< Hojii 13 >

1 Waldaa kiristaanaa Anxookiiyaa keessa Raajotaa fi barsiistotatu ture; isaanis Barnaabaas, Simiʼoon isa Niiger jedhamu, Luukiyoos nama Qareenaa, Maanaaʼen isa Heroodis bulchaa sana wajjin guddatee fi Saaʼol faʼa.
ואנשים נביאים ומלמדים היו באנטיוכיא בקהלה אשר בה בר נבא ושמעון הנקרא ניגר ולוקיוס הקוריני ומנחם אשר גדל עם הורדוס שר הרבע ושאול׃
2 Utuu isaan Gooftaa tajaajilaa, soomaas jiranuu Hafuurri Qulqulluun, “Barnaabaasii fi Saaʼolin hojii ani itti isaan waammadheef naa filaa” jedhe.
ויהי בשרתם את יהוה ובצומם ויאמר רוח הקדש הבדילו לי את בר נבא ואת שאול למלאכה אשר קראתים לה׃
3 Kanaaf isaan erga soomanii kadhatanii booddee harka isaanii jara irra kaaʼanii isaan ergan.
ויצומו ויתפללו ויסמכו את ידיהם עליהם וישלחום׃
4 Isaan lachuu Hafuura Qulqulluudhaan ergamanii Seluuqiyaatti gad buʼan; achiis kaʼanii dooniin Qophiroos dhaqan.
והמה המשלחים על ידי רוח הקדש ירדו אל סלוקיא ומשם באו באניה אל קפרוס׃
5 Yommuu Salaamiis gaʼanittis manneen sagadaa Yihuudootaa keessatti dubbii Waaqaa lallaban; Yohannisis isaan gargaaruuf isaan bira ture.
ויבאו אל עיר סלמיס ויגידו את דבר האלהים בבתי הכנסיות אשר ליהודים ויהי להם גם יוחנן למשרת׃
6 Isaanis yommuu biyyoota bishaaniin marfaman sana hundumaa keessa baʼanii hamma Phaafoositti dhufanitti, Yihuudii falfaltichaa fi raajii sobaa kan maqaan isaa Baaryesuus jedhamu tokkotti dhufan.
ויעברו בכל האי עד פפוס וימצאו איש מגוש אחד נביא שקר איש יהודי ושמו בר ישוע׃
7 Innis namicha hubataa bulchaa biyyaa taʼe kan Sergiyoos Phaawulos jedhamu tokko wajjin ture. Bulchaan sunis waan dubbii Waaqaa dhagaʼuu barbaadeef nama ergee Barnaabaasii fi Saaʼolin waamsifate.
אשר היה עם סרגיוס פולוס שר המדינה איש נבון והוא קרא אליו את בר נבא ואת שאול ויתאו לשמע את דבר האלהים׃
8 Eliimaas falfaltichi kan hiikkaan maqaa isaa afaan Giriikiin akkasuma taʼe sun garuu bulchaa biyyaa sana amantii irraa deebisuuf jedhee isaaniin morme.
ויעמד לנגדם אלימא המגוש כי זה תרגום שמו ויבקש להטות את השר מן האמונה׃
9 Saaʼol inni Phaawulos jedhamu sun garuu Hafuura Qulqulluudhaan guutamee Eelimaasin hubatee ilaalee akkana jedheen;
ושאול הנקרא גם פולוס מלא רוח הקדש ויסתכל בו׃
10 “Ati ilma diiyaabiloosii fi diina qajeelummaa hundaa ti! Sobaa fi gowwoomsaa gosa hundaatiinis guutamteerta. Ati karaa Gooftaa isa qajeelaa sana jalʼisuu hin dhiiftuu?
ויאמר אתה המלא כל מרמה וכל עולה בן בליעל ושונא כל צדק הלא תחדל לסלף את דרכי יהוה הישרים׃
11 Kunoo amma harki Gooftaa sitti kaʼeera; atis jaamtee yeroof ifa aduu arguu ni dadhabda.” Yeruma sana hurrii fi dukkanni isa irra buʼe; innis nama harka qabee isa qajeelchu barbaaduu jalqabe.
