< 2 Tasaloniiqee 2 >

1 Yaa obboloota, waaʼee dhufaatii Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosii fi waaʼee isa biratti walitti qabamuu keenyaa wanni nu isin kadhannu kana;
Vi ber eder, brødre, vedkommende vår Herre Jesu Kristi komme og vår samling med ham,
2 kunis raajii yookaan dubbii yookaan xalayaa akka waan nu biraa dhufeetti hedamuun akka isin guyyaan Gooftaa ammuma iyyuu dhufeera jettanii daftanii hin raafamneef yookaan hin jeeqamneef.
at I ikke så snart må la eder drive fra vett og sans eller la eder skremme, hverken ved nogen ånd eller ved nogen tale eller ved noget brev, likesom det skulde være fra oss, som om Herrens dag stod for døren.
3 Namni tokko iyyuu karaa kamiin iyyuu isin hin gowwoomsin; utuu fincilli dursee hin dhufin, namni cubbuu, ilmi badiisaa sun utuu hin mulʼatin guyyaan sun hin dhufuutii.
La ingen dåre eder på nogen måte! for først må frafallet komme, og syndens menneske åpenbares, fortapelsens sønn,
4 Innis waan Waaqa jedhamu yookaan waan waaqeffatamu hundumaan mormee isaan irratti ol ol of qaba; “Ani Waaqa” ofiin jechuudhaanis mana qulqullummaa Waaqaa keessa taaʼa.
han som står imot og ophøier sig over alt som kalles gud eller helligdom, så han setter sig i Guds tempel og gir sig selv ut for å være Gud.
5 Isin akka ani yeroo isin bira turetti waan kana isinitti himaa ture hin yaadattanii?
Minnes I ikke at jeg sa eder dette da jeg ennu var hos eder?
6 Akka inni yeroo murteeffame sanatti mulʼatuufis waan amma isa dhowwu ni beektu.
Og nu vet I hvad som holder igjen? så han først skal åpenbares i sin tid.
7 Icciitiin humna fincila sanaa amma iyyuu hojiitti jiraatii; garuu inni amma humna sana duubatti deebisu sun hamma karaa irraa fuudhamutti ittuma fufee isa dhowwa.
For lovløshetens hemmelighet er alt virksom, bare at den som nu holder igjen, ryddes av veien;
8 Inni Hamaan sun ni mulʼata; Yesuus Gooftaan immoo hafuuruma afaan ofii isaatiin isa galaafata; ifa dhufaatii isaatiinis isa barbadeessa.
og da skal den lovløse åpenbares, han som den Herre Jesus skal fortære med sin munns ånde og gjøre til intet ved åpenbarelsen av sitt komme.
9 Dhufaatiin namicha isa hamaa sanaa akkuma hojii Seexanaatti humna hundaa fi mallattoon, dinqii sobaatiinis ni taʼa;
Og hans komme skjer, efter Satans kraftige virksomhet, med all løgnens makt og tegn og under,
10 innis gowwoomsaa gosa hundaa kan warra badan sana ittiin gowwoomsuun mulʼata. Warri badan sunis sababii dhugaa silaa ittiin fayyan sana jaallachuu didaniif badu.
og med all urettferdighetens forførelse for dem som går fortapt fordi de ikke tok imot kjærlighet til sannheten, så de kunde bli frelst.
11 Kanaafuu Waaqni akka isaan soba amananiif waan nama wallaalchisu isaanitti erga;
Og derfor sender Gud dem kraftig villfarelse, så de tror løgnen,
12 kunis akka warra dhugaatti amanuu didanii jalʼinatti gammadan hundatti murtaaʼuuf.
forat alle de skal bli dømt som ikke har trodd sannheten, men hatt velbehag i urettferdigheten.
13 Nu garuu yaa obboloota Gooftaan jaallatamtan, sababii Waaqni warra jalqabaa godhee akka isin karaa Hafuuraan qulqulleeffamuutii fi karaa dhugaatti amanuutiin fayyitaniif isin filateef yeroo hunda Waaqa galateeffachuu qabna.
Men vi er skyldige til å takke Gud alltid for eder, brødre, I som er elsket av Herren, fordi Gud fra først av tok eder ut til frelse ved helliggjørelse av Ånden og tro på sannheten,
14 Innis akka isin ulfina Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos keessatti hirmaattaniif karaa wangeela keenyaatiin kaayyoo kanaaf isin waame.
som han kalte eder til ved vårt evangelium forat I skal vinne vår Herre Jesu Kristi herlighet.
15 Egaa yaa obboloota, jabaadhaatii dhaabadhaa; barsiisa nu karaa dubbii afaaniitiin yookaan xalayaan isin barsiifne sana jabeessaatii qabadhaa.
Derfor, brødre, stå støtt og hold fast ved de lærdommer som I har lært enten ved vår tale eller ved brev fra oss!
16 Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos mataan isaa, Waaqni Abbaan keenya inni nu jaallatee karaa ayyaana isaatiin jajjabina bara baraatii fi abdii gaarii nuu kenne sun, (aiōnios g166)
Og han, vår Herre Jesus Kristus, og Gud vår Fader, som elsket oss og gav oss en evig trøst og et godt håp i nåde, (aiōnios g166)
17 hojii fi dubbii gaarii hunda keessatti garaa keessan haa jajjabeessu; isin haa cimsus.
han trøste eders hjerter og styrke eder i all god gjerning og tale!

< 2 Tasaloniiqee 2 >