< 2 Saamuʼeel 22 >

1 Daawit yommuu Waaqayyo harka diinota isaa hundaa fi harka Saaʼol jalaa isa baasetti dubbii Faarfannaa kana Waaqayyoof faarfate.
Daudi akamwimbia Yahwe maneno ya wimbo huu siku ile Yahwe alipomwokoa katika mkono wa adui zake wote na katika mkono wa Sauli.
2 Innis akkana jedhe: “Waaqayyo kattaa koo ti; daʼannoo kootii fi oolchaa koo ti;
Akaomba hivi, “Yahwe ni mwamba wangu, ngome yangu, aliyeniokoa.
3 Waaqni koo kattaa koo kan ani kooluu itti galuu dha; inni gaachana kootii fi gaanfa fayyina koo ti. Inni daʼannoo koo cimaa, kooluu kootii fi fayyisaa koo ti; ati namoota humnaan namatti kaʼan jalaas na baasta.
Mungu ni mwamba wangu. Yeye ni kimbilio langu. Ngao yangu, pembe ya wokovu wangu, ngome yangu na kimbilio langu, aniokoaye na mabaya yote.
4 “Ani Waaqayyo galanni isaaf malu sana nan waammadha; diinota koo jalaas nan baraarama.
Nitamwita Yahwe, astahiliye kutukuzwa, nami nitaokolewa kutoka kwa adui zangu.
5 Dambaliin duʼaa na marseera; lolaan badiisaas na liqimseera.
Maana mawimbi ya mauti yalinizunguka, mafuriko ya maji ya uharibifu yakanishinda.
6 Funyoon siiʼool natti marame; kiyyoon duʼaas natti dhufe. (Sheol h7585)
Vifungo vya kuzimu vilinizunguka; kamba za mauti zikaninasa. (Sheol h7585)
7 “Ani dhiphina koo keessatti Waaqayyoon nan waammadhe; Waaqa kootti nan iyyadhe. Innis mana qulqullummaa isaatii sagalee koo dhagaʼe; iyyi koos gurra isaa seene.
Katika shida yangu nalimwita Yahwe; nilimwita Mungu wangu; akaisikia sauti yangu katika hekalu lake, na kilio changu cha msaada kikafika masikioni mwake.
8 Lafti ni hollatte; ni sochootes; hundeewwan samiiwwanii ni raafaman; sababii inni dheekkameefis isaan ni hollatan.
Ndipo nchi ilipotikisika na kutetemeka. Misingi ya mbingu ikatetemeka na kutikiswa, kwa kuwa Mungu alikasirika.
9 Aarri funyaan isaatii ol baʼe; ibiddi waa barbadeessu afaan isaatii baʼe; cileen bobaʼus afaan isaatii baʼe.
Moshi ukatoka katika pua yake, na miale ya moto ikatoka katika kinywa chake. Makaa yakawashwa nayo.
10 Inni samiiwwan tarsaasee gad buʼe; duumessoonni gurraachis miilla isaa jala turan.
Alizifungua mbingu akashuka, na giza totoro lilikuwa chini ya miguu yake.
11 Inni kiirubeelin yaabbatee barrise; qoochoo qilleensaatiinis ol baʼe.
Alipanda juu ya kerubi na kuruka. Alionekana katika mawingu ya upepo.
12 Inni dukkana, duumessa samii kan bokkaadhaan dukkanaaʼe immoo godoo isaa godhate.
Naye akalifanya giza kuwa hema kumzunguka, akakusanya mawingu makubwa ya mvua angani.
13 Ifa fuula isaa keessaas bakakkaan balaqqisee baʼe.
Makaa ya moto yalidondoka mbele zake kutoka katika radi.
14 Waaqayyo samiidhaa ni qaqawweessaʼe; sagaleen Waaqa Waan Hundaa Oliis ni dhagaʼame.
Yahwe alishuka kutoka katika mbingu. Aliyejuu alipiga kelele.
15 Inni xiyya isaa darbatee diinota bittinneesse; bakakkaas gad dhiisee isaan fixe.
Alipiga mishale na kuwatawanya adui zake—miale ya radi na kuwasambaratisha.
16 Dheekkamsa, Waaqayyootiin humna hafuura funyaan isaatii baʼuutiinis sululawwan galaanaa ifatti baafaman; hundeewwan lafaas qullaa hafan.
Kisha njia za maji zikaonekana; misingi ya dunia ikawa wazi katika kilio cha vita ya Yahweh, katika sauti za pumzi ya pua zake.
