< 2 Saamuʼeel 20 >

1 Yeroo kanatti namichi dabaan Shebaa jedhamu, ilmi Biikrii namicha gosa Beniyaam tokko achi ture. Innis malakata afuufee sagalee guddaan akkana jedhee iyye; “Nu Daawit irraa qooda hin qabnu; ilma Isseey irraa dhaala tokko illee hin qabnu! Yaa Israaʼel, tokkoon tokkoon namaa gara dunkaana isaatti!”
Ikatukia pia kuwa katika eneo lilelile kulikuwa mfanya fujo jina lake Sheba mwana wa Bikri Mbenjamini. Akapiga tarumbeta na kusema, “Sisi hatuna sehemu katika Daudi, wala hatuna urithi katika mwana wa Yese. Haya kila mtu na aende nyumbani kwake, Israeli.”
2 Kanaafuu namoonni Israaʼel hundinuu Shebaa ilma Biikrii sana duukaa buʼuuf jedhanii Daawit irraa garagalan. Namoonni Yihuudaa garuu Yordaanosii hamma Yerusaalemitti mootii isaanii wajjin deeman.
Hivyo watu wote wa Israeli wakamwacha Daudi na kumfuata Sheba mwana wa Bikri. Lakini watu wa Yuda wakamfuata mfalme wao kwa karibu sana, kutoka Yordani njia yote hadi Yerusalemu.
3 Daawitis yommuu masaraa isaa kan Yerusaalem keessaatti deebiʼetti, saajjatoowwan isaa kurnan akka isaan masaraa eeganiif dhiisee biraa deeme sana fuudhee mana tokkotti galchee akka isaan eegaman godhe. Inni waan isaan nyaatan kenneef malee isaan wajjin hin ciifne. Isaanis hamma gaafa duʼaniitti akka niitota dhirsoonni irraa duʼaniitti kophaa jiraatan.
Daudi alipofika katika kasri lake huko Yerusalemu, akawachukua masuria aliokuwa amewaacha kulitunza kasri, na akawaweka katika nyumba chini ya uangalizi. Aliwaandalia mahitaji yao lakini hakulala nao tena. Hivyo walikuwa wametengwa hadi siku ya kufa kwao, waliishi kama wajane.
4 Ergasiis mootichi Amaasaadhaan, “Namoota Yihuudaa guyyaa sadii keessatti walitti naa qabi; atis asitti argami” jedhe.
Kisha mfalme akamwambia Amasa, “Uwaite watu wa Yuda ndani ya siku hizi tatu; wewe pia uwepo hapa.”
5 Amaasaan garuu yommuu namoota Yihuudaa waamuu deemetti yeroo mootichi isaaf kenne caalaa ture.
Hivyo Amasa akaenda kuwaalika watu wote wa Yuda kwa pamoja, lakini akatumia muda mrefu kulika mfalme alivyokuwa amemwamuru.
6 Daawitis Abiishaayidhaan, “Shebaan ilmi Biikrii miidhaa Abesaaloom nu miidhe sana caalaa nu miidha. Ati namoota gooftaa keetii fudhadhuutii isa ariʼi; yoo kanaa achii inni magaalaa daʼannoo qabu argatee nu jalaa miliqa” jedhe.
Hivyo Daudi akamwambia Abishai, “Sasa Sheba mwana wa Bikri atatufanyia madhara zaidi ya Absalomu. Chukua watumishi wa bwana wako, askari wangu, na umfuatie asije akaingia katika mji wenye ngome na kututoroka.”
7 Kanaafuu namoonni Yooʼaabii fi Kereetonni, Pheletonnii fi namoonni waraanaa jajjaboon hundi ajaja Abiishaayi jalatti hiriiranii qajeelan. Isaanis Yerusaalemii kaʼanii Shebaa ilma Biikrii sana ariʼuuf qajeelan.
Ndipo watu wa Yoabu wakamfuatia, pamoja na Wakerethi na Wapelethi na mashujaa wote. Wakatoka Yerusalemu ili kumfuatia Sheba mwana wa Bikri.
8 Utuma isaan Gibeʼoon keessa kattaa guddaa bira jiranuu Amaasaan isaan simachuuf dhufe. Yooʼaab uffata isaa kan waraanaa uffate; qalqalli goraadeen isaa keessa jirus sabbataan mudhii isaatti hidhamee ture. Akkuma inni gara fuula duraatti tarkaanfateenis goraadichi qalqala isaa keessaa lafa buʼe.
