< 2 Saamuʼeel 21 >
1 Jabana Daawit keessa beelli waggaa sadii walitti aansee buʼe; kanaafuu Daawit fuula Waaqayyoo barbaade. Waaqayyos, “Sababii Saaʼol Gibeʼoonota ajjeeseef isaa fi mana isaa irra yakka dhiigaatu jira” jedhe.
Pa nthawi ya ulamuliro wa Davide kunali njala kwa zaka zitatu zotsatana. Kotero Davide anapemphera kwa Yehova. Yehova anati, “Izi zachitika chifukwa chakuti Sauli ndi banja lake akanali ndi mlandu wakupha Agibiyoni.”
2 Mootichis Gibeʼoonota walitti qabee isaan wajjin haasaʼe. Gibeʼoononni hambaa Amoorotaa turan malee ilmaan Israaʼelootaa miti; Israaʼeloonni akka isaan eegan kakuu seenaniif; Saaʼol garuu hinaaffaa Israaʼelii fi Yihuudaaf qabuun Gibeʼoonota balleessuu barbaadee ture.
Mfumu inayitanitsa Agibiyoni ndipo inayankhula nawo. (Tsono Agibiyoni sanali Aisraeli, koma otsala mwa Aamori. Aisraeli analumbira kuwasiya ndi moyo, koma Sauli chifukwa cha chikondi cha pa Israeli ndi Yuda, anafuna kuwawonongeratu).
3 Daawitis, “Ani maalin isiniif godha? Akka isin dhaala Waaqayyoo eebbiftaniif ani akkamittin araara buusuu dandaʼa?” jedhee Gibeʼoonota gaafate.
Davide anafunsa Agibiyoni kuti, “Kodi ine ndikuchitireni chiyani? Ndipepese bwanji kuti inu mudalitse cholowa cha Yehova?”
4 Gibeʼoononni immoo, “Nu Saaʼol irraa meetii yookaan warqee gaafachuuf mirga hin qabnu; yookaan akka namni tokko iyyuu Israaʼel keessatti duʼu gochuuf nu mirga qabnaa?” jedhanii deebisaniif. Daawitis, “Akka ani maal isiniif godhu barbaaddu?” jedhee gaafate.
Agibiyoni anamuyankha kuti, “Ife tilibe ufulu woti nʼkulamula Sauli ndi banja lake kuti atipatse siliva kapena golide, tilibenso ufulu woti nʼkupha wina aliyense mu Israeli.” Davide anafunsa, “Mukufuna ine ndikuchitireni chiyani?”
5 Isaanis akkana jedhanii mootichaaf deebii kennan; “Nama akka nu diigamnuu fi akka nu Israaʼel keessattis iddoo tokko illee hin arganne nu godhe sana,
Iwo anayankha mfumu kuti, “Tsono za munthu amene anatiwononga ndi kukonza chiwembu choti titheretu ndi kukhala wopanda malo mu Israeli,
6 sanyii isaa keessaa dhiirri torba nuuf haa kennaman; nus dhaqnee biyya Saaʼol namicha Waaqayyo filate sanaa, Gibeʼaatti fuula Waaqayyoo duratti isaan fannifnaa.” Kanaafuu mootichi, “Tole isiniifin kenna” jedhe.
mutipatse adzukulu ake aamuna asanu ndi awiri kuti tiwaphe ndi kuwapereka pamaso pa Yehova ku Gibeya wa Sauli, wosankhidwa wa Yehova.” Choncho mfumu inati, “Ine ndidzakupatsani.”
7 Mootichi garuu sababii kakuu Waaqayyoo kan Daawitii fi Yoonaataan ilma Saaʼol gidduutti godhame sanaatiif jedhee Mefiibooshet ilma Yoonaataan ilma Saaʼol duʼa jalaa baase.
Koma mfumu inasunga Mefiboseti mwana wa Yonatani, mwana wa Sauli, chifukwa cha kulumbira kumene mfumu Davide ndi Yonatani mwana wa Sauli anachita pamaso pa Yehova.