17 “Inni ol gubbaadhaa gad hiixatee na qabe; bishaanota gad fagoo keessaas na baase.
Kutoka juu alifika chini; akanishikilia! Aliniondoa katika vilindi vya maji.
18 Inni diina koo isa jabaa jalaa, amajaajota koo warra akka malee natti ciman jalaas na baase.
Aliniokoa kutoka kwa adui zangu wenye nguvu, kwao walionichukia, kwa maana walikuwa na nguvu sana kwangu.
19 Isaan guyyaa rakkina kootti natti dhufan; Waaqayyo garuu gargaarsa koo ture.
Walikuja kinyume changu siku ya shida yangu, lakini Yahwe alikuwa msaada wangu.
20 Inni iddoo balʼaatti na baase; waan natti gammadeefis na oolche.
Pia aliniweka mahali panapo nafasi. Aliniokoa kwa kuwa alipendezwa nami.
21 “Waaqayyo akkuma qajeelummaa kootiitti naa kenneera; akkuma qulqullina harka koottis na badhaase.
Yahwe amenituza kwa kipimo cha haki yangu; amenirejesha kwa kiwango cha usafi wa mikono yangu.
22 Ani karaa Waaqayyoo eegeeraatii; Waaqa koo irraa garagalee hammina hin hojjenne.
Kwa maana nimezishika njia za Yahwe na sijafanya uovu kwa kugeuka kutoka kwa Mungu.
23 Seerri isaa hundinuu fuula koo dura jira; anis ajaja isaa irraa hin jalʼanne.
Kwa kuwa maagizo yake yote ya haki yamekuwa mbele yangu; kwa kuwa sheria zake, sikujiepusha nazo.
24 Ani fuula isaa duratti mudaa hin qabu ture; cubbuu irraas of eeggadheera.
Nimekuwa bila hatia mbele zake pia, na nimejiepusha na dhambi.
25 Waaqayyo akkuma qajeelumma kootti, akkuma ani fuula isaa duratti qulqulluu taʼettis na badhaaseera.
Kwa hiyo Yahwe amenirejesha kwa kiasi cha uadilifu wangu, kwa kipimo cha usafi wangu mbele zake.
26 “Ati nama amanamaatti amanamummaa kee argisiifta; nama mudaa hin qabnettis kan mudaa hin qabne taata;
Kwa mwaminifu, unajionesha kuwa mwaminifu; kwake asiye na hatia; unajionesha kuwa hauna hatia.
27 nama qulqulluutti qulqulluu taata; nama jalʼaatti immoo jalʼaa taata.
Kwa usafi unajionesha kuwa msafi, lakini kwa wakaidi unajionesha kuwa mkaidi.
28 Ati warra gad of qaban ni oolchita; warra of tuulan immoo gad deebisuuf iji kee isaan ilaala.
Unaokoa walioteswa, lakini macho yako ni kinyume cha wenye kiburi, unawashusha chini.
29 Yaa Waaqayyo, ati ibsaa koo ti; Waaqayyo dukkana koo ifatti ni geeddara.
Kwa maana wewe ni taa yangu, Yahwe. Yahwe huangaza katika giza langu.
30 Ani gargaarsa keetiin loltoota dhiibbadhee nan deema; Waaqa kootiinis dallaa utaaluu nan dandaʼa.
Maana kwa ajili yake ninaweza kupita vipingamizi; kwa msaada wa Mungu wangu naweza kuruka juu ya ukuta.
31 “Waaqa kana, karaan isaa mudaa hin qabu; dubbiin Waaqayyoo hirʼina hin qabu. Warra isatti kooluu galan hundaaf inni gaachana taʼa.
Maana njia za Mungu ni kamilifu. Neno la Yahwe ni safi. Yeye ni ngao yao wanaomkimbilia.
32 Waaqayyo malee Waaqni eenyu? Waaqa keenya malees Kattaan eenyu?
Maana ni nani aliye Mungu isipokuwa Yahwe? Na ni nani aliyemwamba isipokuwa Mungu?
33 Kan humna na hidhachiisu, kan akka karaan koos nagaa taʼu godhu Waaqa.
Mungu ni kimbilio langu, na umwongoza katika njia yake mtu asiye na hatia.
34 Inni miilla koo akka miilla borofaa godha; iddoo ol dheeraa irras na dhaabachiisa.
Huifanya myepesi miguu yangu kama kurungu na kuniweka katika vilima virefu.
