< 2 Xiimotewos 1 >

1 Phaawulos isa akkuma waadaa jireenya karaa Kiristoos Yesuusiin galame sanaatti fedhii Waaqaatiin ergamaa Kiristoos Yesuus taʼe irraa,
पौलुस की तरफ़ से जो उस ज़िन्दगी के वा'दे के मुताबिक़ जो मसीह ईसा में है ख़ुदा की मर्ज़ी से मसीह 'ईसा का रसूल है।
2 Gara Xiimotewos, ilma koo jaallatamaatti: Abbaa keenya Waaqaa fi Gooftaa keenya Kiristoos Yesuus irraa ayyaanni, araarrii fi nagaan siif haa taʼu.
प्यारे बेटे तीमुथियुस के नाम ख़त: फ़ज़ल रहम और इत्मीनान ख़ुदा बाप और हमारे ख़ुदावन्द 'ईसा मसीह की तरफ़ से तुझे हासिल होता रहे।
3 Ani yommuu utuu gargar hin kutin halkanii guyyaa kadhannaa koo keessatti si yaadadhutti Waaqa akkuma abbootii kootii anis yaada qulqulluun isa waaqeffadhu sana nan galateeffadha.
जिस ख़ुदा की इबादत में साफ़ दिल से बाप दादा के तौर पर करता हूँ; उसका शुक्र है कि अपनी दुआओं में बिला नाग़ा तुझे याद रखता हूँ।
4 Ani yommuun imimmaan kee yaadadhutti akka gammachuudhaan guutamuuf guddisee si arguu nan hawwa.
और तेरे आँसुओं को याद करके रात दिन तेरी मुलाक़ात का मुश्ताक़ रहता हूँ ताकि ख़ुशी से भर जाऊँ।
5 Ani amantii kee isa dhugaa sana nan yaadadha; amantiin kunis jalqabatti akkoo kee Looʼisii fi haadha kee Ewuunqee keessa ture; amma immoo akka si keessa jiru nan amana.
और मुझे तेरा वो बे रिया ईमान याद दिलाया गया है जो पहले तेरी नानी लूइस और तेरी माँ यूनीके रखती थीं और मुझे यक़ीन है कि तू भी रखता है।
6 Sababii kanaaf ani akka ati kennaa Waaqaa kan yeroo ani harka koo sirra kaaʼetti siif kenname sana akka ibiddaatti akka qabsiiftuuf sin yaadachiisa.
इसी वजह से मै तुझे याद दिलाता हूँ कि तू ख़ुदा की उस ने'अमत को चमका दे जो मेरे हाथ रखने के ज़रिए तुझे हासिल है।
7 Waaqni hafuura humnaa, kan jaalalaatii fi kan of dhowwuu nuu kenne malee hafuura sodaa nuuf hin kennineetii.
क्यूँकि ख़ुदा ने हमें दहशत की रूह नहीं बल्कि क़ुदरत और मुहब्बत और तरबियत की रूह दी है।
8 Kanaafuu waaʼee Gooftaa keenyaa dhugaa baʼuutti yookaan ana nama isaaf jedhee hidhametti hin qaanaʼin. Wangeelaaf dhiphachuu keessatti garuu humna Waaqaatiin na wajjin hirmaadhu;
पस, हमारे ख़ुदावन्द की गवाही देने से और मुझ से जो उसका क़ैदी हूँ शर्म न कर बल्कि ख़ुदा की क़ुदरत के मुताबिक़ ख़ुशख़बरी की ख़ातिर मेरे साथ दु: ख उठा।
9 Waaqni sababii kaayyoo isaatii fi sababii ayyaana isaatiif nu fayyisee gara jireenya qulqulluutti nu waame malee sababii hojii nu hojjenne kamiif iyyuu miti. Ayyaanni kunis uumama addunyaatiin dura karaa Kiristoos Yesuusiin nuu kenname; (aiōnios g166)
जिस ने हमें नजात दी और पाक बुलावे से बुलाया हमारे कामों के मुताबिक़ नहीं बल्कि अपने ख़ास इरादा और उस फ़ज़ल के मुताबिक़ जो मसीह 'ईसा में हम पर शुरू से हुआ। (aiōnios g166)
10 amma garuu ayyaanni sun dhufaatii Fayyisaa keenya Kiristoos Yesuus isa karaa wangeelaatiin duʼa balleessee jireenyaa fi badiisa ooluu ifatti baase sanaatiin mulʼifameera.
मगर अब हमारे मुन्जी मसीह 'ईसा के आने से ज़ाहिर हुआ जिस ने मौत को बरबाद और बाक़ी ज़िन्दगी को उस ख़ुशख़बरी के वसीले से रौशन कर दिया।
11 Anis wangeela kanaaf lallabaa, ergamaa fi barsiisaa taʼee muudameera.
जिस के लिए मैं ऐलान करने वाला और रसूल और उस्ताद मुक़र्रर हुआ।
12 Anis akka amma jiru kanatti dhiphachuun koo kanumaaf. Ani garuu eenyun akka amane waan beekuuf hin qaanaʼu; akka inni waan ani imaanaa itti kennadhe hamma guyyaa sanaatti eeguu dandaʼus nan amana.
इसी वजह से मैं ये दु: ख भी उठाता हूँ, लेकिन शर्माता नहीं क्यूँकि जिसका मैं ने यक़ीन किया है उसे जानता हूँ और मुझे यक़ीन है कि वो मेरी अमानत की उस दिन तक हिफ़ाज़त कर सकता है।
13 Waan narraa dhageesse sana akka fakkeenya barsiisa dhugaatti amantii fi jaalala Kiristoos Yesuusiin qabdu jabeessii qabadhu.
जो सही बातें तू ने मुझ से सुनी उस ईमान और मुहब्बत के साथ जो मसीह ईसा में है उन का ख़ाका याद रख।
14 Waan gaarii imaanaa sitti kenname sana gargaarsa Hafuura Qulqulluu nu keessa jiraatu sanaatiin eegi.
रूह — उल — क़ुद्दुस के वसीले से जो हम में बसा हुआ है इस अच्छी अमानत की हिफ़ाज़त कर।
15 Namoonni biyya Asiyaa keessa jiraatan hundinuu akka narraa gara galan ni beekta; Fiigeloosii fi Hermoogenees isaan keessa jiru.
तू ये जानता है कि आसिया सूबे के सब लोग मुझ से ख़फ़ा हो गए; जिन में से फ़ूगलुस और हरमुगिनेस हैं।
16 Oneesifooros yeroo baayʼee waan na boqochiiseef Gooftaan warra mana isaa jiraataniif araara haa buusu; inni hidhamuu kootti illee hin qaanofneetii.
ख़ुदावन्द उनेस्फिरुस के घराने पर रहम करे क्यूँकि उस ने बहुत मर्तबा मुझे ताज़ा दम किया और मेरी क़ैद से शर्मिन्दा न हुआ।
17 Akkasumas inni yeroo Roomaa dhufetti hamma na argutti dhimmee na barbaadaa ture.
बल्कि जब वो रोमा शहर में आया तो कोशिश से तलाश करके मुझ से मिला।
18 Akka inni guyyaa sanatti Gooftaa irraa araara argatuuf fedhii Gooftaa haa taʼu! Inni Efesoon keessatti karaa baayʼeen akka na tajaajile ati iyyuu sirriitti beekta.
ख़ुदावन्द उसे ये बख़्शे कि उस दिन उस पर ख़ुदावन्द का रहम हो और उस ने इफ़िसुस में जो जो ख़िदमतें कीं तू उन्हें ख़ूब जानता है।

< 2 Xiimotewos 1 >