< 2 Saamuʼeel 21 >

1 Jabana Daawit keessa beelli waggaa sadii walitti aansee buʼe; kanaafuu Daawit fuula Waaqayyoo barbaade. Waaqayyos, “Sababii Saaʼol Gibeʼoonota ajjeeseef isaa fi mana isaa irra yakka dhiigaatu jira” jedhe.
There was a famine in the days of David for three years, year after year; and David sought the face of the LORD. The LORD said, “It is for Saul, and for his bloody house, because he put the Gibeonites to death.”
2 Mootichis Gibeʼoonota walitti qabee isaan wajjin haasaʼe. Gibeʼoononni hambaa Amoorotaa turan malee ilmaan Israaʼelootaa miti; Israaʼeloonni akka isaan eegan kakuu seenaniif; Saaʼol garuu hinaaffaa Israaʼelii fi Yihuudaaf qabuun Gibeʼoonota balleessuu barbaadee ture.
The king called the Gibeonites and said to them (now the Gibeonites were not of the children of Israel, but of the remnant of the Amorites, and the children of Israel had sworn to them; and Saul sought to kill them in his zeal for the children of Israel and Judah);
3 Daawitis, “Ani maalin isiniif godha? Akka isin dhaala Waaqayyoo eebbiftaniif ani akkamittin araara buusuu dandaʼa?” jedhee Gibeʼoonota gaafate.
and David said to the Gibeonites, “What should I do for you? And with what should I make atonement, that you may bless the LORD’s inheritance?”
4 Gibeʼoononni immoo, “Nu Saaʼol irraa meetii yookaan warqee gaafachuuf mirga hin qabnu; yookaan akka namni tokko iyyuu Israaʼel keessatti duʼu gochuuf nu mirga qabnaa?” jedhanii deebisaniif. Daawitis, “Akka ani maal isiniif godhu barbaaddu?” jedhee gaafate.
The Gibeonites said to him, “It is no matter of silver or gold between us and Saul or his house; neither is it for us to put any man to death in Israel.” He said, “I will do for you whatever you say.”
5 Isaanis akkana jedhanii mootichaaf deebii kennan; “Nama akka nu diigamnuu fi akka nu Israaʼel keessattis iddoo tokko illee hin arganne nu godhe sana,
They said to the king, “The man who consumed us and who plotted against us, that we should be destroyed from remaining in any of the borders of Israel,
6 sanyii isaa keessaa dhiirri torba nuuf haa kennaman; nus dhaqnee biyya Saaʼol namicha Waaqayyo filate sanaa, Gibeʼaatti fuula Waaqayyoo duratti isaan fannifnaa.” Kanaafuu mootichi, “Tole isiniifin kenna” jedhe.
let seven men of his sons be delivered to us, and we will hang them up to the LORD in Gibeah of Saul, the chosen of the LORD.” The king said, “I will give them.”
7 Mootichi garuu sababii kakuu Waaqayyoo kan Daawitii fi Yoonaataan ilma Saaʼol gidduutti godhame sanaatiif jedhee Mefiibooshet ilma Yoonaataan ilma Saaʼol duʼa jalaa baase.
But the king spared Mephibosheth the son of Jonathan the son of Saul, because of the LORD’s oath that was between them, between David and Jonathan the son of Saul.
8 Mootichis Armoonii fi Mefiibooshet ilmaan Riixiphaan intalli Ayyaa Saaʼoliif deesse lamaanii fi ilmaan Meerob intalli Saaʼol Adriiʼeel ilma Barzilaay namicha gosa Mehoolaatiif deesse shanan geesse.
But the king took the two sons of Rizpah the daughter of Aiah, whom she bore to Saul, Armoni and Mephibosheth; and the five sons of Merab the daughter of Saul, whom she bore to Adriel the son of Barzillai the Meholathite.
9 Innis dabarsee Gibeʼoonotatti isaan kenne. Jarris isaan ajjeesanii gaara gubbaatti fuula Waaqayyoo duratti isaan fannisan. Torbaan isaanii iyyuu walumaan dhuman; isaanis akkuma garbuun haamamuu jalqabeen yeroo midhaan haamamutti guyyoota jalqabaatti ajjeefaman.
He delivered them into the hands of the Gibeonites; and they hanged them on the mountain before the LORD, and all seven of them fell together. They were put to death in the days of harvest, in the first days, at the beginning of barley harvest.
10 Riixiphaan intalli Ayyaa sun wayyaa gaddaa fudhattee kattaa irra afatte. Isheenis yeroo midhaan itti haamamuu jalqabdee hamma bokkaan reeffa jara ajjeefamanii sanatti samiidhaa roobutti akka guyyaa guyyaa allaattiin samii halkan immoo bineensonni bosonaa reeffa sana tuqan hin eeyyamne.
Rizpah the daughter of Aiah took sackcloth and spread it for herself on the rock, from the beginning of harvest until water poured on them from the sky. She allowed neither the birds of the sky to rest on them by day, nor the animals of the field by night.
