< 2 Saamuʼeel 23 >

1 Dubbiin Daawit dhuma irratti dubbate kanaa dha: “Himanni Daawit ilmi Isseey, himanni nama Waaqni Waan Hundaa Olii, ol ol isa qabe, nama Waaqni Yaaqoob isa dibe faarfataan Israaʼel jaallatamaan sun akkana jedhe:
Haya ni maneno ya mwisho ya Daudi-Daudi mwana wa Yese, mtu aliyeheshimiwa sana, aliyetiwa mafuta na Mungu wa Yakobo, mwandishi mzuri wa zaburi wa Israeli.
2 “Hafuurri Waaqayyoo karaa kootiin dubbateera; dubbiin isaas arraba koo irra ture.
“Roho ya Yahwe alisema nami, na neno lake lilikuwa ulimini mwangu.
3 Waaqni Israaʼel dubbateera; Kattaan Israaʼel akkana naan jedhe: ‘Namni qajeelummaan saba bulchu, kan sodaa Waaqaatiin bulchu,
Mungu wa Israeli alinena, Mwamba wa Israeli aliniambia, “Atawalaye kwa haki juu yangu, atawalaye katika hofu ya Mungu.
4 inni akka ifa biiftuu ganamaa kan iddoo duumessi hin jirretti baʼuu, akkuma ifa aduu kan erga bokkaan caamee booddee marga biqilchuu ti.’
Atakuwa kama nuru ya asubuhi jua linapochomoza, asubuhi isiyo na mawingu, wakati mche mwororo unapochipua kutoka ardhini kupitia mwangaza wa mng'ao wa jua baada ya mvua.
5 “Manni koo Waaqa duratti qajeelaa mitii? Inni kakuu bara baraa na wajjin seenee isas qajeelchee karaa hundaan ni eega mitii? Isatu fayyina koo fiixaan baasee fedhii koo hundas naaf guuta mitii?
Hakika, je familia yangu haiko hivi mbele za Mungu? Je hajafanya nami agano la milele, taratibu la uhakika kwa kila njia? Je yeye haongezi wokovu wangu na kutimiza kila hitaji langu?
6 Namoonni hamoon hundinuu garuu akkuma qoraattii harkaan walitti hin qabamneetti gatamu.
Lakini yasiyofaa yote yatakuwa kama miiba na kutupwa mbali, kwa maana haiwezekani kukusanywa kwa mikono.
7 Namni qoraattii tuqu kam iyyuu miʼa sibiilaa yookaan somaa eeboo qabata; qoraattiin sunis lafuma jirutti gubama.”
Ayagusaye ni lazima atumie chombo cha chuma au au fumo la mkuki. Ni lazima yachomwe mahali yalipo.
8 Maqaan namoota Daawit warra jajjaboo kanaa dha: Yosheeb-Bashebet namichi Tahikmooni hoogganaa sadanii ture; innis lola tokko irratti eeboo mirmirsee namoota dhibba saddeet fixe.
Haya ni majina ya askari wa Daudi: Yashobeamu Mhakmoni alikuwa kiongozi wa mashujaa. Aliua watu mia nne wakati mmoja.
9 Kan isatti aanu immoo Eleʼaazaar ilma Doodoo namicha gosa Ahooʼaa ture; innis yeroo Filisxeemota lolaaf achitti walitti qabamanii turan sana waraanuuf kutatanitti, namoota jajjaboo Daawit wajjin turan sadan keessaa tokko ture. Ergasii namoonni Israaʼel booddeetti deebiʼan;
Baada yake alikuwa Elieza mwana wa Dodo, mwana wa mwahohi, mmoja wa mashujaa watatu wa Daudi. Alikuwepo walipowashinda Wafilisti waliokuwa wamekusanyika kwa vita, na wakati watu wa Israeli walipokuwa wamekimbia.
10 inni garuu utuu lafa dhaabatee turee hin sochoʼin hamma harki isaa dadhabee goraadee isaatti gogutti Filisxeemota ni rukute. Waaqayyo gaafas moʼannoo guddaa kenne. Loltoonnis warra duʼan irraa hiikachuu qofaaf gara Eleʼaazaaritti deebiʼan.
Elieza akasimama na kuwapiga Wafilisti mpaka mkono wake ukachoka, mpaka mkono wake ukang'ang'ania mpini wa upanga wake. Siku hiyo Yahwe akatoa ushindi mkuu. Jeshi likarejea kwa ajili ya kuteka tu nyara za waliouawa na Elieza.
