< 2 Saamuʼeel 3 >

1 Mana Saaʼolii fi mana Daawit gidduu waraana bara dheeraatu ture. Yeroo Daawit jabaachaa deemetti manni Saaʼol immoo dadhabaa deeme.
Now there was a long war between the house of Saul and the house of David. David grew stronger and stronger, but the house of Saul grew weaker and weaker.
2 Daawit Kebroonitti ijoollee dhalche; isaanis: Inni hangafni Amnoon isa Ahiinooʼam Yizriʼeelittiin deessee dha;
Sons were born to David in Hebron. His firstborn was Amnon, by Ahinoam from Jezreel.
3 inni lammaffaan Kiliʼaab ilma Abiigayiil isheen Naabaal namichi biyya Qarmeloos irraa duʼe sun deessee dha; sadaffaan Abesaaloom ilma Maʼakaa kan intalli Talmaayi mooticha Geshuur sun deessee dha;
His second son, Kileab, was born to Abigail, the widow of Nabal from Carmel. The third, Absalom, was son of Maacah, daughter of Talmai, king of Geshur.
4 afuraffaan Adooniyaa ilma Hagiit; shanaffaan Shefaaxiyaa ilma Abiixaal;
David's fourth son, Adonijah, was the son of Haggith. His fifth son was Shephatiah son of Abital,
5 jaʼaffaan Yitreʼaam ilma Eglaa niitiin Daawit deessee dha. Isaan kunneen Kebroonitti Daawitiif dhalatan.
and the sixth, Ithream, was the son of David's wife Eglah. These sons were born to David in Hebron.
6 Yeroo mana Saaʼolii fi mana Daawit gidduu waraanni turetti Abneer mana Saaʼol irratti humna isaa jabeeffachaa ture.
It came about during the war between the house of Saul and the house of David that Abner made himself strong in the house of Saul.
7 Saaʼolis intala Ayyaa kan Riixiphaa jedhamtu saajjatoo godhatee ture. Iish-Booshetis Abneeriin, “Ati maaliif saajjatoo abbaa kootii wajjin rafte?” jedhe.
Saul had a concubine whose name was Rizpah, the daughter of Aiah. Ishbosheth said to Abner, “Why have you slept with my father's concubine?”
8 Abneer immoo waan Iish-Booshet akkas jedheef akka malee aaree akkana jedhe; “Ani mataa saree Yihuudaatii? Ani hamma harʼaatti mana abbaa kee Saaʼoliif, mana maatii isaatii fi mana firoota isaatiif amanamaa dha. Siʼi illee dabarsee Daawititti hin kennine. Ati garuu amma waaʼee dubartii kanaatiif na himatta!
Then Abner was very angry at the words of Ishbosheth and said, “Am I a dog's head that belongs to Judah? Today I am showing faithfulness to the house of Saul, your father, to his brothers, and to his friends, by not delivering you into the hand of David. But now you accuse me of an offense concerning this woman?
9 Yoo ani akka abdiin Waaqni Daawitiif kenne sun raawwatamu gochuu baadhe Waaqayyo Abneer irratti waan hamaa haa godhu; sana caalaa iyyuu isatti haa fidu;
May God do so to me, Abner, and more also, if I do not do for David as Yahweh has sworn to him,
10 wanni Waaqni kakuudhaan isa abdachiise sunis mana Saaʼol irraa mootummaa fuudhee Daanii jalqabee hamma Bersheebaatti Israaʼelii fi Yihuudaa irratti teessoo Daawit jabeessee dhaabuu dha.”
to transfer the kingdom from the house of Saul and set up the throne of David over Israel and over Judah, from Dan to Beersheba.”
11 Iish-Booshet waan isa sodaateef Abneeritti waan tokko illee dubbachuu hin dandeenye.
Ishbosheth could not answer Abner another word, because he feared him.
12 Ergasii Abneer, “Biyyattiin kan eenyuu ti? Na wajjin walii galtee godhadhu; anis akka Israaʼel guutumaan guutuutti gara kee goru sin gargaaraa” jedhee Daawititti ergamoota erge.
Then Abner sent messengers to David to speak for him saying, “Whose land is this? Make a covenant with me, and you will see that my hand is with you, to bring all Israel to you.”
13 Daawitis, “Gaarii dha; ani si wajjin walii galtee nan godhadha. Garuu waan tokko sin gaafadha; kunis ati yommuu gara koo dhuftutti jalqabatti Miikaal intala Saaʼol naa fidi; yoo kanaa achii gara koo hin dhufin” jedhe.
David answered, “Good, I will make a covenant with you. But one thing I require from you is that you cannot see my face unless you first bring Michal, Saul's daughter, when you come to see me.”