11 Wanni Riixiphaan intalli Ayyaa saajjatoon Saaʼol sun hojjette Daawititti himame;
David was told what Rizpah the daughter of Aiah, the concubine of Saul, had done.
12 innis dhaqee lafee Saaʼolii fi lafee ilma isaa Yoonaataan namoota Yaabeesh Giliʼaad biraa fide. Isaan oobdii Beet Shaan iddoo Filisxeemonni gaafa Gilboʼaatti Saaʼolin ajjeesan itti jara fannisan sanaa isaan hatanii turaniitii.
So David went and took the bones of Saul and the bones of Jonathan his son from the men of Jabesh Gilead, who had stolen them from the street of Beth Shan, where the Philistines had hanged them in the day that the Philistines killed Saul in Gilboa;
13 Daawitis lafee Saaʼolii fi lafee Yoonaataan ilma Saaʼol achii fide; lafeen warra ajjeefamanii fannifamaniis walitti qabame.
and he brought up from there the bones of Saul and the bones of Jonathan his son. They also gathered the bones of those who were hanged.
14 Isaanis lafee Saaʼolii fi lafee ilma isaa Yoonaataan biyya Beniyaam keessatti, iddoo Zeelaa jedhamutti awwaala Qiish abbaa Saaʼol keessatti awwaalanii waan mootichi ajaje hunda godhan. Sana booddee Waaqni kadhannaa waaʼee biyyattiif dhiʼaate ni dhagaʼe.
They buried the bones of Saul and Jonathan his son in the country of Benjamin in Zela, in the tomb of Kish his father; and they performed all that the king commanded. After that, God answered prayer for the land.
15 Ammas Filisxeemotaa fi Israaʼel gidduutti waraanni ni kaʼe. Daawitis namoota isaa wajjin Filisxeemota waraanuuf duule; innis akka malee dadhabe.
The Philistines had war again with Israel; and David went down, and his servants with him, and fought against the Philistines. David grew faint;
16 Namichi gosa Raafaa kan Yishbii-Benoob jedhamu tokko eeboo naasii kan kiiloo giraamii sadii fi walakkaa ulfaatuu fi goraadee haaraa hidhatee ture; innis Daawitin ajjeesuu barbaade.
and Ishbibenob, who was of the sons of the giant, the weight of whose spear was three hundred shekels of bronze in weight, he being armed with a new sword, thought he would kill David.
17 Abiishaayi ilmi Zeruuyaa garuu Daawitin baraaruu dhufe; namicha Filisxeem sanas dhaʼee ajjeese. Namoonni Daawitis, “Akka ibsaan Israaʼel hin dhaamneef ati siʼachi nu wajjin waraana hin dhaqxu” jedhanii kakataniif.
But Abishai the son of Zeruiah helped him, and struck the Philistine and killed him. Then the men of David swore to him, saying, “Do not go out with us to battle any more, so that you do not quench the lamp of Israel.”
18 Ergasii immoo lafa Goob jedhamutti Filisxeemota wajjin waraanni biraa kaʼe. Yeroo sanattis Siibekaay namichi biyya Hushaa namicha Saaf jedhamu tokko sanyii Raafaa keessaa ajjeese.
After this, there was again war with the Philistines at Gob. Then Sibbecai the Hushathite killed Saph, who was of the sons of the giant.
19 Waraana biraa kan Filisxeemota wajjin Goobitti godhame keessatti immoo Elhaanaan ilmi Yaʼiree Oregiim namichi biyya Beetlihem Gooliyaad namicha Gitii kan somaan eeboo isaa loosaa wayya dhooftuu gaʼu sana ni ajjeese.
There was again war with the Philistines at Gob, and Elhanan the son of Jaare-Oregim the Bethlehemite killed Goliath the Gittite’s brother, the staff of whose spear was like a weaver’s beam.
20 Ammas waraana Gaatitti godhame kan biraa keessatti namicha hamma wayii gaʼu kan tokkoo tokkoo harka isaa irraa quboota jaʼa jaʼa akkasumas tokkoo tokkoo miilla isaa irraa quboota jaʼa jaʼa walumatti quboota digdamii afur qabu tokkotu ture; innis sanyii Raafaa keessaa dhalate.
There was again war at Gath, where there was a man of great stature, who had six fingers on every hand and six toes on every foot, twenty-four in number, and he also was born to the giant.
21 Yommuu inni Israaʼelin tuttuqettis, Yoonaataan ilmi Shimeʼii obboleessi Daawit isa ajjeese.
When he defied Israel, Jonathan the son of Shimei, David’s brother, killed him.
22 Jarri afran kunneen sanyiiwwan Raafaa warra Gaati keessa turanii dha. Isaanis harka Daawitii fi harka namoota isaatiin dhuman.
These four were born to the giant in Gath; and they fell by the hand of David and by the hand of his servants.

< 2 Saamuʼeel 21 >