee Eelimaasin hubatee ilaalee akkana jedheen;
Lakini Sauli aliyeitwa Paulo, alikuwa amejazwa na Roho Mtakatikfu, akamkazia macho
10 “Ati ilma diiyaabiloosii fi diina qajeelummaa hundaa ti! Sobaa fi gowwoomsaa gosa hundaatiinis guutamteerta. Ati karaa Gooftaa isa qajeelaa sana jalʼisuu hin dhiiftuu?
na akasema “Ewe mwana wa Ibilisi, umejazwa na aina zote za udanganyifu na udhaifu. Wewe ni adui wa kila aina ya haki. Hautakoma kuzigeuza njia za Bwana, zilizonyooka, je utaweza?
11 Kunoo amma harki Gooftaa sitti kaʼeera; atis jaamtee yeroof ifa aduu arguu ni dadhabda.” Yeruma sana hurrii fi dukkanni isa irra buʼe; innis nama harka qabee isa qajeelchu barbaaduu jalqabe.
Sasa tazama, mkono wa Bwana upo juu yako, na utakuwa kipofu. Hautaliona Jua kwa muda” mara moja ukungu na giza vilianguka juu ya Elimas; alianza kuzunguka pale akiomba watu wamwongoze kwa kumshika mkono.
12 Bulchaan biyyaa sunis waan kana arginaan amane; barsiisa waaʼee Gooftaa dinqifatee tureetii.
Baada ya liwali kuona kilichotokea, aliamini, kwa sababu alishangazwa kwa mafundisho kuhusu Bwana.
13 Phaawulosii fi miiltonni isaa Phaafoosii bidiruudhaan kaʼanii Phergeen ishee Phamfiliyaa sana dhaqan; Yohannisis achitti isaan dhiisee Yerusaalemitti deebiʼe.
Sasa Paulo na rafiki zake walisafiri majini kutoka Pafo na wakafika Perge katika Pamfilia. Lakini Yohana aliwaacha na kurudi Yerusalemu.
14 Isaan garuu Phergeenii kaʼanii gara Anxookiiyaa ishee Phisiidiyaatti argamtuu dhufan; guyyaa Sanbataas mana sagadaa seenanii tataaʼan.
Paulo na rafiki yake walisafiri kutoka Perge na wakafika Antiokia ya Pisidia. Huko walikwenda katika sinagogi siku ya Sabato na kukaa chini.
15 Bulchitoonni mana sagadaa sanaas erga kitaabonni Seeraatii fi Raajotaa dubbifamanii booddee nama isaanitti erganii, “Yaa obboloota, yoo dubbii gorsaa uummataaf qabaattan mee dubbadhaa” jedhaniin.
Baada ya kusoma sheria na manabii, viongozi wa sinagogi aliwatumia ujumbe wakisema, “Ndugu, kama mnao ujumbe wa kutia moyo watu hapa, semeni”
16 Phaawulos kaʼee dhaabatee harkaan mallattoo argisiisee akkana jedhe; “Yaa namoota Israaʼel, isin warri Waaqa sodaattanis mee na dhagaʼaa!
Kwa hiyo Paulo alisimama na kuwapungia mkono; alisema, “Wanaume wa Israeli na enyi mnao mtii Mungu, sikilizeni.
17 Waaqni saba Israaʼel abbootii keenya filate; innis yeroo isaan biyya Gibxi jiraachaa turanitti sabicha saba guddaa godhe; irree jabaanis achii isaan baase;
Mungu wa hawa watu wa Israeli aliwachagua baba zetu na kuwafanya watu wengi walipokaa katika nchi Misri, na kwa mkono wake kuinuliwa aliwaongoza nje yake.
18 gammoojjii keessattis gara waggaa afurtamaa isaanii obse.
Kwa miaka arobaini aliwavumilia katika jangwa.
19 Biyya Kanaʼaan keessaas saboota torba balleessee lafa isaanii akka dhaalaatti saba isaatiif kenne.
Baada ya kuyaharibu mataifa saba katika nchi ya Kaanani, aliwapa watu wetu nchi yao kwa urithi.
