< 2 Xiimotewos 3 >

1 Garuu guyyoota dhumaa keessa yeroon rakkinaa akka dhufu hubadhu.
τουτο δε γινωσκε οτι εν εσχαταις ημεραις ενστησονται καιροι χαλεποι
2 Namoonni of jaallattoota, jaallattoota maallaqaa, of jajjoota, of tuultota, warra Waaqa arrabsan, warra abbaa fi haadha isaaniitiif hin ajajamne, warra hin galateeffanne, warra qulqullummaa hin qabne,
εσονται γαρ οι ανθρωποι φιλαυτοι φιλαργυροι αλαζονες υπερηφανοι βλασφημοι γονευσιν απειθεις αχαριστοι ανοσιοι
3 warra jaalala hin qabne, warra dhiifama hin goone, warra maqaa nama balleessan, warra of hin qabne, gara jabeeyyii, warra waan gaarii hin jaallanne,
αστοργοι ασπονδοι διαβολοι ακρατεις ανημεροι αφιλαγαθοι
4 gantoota, warra akka malee jarjaran, warra of bokoksan, warra Waaqa jaallachuu irra waan isaan gammachiisu jaallatan ni taʼu;
προδοται προπετεις τετυφωμενοι φιληδονοι μαλλον η φιλοθεοι
5 warra Waaqaaf bulan ni fakkaatu; garuu humna isaa ni ganu. Ati warra akkasii irraa fagaadhu.
εχοντες μορφωσιν ευσεβειας την δε δυναμιν αυτης ηρνημενοι και τουτους αποτρεπου
6 Isaan warra manneen seenuudhaan dubartoota dadhaboo warra cubbuun isaan irra tuulamee fi warra hawwii gosa hundaatiin asii fi achi raafaman boojiʼanii dha;
εκ τουτων γαρ εισιν οι ενδυνοντες εις τας οικιας και αιχμαλωτιζοντες γυναικαρια σεσωρευμενα αμαρτιαις αγομενα επιθυμιαις ποικιλαις
7 dubartoonni kunneen yeroo hunda ni baratu; garuu gonkumaa dhugaa beekuutti dhufuu hin dandaʼan.
παντοτε μανθανοντα και μηδεποτε εις επιγνωσιν αληθειας ελθειν δυναμενα
8 Akkuma Yaaneesii fi Yaambirees Museen morman sana namoonni qalbiin isaanii badee waaʼee amantiitti fudhatama dhaban kunneenis dhugaadhaan ni mormu.
ον τροπον δε ιαννης και ιαμβρης αντεστησαν μωυσει ουτως και ουτοι ανθιστανται τη αληθεια ανθρωποι κατεφθαρμενοι τον νουν αδοκιμοι περι την πιστιν
9 Taʼus gowwummaan isaanii waan akkuma namoota sanaa nama hunda biratti ifatti baʼuuf isaan fagoo hin deeman.
αλλ ου προκοψουσιν επι πλειον η γαρ ανοια αυτων εκδηλος εσται πασιν ως και η εκεινων εγενετο
10 Ati garuu barsiisa ko, haala jireenya koo, kaayyoo koo, amantii koo, obsa koo, jaalala koo, jabaadhee dhaabachuu koo hundumaa duukaa buuteerta;
συ δε παρηκολουθηκας μου τη διδασκαλια τη αγωγη τη προθεσει τη πιστει τη μακροθυμια τη αγαπη τη υπομονη
11 ariʼatamuu koo, rakkina kootii fi waan Anxookiiyaatti, Iqooniyoonii fi Lisxiraanitti narra gaʼe, ariʼatama garaa garaa kan ani obsaan keessa darbes duukaa buuteerta. Gooftaan garuu waan kana hunda jalaa na baase.
τοις διωγμοις τοις παθημασιν οια μοι εγενοντο εν αντιοχεια εν ικονιω εν λυστροις οιους διωγμους υπηνεγκα και εκ παντων με ερρυσατο ο κυριος
12 Dhugumaanuu namni Kiristoos Yesuusiin nama Waaqaa taʼee jiraachuu barbaadu kam iyyuu ni ariʼatama;
και παντες δε οι θελοντες ευσεβως ζην εν χριστω ιησου διωχθησονται
13 namoonni hamoonii fi gowwoomsitoonni garuu nama gowwoomsaa, of illee gowwoomfamaa hamminaan ittuma caalaa deemu.
πονηροι δε ανθρωποι και γοητες προκοψουσιν επι το χειρον πλανωντες και πλανωμενοι
14 Ati garuu waan barattee fi waan hubatte sanatti jabaadhu; eenyu irraa akka baratte beektaatii;
συ δε μενε εν οις εμαθες και επιστωθης ειδως παρα τινος εμαθες
15 akkasumas ati ijoollummaa keetii jalqabdee Katabbiiwwan Qulqulluu kanneen waaʼee fayyina karaa Kiristoos Yesuusitti amanuutiin argamu sanaaf ogeessa si taasisuu dandaʼan akkamitti akka baratte ni beekta.
και οτι απο βρεφους τα ιερα γραμματα οιδας τα δυναμενα σε σοφισαι εις σωτηριαν δια πιστεως της εν χριστω ιησου
16 Katabbiin Qulqulluun hundi hafuura afaan Waaqaatii baʼeen kennaman; isaanis barsiisuuf, akeekkachiisuuf, sirreessuu fi qajeelummaan leenjisuuf ni fayyadu;
πασα γραφη θεοπνευστος και ωφελιμος προς διδασκαλιαν προς ελεγχον προς επανορθωσιν προς παιδειαν την εν δικαιοσυνη
17 kunis akka namni Waaqaa hojii gaarii hundumaaf guutummaatti hidhatee qophaaʼuuf.
ινα αρτιος η ο του θεου ανθρωπος προς παν εργον αγαθον εξηρτισμενος

< 2 Xiimotewos 3 >