11 Isatti aanees Saamaa ilma Aagee namicha gosa Haraaraatu ture. Yommuu Filisxeemonni iddoo Leehi jedhamutti lafa qotiisaa kan misiraan guutame tokko biratti walitti qabamanitti loltoonni Israaʼel isaan duraa baqatan.
Baada yake alikuwa Shama mwana wa Agee, Mharari. Wafilisti wakajikusanya pamoja palipokuwa na shamba la dengu, na jeshi likawakimbia.
12 Saamaan garuu lafa qotiisaa walakkaatti iddoo qabatee ture. Innis irraa ittisuudhaan Filisxeemota fixe; Waaqayyos moʼannaa guddaa kenne.
Lakini Shama akasimama katikati ya shamba na kulitetea. Aliwauwa Wafilisti, na Yahwe akaleta ushindi mkuu.
13 Yeroo midhaan haammamutti utuu loltoonni Filisxeemotaa Sulula Refaayim keessatti walitti qabamanii jiranuu, hangafoota soddomman sana keessaa namoonni sadii gara holqa Adulaamitti gara Daawit gad buʼan.
Watatu kati ya askari thelathini walishuka kwa Daudi nyakati za mavuno, katika pango la Adulamu. Jeshi la Wafilisti lilikuwa limepiga kambi katika bonde la Mrefai.
14 Yeroo sanatti Daawit daʼannoo cimaa keessa ture; loltoonni Filisxeem immoo Beetlihem turan.
Wakati huo Daudi alikuwa katika ngome yake, pangoni, wakati Wafilisti walikuwa wanaimilk Bethlehemu.
15 Daawitis Dheebotee, “Utuu namni tokko boolla bishaanii kan karra Beetlihem bira jiru keessaa bishaan dhugaatii naa fidee hoo!” jedhe.
Daudi alitamani maji na akasema, “Kama ingekuwa mtu mmoja angenipa maji ya kunywa kutoka kisima kilichopo Bethlehemu, kisima kilichopo langoni!”
16 Kanaafuu namoonni jajjaboon sadan sun qubata Filisxeemotaa keessaan darbanii boolla bishaanii kan karra Beetlihem bira jiru keessaa bishaan waraabanii Daawitiif fidan. Inni garuu dhuguu ni dide; qooda kanaa bishaan sana fuula Waaqayyoo duratti dhangalaase.
Hivyo mashujaa hawa watatu wakapita kati ya jeshi la Wafilisti na kuchota maji katika kisima cha Bethlehemu, kilichopo langoni. Wakachukua maji na kuyaleta kwa Daudi, lakini yeye akakataa kuyanywa. Badala yake akayamwaga mbele za Yahwe.
17 Innis, “Yaa Waaqayyoo, waan kana gochuun narraa haa fagaatu! Bishaan kun dhiiga namoota lubbuu ofii isaaniitti kutatanii deemanii mitii?” jedhe. Kanaafuu Daawit bishaan sana hin dhugne. Egaa wanni namoonni jajjaboon sadan sun hojjetan kana ture.
Kisha akasema, “Iwe mbali nami, Yahwe, kwamba niyanywe haya. Je ninywe damu ya watu waliohatarisha maisha yao?” Hivyo akakataa kuyanywa. Haya ni mambo yaliyofanywa na mashujaa watatu.
18 Abiishaayi ilmi Zeruuyaa obboleessi Yooʼaab hoogganaa sadan isaanii ture. Innis namoota dhibba sadiitti eeboo isaa ol kaafatee isaan fixe; akkasiin innis akkuma namoota sadan sanaa beekamaa taʼe.
Abishai, nduguye Yoabu na mwana wa Seruya, alikuwa akida wa watatu. Alipigana kwa mkuki wake na watu mia tatu na akawauwa wote mara. Mara kwa mara alitajwa kati ya mashujaa watatu.
19 Abiishaayin warra sadan caalaa ulfina hin argannee ree? Inni yoo isaan keessaa tokko taʼuu baate iyyuu ajajaa isaanii taʼe.
Hakuwa maarufu kuliko wale watatu? Alifanywa akida wao. Lakini, umaarufu wake haukulingana na umaarufu wa wale mashujaa watatu.
20 Benaayaa ilmi Yehooyaadaa loltuun cimaan biyya Qabziʼeel sunis loltuu moʼannaa gurguddaa argamsiise ture. Innis loltoota Moʼaab kanneen akka malee jajjaboo taʼan lama ajjeese. Gaafa cabbiin roobe tokkos boolla keessa seenee leenca ajjeese.
Benaya kutoka Kabseeli mwana wa Yehoyada; alikuwa mtu hodari aliyefanya matendo makuu. Aliwauwa wana wawili wa Arieli wa Moabu. Pia alishuka shimoni na kuuwa simba wakati wa theruji.
