< 2 Saamuʼeel 1 >

1 Saaʼol erga duʼee booddee, Daawit Amaaleqoota rukutuu irraa deebiʼee Siiqlaag keessa guyyaa lama ture.
ויהי אחרי מות שאול ודוד שב מהכות את העמלק וישב דוד בצקלג ימים שנים׃
2 Guyyaa sadaffaatti namichi tokko qubata Saaʼolii dhufe; innis wayyaa isaa tarsaasee mataa isaatti awwaara firfirfatee ture. Yommuu Daawit bira gaʼettis ulfina isaaf kennuuf jedhee addaan lafatti gombifame.
ויהי ביום השלישי והנה איש בא מן המחנה מעם שאול ובגדיו קרעים ואדמה על ראשו ויהי בבאו אל דוד ויפל ארצה וישתחו׃
3 Daawitis, “Ati eessaa dhufte?” jedhee isa gaafate. Namichi immoo, “Ani qubata Israaʼelootaa keessaan baqadhee dhufe” jedhe.
ויאמר לו דוד אי מזה תבוא ויאמר אליו ממחנה ישראל נמלטתי׃
4 Daawitis, “Maaltu dhalate? Mee natti himi” jedhee gaafate. Innis, “Namoonni adda waraanaatii ni baqatan. Baayʼeen isaanii harcaʼaniiru; duʼaniirus. Saaʼolii fi ilmi isaa Yoonaataanis duʼaniiru” jedheen.
ויאמר אליו דוד מה היה הדבר הגד נא לי ויאמר אשר נס העם מן המלחמה וגם הרבה נפל מן העם וימתו וגם שאול ויהונתן בנו מתו׃
5 Kana irratti Daawit dargaggeessa oduu kana fideen, “Akka Saaʼolii fi ilmi isaa Yoonaataan duʼan ati akkamitti beekte?” jedhe.
ויאמר דוד אל הנער המגיד לו איך ידעת כי מת שאול ויהונתן בנו׃
6 Dargaggeessi sunis akkana jedhee deebise; “Akkuma tasaa ani Tulluu Gilboʼaatti ol baʼeen ture; Saaʼolis eeboo isaatti irkatee achi ture; gaariiwwan lolaatii fi abbootiin fardaa isa bira gaʼan.
ויאמר הנער המגיד לו נקרא נקריתי בהר הגלבע והנה שאול נשען על חניתו והנה הרכב ובעלי הפרשים הדבקהו׃
7 Innis yommuu garagalee na argetti na waame; anis, ‘Maal siif ajajamu?’ jedhee isa gaafadhe.
ויפן אחריו ויראני ויקרא אלי ואמר הנני׃
8 “Innis, ‘Ati eenyu?’ jedhee na gaafate. “Ani immoo, ‘Ani nama Amaaleq’ jedheen deebise.
ויאמר לי מי אתה ויאמר אליו עמלקי אנכי׃
9 “Ergasiis inni, ‘Narra dhaabadhuu na ajjeesi! Waan lubbuun na keessaa hin baʼiniif ani akka malee dhiphachaan jiraatii’ naan jedhe.
ויאמר אלי עמד נא עלי ומתתני כי אחזני השבץ כי כל עוד נפשי בי׃
10 “Kanaafuu ani sababiin akka inni erga kufee hin fayyine beekeef isa irra dhaabadheen isa ajjeese. Gonfoo mataa isaatii fi bitawoo harka isaa fuudhee gooftaa kootiif fideera.”
ואעמד עליו ואמתתהו כי ידעתי כי לא יחיה אחרי נפלו ואקח הנזר אשר על ראשו ואצעדה אשר על זרעו ואביאם אל אדני הנה׃
11 Daawitii fi namoonni isa wajjin turan hundi wayyaa of irraa baasanii tatarsaasan.
ויחזק דוד בבגדו ויקרעם וגם כל האנשים אשר אתו׃
12 Isaanis Saaʼolii fi Yoonaataaniif, loltoota Waaqayyootii fi mana Israaʼel hundaaf gaddanii ni booʼan; hamma galgalaatti ni sooman; isaan goraadeedhaan dhumaniiruutii.
ויספדו ויבכו ויצמו עד הערב על שאול ועל יהונתן בנו ועל עם יהוה ועל בית ישראל כי נפלו בחרב׃
13 Daawitis, “Ati eessaa dhufte?” jedhee dargaggeessicha oduu fide sana gaafate. Innis, “Ani ilma Amaaleq, namicha galtuu taʼe tokkoo ti” jedhee deebise.