14 Ergasiis Daawit, “Niitii koo ishee ani misaa Filisxeemota dhibba tokkootiin kaadhimadhe Miikaalin naa ergi” jedhee Iish-Booshet ilma Saaʼolitti ergamoota erge.
Then David sent messengers to Ishbosheth, Saul's son, saying, “Give me my wife Michal, for whom I paid a price of one hundred Philistine foreskins.”
15 Kanaafuu Iish-Booshet nama ergee dhirsa ishee Phaltiiʼeel ilma Laayish irraa ishee fudhate.
So Ishbosheth sent for Michal and took her from her husband, Paltiel son of Laish.
16 Dhirsi ishees hamma magaalaa Bahuuriimitti booʼaa ishee duukaa buʼe. Abneeris, “Mana keetti deebiʼi!” jedheen. Kanaafuu inni ni deebiʼe.
Her husband went with her, weeping as he went, and followed her to Bahurim. Then Abner said to him, “Return home now.” So he returned.
17 Abneer maanguddoota Israaʼel wajjin mariʼatee akkana jedhe; “Isin kanaan dura akka Daawit mootii keessan taʼu hawwaa turtan.
Abner spoke with the elders of Israel saying, “In the past you were trying to have David be king over you.
18 Waaqayyo, ‘Ani garbicha koo Daawitiin saba Israaʼel harka Filisxeemotaatii akkasumas harka diinota isaanii hundaa keessaa nan baasa’ jedhee abdachiiseeraatii isin waan kana galmaan gaʼaa!”
Now do it. For Yahweh has spoken of David saying, 'By the hand of my servant David I will save my people Israel from the hand of the Philistines and from the hand of all their enemies.'”
19 Abneer namoota Beniyaam birattis ni dubbate. Ergasiis Kebroon dhaqee waan Israaʼeloonnii fi manni Beniyaam hundi gochuu barbaadan Daawititti hime.
Abner also spoke personally to the people of Benjamin. Then Abner went also to speak with David in Hebron to explain everything that Israel and the whole house of Benjamin desired to accomplish.
20 Yommuu Abneer namoota isaa digdama wajjin Kebroon dhufetti, Daawit isaa fi namoota isaatiif cidha qopheesse.
When Abner and twenty of his men arrived in Hebron to see David, David had a feast prepared for them.
21 Abneeris Daawitiin, “Ani kaʼee deemee akka isaan gooftaa koo mootii wajjin kakuu galanii fi akka ati warra garaan kee fedhe hunda irratti mootii taatuuf Israaʼeloota hunda walitti nan qaba” jedhe. Kanaaf Daawit isa geggeesse; innis nagaadhaan deeme.
Abner explained to David, “I will arise and gather all Israel to you, my master the king, so that they may make a covenant with you, so that you may reign over all that you desire.” So David sent Abner away, and Abner left in peace.
22 Namoonni Daawitii fi Yooʼaab yommuu suma boojuu hedduu fudhatanii duulaa galan. Abneer garuu Daawit wajjin Kebroon hin turre; Daawit isa geggeessee inni nagaan deemeeraatii.
Then the soldiers of David and Joab came from a raid and brought much plunder with them. But Abner was not with David in Hebron. David had sent him away, and Abner had left in peace.
23 Yooʼaabii fi loltoonni isa wajjin turan hundi yommuu achi gaʼanitti akka Abneer ilmi Neer mooticha bira dhufee mootichi nagaan isa geggeesse isatti himame.
When Joab and all the army with him arrived, they told Joab, “Abner son of Ner came to the king, and the king has sent him away, and Abner left in peace.”
24 Kanaafuu Yooʼaab gara mootichaa dhaqee akkana jedhe; “Maali gochuu kee ti? Kunoo Abneer gara kee dhufee ture. Ati Maaliif isa geggeessite? Inni amma deemeera!
Then Joab came to the king and said, “What have you done? Look, Abner came to you! Why have you sent him away, and he is gone?
25 Ati Abneer ilma Neer ni beekta; inni si gowwoomsee sochii keetii fi waan ati gochaa jirtu hunda basaasuudhaaf dhufe.”
Do you not know that Abner son of Ner came to deceive you and to discover your plans and learn everything you are doing?”
26 Yooʼaabis Daawit biraa baʼee Abneer duubaan ergamoota erge; isaanis boolla bishaanii kan Siiraa biraa isa deebisan. Daawit garuu waan kana hin beekne.
When Joab left David, he sent messengers after Abner, and they brought him back from the well of Sirah, but David did not know this.
27 Yeroo Abneer Kebroonitti deebiʼettis Yooʼaab waan kophaatti isa wajjin haasaʼuu barbaade fakkeessee gara karraatti isa baase. Achittis haaloo dhiiga obboleessa isaa Asaaheel baasuuf garaa keessa isa waraane; innis ni duʼe.
