< 2 Xiimotewos 1 >

1 Phaawulos isa akkuma waadaa jireenya karaa Kiristoos Yesuusiin galame sanaatti fedhii Waaqaatiin ergamaa Kiristoos Yesuus taʼe irraa,
Paulo n'tume ghwa Yesu Kristu kwa mapenzi gha K'yara, sabhwa ni ahadi sya uzima bhwabhujhele mugati mwa Kristu Yesu,
2 Gara Xiimotewos, ilma koo jaallatamaatti: Abbaa keenya Waaqaa fi Gooftaa keenya Kiristoos Yesuus irraa ayyaanni, araarrii fi nagaan siif haa taʼu.
kwa Timotheo mwana n'ganwa: Neema, rehema ni amani kuhoma kwa K'yara Dadi jhitu ni Kristu Yesu Bwana bhitu.
3 Ani yommuu utuu gargar hin kutin halkanii guyyaa kadhannaa koo keessatti si yaadadhutti Waaqa akkuma abbootii kootii anis yaada qulqulluun isa waaqeffadhu sana nan galateeffadha.
Nikan'shukuru K'yara, ambajhe nikan'tumikila kwa nia jhinofu kama kyabhabhombili bhadadi jhangu, panikhomboka daima mu maombi ghangu. Kiru ni
4 Ani yommuun imimmaan kee yaadadhutti akka gammachuudhaan guutamuuf guddisee si arguu nan hawwa.
pamusi ninoghela kubhona, ili kwamba nimemanyi ni furaha. Nikaghakhomboka mahosi gha jhobhi.
5 Ani amantii kee isa dhugaa sana nan yaadadha; amantiin kunis jalqabatti akkoo kee Looʼisii fi haadha kee Ewuunqee keessa ture; amma immoo akka si keessa jiru nan amana.
Nikajha nikhombosibhwa kuhusu imani jha jhobhi halisi, ambajho apu kwanza jhatamili kwa mbuyuakhu Loisi ni nyinuakhu Yunisi. Na nijhe ni hakika kujha imani ejhu jhitama mugati mwa bhebhe kabhele.
6 Sababii kanaaf ani akka ati kennaa Waaqaa kan yeroo ani harka koo sirra kaaʼetti siif kenname sana akka ibiddaatti akka qabsiiftuuf sin yaadachiisa.
Ejhe ndo sababu nikukhomb'osya kujhingesya karama jha K'yara jhajhijhele mugati mwa bhebhe kwa nj'ela jha kubhekibhwa mabhoko gha nene.
7 Waaqni hafuura humnaa, kan jaalalaatii fi kan of dhowwuu nuu kenne malee hafuura sodaa nuuf hin kennineetii.
Kwa kujha K'yara atupelili lepi roho jha bhuogha bali jha nghofu ni litengo.
8 Kanaafuu waaʼee Gooftaa keenyaa dhugaa baʼuutti yookaan ana nama isaaf jedhee hidhametti hin qaanaʼin. Wangeelaaf dhiphachuu keessatti garuu humna Waaqaatiin na wajjin hirmaadhu;
Henu usibhubhoneli agha bhushuhuda kuhusu Bwana bhitu, bhwala bhwa nene Paulo mfungwa ghwa muene. Bali ushirikiajhi malombosi kwandabha jha injili sabhwa ni bhuweza bhwa K'yara.
9 Waaqni sababii kaayyoo isaatii fi sababii ayyaana isaatiif nu fayyisee gara jireenya qulqulluutti nu waame malee sababii hojii nu hojjenne kamiif iyyuu miti. Ayyaanni kunis uumama addunyaatiin dura karaa Kiristoos Yesuusiin nuu kenname; (aiōnios g166)
Ndo K'yara jhaatuokwili ni kutukuta kwa bhwito bhutakatifu. Abhombilepi naha kulengana ni mahengu gha tete bali kulengana ni neema ni mpango bhwa muene. Atupelili mambo agha kwa Kristu Yesu kabla jha nyakati kubhuanja. (aiōnios g166)
10 amma garuu ayyaanni sun dhufaatii Fayyisaa keenya Kiristoos Yesuus isa karaa wangeelaatiin duʼa balleessee jireenyaa fi badiisa ooluu ifatti baase sanaatiin mulʼifameera.
Lakini henu bhwokovu bhwa K'yara ufunulibhu kwa kuhida kwa mwokozi ghitu Yesu Kristu. Ndo Kristu jha aghakomisi mauti ni kuleta bhusima bhwabhubeli kukoma kwa nuru jha injili.
11 Anis wangeela kanaaf lallabaa, ergamaa fi barsiisaa taʼee muudameera.
Kwa ndabha ejhu nachagulibhu kujha muhubiri, mtume ni mwalimu.
12 Anis akka amma jiru kanatti dhiphachuun koo kanumaaf. Ani garuu eenyun akka amane waan beekuuf hin qaanaʼu; akka inni waan ani imaanaa itti kennadhe hamma guyyaa sanaatti eeguu dandaʼus nan amana.
Kwandabha ejhe niteseka kabhele, lakini nibhonalepi soni kwandabha nimmanyili muene jhanimalikun'kiera. Nijhe ni bhuhakika kujha muene ibhwesya kukitunza khela kyanikikabidhi kwa muene hata ligono lela.
13 Waan narraa dhageesse sana akka fakkeenya barsiisa dhugaatti amantii fi jaalala Kiristoos Yesuusiin qabdu jabeessii qabadhu.
Ukombokajhi mfanu bhwa ujumbe bhwa uaminifu bhwauupeliki kuhomela kwa nene, pamonga ni imani ni upendo bhwabhujhele mugati mwa Kristu Yesu.
14 Waan gaarii imaanaa sitti kenname sana gargaarsa Hafuura Qulqulluu nu keessa jiraatu sanaatiin eegi.
Ghatunzajhi mambo manofu ghaakukabisi K'yara kup'etela Roho Mtakatifu jhaitama mugati mwa tete.
15 Namoonni biyya Asiyaa keessa jiraatan hundinuu akka narraa gara galan ni beekta; Fiigeloosii fi Hermoogenees isaan keessa jiru.
Umanyili kujha bhabhatama Asia bhanilekhili. Mulikundi e'le bhajhele Figelo ni Hemogene.
16 Oneesifooros yeroo baayʼee waan na boqochiiseef Gooftaan warra mana isaa jiraataniif araara haa buusu; inni hidhamuu kootti illee hin qaanofneetii.
Bwana airehemuajhi nyumba jha Onesiforo kwa kujha mara nyimehele aniburudisi na ajhibhonili lepi soni minyororo ghya nene.
17 Akkasumas inni yeroo Roomaa dhufetti hamma na argutti dhimmee na barbaadaa ture.
Badala jhiake, bho ajhe Roma anilondili kwa bidii nesu ni kunikabha.
18 Akka inni guyyaa sanatti Gooftaa irraa araara argatuuf fedhii Gooftaa haa taʼu! Inni Efesoon keessatti karaa baayʼeen akka na tajaajile ati iyyuu sirriitti beekta.
K'yara an'tangatilayi kukabha rehema kuhoma kwa muene ligono lela. Kama kyaanitangatili bhonijhele Efeso, bhebhe umanyili kinofu.

< 2 Xiimotewos 1 >