20 Wanni kun hundinuu gara waggaa 450 fudhatte. “Kana booddees Waaqni hamma bara Saamuʼeel raajichaatti abbootii murtii isaaniif kenne.
Matukio haya yote yalitokea zaidi ya miaka mia nne na hamsini. Baada ya vitu hivi vyote, Mungu aliwapa waamuzi mpaka Samweli Nabii.
21 Yommuu isaan akka inni mootii kennuufiif isa kadhatanitti Waaqni gosa Beniyaam keessaa Saaʼol ilma Qiishi isaaniif kenne; Saaʼolis waggaa 40 isaan bulche.
Baada ya haya, watu waliomba mfalme, hivyo Mungu aliwapa Sauli mwana wa Kishi, mtu wa kabila la Benjamini, kuwa mfalme kwa miaka arobaini.
22 Waaqni Saaʼolin mootummaa irraa buusee Daawitin mootii isaanii godhe; innis, ‘Ani nama akka garaa koo Daawit ilma Isseey argadheera; inni waan ani akka inni hojjetu fedhu hunda ni hojjeta’ jedhee waaʼee Daawit rageesseera.
Kisha baada ya Mungu kumuondoa katika ufalme, alimwinua Daudi kuwa mfalme wao. Ilikuwa ni kuhusu Daudi kwamba Mungu alisema, 'Nimempata Daudi mwana wa Yese kuwa mtu apendezwaye na moyo wangu; ambaye atafanya kila kitu nipendacho.'
23 “Waaqnis akkuma abdachiise sana, sanyii nama kanaa keessaa Yesuus fayyisaa saba Israaʼeliif fide.
Kutoka kwenye ukoo wa mtu huyu Mungu ameiletea Israeli mkombozi, Yesu, kama alivyoahidi kufanya.
24 Yohannis dhufaatii Yesuus duratti cuuphaa qalbii jijjiirrannaa saba Israaʼel hundumatti lallabee ture.
Hili lilianza kutokea, kabla ya Yesu kuja, Yohana kwanza alitangaza ubatizo wa toba kwa watu wote wa Israeli.
25 Yohannisis utuu ergama isaa guutachaa jiruu, ‘Isin eenyu na seetu? Ani isa isin eeggachaa jirtan miti. Garuu namni ani kophee isaa illee hiikuu hin malle tokko na duubaan ni dhufa’ jedhe.
Naye Yohana alipokuwa akimalizia kazi yake, alisema, 'Mwanifikiri mimi ni nani? mimi si yule. Lakini sikilizeni, ajaye nyuma yangu, sisitahili kulegeza viatu vya miguu yake.'
26 “Obboloota, yaa ijoollee Abrahaam, isin warri Waaqa sodaattanis, dubbiin fayyina kanaa nuu ergame.
Ndugu, watoto wa ukoo wa Abrahamu, na wale ambao kati yenu mnamwabudu Mungu, ni kwa ajili yetu kwamba ujumbe huu wa ukombozi umetumwa.
27 Warra Yerusaalem keessa jiraatanii fi bulchitoonni isaanii waan Yesuusin hin beekiniif yookaan dubbii raajotaa isa Sanbata Sanbata dubbifamu waan hin hubatiniif isatti muruudhaan dubbii raajotaa sana guutan.
Kwa wale waishio Yerusalemu, na watawala wao, hawakumtambua kwa uhalisia, na wala hawakuutambua ujumbe wa manabii ambao husomwa kila Sabato; kwa hiyo walitimiliza ujumbe wa manabii kwa kumhukumu kifo Yesu.
28 Isaanis yoo sababii duʼa isatti mursiisuu dandaʼu argachuu baatan illee akka Yesuus ajjeefamuuf Phiilaaxoosin kadhatan.
Japokuwa hawakupata sababu nzuri kwa kifo ndani yake, walimwomba Pilato amuue.
29 Erga waan waaʼee isaa barreeffame hunda guutatanii booddees fannoo irraa gad buusanii awwaala keessa isa kaaʼan.
Walipomaliza mambo yote yaliyoandikwa kuhusu yeye, walimshusha kutoka mtini na kumlaza kaburini.
