< 2 Tasaloniiqee 3 >

1 Egaa yaa obboloota, akka dubbiin Gooftaa akkuma isin biratti taʼe sana dafee iddoo hunda gaʼuu fi akka ulfinas qabaatu nuuf kadhadhaa.
Dále pak, bratří, modlte se za nás, aby slovo Páně rozmáhalo se a slaveno bylo, jako i u vás,
2 Akka nu harka namoota hamootii fi jalʼootaa jalaa baanuufis nuuf kadhadhaa; amantii kan qabu nama hunda mitii.
A abychom vysvobozeni byli od nezbedných a zlých lidí. Neboť ne všech jest víra.
3 Gooftaan garuu amanamaa dha; inni isin cimsa; isa hamaa irraas isin eega.
Ale věrnýť jest Pán, kterýž utvrdí vás a ostříhati bude od zlého.
4 Nu akka isin waan nu isin ajajne sana hojjechaa jirtan, akka ittuma fuftaniis hojjetan Gooftaa ni amananna.
Doufámeť pak v Pánu o vás, že to, což vám předkládáme, činíte i činiti budete.
5 Gooftaan garaa keessan gara jaalala Waaqaatii fi gara obsa Kiristoositti haa qajeelchu.
Pán pak spravujž srdce vaše k lásce Boží a k trpělivému očekávání Krista.
6 Yaa obboloota, isin obboleessa dhibaaʼaa fi kan akka bartee isin nurraa argattan sanaattis hin jiraanne hunda irraa akka fagaattaniif maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin isin ajajna.
Přikazujemeť pak vám, bratří, ve jménu Pána našeho Jezukrista, abyste se oddělovali od každého bratra, kterýž by se choval neřádně a ne podle naučení vydaného, kteréž přijal od nás.
7 Isin mataan keessan akkamitti akka fakkeenya keenya duukaa buʼuu qabdan ni beektuutii. Nu yeroo isin bira turretti dhibaaʼota hin turre;
Nebo sami víte, kterak jest potřebí následovati nás, poněvadž jsme se nechovali mezi vámi neslušně.
8 nus akka isin keessaa nama tokkotti illee baʼaa hin taaneef jennee, dadhabbii fi tattaaffii guddaan halkanii guyyaa hojjechaa turre malee buddeena nama tokkoo illee tola hin nyaanne.
Aniž jsme darmo chleba jedli u koho, ale s prací a s těžkostí, ve dne i v noci dělajíce, abychom žádnému z vás nebyli k obtížení.
9 Nu fakkeenya isinii taʼuuf waan kana goone malee waan aangoo hin qabneef miti.
Ne jako bychom neměli k tomu práva, ale abychom se vám za příklad vydali, abyste nás následovali.
10 Nu yommuu isin bira turretti ajaja, “Namni hojjechuu hin barbaanne kam iyyuu hin nyaatin” jedhu isinii kenninee turreetii.
Nebo i když jsme byli u vás, to jsme vám předkládali: Kdož nechce dělati, aby také nejedl.
11 Akka isin keessaa namoonni tokko tokko dhibaaʼota taʼanii jiraatan dhageenyeerraatii. Isaan dhimma nama biraa keessa galuu malee ofii isaaniitii waan tokko illee hin hojjetan.
Slyšímeť zajisté, že někteří mezi vámi chodí nezpůsobně, nic nedělajíce, ale v neužitečné věci se vydávajíce.
12 Namoonni akkanaa akka gab jedhanii hojii hojjetanii fi akka buddeena ofii isaanii nyaataniif Gooftaa Yesuus Kiristoosiin isaan ajajna; ni gorsinas.
Protož těm, kteříž takoví jsou, přikazujeme, a napomínáme jich skrze Pána našeho Jezukrista, aby pokojně pracujíce, svůj chléb jedli.
13 Isin garuu yaa obboloota, waan gaarii hojjechuutti hin laafinaa.
Vy pak, bratří, neoblevujte dobře činíce.
14 Yoo namni kam iyyuu dubbii keenya kan xalayaa kana keessaatiif hin ajajamne, nama kana yaadatti qabadhaa. Akka inni qaanaʼuufis isa wajjin tokkummaa hin qabaatinaa.
Pakli kdo neuposlechne skrze psaní řeči naší, toho znamenejte, a nemějte s ním nic činiti, ať by se zastyděl.
15 Taʼus akka obboleessaatti isa gorsaa malee akka diinaatti isa hin ilaalinaa.
Avšak nemějte ho za nepřítele, ale napomínejte jako bratra.
16 Gooftaan nagaa mataan isaas yeroo hunda, karaa hundaan nagaa isinii haa kennu. Gooftaan hunduma keessan wajjin haa taʼu.
Sám pak Pán pokoje dejž vám vždycky pokoj všelijakým způsobem. Pán budiž se všemi vámi.
17 Ani Phaawulos xalayaa kana harkuma kootiin barreessa; kunis mallattoo xalayoota koo hundaa ti. Akki ani itti barreessus kanuma.
Pozdravení mou vlastní rukou Pavlovou, což jest za znamení v každém listu. Takť obyčejně píši.
18 Ayyaanni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos isin hunda wajjin haa taʼu.
Milost Pána našeho Jezukrista budiž se všemi vámi. Amen. Druhý list k Tessalonicenským psán byl z Atén.

< 2 Tasaloniiqee 3 >