< 2 Saamuʼeel 23 >

1 Dubbiin Daawit dhuma irratti dubbate kanaa dha: “Himanni Daawit ilmi Isseey, himanni nama Waaqni Waan Hundaa Olii, ol ol isa qabe, nama Waaqni Yaaqoob isa dibe faarfataan Israaʼel jaallatamaan sun akkana jedhe:
Dubbiin Daawit dhuma irratti dubbate kanaa dha: “Himanni Daawit ilmi Isseey, himanni nama Waaqni Waan Hundaa Olii, ol ol isa qabe, nama Waaqni Yaaqoob isa dibe faarfataan Israaʼel jaallatamaan sun akkana jedhe:
2 “Hafuurri Waaqayyoo karaa kootiin dubbateera; dubbiin isaas arraba koo irra ture.
“Hafuurri Waaqayyoo karaa kootiin dubbateera; dubbiin isaas arraba koo irra ture.
3 Waaqni Israaʼel dubbateera; Kattaan Israaʼel akkana naan jedhe: ‘Namni qajeelummaan saba bulchu, kan sodaa Waaqaatiin bulchu,
Waaqni Israaʼel dubbateera; Kattaan Israaʼel akkana naan jedhe: ‘Namni qajeelummaan saba bulchu, kan sodaa Waaqaatiin bulchu,
4 inni akka ifa biiftuu ganamaa kan iddoo duumessi hin jirretti baʼuu, akkuma ifa aduu kan erga bokkaan caamee booddee marga biqilchuu ti.’
inni akka ifa biiftuu ganamaa kan iddoo duumessi hin jirretti baʼuu, akkuma ifa aduu kan erga bokkaan caamee booddee marga biqilchuu ti.’
5 “Manni koo Waaqa duratti qajeelaa mitii? Inni kakuu bara baraa na wajjin seenee isas qajeelchee karaa hundaan ni eega mitii? Isatu fayyina koo fiixaan baasee fedhii koo hundas naaf guuta mitii?
“Manni koo Waaqa duratti qajeelaa mitii? Inni kakuu bara baraa na wajjin seenee isas qajeelchee karaa hundaan ni eega mitii? Isatu fayyina koo fiixaan baasee fedhii koo hundas naaf guuta mitii?
6 Namoonni hamoon hundinuu garuu akkuma qoraattii harkaan walitti hin qabamneetti gatamu.
Namoonni hamoon hundinuu garuu akkuma qoraattii harkaan walitti hin qabamneetti gatamu.
7 Namni qoraattii tuqu kam iyyuu miʼa sibiilaa yookaan somaa eeboo qabata; qoraattiin sunis lafuma jirutti gubama.”
Namni qoraattii tuqu kam iyyuu miʼa sibiilaa yookaan somaa eeboo qabata; qoraattiin sunis lafuma jirutti gubama.”
8 Maqaan namoota Daawit warra jajjaboo kanaa dha: Yosheeb-Bashebet namichi Tahikmooni hoogganaa sadanii ture; innis lola tokko irratti eeboo mirmirsee namoota dhibba saddeet fixe.
Maqaan namoota Daawit warra jajjaboo kanaa dha: Yosheeb-Bashebet namichi Tahikmooni hoogganaa sadanii ture; innis lola tokko irratti eeboo mirmirsee namoota dhibba saddeet fixe.
9 Kan isatti aanu immoo Eleʼaazaar ilma Doodoo namicha gosa Ahooʼaa ture; innis yeroo Filisxeemota lolaaf achitti walitti qabamanii turan sana waraanuuf kutatanitti, namoota jajjaboo Daawit wajjin turan sadan keessaa tokko ture. Ergasii namoonni Israaʼel booddeetti deebiʼan;
Kan isatti aanu immoo Eleʼaazaar ilma Doodoo namicha gosa Ahooʼaa ture; innis yeroo Filisxeemota lolaaf achitti walitti qabamanii turan sana waraanuuf kutatanitti, namoota jajjaboo Daawit wajjin turan sadan keessaa tokko ture. Ergasii namoonni Israaʼel booddeetti deebiʼan;
10 inni garuu utuu lafa dhaabatee turee hin sochoʼin hamma harki isaa dadhabee goraadee isaatti gogutti Filisxeemota ni rukute. Waaqayyo gaafas moʼannoo guddaa kenne. Loltoonnis warra duʼan irraa hiikachuu qofaaf gara Eleʼaazaaritti deebiʼan.
inni garuu utuu lafa dhaabatee turee hin sochoʼin hamma harki isaa dadhabee goraadee isaatti gogutti Filisxeemota ni rukute. Waaqayyo gaafas moʼannoo guddaa kenne. Loltoonnis warra duʼan irraa hiikachuu qofaaf gara Eleʼaazaaritti deebiʼan.
11 Isatti aanees Saamaa ilma Aagee namicha gosa Haraaraatu ture. Yommuu Filisxeemonni iddoo Leehi jedhamutti lafa qotiisaa kan misiraan guutame tokko biratti walitti qabamanitti loltoonni Israaʼel isaan duraa baqatan.
