< 2 Saamuʼeel 19 >
1 Yooʼaabittis, “Daawit mootichi Abesaaloomiif booʼuu fi gadduutti jira” jedhamee himame.
Then it was reported to Joab, “The king is weeping and mourning over Absalom.”
2 Sababii guutummaan loltootaa oduu, “Mootichi ilma isaatiif gaddaa jira” jedhu dhagaʼeef moʼichi gaafa sanaa gaddatti geeddarame.
And that day’s victory was turned into mourning for all the people, because on that day they were told, “The king is grieving over his son.”
3 Gaafa sana sabni hundis akkuma loltoota moʼatamanii qaanaʼuudhaan baqatanii magaalaa seenaniitti qaanaʼee magaalaa seene.
So they returned to the city quietly that day, as people steal away in humiliation after fleeing a battle.
4 Mootichis fuula isaa haguuggatee, “Yaa ilma koo Abesaaloom! Yaa Abesaaloom ilma ko, yaa ilma koo!” jedhee sagalee ol fudhatee booʼe.
But the king covered his face and cried out at the top of his voice, “O my son Absalom! O Absalom, my son, my son!”
5 Yooʼaab gara mootichaa mana ol seenee akkana jedhe; “Ati harʼa fuula namoota kee kanneen lubbuu kee, lubbuu ilmaan keetiitii fi intallan keetii, lubbuu niitota keetiitii fi saajjatoowwan keetii oolchan sana hundaa qaaniidhaan haguugdeerta.
Then Joab went into the house and said to the king, “Today you have disgraced all your servants who have saved your life and the lives of your sons and daughters, of your wives, and of your concubines.
6 Ati warra si jibban jaallattee warra si jaallatan immoo jibbiteerta. Ati akka ajajjoota loltoota keetiitii fi namoota isaanii wayittuu hin hedne harʼa mirkaneessiteerta. Harʼa utuu hundi keenya duunee Abesaaloom jiraatee ati akka gammaddu ani nan arga.
You love those who hate you and hate those who love you! For you have made it clear today that the commanders and soldiers mean nothing to you. I know today that if Absalom were alive and all of us were dead, it would have pleased you!
7 Amma gad baʼiitii namoota kee jajjabeessi. Yoo ati gad baʼuu baatte akka edana namni tokko iyyuu si biratti hin hafne ani maqaa Waaqayyootiin nan kakadha. Kun immoo rakkina ati ijoollummaa keetii jalqabdee hamma ammaatti keessa dabarte hunda caalaa hammaata.”
Now therefore get up! Go out and speak comfort to your servants, for I swear by the LORD that if you do not go out, not a man will remain with you tonight. This will be worse for you than all the adversity that has befallen you from your youth until now!”
8 Kanaafuu mootichi kaʼee karra dura taaʼe. Namoonni hundinuus yommuu, “Mootichi karra dura taaʼee jira” jedhamee itti himametti isa bira dhufan. Yeroo sanatti Israaʼeloonni hundi gara mana isaaniitti baqatanii turan.
So the king got up and sat in the gate, and all the people were told: “Behold, the king is sitting in the gate.” So they all came before the king. Meanwhile, the Israelites had fled, each man to his home.
9 Guutummaa gosoota Israaʼel keessatti namoonni hundinuu akkana jedhanii wal falmaa turan; “Mootichi harka diinota keenyaa jalaa nu baaseera; namni harka Filisxeemotaa jalaa nu baases isuma. Amma garuu inni sababii Abesaaloomiitiif biyyaa baqateera;
And all the people throughout the tribes of Israel were arguing, “The king rescued us from the hand of our enemies and delivered us from the hand of the Philistines, but now he has fled the land because of Absalom.
10 Abesaaloom inni nu akka inni bulchaa keenya taʼuuf jennee dibne sun immoo lola irratti duʼeera. Kanaafuu waaʼee mooticha as deebisuu irratti isin maaliif waan tokko hin mariʼanne?”
But Absalom, the man we anointed over us, has died in battle. So why do you say nothing about restoring the king?”
11 Daawit mootichis akkana jedhee ergaa kana Zaadoqii fi Abiyaataar lubootatti erge; “Akkana jedhaatii maanguddoota Yihuudaa gaafadhaa; ‘Wanni guutummaa Israaʼel keessatti odeeffamaa jiru gurra mootichaa qaqqabeeraatii isin maaliif mooticha mana mootummaa isaatti deebisuu irratti duubatti haftani?
Then King David sent this message to Zadok and Abiathar, the priests: “Say to the elders of Judah, ‘Why should you be the last to restore the king to his palace, since the talk of all Israel has reached the king at his quarters?
12 Isin obboloota koo, foon kootii fi dhiiga koo ti; yoos mooticha fiduu irratti maaliif duubatti harkifattan ree?’
You are my brothers, my own flesh and blood. So why should you be the last to restore the king?’
13 Amaasaanis, ‘Ati foonii fi dhiiga koo mitii? Yoo ani ammaa jalqabee iddoo Yooʼaab ajajaa loltoota koo si gochuu baadhe, Waaqni waan hamaa natti haa fidu; waan caalu illee natti haa fidu.’”