Walipokuwa katika jiwe kubwa lililoko Gibeoni, Amasa akaja kuwalaki. Yoabu alikuwa amevaa silaha ya vita aliyokuwa ameivaa, alikuwa pia na upanga uliokuwa umefungwa na mkanda katika kiuno chake. Kadili alivyoendelea mbele upanga ukadondoka.
9 Yooʼaabis Amaasaan, “Yaa obboleessoo, akkam jirta?” jedhe. Kana irratti Yooʼaab isa dhungachuuf harka isaa mirgaatiin hareeda Amesaay qabate.
Hivyo Yoabu akamwambia Amasa, “Haujambo binamu yangu?” Kwa utaratibu Yoabu akakishika kidevu cha Amasa kwa mkono wake wa kulia ili ambusu.
10 Amesaay akka Yooʼaab goraadee harkaa qabu hin hubanne ture; kanaafuu Yooʼaab goraadee sana garaa isaatti dire; marʼumaan isaas lafatti jige. Amaasaanis utuu lammata hin waraanamin duʼe. Ergasii immoo Yooʼaabii fi obboleessi isaa Abiishaayi Shebaa ilma Biikrii sana ariʼan.
Amasa hakutambua kwamba kulikuwa na jambia katika mkono wa kushoto wa Yoabu. Yoabu akamchoma Amasa tumboni na matumbo yake yakadondoka chini. Wala Yoabu hakumpiga tena, na Amasa akafa. Hivyo Yoabu na Abishai nduguye wakamfuatia Sheba mwana wa Bikri.
11 Namoota Yooʼaab keessaa inni tokko Amesaay bira dhaabatee, “Namni Yooʼaabin jaallatu, kan garee Daawit taʼe hundi Yooʼaabin duukaa haa buʼu!” jedhe.
Kisha mmoja wa watu wa Yoabu akasimama kando ya Amasa naye akasema, “Aliye upande wa Yoabu na aliyeupande wa Daudi na amfuate Yoabu.”
12 Yeroo kanatti reeffi Amaasaa dhiigaan faalamee karaa irra ciisa ture; namichi tokkos akka loltoonni hundi achi dhadhaabatan arge. Innis yommuu akka warri gara Amesaay dhufan hundi dhadhaabatan argetti karaa irraa gara lafa qotiisaatti isa harkisee wayyaa irra buuse.
Amasa akawa anagalagala katika damu yake katikati ya njia. Mtu yule alipoona kwamba watu wote wamesimama, akambeba Amasa na kumweka shambani kando ya njia. Akatupa vazi juu yake kwa maana aliona kila mmoja aliyekuja alisimamaa pale.
13 Erga reeffi Amesaay karaa irraa kaafamee booddee namoonni hundinuu Shebaa ilma Biikrii sana ariʼuuf Yooʼaab faana qajeelan.
Baada ya Amasa kuondolewa njiani watu wote wakamfuata Yoabu katika kumfuatia Sheba mwana wa Bikri.
14 Saabeʼeenis gosoota Israaʼel hunda keessa darbee gara Abeel Beet Maʼaakaatii fi gara biyya Beeriit hundaa dhaqe; namoonni Beeriitis walitti qabamanii isa duukaa buʼan.
Sheba akazipita kabila zote za Israeli mpaka Abeli wa Beth Maaka, na katika nchi yote ya Berite ambao pia walijikusanya pamoja pia na kumfuatia Sheba.
15 Loltoonni Yooʼaab wajjin turan hundinuus dhufanii Abeel Beet Maʼaakaatti Saabeʼee marsan. Isaanis hamma karra magaalaa sanaatti naannessanii biyyoo tuulan; yommuu dallaa magaalaa sanaa jigsuuf tumaa turanittis,
Walimpata na kumzingira huko Abeli wa Bethi Maaka. Wakajenga buruji ya kuhusuru mji nyuma ya ukuta. Jeshi lote lilokuwa pamoja na Yoabu likaugongagonga ukuta ili uanguke.
16 dubartiin ogeettiin tokko magaalattiidhaa isaan waamtee, “Dhagaʼaa! Dhagaʼaa! Akka ani waa isatti himuu dandaʼuuf Yooʼaab as haa dhufu itti himaa” jette.
Ndipo mwanamke mwerevu akapiga kelele kutoka ndani ya mji, “Sikiliza, Yoabu, tafadhari sikiliza! Sogea karibu nami ili niongee nawe.”
