< 2 Saamuʼeel 5 >

1 Gosoonni Israaʼel hundi Kebroonitti Daawit bira dhufanii akkana jedhan; “Nu foonii fi dhiiga kee ti.
Et toutes les tribus d’Israël vinrent vers David à Hébron, et parlèrent, disant: Voici, nous sommes ton os et ta chair.
2 Duraan yeroo Saaʼol mootii keenya turetti, namni duula loltoota Israaʼel hoogganu siʼi ture. Waaqayyos, ‘Situ saba koo Israaʼelin tiksa; bulchaa isaaniis ni taata’ siin jedhee ture.”
Et autrefois, quand Saül était roi sur nous, c’était toi qui faisais sortir et qui faisais entrer Israël; et l’Éternel t’a dit: Tu paîtras mon peuple Israël, et tu seras prince sur Israël.
3 Yommuu maanguddoonni Israaʼel hundi Kebroonitti Daawit mooticha bira dhufanitti mootichi Kebroonitti fuula Waaqayyoo duratti isaan wajjin kakuu gale; isaanis Daawitin dibanii Israaʼel irratti mootii isa godhan.
Et tous les anciens d’Israël vinrent vers le roi à Hébron; et le roi David fit alliance avec eux à Hébron, devant l’Éternel; et ils oignirent David pour roi sur Israël.
4 Daawit yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa soddoma ture; innis waggaa afurtama bulche.
David était âgé de 30 ans lorsqu’il devint roi; il régna 40 ans.
5 Kebroon keessatti waggaa torbaa fi jiʼa jaʼa Yihuudaa irratti mootii ture; Yerusaalem keessatti immoo waggaa soddomii sadii guutummaa Israaʼelii fi Yihuudaa irratti mootii taʼe.
Il régna à Hébron, sur Juda, sept ans et six mois; et, à Jérusalem, il régna 33 ans sur tout Israël et Juda.
6 Mootichii fi namoonni isaa Yebuusota achi jiraatan loluuf gara Yerusaalemitti ni qajeelan. Yebuusonnis Daawitiin, “Ati as hin seentu; jaamaa fi naafni iyyuu of irraa si deebisu” jedhan. Isaan, “Daawit as seenuu hin dandaʼu” jedhanii yaadan.
Et le roi alla avec ses hommes à Jérusalem contre les Jébusiens, habitants du pays; et ils parlèrent à David, disant: Tu n’entreras point ici; mais les aveugles et les boiteux te repousseront; – pour dire: David n’entrera pas ici.
7 Taʼus Daawit daʼannoo Xiyoon Magaalaa Daawit ni qabate.
Mais David prit la forteresse de Sion: c’est la ville de David.
8 Daawitis gaafas, “Namni Yebuusota dhaʼuuf baʼu kam iyyuu, ‘naafotaa fi jaamota’ lubbuu Daawitiin jibbaman bira gaʼuuf karaa boʼoo bishaaniitiin darbuu qaba” jedhe. Sababiin isaan, “‘Jaamonnii fi naafonni’ masaraa mootii hin seenan” jedhaniif kanuma.
Et David dit en ce jour-là: Quiconque frappera les Jébusiens et atteindra le canal, et les boiteux et les aveugles qui sont haïs de l’âme de David…! C’est pourquoi on dit: L’aveugle et le boiteux n’entreront pas dans la maison.
9 Daawitis iddoo jireenya isaa daʼannoo sana godhatee Magaalaa Daawit jedhee moggaase. Inni Miiloodhaa jalqabee naannoo ishee marsee ijaare.
Et David habita dans la forteresse, et l’appela ville de David; et David bâtit tout autour, depuis Millo vers l’intérieur.
10 Innis sababii Waaqayyo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu isa wajjin tureef yeruma yeroon jabaachaa dhufe.
Et David allait grandissant de plus en plus; et l’Éternel, le Dieu des armées, était avec lui.
11 Yeroo kanatti Hiiraam mootiin Xiiroos ergamoota wajjin muka birbirsaa, namoota muka soofanii fi warra dhagaa soofan gara Daawit erge; isaanis Daawitiif masaraa ijaaran.
Et Hiram, roi de Tyr, envoya des messagers à David, et des bois de cèdre, et des charpentiers, et des tailleurs de pierres pour les murailles; et ils bâtirent une maison à David.
12 Daawitis akka Waaqayyo saba Israaʼel irratti mootii godhee jabeessee isa dhaabee fi akka saba Israaʼeliif jedhee mootummaa isaa guddiseef ni beeke.
