< 2 Saamuʼeel 22 >

1 Daawit yommuu Waaqayyo harka diinota isaa hundaa fi harka Saaʼol jalaa isa baasetti dubbii Faarfannaa kana Waaqayyoof faarfate.
And David spoke to the Lord the words of this canticle, in the day that the Lord delivered him out of the hand of all his enemies, and out of the hand of Saul,
2 Innis akkana jedhe: “Waaqayyo kattaa koo ti; daʼannoo kootii fi oolchaa koo ti;
And he said: The Lord is my rock, and my strength, and my saviour.
3 Waaqni koo kattaa koo kan ani kooluu itti galuu dha; inni gaachana kootii fi gaanfa fayyina koo ti. Inni daʼannoo koo cimaa, kooluu kootii fi fayyisaa koo ti; ati namoota humnaan namatti kaʼan jalaas na baasta.
God is my strong one, in him will I trust: my shield, and the horn of my salvation: he lifteth me up, and is my refuge: my saviour, thou wilt deliver me from iniquity.
4 “Ani Waaqayyo galanni isaaf malu sana nan waammadha; diinota koo jalaas nan baraarama.
I will call on the Lord who is worthy to be praised: and I shall be saved from my enemies.
5 Dambaliin duʼaa na marseera; lolaan badiisaas na liqimseera.
For the pangs of death have surrounded me: the floods of Belial have made me afraid.
6 Funyoon siiʼool natti marame; kiyyoon duʼaas natti dhufe. (Sheol h7585)
The cords of hell compassed me: the snares of death prevented me. (Sheol h7585)
7 “Ani dhiphina koo keessatti Waaqayyoon nan waammadhe; Waaqa kootti nan iyyadhe. Innis mana qulqullummaa isaatii sagalee koo dhagaʼe; iyyi koos gurra isaa seene.
In my distress I will call upon the Lord, and I will cry to my God: and he will hear my voice out of his temple, and my cry shall come to his ears.
8 Lafti ni hollatte; ni sochootes; hundeewwan samiiwwanii ni raafaman; sababii inni dheekkameefis isaan ni hollatan.
The earth shook and trembled, the foundations of the mountains were moved, and shaken, because he was angry with them.
9 Aarri funyaan isaatii ol baʼe; ibiddi waa barbadeessu afaan isaatii baʼe; cileen bobaʼus afaan isaatii baʼe.
A smoke went up from his nostrils, and a devouring fire out of his mouth: coals were kindled by it.
10 Inni samiiwwan tarsaasee gad buʼe; duumessoonni gurraachis miilla isaa jala turan.
He bowed the heavens, and came down: and darkness was under his feet.
11 Inni kiirubeelin yaabbatee barrise; qoochoo qilleensaatiinis ol baʼe.
And he rode upon the cherubims, and flew: and slid upon the wings of the wind.
12 Inni dukkana, duumessa samii kan bokkaadhaan dukkanaaʼe immoo godoo isaa godhate.
He made darkness a covering round about him: dropping waters out of the clouds of the heavens.
13 Ifa fuula isaa keessaas bakakkaan balaqqisee baʼe.
By the brightness before him, the coals of fire were kindled.
14 Waaqayyo samiidhaa ni qaqawweessaʼe; sagaleen Waaqa Waan Hundaa Oliis ni dhagaʼame.
The Lord shall thunder from heaven: and the most high shall give forth his voice.
15 Inni xiyya isaa darbatee diinota bittinneesse; bakakkaas gad dhiisee isaan fixe.
He shot arrows and scattered them: lightning, and consumed them.
16 Dheekkamsa, Waaqayyootiin humna hafuura funyaan isaatii baʼuutiinis sululawwan galaanaa ifatti baafaman; hundeewwan lafaas qullaa hafan.
And the overflowings of the sea appeared, and the foundations of the world were laid open at the rebuke of the Lord, at the blast of the spirit of his wrath.
17 “Inni ol gubbaadhaa gad hiixatee na qabe; bishaanota gad fagoo keessaas na baase.
He sent from on high, and took me, and drew me out of many waters.
18 Inni diina koo isa jabaa jalaa, amajaajota koo warra akka malee natti ciman jalaas na baase.
He delivered me from my most mighty enemy, and from them that hated me: for they were too strong for me.
19 Isaan guyyaa rakkina kootti natti dhufan; Waaqayyo garuu gargaarsa koo ture.
He prevented me in the day of my affliction, and the Lord became my stay.
20 Inni iddoo balʼaatti na baase; waan natti gammadeefis na oolche.
And he brought me forth into a large place, he delivered me, because I pleased him.
21 “Waaqayyo akkuma qajeelummaa kootiitti naa kenneera; akkuma qulqullina harka koottis na badhaase.
The Lord will reward me according to my justice: and according to the cleanness of my hands he will render to me.
22 Ani karaa Waaqayyoo eegeeraatii; Waaqa koo irraa garagalee hammina hin hojjenne.
Because I have kept the ways of the Lord, and have not wickedly departed from my God.
23 Seerri isaa hundinuu fuula koo dura jira; anis ajaja isaa irraa hin jalʼanne.
For all his judgments are in my sight: and his precepts I have not removed from me.
24 Ani fuula isaa duratti mudaa hin qabu ture; cubbuu irraas of eeggadheera.
And I shall be perfect with him: and shall keep myself from my iniquity.
25 Waaqayyo akkuma qajeelumma kootti, akkuma ani fuula isaa duratti qulqulluu taʼettis na badhaaseera.
And the Lord will recompense me according to my justice: and according to the cleanness of my hands in the sight of his eyes.