ועתה הנה יד יהוה בך והיית עור ולא תראה את השמש עד עת מועד ותפל עליו פתאם אפלה וחשכה ויפן הנה והנה ויבקש איש להוליכו בידו׃
12 Bulchaan biyyaa sunis waan kana arginaan amane; barsiisa waaʼee Gooftaa dinqifatee tureetii.
והשר כאשר ראה את המעשה האמין וישתומם על תורת האדון׃
13 Phaawulosii fi miiltonni isaa Phaafoosii bidiruudhaan kaʼanii Phergeen ishee Phamfiliyaa sana dhaqan; Yohannisis achitti isaan dhiisee Yerusaalemitti deebiʼe.
ויצאו פולוס והאנשים אשר אתו מפפוס וירדו באניה ויבאו אל פרגי אשר בפמפוליא ויעזב אתם יוחנן וישב ירושלים׃
14 Isaan garuu Phergeenii kaʼanii gara Anxookiiyaa ishee Phisiidiyaatti argamtuu dhufan; guyyaa Sanbataas mana sagadaa seenanii tataaʼan.
והמה נסעו מפרגי ויבאו אל אנטיוכיא אשר בפיסדיא ויבאו אל בית הכנסת ביום השבת וישבו׃
15 Bulchitoonni mana sagadaa sanaas erga kitaabonni Seeraatii fi Raajotaa dubbifamanii booddee nama isaanitti erganii, “Yaa obboloota, yoo dubbii gorsaa uummataaf qabaattan mee dubbadhaa” jedhaniin.
ויהי אחר קריאת התורה והנביאים וישלחו אליהם ראשי הכנסת לאמר אנשים אחים אם יש לכם דבר מוסר לעם דברו׃
16 Phaawulos kaʼee dhaabatee harkaan mallattoo argisiisee akkana jedhe; “Yaa namoota Israaʼel, isin warri Waaqa sodaattanis mee na dhagaʼaa!
ויקם פולוס וינף ידו ויאמר אנשי ישראל ויראי אלהים שמעו׃
17 Waaqni saba Israaʼel abbootii keenya filate; innis yeroo isaan biyya Gibxi jiraachaa turanitti sabicha saba guddaa godhe; irree jabaanis achii isaan baase;
אלהי העם הזה אלהי ישראל בחר באבותינו וירומם את העם בהיותם גרים בארץ מצרים ובזרוע רמה הוציאם משם׃
18 gammoojjii keessattis gara waggaa afurtamaa isaanii obse.
וישא אתם ויכלכלם במדבר כארבעים שנה׃
19 Biyya Kanaʼaan keessaas saboota torba balleessee lafa isaanii akka dhaalaatti saba isaatiif kenne.
וישמד שבעה גוים בארץ כנען ויחלק את ארצם להם לנחלה׃
20 Wanni kun hundinuu gara waggaa 450 fudhatte. “Kana booddees Waaqni hamma bara Saamuʼeel raajichaatti abbootii murtii isaaniif kenne.
ואחרי כן נתן להם שפטים כארבע מאות וחמשים שנה עד ימי שמואל הנביא׃
21 Yommuu isaan akka inni mootii kennuufiif isa kadhatanitti Waaqni gosa Beniyaam keessaa Saaʼol ilma Qiishi isaaniif kenne; Saaʼolis waggaa 40 isaan bulche.
וישאלו מלך ויתן להם אלהים את שאול בן קיש איש משבט בנימן ארבעים שנה׃
22 Waaqni Saaʼolin mootummaa irraa buusee Daawitin mootii isaanii godhe; innis, ‘Ani nama akka garaa koo Daawit ilma Isseey argadheera; inni waan ani akka inni hojjetu fedhu hunda ni hojjeta’ jedhee waaʼee Daawit rageesseera.
וכהסירו אותו ויקם את דוד למלך עליהם אשר גם העיד עליו לאמר מצאתי דוד את בן ישי איש כלבבי והוא יעשה את כל חפצי׃
23 “Waaqnis akkuma abdachiise sana, sanyii nama kanaa keessaa Yesuus fayyisaa saba Israaʼeliif fide.
וזה הוא אשר מזרעו הקים האלהים כפי ההבטחה גואל לישראל את ישוע׃
24 Yohannis dhufaatii Yesuus duratti cuuphaa qalbii jijjiirrannaa saba Israaʼel hundumatti lallabee ture.
אשר לפני בואו קדם יוחנן לקרא את טבילת התשובה אל כל עם ישראל׃
25 Yohannisis utuu ergama isaa guutachaa jiruu, ‘Isin eenyu na seetu? Ani isa isin eeggachaa jirtan miti. Garuu namni ani kophee isaa illee hiikuu hin malle tokko na duubaan ni dhufa’ jedhe.