Isatti aanees Saamaa ilma Aagee namicha gosa Haraaraatu ture. Yommuu Filisxeemonni iddoo Leehi jedhamutti lafa qotiisaa kan misiraan guutame tokko biratti walitti qabamanitti loltoonni Israaʼel isaan duraa baqatan.
12 Saamaan garuu lafa qotiisaa walakkaatti iddoo qabatee ture. Innis irraa ittisuudhaan Filisxeemota fixe; Waaqayyos moʼannaa guddaa kenne.
Saamaan garuu lafa qotiisaa walakkaatti iddoo qabatee ture. Innis irraa ittisuudhaan Filisxeemota fixe; Waaqayyos moʼannaa guddaa kenne.
13 Yeroo midhaan haammamutti utuu loltoonni Filisxeemotaa Sulula Refaayim keessatti walitti qabamanii jiranuu, hangafoota soddomman sana keessaa namoonni sadii gara holqa Adulaamitti gara Daawit gad buʼan.
Yeroo midhaan haammamutti utuu loltoonni Filisxeemotaa Sulula Refaayim keessatti walitti qabamanii jiranuu, hangafoota soddomman sana keessaa namoonni sadii gara holqa Adulaamitti gara Daawit gad buʼan.
14 Yeroo sanatti Daawit daʼannoo cimaa keessa ture; loltoonni Filisxeem immoo Beetlihem turan.
Yeroo sanatti Daawit daʼannoo cimaa keessa ture; loltoonni Filisxeem immoo Beetlihem turan.
15 Daawitis Dheebotee, “Utuu namni tokko boolla bishaanii kan karra Beetlihem bira jiru keessaa bishaan dhugaatii naa fidee hoo!” jedhe.
Daawitis Dheebotee, “Utuu namni tokko boolla bishaanii kan karra Beetlihem bira jiru keessaa bishaan dhugaatii naa fidee hoo!” jedhe.
16 Kanaafuu namoonni jajjaboon sadan sun qubata Filisxeemotaa keessaan darbanii boolla bishaanii kan karra Beetlihem bira jiru keessaa bishaan waraabanii Daawitiif fidan. Inni garuu dhuguu ni dide; qooda kanaa bishaan sana fuula Waaqayyoo duratti dhangalaase.
Kanaafuu namoonni jajjaboon sadan sun qubata Filisxeemotaa keessaan darbanii boolla bishaanii kan karra Beetlihem bira jiru keessaa bishaan waraabanii Daawitiif fidan. Inni garuu dhuguu ni dide; qooda kanaa bishaan sana fuula Waaqayyoo duratti dhangalaase.
17 Innis, “Yaa Waaqayyoo, waan kana gochuun narraa haa fagaatu! Bishaan kun dhiiga namoota lubbuu ofii isaaniitti kutatanii deemanii mitii?” jedhe. Kanaafuu Daawit bishaan sana hin dhugne. Egaa wanni namoonni jajjaboon sadan sun hojjetan kana ture.
Innis, “Yaa Waaqayyoo, waan kana gochuun narraa haa fagaatu! Bishaan kun dhiiga namoota lubbuu ofii isaaniitti kutatanii deemanii mitii?” jedhe. Kanaafuu Daawit bishaan sana hin dhugne. Egaa wanni namoonni jajjaboon sadan sun hojjetan kana ture.
18 Abiishaayi ilmi Zeruuyaa obboleessi Yooʼaab hoogganaa sadan isaanii ture. Innis namoota dhibba sadiitti eeboo isaa ol kaafatee isaan fixe; akkasiin innis akkuma namoota sadan sanaa beekamaa taʼe.
Abiishaayi ilmi Zeruuyaa obboleessi Yooʼaab hoogganaa sadan isaanii ture. Innis namoota dhibba sadiitti eeboo isaa ol kaafatee isaan fixe; akkasiin innis akkuma namoota sadan sanaa beekamaa taʼe.
19 Abiishaayin warra sadan caalaa ulfina hin argannee ree? Inni yoo isaan keessaa tokko taʼuu baate iyyuu ajajaa isaanii taʼe.
Abiishaayin warra sadan caalaa ulfina hin argannee ree? Inni yoo isaan keessaa tokko taʼuu baate iyyuu ajajaa isaanii taʼe.
20 Benaayaa ilmi Yehooyaadaa loltuun cimaan biyya Qabziʼeel sunis loltuu moʼannaa gurguddaa argamsiise ture. Innis loltoota Moʼaab kanneen akka malee jajjaboo taʼan lama ajjeese. Gaafa cabbiin roobe tokkos boolla keessa seenee leenca ajjeese.
Benaayaa ilmi Yehooyaadaa loltuun cimaan biyya Qabziʼeel sunis loltuu moʼannaa gurguddaa argamsiise ture. Innis loltoota Moʼaab kanneen akka malee jajjaboo taʼan lama ajjeese. Gaafa cabbiin roobe tokkos boolla keessa seenee leenca ajjeese.