26 “Ati nama amanamaatti amanamummaa kee argisiifta; nama mudaa hin qabnettis kan mudaa hin qabne taata;
With the holy one thou wilt be holy: and with the valiant perfect.
27 nama qulqulluutti qulqulluu taata; nama jalʼaatti immoo jalʼaa taata.
With the elect thou wilt be elect: and with the perverse thou wilt be perverted.
28 Ati warra gad of qaban ni oolchita; warra of tuulan immoo gad deebisuuf iji kee isaan ilaala.
And the poor people thou wilt save: and with thy eyes thou wilt humble the haughty.
29 Yaa Waaqayyo, ati ibsaa koo ti; Waaqayyo dukkana koo ifatti ni geeddara.
For thou art my lamp, O Lord: and thou, O Lord, wilt enlighten my darkness.
30 Ani gargaarsa keetiin loltoota dhiibbadhee nan deema; Waaqa kootiinis dallaa utaaluu nan dandaʼa.
For in thee I will run girded: in my God I will leap over the wall.
31 “Waaqa kana, karaan isaa mudaa hin qabu; dubbiin Waaqayyoo hirʼina hin qabu. Warra isatti kooluu galan hundaaf inni gaachana taʼa.
God, his way is immaculate, the word of the Lord is tried by fire: he is the shield of all that trust in him.
32 Waaqayyo malee Waaqni eenyu? Waaqa keenya malees Kattaan eenyu?
Who is God but the Lord: and who is strong but our God?
33 Kan humna na hidhachiisu, kan akka karaan koos nagaa taʼu godhu Waaqa.
God who hath girded me with strength, and made my way perfect.
34 Inni miilla koo akka miilla borofaa godha; iddoo ol dheeraa irras na dhaabachiisa.
Making my feet like the feet of harts, and setting me upon my high places.
35 Inni harka koo waraanaaf leenjisa; irreen koos iddaa naasii dabsuu ni dandaʼa.
He teacheth my bands to war: and maketh my arms like a bow of brass.
36 Ati gargaarsa kee kan nama fayyisu gaachana naaf goota; gargaarsi kees nama guddaa na godhe.
Thou hast given me the shield of my salvation: and thy mildness hath multiplied me.
37 Akka koomeen koo hin mucucaanneef, miilla kootiif daandii balʼifteerta.
Thou shalt enlarge my steps under me: and my ankles shall not fail.
38 “Ani diinota koo ariʼee nan balleesse; hamma isaan barbadaaʼanittis ani duubatti hin deebine.
I will pursue after my enemies, and crush them: and will not return again till I consume them.
39 Ani guutumaan guutuutti isaan nan barbadeesse; isaan deebiʼanii kaʼuu hin dandaʼan; isaanis miilla koo jalatti ni kufan.
I will consume them and break them in pieces, so that they shall not rise: they shall fall under my feet.
40 Ati lolaaf humna na hidhachiifte; amajaajota koos fuula koo duratti gad deebifte.
Thou hast girded me with strength to battle: thou hast made them that resisted me to bow under me.
41 Akka diinonni koo dugda duubatti deebiʼanii baqatan gooteerta; anis amajaajota koo barbadeesseera.
My enemies thou hast made to turn their back to me: them that hated me, and I shall destroy them.
42 Isaan gargaarsaaf iyyan; garuu kan isaan oolchu tokko iyyuu hin turre; gara Waaqayyoottis ni iyyatan; inni garuu deebii hin kennineef.
They shall cry, and there shall be none to save: to the Lord, and he shall not hear them.
43 Anis akkuma awwaara lafaatti isaan nan daake; bulleessees akkuma dhoqqee daandii irraatti isaan dhidhiite.
I shall beat them as small as the dust of the earth: I shall crush them and spread them abroad like the mire of the streets.
44 “Ati lola namootaa jalaa na baafteerta; mataa sabootaa gootee na jiraachifteerta. Sabni ani hin beekne na tajaajila;
Thou wilt save me from the contradictions of my people: thou wilt keep me to be the head of the Gentiles: the people which I know not, shall serve me,
45 namoonni ormaa na sossobatan; isaan akkuma waaʼee koo dhagaʼaniin naaf ajajaman.
The sons of the stranger will resist me, at the hearing of the ear they will obey me.
46 Isaan hundi abdii kutatan; hollachaas daʼannoo isaanii jabaa keessaa baʼan.
The strangers are melted away, and shall be straitened in their distresses.
47 “Waaqayyo jiraataa dha! Kattaan koo haa eebbifamu! Waaqni koo, Kattaan, Fayyisaan koo ol ol haa jedhu!
The Lord liveth, and my God is blessed: and the strong God of my salvation shall be exalted:
48 Inni Waaqa haaloo naa baasu, kan sabootas na jala galchu,
God who giveth me revenge, and bringest down people under me,
49 kan diinota koo jalaas bilisa na baasuu dha. Ati amajaajota kootii ol na goota; gooltota jalaas na baafte.
Who bringest me forth from my enemies, and liftest me up from them that resist me: from the wicked man thou shalt deliver me.
50 Kanaafuu yaa Waaqayyo, ani saboota gidduutti sin leellisa; faarfannaa galataa illee maqaa keetiif nan faarfadha.
Therefore will I give thanks to thee. O Lord, among the Gentiles, and will sing to thy name.
51 “Inni moʼannaawwan gurguddaa mootii isaatiif ni kenna; dibamaa isaa Daawitii fi sanyii isaatiif, araara bara baraa ni argisiisa.”
Giving great salvation to his king, and shewing mercy to David his anointed, and to his seed for ever.

< 2 Saamuʼeel 22 >