< 2 Saamuʼeel 4 >

1 Iish-Booshet ilmi Saaʼol yommuu akka Abneer Kebroonitti ajjeefame dhagaʼetti humni isaa ni buʼe; Israaʼel hundis sodaan guutame.
When Ishbosheth, son of Saul, heard that Abner had died in Hebron, he was very discouraged, and everyone in Israel was shocked.
2 Yeroo sanatti Iish-Booshet ilmi Saaʼol dura buutota garee duultotaa lama qaba ture. Inni tokko Baʼanaa, kaan immoo Rekaab jedhama ture; isaanis ilmaan Rimoon namicha Biʼeeroot kan gosa Beniyaam sanaa ti; Biʼeeroot kun akka kutaa Beniyaamitti lakkaaʼama;
Ishbosheth had two commanders of his raiding bands, brothers by the name of Baanah and Rechab. They were the sons of Rimmon of the tribe of Benjamin from the town of Beeroth. Beeroth is considered part of the territory of Benjamin,
3 namoonni Biʼeeroot kunneen gara Gitayimitti baqatanii hamma harʼaatti alagummaan achi jiraatuutii.
because the people who had lived in Beeroth before ran away to Gittaim and lived there as foreigners right up to the present.
4 Yoonaataan ilmi Saaʼol mucaa miilli isaa lachuu naafate tokko qaba ture. Yeroo oduun waaʼee Saaʼolii fi Yoonaataan Yizriʼeel irraa dhufetti inni nama waggaa shanii ture. Guddiftuun isaas isa fudhattee baqatte; garuu utuu isheen baqachuuf ariifattuu mucichi ishee irraa kufee naafate. Maqaan isaas Mefiibooshet jedhama ture.
Jonathan, son of Saul, had a son lame in both feet. He was five years old when the news about the deaths of Saul and Jonathan had come from Jezreel. His nurse had picked him up and ran away, but as she rushed to get away, he fell and became lame. His name was Mephibosheth.
5 Rekaabii fi Baʼanaan ilmaan Rimoon namicha gosa Biʼeeroot kaʼanii gara mana Iish-Boosheti qajeelan; yeroon isaan itti achi gaʼanis guyyaa saafaa yeroo inni itti aara galfatu ture.
Rechab and Baanah, sons of Rimmon from Beeroth, went to Ishbosheth's house, arriving in the heat of the day as the king was taking his midday rest.
6 Isaanis akka nama qamadii barbaaduutti kutaa manaa isa gara keessaatti ol seenanii garaa isaa waraanan. Ergasiis Rekaabii fi obboleessi isaa Baʼanaan miliqanii baʼan.
The woman doorkeeper had been cleaning wheat, but she had grown tired and fallen asleep, so Rechab and Baanah were able to slip inside.
7 Isaanis utuu inni kutaa ciisichaa keessa siree isaa irra rafee jiruu ol seenan. Erga garaa isaa waraananii isa ajjeesanii booddees mataa isaa irraa kutan. Mataa sanas fuudhanii halkan guutuu daandii Arabbaa irra deemaa bulan.
They had gone into the house while Ishbosheth was asleep on his bed in his bedroom. After stabbing and killing him, they cut off his head which they took with them, and they traveled all night by the Jordan Valley road.
8 Isaanis Kebroonitti mataa Iish-Booshet gara Daawit mootichaa fidanii, “Kunoo mataa Iish-Booshet ilma diina kee Saaʼol kan ilma namicha si ajjeesuu barbaadu sanaa. Harʼa Waaqayyo Saaʼolii fi sanyii isaa illee gooftaa koo mootichaaf haaloo baaseera” jedhaniin.
They took the head of Ishbosheth to David in Hebron. They told the king, “Here is the head of Ishbosheth, son of Saul, your enemy who tried to kill you. Today the Lord has taken revenge on Saul and his family for my lord the king.”
9 Daawit immoo Rekaabii fi obboleessa isaa Baʼanaa, ilmaan Rimoonii namicha gosa Biʼeerootaa sanaan akkana jedhe; “Dhugaa Waaqayyo jiraataa isa rakkina hunda jalaa na baase sanaa,
But David answered Rechab and his brother Baanah, sons of Rimmon from Beeroth, “As the Lord lives, who has saved me from all my troubles,
10 kunoo ani namicha waan oduu gaarii naa fide seʼee, ‘Saaʼol duʼeera’ jedhee natti hime sana qabee Siiqlaagitti ajjeeseera. Egaa wanni ani namicha oduu sana fide badhaase kana dha!
when someone told me, ‘Look, Saul is dead’ and he thought he was bringing me good news, I grabbed him and had him put him to death at Ziklag. That was what he got for bringing me his news!
11 Yoos yeroo namoonni hamooni nama balleessaa hin qabne tokko mana isaa keessatti, siree isaa irratti ajjeesanitti ani dhiiga isaa harka keessan irraa hin barbaaduu ree? Lafa irraas hin balleessuu ree?”
Even more so then, when evil men kill a good man in his own house, and in his own bed, shouldn't I demand you pay for his life with your own lives, and exterminate you!”
12 Kanaafuu Daawit namoota isaa ajaje; isaanis jara ajjeesan. Harkaa fi miilla isaanii irraa kukkutanii haroo Kebroon biratti reeffa isaanii fannisan. Mataa Iish-Booshet garuu fuudhanii Kebroonitti awwaala Abneer biratti awwaalan.
David gave the order to his men, and they killed Rechab and Baanah. They chopped off their hands and feet, and hung their bodies by the pool in Hebron. Then they took Ishbosheth's head and buried it in Abner's grave in Hebron.

< 2 Saamuʼeel 4 >