< 2 Saamuʼeel 7 >
1 Mootichi erga masaraa isaa keessa jiraachuu jalqabee Waaqayyo diinota isaa kanneen naannoo isaa jiran hunda jalaa isa boqochiisee booddee,
And it came to pass when the king sat in his house, and the Lord had given him rest on every side from all his enemies,
2 Naataan raajichaan, “Ani kunoo mana birbirsaan ijaarame keessan jiraadha; taabonni Waaqaa garuu dunkaana keessa jiraata” jedhe.
He said to Nathan the prophet: Dost thou see that I dwell in a house of cedar, and the ark of God is lodged within skins?
3 Naataan immoo mootichaan, “Waaqayyo si wajjin jiraatii waan garaa keetti yaadde kam iyyuu godhi” jedhe.
And Nathan said to the king: Go, do all that is in thy heart: because the Lord is with thee.
4 Halkan sana garuu dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Naataan dhufe:
But it came to pass that night, that the word of the Lord came to Nathan, saying:
5 “Dhaqiitii akkana jedhii garbicha koo Daawititti himi; ‘Waaqayyo akkana jedha: Kan mana ani keessa jiraadhu naaf ijaaru siʼii?
Go, and say to my servant David: Thus saith the Lord: Shalt thou build me a house to dwell in?
6 Ani gaafan Israaʼeloota Gibxii baasee jalqabee hamma harʼaatti mana keessa hin jiraanne. Ani iddoo jireenya koo dunkaana godhadhee iddoo tokkoo gara iddoo biraa naannaʼaan ture.
Whereas I have not dwelt in a house from the day that I brought the children of Israel out of the land of Egypt even to this day: but have walked in a tabernacle, and in a tent.
7 Ani iddoon Israaʼeloota hunda wajjin naannaʼaa ture kamitti iyyuu bulchitoota akka isaan saba koo Israaʼelin eeganiif ajaje keessaa nama tokkoon iyyuu, “Isin maaliif mana birbirsaa naaf hin ijaarre?” jedhee beekaa?’
In all the places that I have gone through with all the children of Israel, did ever I speak a word to any one of the tribes of Israel, whom I commanded to feed my people Israel, saying: Why have you not built me a house of cedar?
8 “Egaa amma akkana jedhii garbicha koo Daawititti himi; ‘Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: Ani akka ati bulchaa saba koo Israaʼel taatuuf lafa tikaatii fi bushaayee faana deemuu keessaan si fudhadhe.
And now thus shalt thou speak to my servant David: Thus saith the Lord of hosts: a I took thee out of the pastures from following the sheep to be ruler over my people Israel:
9 Ani lafa ati dhaqxe hundatti si wajjinin ture; diinota kee hundas fuula kee duraa balleesseera. Ammas ani maqaa kee akkuma maqaa namoota addunyaa irratti akka malee gurguddaa taʼanii guddaa nan godha.
And I have been with thee wheresoever thou hast walked, and have slain all thy enemies from before thy face: and I have made thee a great man, like unto the name of the great ones that are on the earth.
10 Ani akka isaan mana ofii isaanii qabaatanii fi siʼachi hin raafamneef saba koo Israaʼeliif lafa kennee isaan nan dhaaba. Namoonni hamoon akka jalqabatti godhan sana deebiʼanii isaan hin cunqursan;
And I will appoint a place for my people Israel, and I will plant them, and they shall dwell therein, and shall be disturbed no more: neither shall the children of iniquity afflict them any more as they did before,
11 isaan siʼachi waan gaafa ani saba koo Israaʼel irratti abbootii murtii muudee as godhan sana illee hin godhan. Ani diinota kee hunda jalaas sin boqochiisa. “‘Akka Waaqayyo mataan isaa mana siif ijaaru Waaqayyo sittin hima;
From the day that I appointed judges over my people Israel: and I will give thee rest from all thy enemies. And the Lord foretelleth to thee, that the Lord will make thee a house.
12 yommuu barri jireenya keetii dhumee ati abbootii kee wajjin boqottutti ani akka inni iddoo kee buʼuuf sanyii kee kan gudeeda keetii baʼu nan kaasa; mootummaa isaa illee jabeessee nan dhaaba.
And when thy days shall be fulfilled, and thou shalt sleep with thy fathers, I will raise up thy seed after thee, which shall proceed out of thy bowels, and I will establish his kingdom.
13 Kan maqaa kootiif mana ijaaru isa; anis teessoo mootummaa isaa bara baraan jabeessee nan dhaaba.
He shall build a house to my name, and I will establish the throne of his kingdom for ever.
14 Ani isaaf abbaa nan taʼa; innis ilma naa taʼa. Yommuu inni balleessaa hojjetuttis ulee namootaatiin isa nan adaba; alangee ilmaan namaa ittiin garafamaniinis nan garafa.
I will be to him a father, and he shall be to me a son: and if he commit any iniquity, I will correct him with the rod of men, and with the stripes of the children of men.
15 Jaalalli koo garuu akka jaalala ani Saaʼol isa ani fuula kee duraa balleesse sana irraa fudhadhe isa irraa hin fudhatamu.