8 Mootichis Armoonii fi Mefiibooshet ilmaan Riixiphaan intalli Ayyaa Saaʼoliif deesse lamaanii fi ilmaan Meerob intalli Saaʼol Adriiʼeel ilma Barzilaay namicha gosa Mehoolaatiif deesse shanan geesse.
Ndipo mfumu inatenga Arimoni ndi Mefiboseti, ana aamuna awiri a Rizipa, mwana wamkazi wa Ayiwa, amene anaberekera Sauli pamodzi ndi ana asanu a Merabi mwana wamkazi wa Sauli, amene anabereka Adirieli mwana wa Barizilai Mmeholati.
9 Innis dabarsee Gibeʼoonotatti isaan kenne. Jarris isaan ajjeesanii gaara gubbaatti fuula Waaqayyoo duratti isaan fannisan. Torbaan isaanii iyyuu walumaan dhuman; isaanis akkuma garbuun haamamuu jalqabeen yeroo midhaan haamamutti guyyoota jalqabaatti ajjeefaman.
Iye anawapereka kwa anthu a ku Gibiyoni, amene anawapha nawayika pa phiri la Yehova. Onse asanu ndi awiri anafera limodzi. Iwo anaphedwa masiku oyamba kukolola barele.
10 Riixiphaan intalli Ayyaa sun wayyaa gaddaa fudhattee kattaa irra afatte. Isheenis yeroo midhaan itti haamamuu jalqabdee hamma bokkaan reeffa jara ajjeefamanii sanatti samiidhaa roobutti akka guyyaa guyyaa allaattiin samii halkan immoo bineensonni bosonaa reeffa sana tuqan hin eeyyamne.
Rizipa mwana wamkazi wa Ayiwa anatenga chiguduli ndi kudziyalira pa mwala (pamene panali mitemboyo). Kuyambira nthawi yoyamba kukolola mpaka pamene mvula inayambanso kugwa, iye sanalole kuti mbalame zikhudze mitemboyo masana kapena nyama zakuthengo usiku.
11 Wanni Riixiphaan intalli Ayyaa saajjatoon Saaʼol sun hojjette Daawititti himame;
Davide atawuzidwa zimene Rizipa mwana wamkazi wa Ayiwa, mzikazi wa Sauli anachita,
12 innis dhaqee lafee Saaʼolii fi lafee ilma isaa Yoonaataan namoota Yaabeesh Giliʼaad biraa fide. Isaan oobdii Beet Shaan iddoo Filisxeemonni gaafa Gilboʼaatti Saaʼolin ajjeesan itti jara fannisan sanaa isaan hatanii turaniitii.
anapita kukatenga mafupa a Sauli ndi mwana wake Yonatani kwa anthu a ku Yabesi Giliyadi (iwo anawatenga mwamseri kuchoka pabwalo la ku Beti-Sani, kumene Afilisti anawapachika atapha Sauli ku Gilibowa).
13 Daawitis lafee Saaʼolii fi lafee Yoonaataan ilma Saaʼol achii fide; lafeen warra ajjeefamanii fannifamaniis walitti qabame.
Davide anakatenga mafupa a Sauli ndi mwana wake Yonatani kumeneko ndiponso mafupa otayidwa a amene anaphedwa nawasonkhanitsa pamodzi.
14 Isaanis lafee Saaʼolii fi lafee ilma isaa Yoonaataan biyya Beniyaam keessatti, iddoo Zeelaa jedhamutti awwaala Qiish abbaa Saaʼol keessatti awwaalanii waan mootichi ajaje hunda godhan. Sana booddee Waaqni kadhannaa waaʼee biyyattiif dhiʼaate ni dhagaʼe.
Iwo anayika mafupa a Sauli ndi mwana wake Yonatani mʼmanda a Kisi abambo ake a Sauli ku Zera mʼdziko la Benjamini, ndipo anachita zonse zimene mfumu inalamula. Atachita zimenezi, Mulungu anayankha pemphero lopempherera dzikolo.