17 Inni gara ishee dhaqe; isheenis, “Ati Yooʼaabii?” jettee gaafatte. Innis, “Ani isuma” jedhee deebise. Isheen immoo, “Waan tajaajiltuun kee dubbattu dhagaʼi” jette. Innis, “Ani dhagaʼaan jira.”
Hivyo Yoabu akakaribia, mwanamke akamwambia, “Je wewe ni Yoabu? Akajibu, “ni mimi.” mwanamke akamwambia, “Sikiliza maneno ya mtumishi wako.” Akajibu, “Nasikiliza.”
18 Isheenis itti fuftee akkana jette; “Bara durii namoonni, ‘Gara Abeel dhaqaa gorsa gaafadhaa’ jedhu ture; akkasiinis dubbiin ni dhuma ture.
Ndipo aliposema,”Hapo zamani ilisemwa, 'Bila shaka tafuteni ushauri huko Abeli,' na kwamba ushauri huo utakata maneno.
19 Ani warra Israaʼel keessa nagaa fi amanamummaan jiraatan keessaa tokkoo dha. Ati magaalaa Israaʼel keessatti haadha taate tokko balleessuuf yaadaa jirta. Ati maaliif dhaala Waaqayyoo liqimsuu barbaadda?”
Sisi ni mji ulio miongoni mwa miji yenye nguvu na aminifu sana katika Israeli. Mnataka kuharibu mji ambao ni mama katika Israeli. Kwa nini unataka kuumeza urithi wa Yahwe?”
20 Yooʼaab immoo akkana jedhee deebise; “Wanni kun narraa haa fagaatu! Magaalattii balleessuun yookaan liqimsuun narraa haa fagaatu!
Ndipo Yoabu alipojibu na kusema, “Iwe mbali, iwe mbali nami, hata nikameze au kuharibu.
21 Wanni kun akkana miti. Namichi Shebaa jedhamu ilmi Biikrii kan biyya gaaraa Efreem sun mootiitti, Daawititti harka isaa ol fudhateera. Namicha tokkicha kana dabarsaa kennaa; anis magaalaa kana gad dhiisee nan baʼa.” Dubartiin sunis Yooʼaabiin, “Mataan namicha sanaa dallaa irraan gad siif darbatama” jette.
Hiyo si kweli. Lakini mtu kutoka katika nchi ya milima ya Efraimu, aitwaye Sheba mwana wa Bikri, ameinua mkono wake kinyume cha mfalme, kinyume cha Daudi. Mtoeni yeye nami nitauacha mji.” Mwanamke akamwambia Yoabu, “Utarushiwa kichwa chake kutoka juu ya ukuta.”
22 Ergasii dubartiin sun gorsa ishee kan ogummaan guutame sanaan namoota hunda bira dhaqxe; isaanis mataa Shebaa ilma Biikrii sanaa kutanii Yooʼaabiif gad darbatan. Kanaafuu inni malakata afuufe; namoonni isaa magaalattii dhiisanii tokkoon tokkoon namaa mana ofii isaatti gale. Yooʼaab immoo gara Yerusaalem mooticha biratti deebiʼe.
Kisha mwanamke akawaendea watu wote wa mji kwa hekima yake. Wakakiondoa kichwa cha Sheba mwana wa Bikri na kumrushia Yoabu. Ndipo alipopiga tarumbeta na watu wa Yoabu wakauacha mji kila mtu nyumbani kwake. Na Yoabu akarejea Yerusalemu kwa mfalme.
23 Yooʼaab loltoota Israaʼel hunda irratti, Benaayaa ilmi Yehooyaadaa immoo Kereetotaa fi Pheletota irratti ajajaa taʼe;
Yoabu alikuwa juu ya jeshi lote la Israeli na Benaya mwana wa Yehoiada alikuwa juu ya Wakerethi na Wapelethi.
24 Adooraam namoota hojii humnaa hojjetan irratti muudame; Yehooshaafaax ilmi Ahiiluud immoo galmeessaa taʼe;
Adoramu alikuwa juu ya watu waliofanya kazi ya shokoa na Yehoshafati mwana wa Ahiludi alikuwa mkumbushaji.
25 Shewwaan barreessaa, Zaadoqii fi Abiyaataar immoo luboota turan;
Sheva alikuwa mwandishi, na Sadoki na Abiathari walikuwa makuhani.
26 akkasumas Iiraas namichi gosa Yaaʼiri sun luba Daawit ture.
Ira wa Yairi alikuwa mhudumu mkuu wa Daudi.

< 2 Saamuʼeel 20 >