35 Inni harka koo waraanaaf leenjisa; irreen koos iddaa naasii dabsuu ni dandaʼa.
Huifundisha mikono yangu kwa vita, na viganja vyangu kupinda upinde wa shaba.
36 Ati gargaarsa kee kan nama fayyisu gaachana naaf goota; gargaarsi kees nama guddaa na godhe.
Umenipa ngao ya wokovu wako, na matakwa yako yamenifanya mkuu.
37 Akka koomeen koo hin mucucaanneef, miilla kootiif daandii balʼifteerta.
Umeitengenezea miguu yangu nafasi chini yangu, hivyo miguu yangu haikujikwaa.
38 “Ani diinota koo ariʼee nan balleesse; hamma isaan barbadaaʼanittis ani duubatti hin deebine.
Niliwafuatia adui zangu na kuwaangamiza. Sikurudi nyuma hadi walipoangamizwa.
39 Ani guutumaan guutuutti isaan nan barbadeesse; isaan deebiʼanii kaʼuu hin dandaʼan; isaanis miilla koo jalatti ni kufan.
Niliwararua na kuwasambaratisha; hawawezi kuinuka. Wameanguka chini ya miguu yangu.
40 Ati lolaaf humna na hidhachiifte; amajaajota koos fuula koo duratti gad deebifte.
Unaweka nguvu ndani yangu kama mkanda kwa vita; unawaweka chini yangu wanaoinuka kinyume changu.
41 Akka diinonni koo dugda duubatti deebiʼanii baqatan gooteerta; anis amajaajota koo barbadeesseera.
Ulinipa migongo ya shingo za adui zangu; niliwaangamiza kabisa wale wanaonichukia.
42 Isaan gargaarsaaf iyyan; garuu kan isaan oolchu tokko iyyuu hin turre; gara Waaqayyoottis ni iyyatan; inni garuu deebii hin kennineef.
Walilia kwa msaada, lakini hakuna aliyewaokoa; walimlilia Yahwe, lakini hakuwajibu.
43 Anis akkuma awwaara lafaatti isaan nan daake; bulleessees akkuma dhoqqee daandii irraatti isaan dhidhiite.
Niliwaponda katika vipande kama mavumbi juu ya ardhi, niliwakanyaga kama matope mitaani.
44 “Ati lola namootaa jalaa na baafteerta; mataa sabootaa gootee na jiraachifteerta. Sabni ani hin beekne na tajaajila;
Umeniokoa pia kutoka katika mashutumu ya watu wangu. Umeniweka kama kichwa cha mataifa. Watu nisiowajua wananitumikia.
45 namoonni ormaa na sossobatan; isaan akkuma waaʼee koo dhagaʼaniin naaf ajajaman.
Wageni walishurutishwa kuniinamia. Mara waliposikia kuhusu mimi, walinitii.
46 Isaan hundi abdii kutatan; hollachaas daʼannoo isaanii jabaa keessaa baʼan.
Wageni walikuja wakitetemeka kutoka katika ngome zao.
47 “Waaqayyo jiraataa dha! Kattaan koo haa eebbifamu! Waaqni koo, Kattaan, Fayyisaan koo ol ol haa jedhu!
Yahwe anaishi! Mwamba wangu atukuzwe. Mungu na ainuliwe, mwamba wa wokovu wangu.
48 Inni Waaqa haaloo naa baasu, kan sabootas na jala galchu,
Huyu ndiye Mungu anilipiaye kisasi, awawekaye watu chini yangu.
49 kan diinota koo jalaas bilisa na baasuu dha. Ati amajaajota kootii ol na goota; gooltota jalaas na baafte.
Uniweka huru mbali na adui zangu. Hakika, uliniinua juu yao walioinuka kinyume changu. Uliniokoa kutoka kwa watu wenye ghasia.
50 Kanaafuu yaa Waaqayyo, ani saboota gidduutti sin leellisa; faarfannaa galataa illee maqaa keetiif nan faarfadha.
Kwa hiyo nitakushukuru, Yahwe, kati ya mataifa; nitaliimbia sifa jina lako.
51 “Inni moʼannaawwan gurguddaa mootii isaatiif ni kenna; dibamaa isaa Daawitii fi sanyii isaatiif, araara bara baraa ni argisiisa.”
Mungu hutoa ushindi mkuu kwa mfalme wake, na uonesha uaminifu wake wa kiagano kwa mtiwa mafuta wake, kwa Daudi na uzao wake daima.”

< 2 Saamuʼeel 22 >