ויאמר דוד אל הנער המגיד לו אי מזה אתה ויאמר בן איש גר עמלקי אנכי׃
14 Daawit immoo, “Yoos ati dibamaa Waaqayyoo tokko galaafachuuf harka kee ol fudhachuu maaliif hin sodaatin ree?” jedhee gaafate.
ויאמר אליו דוד איך לא יראת לשלח ידך לשחת את משיח יהוה׃
15 Ergasii Daawit namoota isaa keessaa tokko waamee, “Dhaqiitii dhaʼii isa ajjeesi!” jedhe. Innis isa dhaʼe; namichis ni duʼe.
ויקרא דוד לאחד מהנערים ויאמר גש פגע בו ויכהו וימת׃
16 Daawitis, “Sababii afaanumti kee, ‘Ani nama Waaqayyo isa dibe ajjeeseera’ jedhee dhugaa sitti baʼeef dhiigni kee matuma keetti deebiʼa” jedheen.
ויאמר אליו דוד דמיך על ראשך כי פיך ענה בך לאמר אנכי מתתי את משיח יהוה׃
17 Daawit faaruu kanaan Saaʼolii fi ilma Saaʼol Yoonaataaniif booʼe;
ויקנן דוד את הקינה הזאת על שאול ועל יהונתן בנו׃
18 akkasumas faaruu iddaa jedhamu kana akka namoonni Yihuudaa barsiisfaman ajaje; kunis kitaaba Yaashaar keessatti barreeffameera. Innis:
ויאמר ללמד בני יהודה קשת הנה כתובה על ספר הישר׃
19 “Yaa Israaʼel, ulfinni kee gaarran kee irratti ajjeefameera. Namoonni jajjaboon akkamitti akkas kukkufan!
הצבי ישראל על במותיך חלל איך נפלו גבורים׃
20 “Waan kana Gaati keessatti hin dubbatinaa; daandiiwwan Ashqaloon irrattis hin labsinaa; yoo kanaa achii intallan Filisxeemotaa ni gammadu; intallan warra dhagna hin qabatiniis ni ililchu.
אל תגידו בגת אל תבשרו בחוצת אשקלון פן תשמחנה בנות פלשתים פן תעלזנה בנות הערלים׃
21 “Yaa tulluuwwan Gilboʼaa, fixeensi isin irra hin buʼin yookaan bokkaan isinitti hin roobin; yookaan lafti qotiisaa midhaan aarsaaf dhiʼeeffamu biqilchu isin keessatti hin argamin. Gaachanni nama jabaa achitti xuraaʼeeraatii; gaachanni Saaʼol siʼachi zayitii hin dibamu.
הרי בגלבע אל טל ואל מטר עליכם ושדי תרומת כי שם נגעל מגן גבורים מגן שאול בלי משיח בשמן׃
22 “Dhiiga namoota dhumanii keessaa, foon namoota jajjaboo irraa, iddaan Yoonaataan duubatti hin deebine; goraadeen Saaʼolis akkasumaan hin deebine.
מדם חללים מחלב גבורים קשת יהונתן לא נשוג אחור וחרב שאול לא תשוב ריקם׃
23 Saaʼolii fi Yoonaataan yeroo lubbuun jiraachaa turanitti, jaallatamoo namni isaanitti gammadu turan; isaan yeroo duʼaattis gargari hin baane. Isaan risaa caalaa ariifatu, leenca caalaas jabaatu turan.
שאול ויהונתן הנאהבים והנעימם בחייהם ובמותם לא נפרדו מנשרים קלו מאריות גברו׃
24 “Yaa intallan Israaʼel, Saaʼol isa wayyaa bildiimaa fi uffata haphii isinitti uffise, kan wayyaa keessan warqeedhaan miidhagse, sanaaf booʼaa.
בנות ישראל אל שאול בכינה המלבשכם שני עם עדנים המעלה עדי זהב על לבושכן׃
25 “Namoonni jajjaboon akkamitti waraana keessatti kufu! Yoonaataan gaarran keessan irratti ajjeefameera.
איך נפלו גברים בתוך המלחמה יהונתן על במותיך חלל׃
26 Yaa Yoonaataan obboleessa ko, ani siif gaddeera; ati anaaf nama akka malee jaallatamaa turte. Jaalalli ati naaf qabdu dinqisiisaa ture; jaalala dubartii caalaa dinqisiisaa ture.
צר לי עליך אחי יהונתן נעמת לי מאד נפלאתה אהבתך לי מאהבת נשים׃
27 “Namoonni jajjaboon akkamitti kufan! Miʼoonni lolaa balleeffamaniiru!”
איך נפלו גבורים ויאבדו כלי מלחמה׃

< 2 Saamuʼeel 1 >