21 Inni namicha biyya Gibxi guddicha tokko illee ni ajjeese. Namichi Gibxi sun eeboo harkaa qabaatu iyyuu Benaayaa bokkuudhaan isatti baʼe; innis harka namicha Gibxi sanaatii eeboo butatee eeboodhuma isaatiin isa ajjeese.
Na alimwua Mmisri aliyekuwa mtu mnene sana. Mmisri alikuwa na mkuki mkononi, lakini Benaya alipigana naye kwa fimbo tu. Aliuchukua mkuki mkononi mwa Mmisri na kisha kumwua nao.
22 Hojiiwwan gootummaa kanneen Benaayaa ilmi Yehooyaadaa hojjete kana faʼi; innis akkuma namoota jajjaboo sadan sanaa nama beekamaa ture.
Benaya mwana wa Yehoyada alifanya matendo haya, naye alitajwa kati ya mashujaa watatu.
23 Inni namoota soddomman sana keessaa nama kam iyyuu caalaa ulfina guddaa argate; garuu namoota Sadan sanatti hin dabalamne. Daawitis ajajaa eegdota ofii isaa isa godhate.
Alikuwa na heshima kuliko mashujaa thelathini kwa ujumla wao, lakini hakuwa na heshima kama wale mashujaa watatu. Hata hivyo Daudi alimweka kuwa mlinzi wake.
24 Jara soddomman sana keessattis: Asaaheel obboleessa Yooʼaab, Elhaanaan ilma Doodoo namicha Beetlihem,
Wafuatao ni wale watu thelathini: Asaheli nduguye Yoabu, Elhanani mwana wa Dodo kutoka Bethlehemu,
25 Shamaa namicha gosa Haroodaa, Eliiqaa namicha gosa Haroodaa,
Shama Mharodi, Elika Mharodi,
26 Heleez namicha Phaaltii, Iiraa ilma Iqeesh nama Teqooʼaa,
Helesi Mpeloni, Ira mwana wa Ikeshi Mtekoi,
27 Abiiʼezer nama Anaatoot, Mebunaay nama biyya Hushaa,
Abi Ezeri Mwanathothi, Mebunai Mhushathi,
28 Zalmoon nama Ahooʼaa, Maharaayi nama Netoofaa,
Salmoni Mhahoi, Maharai Mnetofathi;
29 Heeled ilma Baʼanaa nama Netoofaa, gosa Beniyaam keessaa Iitaayi ilma Riibaay namicha Gibeʼaa,
Helebu mwana wa Baana, Mnetofathi, Itai mwana wa Rabai kutoka Gibea ya Wabenjamini,
30 Benaayaa nama Phiraatoon Hidaay namicha sululoota Gaʼaash,
Benaya Mpirathoni, Hidai wa mabonde ya Gaashi.
31 Abii-Alboon namicha biyya Arbaa, Azmaawet nama Barhuum,
Abieliboni Mwarbathi, Azmawethi Mbarhumi,
32 Eliiyaabaa namicha Shaʼalboon, ilmaan Yaasheen, Yoonaataan,
Eliaba Mshalboni, wana wa Yasheni, Yonathani mwana wa Shama Mharari;
33 ilma Shamaa namicha Haraaraa sanaa, Ahiiʼaam ilma Shaaraar namicha Aroodaa sanaa,
Ahiamu mwana wa Sharari Mharari,
34 Eliiphelexi ilma Ahasbaayi nama Maʼakaat, Eliʼaam ilma Ahiitofel nama Giiloon,
Elifeleti mwana wa Ahasbai Mmaakathi, Eliamu mwana wa Ahithofeli Mgiloni,
35 Hezroo nama Qarmeloos, Faʼaraay nama biyya Arbii,
Hezro Mkarmeli, Parai Mwarbi,
36 Yigiʼaal ilma Naataan namicha Zoobaa, Baanii gosa Gaad,
Igali mwana wa Nathani kutoka Soba, Bani kutoka kabila la Gadi,
37 Zeleq namicha gosa Amoon, Nahaaraay namicha gosa Biʼeeroot kan Yooʼaab ilma Zeruuyaatiif miʼa lolaa baatu sana ture;
Zeleki Mwamoni, Naharai Mbeerothi, mbeba silaha wa Yoabu mwana wa Seruya,
38 Iiraas namicha gosa Yitraa, Gaareeb namicha gosa Yitraa,
Ira Mwithri, Garebu Mwithri,
39 akkasumas Uuriyaa namicha Heet. Walumatti namoota soddomii torba turan.
Uria Mhiti - jumla yao thelathini na wanane.

< 2 Saamuʼeel 23 >