Et David connut que l’Éternel l’avait établi roi sur Israël, et qu’il avait élevé son royaume à cause de son peuple Israël.
13 Daawitis erga Kebroonii baʼee booddee saajjatoowwanii fi niitota biraa Yerusaalem keessatti fuudhe; ilmaanii fi intallan dabalataa dhalataniif.
Et David prit encore des concubines et des femmes de Jérusalem, après qu’il fut venu de Hébron, et il naquit encore à David des fils et des filles.
14 Maqaan ijoollee isaa kanneen achitti isaaf dhalataniis Shamuuʼaa, Shobaab, Naataan, Solomoon,
Et ce sont ici les noms de ceux qui lui naquirent à Jérusalem: Shammua, et Shobab, et Nathan, et Salomon,
15 Yibehaar, Eliishuuwaa, Nefeg, Yaafiiyaa,
et Jibkhar, et Élishua, et Népheg, et Japhia,
16 Eliishaamaa, Eliyaadaa fi Eliiphelexi jedhamu.
et Élishama, et Éliada, et Éliphéleth.
17 Filisxeemonni yommuu akka Daawit dibamee Israaʼel irratti mootii taʼe dhagaʼanitti, humna guutuudhaan isa barbaacha ol baʼan; Daawit garuu waan kana dhagaʼee gara daʼannoo jabaatti gad buʼe.
Et les Philistins apprirent qu’on avait oint David pour roi sur Israël, et tous les Philistins montèrent pour chercher David; et David l’apprit, et descendit à la forteresse.
18 Yeroo kanatti Filisxeemonni dhufanii Sulula Refaayim keessa faffacaʼan;
Et les Philistins vinrent et se répandirent dans la vallée des Rephaïm.
19 kanaafuu Daawit, “Ani baʼee Filisxeemota dhaʼuu? Ati dabarsitee harka kootti isaan kennitaa?” jedhee Waaqayyoon gaafate. Waaqayyos, “Baʼi; ani dhugumaan Filisxeemota dabarsee harka keetti nan kennaatii” jedhee deebiseef.
Et David interrogea l’Éternel, disant: Monterai-je contre les Philistins? Les livreras-tu en ma main? Et l’Éternel dit à David: Monte, car certainement je livrerai les Philistins en ta main.
20 Kanaafuu Daawit gara Baʼaal Pheraaziim dhaqe; achittis isaan moʼate. Innis, “Akkuma bishaan mana isaa cabsee yaaʼu sana Waaqayyo fuula koo duratti diinota koo cabsee baʼeera” jedhe. Kanaafuu iddoon sun Baʼaal Pheraaziim jedhamee waamame.
Et David vint à Baal-Peratsim; et là David les frappa, et il dit: L’Éternel a fait une brèche au milieu de mes ennemis devant moi, comme une brèche faite par les eaux; c’est pourquoi il appela le nom de ce lieu Baal-Peratsim.
21 Filisxeemonni waaqota isaanii tolfamoo achitti dhiisanii baqatan; Daawitii fi namoonni isaa immoo isaan fuudhanii deeman.
Et ils laissèrent là leurs idoles, et David et ses hommes les emportèrent.
22 Filisxeemonni amma illee dhufanii Sulula Refaayim keessa faffacaʼan;
Et les Philistins montèrent encore de nouveau, et se répandirent dans la vallée des Rephaïm.
23 kanaafuu Daawit Waaqayyoon gaafate; Waaqayyos akkana jedheen; “Kallattiidhaan itti hin baʼin; garuu duubaan isaan marsiitii muka qilxuu duratti isaan waraani.
Et David interrogea l’Éternel. Et il dit: Tu ne monteras pas; tourne-les par-derrière, et tu viendras contre eux vis-à-vis des mûriers;
24 Akkuma fiixee muka qilxuu irraan sagalee duulaa dhageesseen dafiitii baʼi; Waaqayyo loltoota Filisxeem dhaʼuudhaaf si dura baʼeera jechuudhaatii.”
et aussitôt que tu entendras sur le sommet des mûriers un bruit de gens qui marchent, alors tu t’élanceras, car alors l’Éternel sera sorti devant toi pour frapper l’armée des Philistins.
25 Kanaafuu Daawit akkuma Waaqayyo isa ajaje sana Gibeʼoon jalqabee hamma Geeziritti Filisxeemota dhaʼe.
Et David fit ainsi, comme l’Éternel lui avait commandé; et il frappa les Philistins depuis Guéba jusqu’à ce que tu viennes vers Guézer.

< 2 Saamuʼeel 5 >