But my mercy I will not take away from him, as I took it from Saul, whom I removed from before my face.
16 Mannii fi mootummaan kee bara baraan fuula koo dura ni jiraata; teessoon kees bara baraan jabaatee ni dhaabata.’”
And thy house shall be faithful, and thy kingdom for ever before thy face, and thy throne shall be firm for ever.
17 Naataanis dubbii mulʼata kanaa hunda Daawititti hime.
According to all these words and according to all this vision, so did Nathan speak to David.
18 Ergasii Daawit mootichi ol seenee fuula Waaqayyoo dura taaʼee akkana jedhe: “Yaa Waaqayyo Gooftaa, kan ati asiin na geesse ani eenyu? Maatiin koos maali?
And David went in, and sat before the Lord, and said: Who am I, O Lord God, and what is my house, that thou hast brought me thus far?
19 Yaa Waaqayyo Gooftaa, akka waan wanni kun fuula kee duratti gaʼaa hin taʼiniitti ati waaʼee mana garbicha keetii kan fuul duratti taʼus dubbatte. Yaa Waaqayyo Gooftaa, edaa walitti dhufeenyi ati namoota wajjin qabdu kanaa?
But yet this hath seemed little in thy sight, O Lord God, unless thou didst also speak of the house of thy servant for a long time to come: for this is the law of Adam, O Lord God.
20 “Daawit kana caalaa maal jechuu dandaʼa? Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati garbicha kee ni beektaatii.
And what can David say more unto thee? for thou knowest thy servant, O Lord God:
21 Ati sababii dubbii keetiitii fi akkuma fedhii keetiitti waan guddaa kana hojjettee akka garbichi kee beeku goote.
For thy word’s sake, and according to thy own heart thou hast done all these great things, so that thou wouldst make it known to thy servant.
22 “Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati akkam guddaa dha! Kan akka keetii tokko iyyuu hin jiru; akka nu gurruma keenyaan dhageenyetti si malee Waaqni biraa hin jiru.
Therefore thou art magnified, O Lord God, because there is none like to thee, neither is there any God besides thee, in all the things that we have heard with our ears.
23 Sabni akka saba kee Israaʼel, kan Waaqni akka inni saba isaa taʼuuf maqaa ofii isaa dhaabbachuuf jedhee isa furuuf saboota ormaatii fi waaqota isaanii illee fuula isaa duraa ariʼuudhaan dinqiiwwan gurguddaa fi sodaachisaa argisiisuudhaan baʼee biyya Gibxii furee baase kan biraa lafa irraa kamii dha?
And what nation is there upon earth, as thy people Israel, whom God went to redeem for a people to himself, and to make him a name, and to do for them great and terrible things, upon the earth, before the face of thy people, whom thou redeemedst to thyself out of Egypt, from the nations and their gods.
24 Ati saba kee Israaʼelin kan ofii keetii gootee bara baraan dhaabdeerta; yaa Waaqayyo ati Waaqa isaanii taateerta.
For thou hast confirmed to thyself thy people Israel to be an everlasting people: and thou, O Lord God, art become their God.
25 “Ammas yaa Waaqayyo, yaa Waaqi, ati waadaa garbicha keetii fi mana isaatiif galte sana bara baraan eegi. Kanas akkuma waadaa galte sana raawwadhu;
And now, O Lord God, raise up for ever the word that thou hast spoken, concerning thy servant and concerning his house: and do as thou hast spoken,
26 kunis akka maqaan kee bara baraan guddaa taʼuuf. Kana irratti namoonni, ‘Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu Israaʼel irratti Waaqa!’ ni jedhu. Manni garbicha kee Daawitis fuula kee duratti jabaatee ni dhaabata.
That thy name may be magnified for ever, and it may be said: The Lord of hosts is God over Israel. And the house of thy servant David shall be established before the Lord.
27 “Yaa Waaqayyo Waan Hunda Dandeessu, Waaqa Israaʼel ati, ‘Ani mana siif nan ijaara’ jettee garbicha keetti waan kana mulʼifteerta; kanaafuu garbichi kee kadhannaa kana sitti dhiʼeessuuf ija jabina argateera.
Because thou, O Lord of hosts, God of Israel, hast revealed to the ear of thy servant, saying: I will build thee a house: therefore hath thy servant found in his heart to pray this prayer to thee.
28 Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati Waaqa! Dubbiin kee amanamaa dha; atis waan gaarii kana garbicha keetiif waadaa galteerta.
And now, O Lord God, thou art God, and thy words shall be true: for thou hast spoken to thy servant these good things.
29 Akka manni isaa bara baraan jabaattee fuula kee dura dhaabatuuf ammas mana garbicha keetii eebbisuun fedhii kee haa taʼu; yaa Waaqayyo Gooftaa, ati dubbatteertaatii; eebba keetiinis manni garbicha keetii bara baraan ni eebbifama.”
And now begin, and bless the house of thy servant, that it may endure for ever before thee: because thou, O Lord God, hast spoken it, and with thy blessing let the house of thy servant be blessed for ever.