< 2 Saamuʼeel 20 >
1 Yeroo kanatti namichi dabaan Shebaa jedhamu, ilmi Biikrii namicha gosa Beniyaam tokko achi ture. Innis malakata afuufee sagalee guddaan akkana jedhee iyye; “Nu Daawit irraa qooda hin qabnu; ilma Isseey irraa dhaala tokko illee hin qabnu! Yaa Israaʼel, tokkoon tokkoon namaa gara dunkaana isaatti!”
And there happened to be there a man of Belial, whose name was Sheba, the son of Bichri, a Benjaminite; and he blew a trumpet, and said, We have no portion in David, neither have we inheritance in the son of Jesse: every man to his tents, Israel.
2 Kanaafuu namoonni Israaʼel hundinuu Shebaa ilma Biikrii sana duukaa buʼuuf jedhanii Daawit irraa garagalan. Namoonni Yihuudaa garuu Yordaanosii hamma Yerusaalemitti mootii isaanii wajjin deeman.
Then all the men of Israel went up from after David, following Sheba the son of Bichri. But the men of Judah clave to their king, from the Jordan even to Jerusalem.
3 Daawitis yommuu masaraa isaa kan Yerusaalem keessaatti deebiʼetti, saajjatoowwan isaa kurnan akka isaan masaraa eeganiif dhiisee biraa deeme sana fuudhee mana tokkotti galchee akka isaan eegaman godhe. Inni waan isaan nyaatan kenneef malee isaan wajjin hin ciifne. Isaanis hamma gaafa duʼaniitti akka niitota dhirsoonni irraa duʼaniitti kophaa jiraatan.
And David came to his house at Jerusalem; and the king took the ten women, concubines, whom he had left to keep the house, and put them in a house of confinement and maintained them, but did not go in to them. So they were shut up unto the day of their death, living in widowhood.
4 Ergasiis mootichi Amaasaadhaan, “Namoota Yihuudaa guyyaa sadii keessatti walitti naa qabi; atis asitti argami” jedhe.
And the king said to Amasa, Call me the men of Judah together within three days, and do thou attend here.
5 Amaasaan garuu yommuu namoota Yihuudaa waamuu deemetti yeroo mootichi isaaf kenne caalaa ture.
So Amasa went to call together [the men of] Judah; but he delayed longer than the set time which he had appointed him.
6 Daawitis Abiishaayidhaan, “Shebaan ilmi Biikrii miidhaa Abesaaloom nu miidhe sana caalaa nu miidha. Ati namoota gooftaa keetii fudhadhuutii isa ariʼi; yoo kanaa achii inni magaalaa daʼannoo qabu argatee nu jalaa miliqa” jedhe.
And David said to Abishai, Now shall Sheba the son of Bichri do us more harm than did Absalom. Take thou thy lord's servants, and pursue after him, lest he get him fortified cities and escape our sight.
7 Kanaafuu namoonni Yooʼaabii fi Kereetonni, Pheletonnii fi namoonni waraanaa jajjaboon hundi ajaja Abiishaayi jalatti hiriiranii qajeelan. Isaanis Yerusaalemii kaʼanii Shebaa ilma Biikrii sana ariʼuuf qajeelan.
And there went out after him Joab's men, and the Cherethites, and the Pelethites, and all the mighty men; and they went out of Jerusalem, to pursue after Sheba the son of Bichri.
8 Utuma isaan Gibeʼoon keessa kattaa guddaa bira jiranuu Amaasaan isaan simachuuf dhufe. Yooʼaab uffata isaa kan waraanaa uffate; qalqalli goraadeen isaa keessa jirus sabbataan mudhii isaatti hidhamee ture. Akkuma inni gara fuula duraatti tarkaanfateenis goraadichi qalqala isaa keessaa lafa buʼe.
When they were at the great stone which is in Gibeon, Amasa came before them. And Joab was girded with his coat, his dress, and upon it was the girdle of the sword which was fastened on his loins in its sheath; and as he went forth it fell out.
9 Yooʼaabis Amaasaan, “Yaa obboleessoo, akkam jirta?” jedhe. Kana irratti Yooʼaab isa dhungachuuf harka isaa mirgaatiin hareeda Amesaay qabate.
And Joab said to Amasa, Art thou well, my brother? And Joab took Amasa by the beard with the right hand to kiss him.
10 Amesaay akka Yooʼaab goraadee harkaa qabu hin hubanne ture; kanaafuu Yooʼaab goraadee sana garaa isaatti dire; marʼumaan isaas lafatti jige. Amaasaanis utuu lammata hin waraanamin duʼe. Ergasii immoo Yooʼaabii fi obboleessi isaa Abiishaayi Shebaa ilma Biikrii sana ariʼan.
And Amasa had taken no notice of the sword that was in Joab's hand: so he smote him with it in the belly and shed out his bowels to the ground, and struck him not again; and he died. And Joab and Abishai his brother pursued after Sheba the son of Bichri.
11 Namoota Yooʼaab keessaa inni tokko Amesaay bira dhaabatee, “Namni Yooʼaabin jaallatu, kan garee Daawit taʼe hundi Yooʼaabin duukaa haa buʼu!” jedhe.
And one of Joab's young men stood by [Amasa] and said, He that favours Joab, and he that is for David, let him follow Joab.
12 Yeroo kanatti reeffi Amaasaa dhiigaan faalamee karaa irra ciisa ture; namichi tokkos akka loltoonni hundi achi dhadhaabatan arge. Innis yommuu akka warri gara Amesaay dhufan hundi dhadhaabatan argetti karaa irraa gara lafa qotiisaatti isa harkisee wayyaa irra buuse.