ויהי ככלות יוחנן את מרוצתו ויאמר למי תחשבוני לא אני הוא כי הנה הוא בא אחרי ואני נקלתי מהתיר את נעלי רגליו׃
26 “Obboloota, yaa ijoollee Abrahaam, isin warri Waaqa sodaattanis, dubbiin fayyina kanaa nuu ergame.
אנשים אחים בני משפחת אברהם ויראי אלהים אשר בקרבכם לכם שלוח דבר הישועה הזאת׃
27 Warra Yerusaalem keessa jiraatanii fi bulchitoonni isaanii waan Yesuusin hin beekiniif yookaan dubbii raajotaa isa Sanbata Sanbata dubbifamu waan hin hubatiniif isatti muruudhaan dubbii raajotaa sana guutan.
כי ישבי ירושלים וראשיהם יען אשר לא הכירהו מלאו במשפטם אשר שפטהו את דברי הנביאים הנקראים בכל שבת׃
28 Isaanis yoo sababii duʼa isatti mursiisuu dandaʼu argachuu baatan illee akka Yesuus ajjeefamuuf Phiilaaxoosin kadhatan.
ואף כי לא מצאו בו משפט מות שאלו מאת פילטוס להמיתו׃
29 Erga waan waaʼee isaa barreeffame hunda guutatanii booddees fannoo irraa gad buusanii awwaala keessa isa kaaʼan.
וכאשר השלימו את כל הדברים הכתובים עליו הורידו אותו מן העץ ויניחהו בקבר׃
30 Waaqni garuu warra duʼan keessaa isa kaase.
אבל האלהים הקימו מן המתים׃
31 Innis warra isa wajjin Galiilaadhaa gara Yerusaalemitti ol baʼanitti guyyaa hedduu mulʼate; isaanis amma saba keenya duratti dhuga baatota isaa ti.
וירא ימים רבים אל העלים אתו מן הגליל ירושלימה והמה עתה עדיו אל העם׃
32 “Nus oduu nama gammachiisu isinitti odeessina; oduun kunis: Waaqni waan abbootii keenya abdachiise sana,
ואנחנו מבשרים אתכם את בשורת ההבטחה אשר היתה לאבותינו כי אתה מלא האלהים לבנינו בהקימו את ישוע׃
33 Yesuusin duʼaa kaasuudhaan nuu ijoollee isaaniitiif guuteera. Kunis akkuma faarfannaa lammaffaa keessatti akkana jedhamee barreeffamee dha; “‘Ati ilma koo ti; ani harʼa si dhalcheera.’
ככתוב במזמור השני בני אתה היום ילדתיך׃
34 Wanni Waaqni, akka inni gonkumaa hin tortorreef jedhee warra duʼan keessaa isa kaaseef akkana jedhamee dubbii kana keessatti barreeffameera; “‘Ani eebba qulqulluu fi mirkanaaʼaa, isa Daawit abdachiifame sana isiniif nan kenna.’
ועל אשר הקים אתו מן המתים לבלתי שוב עוד לשחת כה אמר אתן לכם חסדי דוד הנאמנים׃
35 Akkasumas iddoo biraatti akkana jedha: “‘Qulqullichi kee akka tortoru hin gootu.’
על כן הוא אמר גם במקום אחר לא תתן חסידך לראות שחת׃
36 “Daawitis bara isaa keessa fedhii Waaqaa tajaajilee boqote; abbootii isaa biratti awwaalame; dhagni isaas ni tortore.
כי דוד גוע אחרי שרתו בדורו לעצת האלהים ויאסף אל אבותיו וירא את השחת׃
37 Inni Waaqni warra duʼan keessaa isa kaase sun garuu hin tortorre.
ואשר האלהים הקים אותו הוא לא ראה השחת׃
38 “Kanaaf yaa obboloota ko, isin akka karaa Yesuusiitiin dhiifamni cubbuu isinitti lallabame akka beektan nan fedha.
לכן אנשים אחים יודע לכם כי על ידי זה הגד לכם סליחת החטאים׃
39 Namni amanu hundinuu waan seera Museetiin furamuu hin dandaʼin hunda irraa karaa Yesuusiitiin furamuu ni dandaʼa.
ובכל אשר לא יכלתם להצטדק בתורת משה כל המאמין יצדק על ידו׃
40 Isinis akka wanni raajonni dubbatan sun isin irra hin geenyeef of eeggadhaa; innis akkana jedha:
לכן השמרו לכם פן יבוא עליכם הנאמר בנביאים׃
41 “‘Ilaalaa, isin qoostota nana; dinqisiifadhaa; dhumaas; ani bara keessan keessa waan isin yoo namni tokko isinitti hime illee hin amanne tokko nan hojjedha.’”
