< 2 Xiimotewos 4 >

1 Ani fuula Waaqaa duratti, fuula Kiristoos Yesuus isa warra jiraatanii fi warra duʼanitti muruuf jiruu durattis mulʼachuu isaatii fi mootummaa isaatiin sin gorsa.
我在天主和那要審判生死者的基督耶穌前,指著衪的顯現和衪的國,懇求你
2 Dubbicha lallabi; yeroo mijaaʼaattis taʼu yeroo hin mijoofnetti qophaaʼi; obsa guddaa fi barsiisa of eeggannaatiin sirreessi; ifadhu; jajjabeessis.
務要宣講真道,不論順境逆境,總要堅持不變;以百般的忍耐和各樣的教訓去反駁,去責斥,去勸勉。
3 Yeroon itti namoonni barsiisa dhugaa dhagaʼuuf obsa hin qabaanne ni dhufaatii. Qooda kanaa akka waan gurri isaanii inni hooqsisu sun dhagaʼuu barbaadu itti himaniif hawwii isaanii guutachuuf barsiistota baayʼee ofii isaaniitiif walitti qabatu.
因為時刻將到,那時人不接受健全的道理,反而耳朵發癢,順從自己的情慾,為自己攏聚許多師傅;
4 Gurra isaaniis dhugaa dhagaʼuu irraa garagalchanii gara oduu hundee hin qabneetti deebisu.
且掩耳不聽真理,偏去聽那無稽的傳說。
5 Ati garuu waan hunda keessatti ilaallachaa deemi; rakkina obsi; hojii tajaajilaan wangeelaa tokko hojjetu hojjedhu; tajaajila kees fiixaan baasi.
至於你,在一切事上務要慬慎,忍受堅苦,作傳揚福音的工作,完成你的職務。
6 Ani ammuma iyyuu akka dhibaayyuutti dhangalaafamuuf qophaaʼeera; yeroon deemsa koos gaʼeera.
因為我已被奠祭,我離世的時期已經近了。
7 Ani lola gaarii loleera; dorgommii xumureera; amantiis eegeera.
這場好仗,我已打完;這場賽跑,我已跑到終點,這信仰,我已保持了。
8 Amma gonfoon qajeelummaa na eeggata; isas Abbaa Murtii qajeelaa, Gooftichatu guyyaa sana naa kenna; kanas warra mulʼachuu isaa jaallatan hundaaf kenna malee ana qofaaf miti.
從今以後,正義的冠冕已為我預備下了,就是主,正義的審判者,到那一日必要賞給我,不但賞給我,也賞給一切愛慕衪顯現的人。
9 Dafii gara koo kottu;
你要趕快到我這裏來,
10 Deemaas addunyaa kana jaallatee na dhiisee gara Tasaloniiqee deemeeraatii. Qeerqis gara Galaatiyaa, Tiitoon immoo gara Dilmaaxiyaa deemaniiru. (aiōn g165)
德瑪斯因愛現世,已離棄我到得撒洛尼去了;克勒斯刻去了迦拉達,弟鐸去了達耳瑪提雅, (aiōn g165)
11 Luqaas qofatu na bira jira. Maarqos waan tajaajila koo keessatti na gargaaruuf isa of duukaa fidii kottu.
只有路加同我在一起。你要帶著馬爾谷脰你一起來,因為他在職務為我是有用的。
12 Ani Xikiqoosin Efesoonitti ergeera.
至於提希苛,我派他到厄弗所去了。
13 Ati yommuu dhuftutti waaroo ani Xirooʼaasitti Kaariphoos biratti dhiisee fi kitaabota maramoo, keessumattuu kitaabota gogaa duugamaa sana naa fidi.
我留在特洛阿卡爾頗家中的那件外衣,你來時務必帶上,還有那幾卷書,尤其那幾些羊皮卷。
14 Iskindiroos tumtuun naasii sun akka malee natti hammaate. Gooftaan akka hojii isaatti ni deebisaaf.
銅匠亞歷山大使我受許多苦,主將照他所行的報應他。
15 Namichi kun waan akka malee ergaa keenya mormeef atis isa irraa of eeggachuu qabda.
這人你也要加意提防,因為他極力反抗我們的道理。
16 Yeroo ani falmata koo kan jalqabaa dhiʼeeffadhetti hundi isaanii iyyuu na dhiisanii deeman malee namni tokko iyyuu na hin gargaarre. Anis akka wanni kun isaanitti hin lakkaaʼamneef Waaqa nan kadhadha.
在我初次堂時,沒有人在我身邊旁,眾人都都離棄了我,我願天主不歸罪於他們!
17 Garuu akka karaa kootiin ergaan guutummaatti lallabamuu fi akka Namoonni Ormaa hundi dhagaʼaniif Gooftaan na bira dhaabatee na jajjabeesse. Anis afaan leencaa jalaa nan baafame.
但是主卻在我左右,堅固了我,使福音的宣講藉著我而完成,使一切外邦人都能聽見;我也從獅子口中疲救了出來。
18 Gooftaan waan hamaa hunda jalaa na baasee mootummaa isaa kan samiiti nagumaan na galcha. Bara baraa hamma bara baraatti ulfinni isaaf haa taʼu. Ameen. (aiōn g165)
主要救我脫各種凶惡的事,也要我安全地進入衪天上的國。願光榮歸於衪,於無窮世之世,阿們。 (aiōn g165)
19 Phirisqilaa fi Aqiilaatti, warra mana Oneesifooros jiraatanittis nagaa naa himi.
請問候普黎斯加、阿桂拉和敖乃息佛洛一家。
20 Erisxoos Qorontositti hafe; Xiroofiimoos immoo dhukkubsannaan ani Miilexoositti isa dhiise.
厄辣斯托仍留在格林多時,特洛斐摩因患病,我將他留在米米肋托。
21 Gannaan dura dafii kottu. Ewugiloos nagaa siif dhaama; Phuudeniis, Liinoos, Qilaawudiyaa fi obboloonni hundinuus akkasuma nagaa siif dhaamu.
你要趕快在冬天以前來到。歐步羅、普登、理諾、克勞狄雅和所有的弟兄都問候你。
22 Gooftaan hafuura kee wajjin haa taʼu. Ayyaanni si wajjin haa taʼu.
主與你的心靈同在! 願恩寵與你們同在。

< 2 Xiimotewos 4 >