15 Ammas Filisxeemotaa fi Israaʼel gidduutti waraanni ni kaʼe. Daawitis namoota isaa wajjin Filisxeemota waraanuuf duule; innis akka malee dadhabe.
Nthawi inanso panali nkhondo pakati pa Afilisti ndi Aisraeli, Davide anapita ndi ankhondo ake kukamenyana ndi Afilisti ndipo iye anatopa kwambiri.
16 Namichi gosa Raafaa kan Yishbii-Benoob jedhamu tokko eeboo naasii kan kiiloo giraamii sadii fi walakkaa ulfaatuu fi goraadee haaraa hidhatee ture; innis Daawitin ajjeesuu barbaade.
Ndipo Isibi-Benobi, mmodzi mwa zidzukulu za Rafa, amene mkondo wake unkalemera makilogalamu atatu ndi theka ndipo analinso ndi lupanga latsopano, anati adzapha Davide.
17 Abiishaayi ilmi Zeruuyaa garuu Daawitin baraaruu dhufe; namicha Filisxeem sanas dhaʼee ajjeese. Namoonni Daawitis, “Akka ibsaan Israaʼel hin dhaamneef ati siʼachi nu wajjin waraana hin dhaqxu” jedhanii kakataniif.
Koma Abisai mwana wa Zeruya anabwera kudzapulumutsa Davide. Iye anamukantha Mfilisitiyo ndi kumupha. Pamenepo asilikali a Davide analumbira kwa iye kuti, “Inu simudzapita nafenso ku nkhondo, kuti nyale ya Israeli isadzazimitsidwe.”
18 Ergasii immoo lafa Goob jedhamutti Filisxeemota wajjin waraanni biraa kaʼe. Yeroo sanattis Siibekaay namichi biyya Hushaa namicha Saaf jedhamu tokko sanyii Raafaa keessaa ajjeese.
Patapita nthawi, panali nkhondo ina ndi Afilisti ku Gobu. Pa nthawi imeneyo Sibekai Mhusati anapha Safu, mmodzi mwa zidzukulu za Arefai.
19 Waraana biraa kan Filisxeemota wajjin Goobitti godhame keessatti immoo Elhaanaan ilmi Yaʼiree Oregiim namichi biyya Beetlihem Gooliyaad namicha Gitii kan somaan eeboo isaa loosaa wayya dhooftuu gaʼu sana ni ajjeese.
Pa nkhondo inanso ndi Afilisti ku Gobu, Elihanani mwana wa Yaare-Oregimu wa ku Betelehemu anapha Goliati Mgiti, amene anali ndi mkondo ngati ndodo yowombera nsalu.
20 Ammas waraana Gaatitti godhame kan biraa keessatti namicha hamma wayii gaʼu kan tokkoo tokkoo harka isaa irraa quboota jaʼa jaʼa akkasumas tokkoo tokkoo miilla isaa irraa quboota jaʼa jaʼa walumatti quboota digdamii afur qabu tokkotu ture; innis sanyii Raafaa keessaa dhalate.
Pa nkhondo inanso imene inachitika ku Gati panali munthu wina wamtali kwambiri wa zala zisanu ndi chimodzi mʼmanja ndi mʼmapazi ndipo zonse pamodzi zinalipo 24. Iyenso anali chidzukulu cha Rafa.
21 Yommuu inni Israaʼelin tuttuqettis, Yoonaataan ilmi Shimeʼii obboleessi Daawit isa ajjeese.
Pamene iye ankanyoza Aisraeli, Yonatani mwana wa Simea, mʼbale wake wa Davide anamupha.
22 Jarri afran kunneen sanyiiwwan Raafaa warra Gaati keessa turanii dha. Isaanis harka Daawitii fi harka namoota isaatiin dhuman.
Anthu anayi amenewa anali zidzukulu za Rafa ku Gati, ndipo onse anaphedwa ndi Davide ndi ankhondo ake.