ראו בגדים והתמהו ושמו כי פעל פעל אני בימיכם פעל אשר לא תאמינו כי יספר לכם׃
42 Utuu Phaawulosii fi Barnaabaas mana sagadaatii baʼuutti jiranuu namoonni sun akka isaan Sanbata itti aanu illee deebiʼanii dubbii sana lallabaniif isaan kadhatan.
ובצאת היהודים מבית הכנסת בקשו מהם הגוים לדבר אליהם את הדברים האלה בשבת הבאה׃
43 Erga wal gaʼiin mana sagadaa bittinnaaʼee booddee, Yihuudoonnii fi namoonni amantii Yihuudootaa fudhatanii itti bulan baayʼeen isaan duukaa buʼan; Phaawulosii fi Barnaabaasis jara sana wajjin dudubbatanii akka isaan ayyaana Waaqaatti jiraataniif cimsanii isaan gorsan.
ורבים מן היהודים ומגרי הצדק הלכו אחרי פולוס ובר נבא בהפרד הקהל והמה דברו על לבם ויזהירום לעמד בחסד האלהים׃
44 Sanbata itti aanutti nama muraasa malee uummanni magaalaa sanaa guutuun dubbii Gooftaa dhagaʼuuf walitti qabame.
ובשבת השנית נקהלה כמעט כל העיר לשמע את דבר יהוה׃
45 Yihuudoonni garuu uummata baayʼee arganii hinaaffaan guutaman; Phaawulosinis arrabsanii waan inni dubbateen morman.
ויהי כראות היהודים את המון העם וימלאו קנאה ויכחישו את דברי פולוס הכחש וגדף׃
46 Phaawulosii fi Barnaabaasis akkana jedhanii sodaa malee deebii kennaniif; “Nu duraan dursinee dubbii Waaqaa isinitti himuu qabna ture; isin garuu dubbii sana diddanii akka jireenyi bara baraa isiniif hin malleetti waan of heddaniif kunoo, nu amma gara Namoota Ormaatti gara galla. (aiōnios g166)
אז הגידו פולוס ובר נבא על פניהם לאמר בדין היה להשמיע אתכם בראשונה את דבר האלהים ועתה אחרי אשר מאסתם אותו ואינכם זכים בעיניכם לחיי העולם לכן הננו פנים אל הגוים׃ (aiōnios g166)
47 Gooftaan akkana jedhee nu ajajeeraatii; “‘Ani akka ati Namoota Ormaatiif ifa taatee, hamma qarqara lafaatti fayyina geessituuf si filadheera.’”
כי כן צוה עלינו האדון נתתיך לאור גוים להיות ישועתי עד קצה הארץ׃
48 Namoonni Ormaas yommuu waan kana dhagaʼanitti gammadanii dubbii Gooftaa ulfeessan; warri jireenya bara baraatiif filataman hundinuus ni amanan. (aiōnios g166)
וישמחו הגוים כשמעם ויהללו את דבר יהוה ויאמינו כל אשר היו מוכנים לחיי עולם׃ (aiōnios g166)
49 Dubbiin Gooftaas naannoo sana hunda keessatti facaafame.
ויפרץ דבר יהוה בכל המקום׃
50 Yihuudoonni garuu dubartoota bebeekamoo Waaqa sodaatanii fi dura buʼoota magaalattii isaanitti tuttuqan; isaanis Phaawulosii fi Barnaabaas irratti ariʼatama kaasanii biyya isaanii keessaa isaan baasan.
אך היהודים הסיתו את הנשים החסידות והחשובות ואת אצילי העיר ויעוררו רדיפה על פולוס ובר נבא ויגרשום מגבולם׃
51 Isaan garuu akka akeekkachiisa isaaniif taʼuuf, awwaara miilla isaanii dhadhaʼatanii Iqooniyoonitti qajeelan.
והמה נערו עליהם את העפר מעל רגליהם וילכו לאיקניון׃
52 Barattoonnis gammachuu fi Hafuura Qulqulluudhaan guutaman.
והתלמידים מלאו שמחה ורוח הקדש׃

< Hojii 13 >