30 Waaqni garuu warra duʼan keessaa isa kaase.
Lakini Mungu alimfufua kutoka wafu.
31 Innis warra isa wajjin Galiilaadhaa gara Yerusaalemitti ol baʼanitti guyyaa hedduu mulʼate; isaanis amma saba keenya duratti dhuga baatota isaa ti.
Alionekana kwa siku nyingi kwa wale waliokwenda pamoja naye kutoka Galilaya kuelekea Yerusalemu. Watu hawa sasa ni mashahidi wa watu.
32 “Nus oduu nama gammachiisu isinitti odeessina; oduun kunis: Waaqni waan abbootii keenya abdachiise sana,
Hivyo tunawaletea habari njema kuhusu ahadi walizopewa mababu zetu.
33 Yesuusin duʼaa kaasuudhaan nuu ijoollee isaaniitiif guuteera. Kunis akkuma faarfannaa lammaffaa keessatti akkana jedhamee barreeffamee dha; “‘Ati ilma koo ti; ani harʼa si dhalcheera.’
Mungu aliweka ahadi hizi kwetu, watoto wao, katika hilo alimfufua Yesu na kumrudisha tena katika uhai. Hili pia liliandikwa katika Zaburi ya pili: 'Wewe ni Mwanangu, leo nimekuwa Baba yako'
34 Wanni Waaqni, akka inni gonkumaa hin tortorreef jedhee warra duʼan keessaa isa kaaseef akkana jedhamee dubbii kana keessatti barreeffameera; “‘Ani eebba qulqulluu fi mirkanaaʼaa, isa Daawit abdachiifame sana isiniif nan kenna.’
Pia kuhusu ukweli ni kwamba alimfufua kutoka wafu ili kwamba mwili wake usiharibike, ameongea hivi: 'Nitakupatia utakatifu na baraka halisi za Daudi'
35 Akkasumas iddoo biraatti akkana jedha: “‘Qulqullichi kee akka tortoru hin gootu.’
Hii ndiyo sababu kasema pia katika zaburi nyingine, 'Hautaruhusu mtakatifu wako kuuona uozo.'
36 “Daawitis bara isaa keessa fedhii Waaqaa tajaajilee boqote; abbootii isaa biratti awwaalame; dhagni isaas ni tortore.
Kwa kuwa baada ya Daudi kutumikia mapenzi ya Mungu katika kizazi chake, alilala, alilazwa pamoja na baba zake, na aliuona uaharibifu,
37 Inni Waaqni warra duʼan keessaa isa kaase sun garuu hin tortorre.
Lakini aliyefufuliwa na Mungu hakuuona uharibifu.
38 “Kanaaf yaa obboloota ko, isin akka karaa Yesuusiitiin dhiifamni cubbuu isinitti lallabame akka beektan nan fedha.
Hivyo na ifahamike kwenu, ndugu, kupitia mtu huyu, msamaha wa dhambi umehubiriwa.
39 Namni amanu hundinuu waan seera Museetiin furamuu hin dandaʼin hunda irraa karaa Yesuusiitiin furamuu ni dandaʼa.
Kwa yeye kila aaminiye anahesabiwa haki na mambo yote ambayo sheria ya Musa isingewapatia haki.
40 Isinis akka wanni raajonni dubbatan sun isin irra hin geenyeef of eeggadhaa; innis akkana jedha:
Hivyo basi kuweni waangalifu kwamba kitu walichokiongelea manabii kisitokee kwenu:
41 “‘Ilaalaa, isin qoostota nana; dinqisiifadhaa; dhumaas; ani bara keessan keessa waan isin yoo namni tokko isinitti hime illee hin amanne tokko nan hojjedha.’”
'Tazama, enyi mnaodharau, na mkashangae na mkaangamie; kwa vile nafanya kazi katika siku zenu, Kazi ambayo hamwezi kuiamini, hata kama mtu atawaeleza.”
42 Utuu Phaawulosii fi Barnaabaas mana sagadaatii baʼuutti jiranuu namoonni sun akka isaan Sanbata itti aanu illee deebiʼanii dubbii sana lallabaniif isaan kadhatan.