When Abner returned to Hebron, Joab took him aside in the middle of the gate to speak with him quietly. There Joab stabbed him in the stomach and killed him. In this way, Joab avenged the blood of Asahel his brother.
28 Ergasii Daawit yommuu waan kana dhagaʼetti akkana jedhe; “Anii fi mootummaan koo bara baraan dhiiga Abneer ilma Neer irraa fuula Waaqayyoo duratti qulqulluu dha.
When David heard about this he said, “I and my kingdom are innocent before Yahweh forever regarding the blood of Abner son of Ner.
29 Cubbuun dhiiga isaa mataa Yooʼaabii fi mana abbaa isaa hundaa irra haa gaʼu! Namni madaa malaa yaasu yookaan lamxii qabu yookaan namni uleetti rarraʼee deemu yookaan namni goraadeen ajjeefamu yookaan namni waan nyaatu dhabu mana Yooʼaabii hin dhabamin.”
Let the guilt of Abner's death fall on the head of Joab and on all his father's house. May there never fail to be in the family of Joab someone who has a flowing sore or skin disease or who is lame and must walk with a staff or who is killed by the sword or who goes without food.”
30 Sababii inni lola Gibeʼoon irratti obboleessa isaanii Asaaheelin ajjeeseef Yooʼaabii fi obboleessi isaa Abiishaayi Abneerin ajjeesan.
So Joab and Abishai his brother killed Abner, because he had killed their brother Asahel at Gibeon in battle.
31 Daawitis Yooʼaabii fi namoota isa wajjin turan hundaan, “Uffata keessan tarsaasaatii uffata gaddaa uffadhaa; fuula Abneer durattis booʼaa” jedhe. Daawit mootichis reeffa Abneer geggeesse.
David said to Joab and to all the people who were with him, “Tear your clothes, put on sackcloth, and mourn before Abner's body.” Now King David walked behind the body in the funeral procession.
32 Isaanis Abneerin Kebroonitti awwaalan; mootichis awwaala Abneer irratti iyyee booʼe; namoonni hundinuus ni booʼan.
They buried Abner in Hebron. The king wept and cried loudly at the tomb of Abner, and all the people also wept.
33 Mootichis faaruu gaddaa kana akkana jedhee Abneeriif faarse: “Abneer akka duʼa nama yaraa tokkootti duʼuu qabaa?
The king lamented for Abner and sang, “Should Abner die as a fool dies?
34 Harki kee hin hidhamne; miilli kee foncaadhaan hin gaadiʼamne. Ati akkuma nama fuula hamootaa duratti kufu tokkootti kufte.” Namoonni hundinuu amma illee ni booʼaniif.
Your hands were not bound. Your feet were not shackled. As a man falls before the sons of injustice, so you have fallen.” Once more all the people wept over him.
35 Gara saafaattis namoonni hundi dhufanii akka inni waa nyaatuuf Daawitin kadhatan; inni garuu, “Yoo ani hamma biiftuun lixxutti buddeena yookaan waan biraa afaan kootiin qabe Waaqni waan hamaa natti haa fidu; kana caalaa iyyuu natti haa fidu!” jedhee kakate.
All the people came to make David eat while it was still day, but David swore, “May God do so to me, and more also, if I taste bread or anything else before the sun goes down.”
36 Namoonni hundinuu waan kana arganii gammadan; dhugumaan wanni mootichi godhe hundi isaan gammachiise.
All the people took notice of David's grief, and it pleased them, as whatever the king did pleased them.
37 Kanaafuu gaafa sana namoonni hundii fi Israaʼel hundi akka ajjeefamuu Abneer ilma Neer keessatti mootichi qooda hin qabne beekan.
So all the people and all Israel understood that day that it was not the king's desire to kill Abner son of Ner.
38 Mootichis namoota isaatiin akkana jedhe; “Isin akka guyyaa harʼaa ilmi mootiitii fi namni guddaan tokko Israaʼel keessaa kufe hin beeknee?
The king said to his servants, “Do you not know that a prince and a great man has fallen this day in Israel?
39 Ani mootii dibame taʼu illee harʼa nama dadhabaa dha; ilmaan Zeruuyaa kunneen natti jabaataniiru. Waaqayyo nama waan hamaa hojjetuuf akkuma hammina hojii isaatti isaaf haa kennu!”
Now I am weak today, though I am an anointed king. These men, the sons of Zeruiah, are too brutal for me. May Yahweh repay the evildoer by punishing him for his wickedness, as he deserves.”

< 2 Saamuʼeel 3 >