< 2 Saamuʼeel 9 >

1 Daawitis, “Akka ani Yoonaataaniif jedhee arjummaa isaaf godhu namni maatii Saaʼol keessaa hafe amma jiraa?” jedhee gaafate.
大卫问说:“扫罗家还有剩下的人没有?我要因约拿单的缘故向他施恩。”
2 Yeroo sanatti namicha Ziibaa jedhamu tajaajilaa mana Saaʼol tokkotu ture. Innis akka fuula Daawit duratti dhiʼaatuuf waamame; mootichis, “Ati Ziibaadhaa?” jedheen. Innis, “Eeyyee, ana garbicha kee ti” jedhe.
扫罗家有一个仆人,名叫洗巴,有人叫他来见大卫,王问他说:“你是洗巴吗?”回答说:“仆人是。”
3 Mootichis, “Akka ani arjummaa Waaqaa isaaf godhuuf namni maatii Saaʼol keessaa hafe tokko iyyuu hin jiruu?” jedhee gaafate. Ziibaa, “Ilmi Yoonaataan tokko jira; miilli isaa lachuus naafa” jedhee mootichaaf deebise.
王说:“扫罗家还有人没有?我要照 神的慈爱恩待他。”洗巴对王说:“还有约拿单的一个儿子,是瘸腿的。”
4 Mootichis, “Inni eessa jira?” jedhee gaafate. Ziibaan deebisee, “Inni iddoo Lodebaar jedhamu mana Maakiir ilma Amiiʼeel jira” jedhe.
王说:“他在哪里?”洗巴对王说:“他在罗·底巴,亚米利的儿子玛吉家里。”
5 Kanaafuu Daawit mootichi nama ergee Lodebaar mana Maakiir ilma Amiiʼeeliitii isa fichisiise.
于是大卫王打发人去,从罗·底巴、亚米利的儿子玛吉家里召了他来。
6 Mefiibooshet ilmi Yoonaataan, ilmi Saaʼol yeroo Daawit bira dhufetti ulfina isaaf kennuuf gad jedhe sagadeef. Daawit immoo, “Mefiiboostee!” jedheen. Innis, “Garbichi kee kunoo ti” jedhee deebiseef.
扫罗的孙子、约拿单的儿子米非波设来见大卫,伏地叩拜。大卫说:“米非波设!”米非波设说:“仆人在此。”
7 Daawitis, “Ani abbaa kee Yoonaataaniif jedhee arjummaa siifin godhaatii hin sodaatin. Ani lafa akaakayyuu keetii, lafa Saaʼol hunda siifin deebisa; atis yeroo hunda maaddii koo irraa nyaatta” jedheen.
大卫说:“你不要惧怕,我必因你父亲约拿单的缘故施恩与你,将你祖父扫罗的一切田地都归还你;你也可以常与我同席吃饭。”
8 Mefiibooshetis harka fuudhee, “Ana garbicha kee nama akka saree duʼeetti ilaalamuuf waan kana gochuun kee maaliif?” jedheen.
米非波设又叩拜,说:“仆人算什么,不过如死狗一般,竟蒙王这样眷顾!”
9 Mootichis Ziibaa garbicha Saaʼol ofitti waamee akkana jedheen; “Ani ilma ilma gooftaa keetiitiif, waan kan Saaʼolii fi kan maatii isaa taʼe hunda kenneera.
王召了扫罗的仆人洗巴来,对他说:“我已将属扫罗和他的一切家产都赐给你主人的儿子了。
10 Ati, Ilmaan keetii fi tajaajiltoonni kee akka ilmi ilma gooftaa keetii waan nyaatu argatuuf lafa isaaf qotuu qabdu. Mefiibooshet ilmi ilma gooftaa keetiis yeroo hunda maaddii koo irraa nyaata.” Ziibaan ilmaan kudha shanii fi tajaajiltoota digdama qaba ture.
你和你的众子、仆人要为你主人的儿子米非波设耕种田地,把所产的拿来供他食用;他却要常与我同席吃饭。”洗巴有十五个儿子,二十个仆人。
11 Ziibaanis mootichaan, “Ani garbichi kee waan gooftaan koo mootichi akka ani hojjedhuuf na ajaju hunda nan godha” jedhe. Kanaafuu Mefiibooshet akkuma ilmaan mootii keessaa nama tokkootti maaddii Daawit irraa nyaata ture.
洗巴对王说:“凡我主我王吩咐仆人的,仆人都必遵行。”王又说:“米非波设必与我同席吃饭,如王的儿子一样。”
12 Mefiibooshet ilma dargaggeessa Miikaa jedhamu tokko qaba ture; warri mana Ziibaa jiraatan hundi hojjettoota Mefiiboostee turan.
米非波设有一个小儿子,名叫米迦。凡住在洗巴家里的人都作了米非波设的仆人。
13 Mefiibooshetis sababii yeroo hunda maaddii mootii irraa nyaachaa tureef Yerusaalem keessa jiraata ture; miilli isaa lachuu naafa ture.
于是米非波设住在耶路撒冷,常与王同席吃饭。他两腿都是瘸的。

< 2 Saamuʼeel 9 >