< 3 Yohannis 1 >

1 Jaarsicha irraa, Gara Gaayoos michuu koo, isa ani dhugaadhaan jaalladhuutti.
The elder to Gaius the beloved, whom I love in truth.
2 Yaa michuu ko, akkuma lubbuu keetti tole sana akka wanni hundinuu sitti toluu fi akka ati fayyaa qabaattuuf nan kadhadha.
Beloved, I pray that you may prosper in all things and be in good health, even as your soul prospers.
3 Obboloonni tokko tokko dhufanii akka ati dhugaaf amanamaa taatee fi akka ati dhugaadhaan jiraattu natti himnaan ani akka malee gammade.
For I rejoiced greatly, when brothers came and testified about your truth, even as you walk in truth.
4 Ijoolleen koo dhugaadhaan jiraachuu isaanii dhagaʼuu caalaa ani gammachuu guddaa hin qabu.
I have no greater joy than this, to hear about my children walking in truth.
5 Yaa michuu ko, yoo isaan keessummoota sitti taʼan illee ati waan obbolootaaf gootu keessatti amanamaa dha.
Beloved, you do a faithful work in whatever you accomplish for those who are brothers and strangers.
6 Isaan waaʼee jaalala keetii waldaa kiristaanaatti himaniiru. Maaloo haala Waaqatti toluun karaan isaanii irratti isaan gargaari.
They have testified about your love before the church. You will do well to send them forward on their journey in a manner worthy of God,
7 Isaan Maqaa isaatiif jedhanii utuu ormoota irraa gargaarsa tokko illee hin argatin baʼaniiruutii.
because for the sake of the Name they went out, taking nothing from the non-believers.
8 Kanaafuu nu akka isaan wajjin dhugaaf hojjennuuf namoota akkasii simannee gargaaruu qabna.
We therefore ought to receive such, that we may be fellow workers for the truth.
9 Ani waldaa kiristaanaatiif barreesseera; garuu isaan keessaa Diiyoxiraaxiis inni duree taʼuu barbaadu nu hin simatu.
I wrote something to the church, but Diotrephes, who loves to be first among them, does not accept what we say.
10 Kanaafuu ani yoon dhufe waan inni maqaa keenya balleessuudhaan hojjechaa jiru ifatti nan baasa. Akka waan wanni kun isa hanqateetti inni obboloota simachuu dida. Warra isaan simachuu barbaadanis ni dhowwa; waldaa kiristaanaa keessaas isaan ariʼa.
Therefore, if I come, I will call attention to his deeds which he does, unjustly accusing us with wicked words. Not content with this, neither does he himself receive the brothers, and those who would, he forbids and throws out of the church.
11 Yaa michuu ko, waan gaarii duukaa buʼi malee waan hamaa duukaa hin buʼin. Namni waan gaarii hojjetu kam iyyuu kan Waaqaa ti. Namni waan hamaa hojjetu garuu takkumaa Waaqa hin argine.
Beloved, do not imitate that which is evil, but that which is good. He who does good is of God. He who does evil hasn't seen God.
12 Namni hundi Dimeexiroosiif dhugaa baʼa; dhugaan mataan ishee iyyuu dhugaa baati. Nus dhugaa baanaaf; isinis akka dhuga baʼumsi keenya dhugaa taʼe ni beektu.
Demetrius has the testimony of all, and of the truth itself; yes, we also testify, and you know that our testimony is true.
13 Ani waanan siif barreessu baayʼee qaba; garuu biirii fi qalamiidhaan barreessuu hin barbaadu.
I had many things to write to you, but I am unwilling to write to you with ink and pen;
14 Qooda kanaa ani dhiʼootti si arguuf abdii qaba; nus ifaan ifatti ni haasofna. Nagaan siif haa taʼu. Michoonni as jiran nagaa siif dhaamu. Atis michoota achi jiran tokko tokkoon maqaa dhaʼiitii nagaa itti nuu himi.
but I hope to see you soon, and we will speak face to face. Peace be to you. The friends greet you. Greet the friends by name.

< 3 Yohannis 1 >