21 Inni namicha biyya Gibxi guddicha tokko illee ni ajjeese. Namichi Gibxi sun eeboo harkaa qabaatu iyyuu Benaayaa bokkuudhaan isatti baʼe; innis harka namicha Gibxi sanaatii eeboo butatee eeboodhuma isaatiin isa ajjeese.
Inni namicha biyya Gibxi guddicha tokko illee ni ajjeese. Namichi Gibxi sun eeboo harkaa qabaatu iyyuu Benaayaa bokkuudhaan isatti baʼe; innis harka namicha Gibxi sanaatii eeboo butatee eeboodhuma isaatiin isa ajjeese.
22 Hojiiwwan gootummaa kanneen Benaayaa ilmi Yehooyaadaa hojjete kana faʼi; innis akkuma namoota jajjaboo sadan sanaa nama beekamaa ture.
Hojiiwwan gootummaa kanneen Benaayaa ilmi Yehooyaadaa hojjete kana faʼi; innis akkuma namoota jajjaboo sadan sanaa nama beekamaa ture.
23 Inni namoota soddomman sana keessaa nama kam iyyuu caalaa ulfina guddaa argate; garuu namoota Sadan sanatti hin dabalamne. Daawitis ajajaa eegdota ofii isaa isa godhate.
Inni namoota soddomman sana keessaa nama kam iyyuu caalaa ulfina guddaa argate; garuu namoota Sadan sanatti hin dabalamne. Daawitis ajajaa eegdota ofii isaa isa godhate.
24 Jara soddomman sana keessattis: Asaaheel obboleessa Yooʼaab, Elhaanaan ilma Doodoo namicha Beetlihem,
Jara soddomman sana keessattis: Asaaheel obboleessa Yooʼaab, Elhaanaan ilma Doodoo namicha Beetlihem,
25 Shamaa namicha gosa Haroodaa, Eliiqaa namicha gosa Haroodaa,
Shamaa namicha gosa Haroodaa, Eliiqaa namicha gosa Haroodaa,
26 Heleez namicha Phaaltii, Iiraa ilma Iqeesh nama Teqooʼaa,
Heleez namicha Phaaltii, Iiraa ilma Iqeesh nama Teqooʼaa,
27 Abiiʼezer nama Anaatoot, Mebunaay nama biyya Hushaa,
Abiiʼezer nama Anaatoot, Mebunaay nama biyya Hushaa,
28 Zalmoon nama Ahooʼaa, Maharaayi nama Netoofaa,
Zalmoon nama Ahooʼaa, Maharaayi nama Netoofaa,
29 Heeled ilma Baʼanaa nama Netoofaa, gosa Beniyaam keessaa Iitaayi ilma Riibaay namicha Gibeʼaa,
Heeled ilma Baʼanaa nama Netoofaa, gosa Beniyaam keessaa Iitaayi ilma Riibaay namicha Gibeʼaa,
30 Benaayaa nama Phiraatoon Hidaay namicha sululoota Gaʼaash,
Benaayaa nama Phiraatoon Hidaay namicha sululoota Gaʼaash,
31 Abii-Alboon namicha biyya Arbaa, Azmaawet nama Barhuum,
Abii-Alboon namicha biyya Arbaa, Azmaawet nama Barhuum,
32 Eliiyaabaa namicha Shaʼalboon, ilmaan Yaasheen, Yoonaataan,
Eliiyaabaa namicha Shaʼalboon, ilmaan Yaasheen, Yoonaataan,
33 ilma Shamaa namicha Haraaraa sanaa, Ahiiʼaam ilma Shaaraar namicha Aroodaa sanaa,
ilma Shamaa namicha Haraaraa sanaa, Ahiiʼaam ilma Shaaraar namicha Aroodaa sanaa,
34 Eliiphelexi ilma Ahasbaayi nama Maʼakaat, Eliʼaam ilma Ahiitofel nama Giiloon,
Eliiphelexi ilma Ahasbaayi nama Maʼakaat, Eliʼaam ilma Ahiitofel nama Giiloon,
35 Hezroo nama Qarmeloos, Faʼaraay nama biyya Arbii,
Hezroo nama Qarmeloos, Faʼaraay nama biyya Arbii,
36 Yigiʼaal ilma Naataan namicha Zoobaa, Baanii gosa Gaad,
Yigiʼaal ilma Naataan namicha Zoobaa, Baanii gosa Gaad,
37 Zeleq namicha gosa Amoon, Nahaaraay namicha gosa Biʼeeroot kan Yooʼaab ilma Zeruuyaatiif miʼa lolaa baatu sana ture;
Zeleq namicha gosa Amoon, Nahaaraay namicha gosa Biʼeeroot kan Yooʼaab ilma Zeruuyaatiif miʼa lolaa baatu sana ture;
38 Iiraas namicha gosa Yitraa, Gaareeb namicha gosa Yitraa,
Iiraas namicha gosa Yitraa, Gaareeb namicha gosa Yitraa,
39 akkasumas Uuriyaa namicha Heet. Walumatti namoota soddomii torba turan.
akkasumas Uuriyaa namicha Heet. Walumatti namoota soddomii torba turan.

< 2 Saamuʼeel 23 >