Now Amasa wallowed in blood in the midst of the highway. And when the man saw that all the people stood still, he removed Amasa out of the highway into the field, and cast a cloth upon him, when he saw that every one that came by stood still.
13 Erga reeffi Amesaay karaa irraa kaafamee booddee namoonni hundinuu Shebaa ilma Biikrii sana ariʼuuf Yooʼaab faana qajeelan.
When he was removed out of the highway, all the people went on after Joab, to pursue after Sheba the son of Bichri,
14 Saabeʼeenis gosoota Israaʼel hunda keessa darbee gara Abeel Beet Maʼaakaatii fi gara biyya Beeriit hundaa dhaqe; namoonni Beeriitis walitti qabamanii isa duukaa buʼan.
who went through all the tribes of Israel to Abel, and to Beth-Maacah, and all the Berim; and they gathered together, and went also after him.
15 Loltoonni Yooʼaab wajjin turan hundinuus dhufanii Abeel Beet Maʼaakaatti Saabeʼee marsan. Isaanis hamma karra magaalaa sanaatti naannessanii biyyoo tuulan; yommuu dallaa magaalaa sanaa jigsuuf tumaa turanittis,
And they came and besieged him in Abel-Beth-Maacah, and they cast up a bank against the city, and it was raised in the trench; and all the people that were with Joab sapped the wall, to throw it down.
16 dubartiin ogeettiin tokko magaalattiidhaa isaan waamtee, “Dhagaʼaa! Dhagaʼaa! Akka ani waa isatti himuu dandaʼuuf Yooʼaab as haa dhufu itti himaa” jette.
And a wise woman cried out of the city, Hear, hear: say, I pray you, unto Joab, Come near hither, that I may speak with thee.
17 Inni gara ishee dhaqe; isheenis, “Ati Yooʼaabii?” jettee gaafatte. Innis, “Ani isuma” jedhee deebise. Isheen immoo, “Waan tajaajiltuun kee dubbattu dhagaʼi” jette. Innis, “Ani dhagaʼaan jira.”
And he came near to her; and the woman said, Art thou Joab? And he said, I [am he]. And she said to him, Listen to the words of thy handmaid. And he said, I am listening.
18 Isheenis itti fuftee akkana jette; “Bara durii namoonni, ‘Gara Abeel dhaqaa gorsa gaafadhaa’ jedhu ture; akkasiinis dubbiin ni dhuma ture.
And she spoke saying, They were wont to speak in old time saying, Just inquire in Abel; and so they ended.
19 Ani warra Israaʼel keessa nagaa fi amanamummaan jiraatan keessaa tokkoo dha. Ati magaalaa Israaʼel keessatti haadha taate tokko balleessuuf yaadaa jirta. Ati maaliif dhaala Waaqayyoo liqimsuu barbaadda?”
I am peaceable [and] faithful in Israel: thou seekest to destroy a city and a mother in Israel. Why wilt thou swallow up the inheritance of Jehovah?
20 Yooʼaab immoo akkana jedhee deebise; “Wanni kun narraa haa fagaatu! Magaalattii balleessuun yookaan liqimsuun narraa haa fagaatu!
And Joab answered and said, Far be it, far be it from me, that I should swallow up or destroy.
21 Wanni kun akkana miti. Namichi Shebaa jedhamu ilmi Biikrii kan biyya gaaraa Efreem sun mootiitti, Daawititti harka isaa ol fudhateera. Namicha tokkicha kana dabarsaa kennaa; anis magaalaa kana gad dhiisee nan baʼa.” Dubartiin sunis Yooʼaabiin, “Mataan namicha sanaa dallaa irraan gad siif darbatama” jette.
The matter is not so; but a man of mount Ephraim, Sheba the son of Bichri by name, has lifted up his hand against the king, against David: give up him only, and I will depart from the city. And the woman said to Joab, Behold, his head shall be thrown to thee over the wall.
22 Ergasii dubartiin sun gorsa ishee kan ogummaan guutame sanaan namoota hunda bira dhaqxe; isaanis mataa Shebaa ilma Biikrii sanaa kutanii Yooʼaabiif gad darbatan. Kanaafuu inni malakata afuufe; namoonni isaa magaalattii dhiisanii tokkoon tokkoon namaa mana ofii isaatti gale. Yooʼaab immoo gara Yerusaalem mooticha biratti deebiʼe.
Then the woman went to all the people in her wisdom. And they cut off the head of Sheba the son of Bichri, and cast it to Joab. And he blew a trumpet, and they dispersed from the city, every man to his tent. And Joab returned to Jerusalem to the king.
23 Yooʼaab loltoota Israaʼel hunda irratti, Benaayaa ilmi Yehooyaadaa immoo Kereetotaa fi Pheletota irratti ajajaa taʼe;
And Joab was over all the host of Israel; and Benaiah the son of Jehoiada was over the Cherethites and over the Pelethites;
24 Adooraam namoota hojii humnaa hojjetan irratti muudame; Yehooshaafaax ilmi Ahiiluud immoo galmeessaa taʼe;
and Adoram was over the levy; and Jehoshaphat the son of Ahilud was recorder;
25 Shewwaan barreessaa, Zaadoqii fi Abiyaataar immoo luboota turan;
and Sheva was scribe; and Zadok and Abiathar were priests;
26 akkasumas Iiraas namichi gosa Yaaʼiri sun luba Daawit ture.
and Ira also, the Jairite, was David's chief ruler.