Wakati Paulo na Barnaba walipoondoka, watu wakawaomba waongee maneno haya siku ya Sabato ijayo.
43 Erga wal gaʼiin mana sagadaa bittinnaaʼee booddee, Yihuudoonnii fi namoonni amantii Yihuudootaa fudhatanii itti bulan baayʼeen isaan duukaa buʼan; Phaawulosii fi Barnaabaasis jara sana wajjin dudubbatanii akka isaan ayyaana Waaqaatti jiraataniif cimsanii isaan gorsan.
Wakati mkutano wa sinagogi ulipokwisha, Wayahudi wengi na waongofu thabiti waliwafuata Paulo na Barnaba, ambao waliongea nao na waliwahimiza waendelee katika neema ya Mungu.
44 Sanbata itti aanutti nama muraasa malee uummanni magaalaa sanaa guutuun dubbii Gooftaa dhagaʼuuf walitti qabame.
Sabato iliyofuata, karibu mji mzima ulikusanyika kusikia neno la Mungu.
45 Yihuudoonni garuu uummata baayʼee arganii hinaaffaan guutaman; Phaawulosinis arrabsanii waan inni dubbateen morman.
Wayahudi walipoona makutano, walijawa na wivu na kuongea maneno yaliyopinga vitu vilivyosemwa na Paulo na walimtukana.
46 Phaawulosii fi Barnaabaasis akkana jedhanii sodaa malee deebii kennaniif; “Nu duraan dursinee dubbii Waaqaa isinitti himuu qabna ture; isin garuu dubbii sana diddanii akka jireenyi bara baraa isiniif hin malleetti waan of heddaniif kunoo, nu amma gara Namoota Ormaatti gara galla. (aiōnios )
Lakini Paulo na Barnaba waliongea kwa ujasiri na kusema, “Ilikuwa ni muhimu kwamba neno la Mungu liongelewe kwanza kwenu. Kwa kuwa mnalisukumia mbali kutoka kwenu nakujiona kuwa hamkusitahili uzima wa milele, angalieni tutawageukia Mataifa. (aiōnios )
47 Gooftaan akkana jedhee nu ajajeeraatii; “‘Ani akka ati Namoota Ormaatiif ifa taatee, hamma qarqara lafaatti fayyina geessituuf si filadheera.’”
Kama ambavyo Bwana ametuamuru, akisema, 'Nimewaweka ninyi kama nuru kwa watu wa mataifa, kwamba mlete wokovu kwa pande zote za dunia.”
48 Namoonni Ormaas yommuu waan kana dhagaʼanitti gammadanii dubbii Gooftaa ulfeessan; warri jireenya bara baraatiif filataman hundinuus ni amanan. (aiōnios )
Mataifa waliposikia hili, walifurahi na kulisifu neno la Bwana. Wengi waliochaguliwa kwa uzima wa milele waliamini. (aiōnios )
49 Dubbiin Gooftaas naannoo sana hunda keessatti facaafame.
Neno la Bwana lilienea nchi yote.
50 Yihuudoonni garuu dubartoota bebeekamoo Waaqa sodaatanii fi dura buʼoota magaalattii isaanitti tuttuqan; isaanis Phaawulosii fi Barnaabaas irratti ariʼatama kaasanii biyya isaanii keessaa isaan baasan.
Lakini wayahudi waliwasihi waliojitoa na wanawake muhimu, pia na viongozi wa mji. Haya yalichochea mateso dhidi ya Paulo na Barnaba na waliwatupa nje ya mipaka ya mji.
51 Isaan garuu akka akeekkachiisa isaaniif taʼuuf, awwaara miilla isaanii dhadhaʼatanii Iqooniyoonitti qajeelan.
Lakini Paulo na Barnaba walikung'uta vumbi ya miguu yao. Kisha walienda kwenye mji wa Ikonia.
52 Barattoonnis gammachuu fi Hafuura Qulqulluudhaan guutaman.
Na wanafunzi walijawa na furaha pamoja na Roho mtakatifu.