And say to Amasa, ‘Aren’t you my flesh and blood? May God punish me, and ever so severely, if from this time you are not the commander of my army in place of Joab!’”
14 Mootichis akkuma garaa nama tokkootti garaa namoota Yihuudaa hundaa boojiʼe. Isaanis, “Namoota kee hunda wajjin deebiʼi” jedhanii mootichatti ergan.
So he swayed the hearts of all the men of Judah as though they were one man, and they sent word to the king: “Return, you and all your servants.”
15 Mootichis biyyatti deebiʼee hamma Yordaanositti dhufe. Namoonni Yihuudaas mooticha simatanii Yordaanosin ceesisanii fiduuf hamma Gilgaalitti dhufan.
So the king returned, and when he arrived at the Jordan, the men of Judah came to Gilgal to meet him and escort him across the Jordan.
16 Shimeʼiin namichi Bahuuriim ilmi Geeraa kan gosa Beniyaam sunis mooticha simachuuf namoota Yihuudaa wajjin dafee gad buʼe.
Then Shimei son of Gera, a Benjamite from Bahurim, hurried down with the men of Judah to meet King David,
17 Isa wajjinis Beniyaamota kuma tokko akkasumas Ziibaa tajaajilaa maatii Saaʼol, ilmaan isaa kudha shananii fi hojjettoota isaa digdamatu ture. Isaanis mooticha dursanii Yordaanosin ceʼan.
along with a thousand men of Benjamin, as well as Ziba the steward of the house of Saul and his fifteen sons and twenty servants. They rushed down to the Jordan before the king
18 Isaanis maatii mootichaa simachuu fi waan inni barbaadu isaaf gochuuf malkaa ceʼan. Shimeʼiin ilmi Geeraa yommuu Yordaanosin ceʼetti mooticha duratti kufee
and crossed at the ford to carry over the king’s household and to do what was good in his sight. When Shimei son of Gera crossed the Jordan, he fell down before the king
19 akkana isaan jedhe; “Gooftaan koo balleessaa natti hin herregin. Balleessaa garbichi kee yeroo ati gooftaan koo mootichi Yerusaalemii baatetti hojjete garaatti hin qabatin. Mootichi waan sana yaada isaa keessaa haa baasu.
and said, “My lord, do not hold me guilty, and do not remember your servant’s wrongdoing on the day my lord the king left Jerusalem. May the king not take it to heart.
20 Ani garbichi kee cubbuu hojjechuu koo beekaatii; harʼa garuu ani mana Yoosef hunda keessaa gooftaa koo mooticha simachuuf nama jalqabaa taʼee dhufeera.”
For your servant knows that I have sinned, so here I am today as the first of all the house of Joseph to come down to meet my lord the king.”
21 Abiishaayi ilmi Zeruuyaas, “Shimeʼiin sababii nama Waaqayyo dibe abaareef amma duʼuun isaaf hin maluu?” jedhe.
But Abishai son of Zeruiah said, “Shouldn’t Shimei be put to death for this, because he cursed the LORD’s anointed?”
22 Daawit immoo deebisee, “Yaa ilmaan Zeruuyaa anii fi isin maal wal irraa qabna? Isin yeroo ammaa diinota natti taataniirtu! Harʼa namni tokko iyyuu Israaʼel keessatti ajjeefamuu qabaa? Ani guyyaa harʼaa Israaʼel irratti mootii taʼuu koo hin beekuu?” jedhe.
And David replied, “Sons of Zeruiah, what have I to do with you, that you should be my adversaries today? Should any man be put to death in Israel today? Am I not indeed aware that today I am king over Israel?”
23 Kanaafuu mootichi Shimeʼiidhaan, “Ati duʼuu hin qabdu” jedhe. Kanas kakaadhaan mirkaneesseef.
So the king said to Shimei, “You shall not die.” And the king swore an oath to him.
24 Mefiibooshet akaakayyuun Saaʼolis mooticha simachuuf gad buʼe. Inni gaafa mootichi Yerusaalemii baʼee jalqabee hamma mootichi deebiʼutti miilla isaatiif eegumsa barbaachisaa hin goone yookaan areeda hin haaddanne yookaan uffata isaa hin miiccanne ture.
Then Mephibosheth, Saul’s grandson, went down to meet the king. He had not cared for his feet or trimmed his mustache or washed his clothes from the day the king had left until the day he returned safely.
25 Yeroo inni mooticha simachuuf Yerusaalemii dhufettis mootichi, “Mefiibooshet, ati maaliif na wajjin hin deemne?” jedhee isa gaafate.
And he came from Jerusalem to meet the king, who asked him, “Mephibosheth, why did you not go with me?”
26 Innis akkana jedhee deebise; “Yaa gooftaa koo mooticha, ani garbichi kee waanan naafa taʼeef, ‘Akka ani yaabbadhee mooticha faana deemuu dandaʼuuf harreen koo naaf haa feʼamu’ jedheen ture. Ziibaan tajaajilaan koo garuu na gowwoomse.
“My lord the king,” he replied, “because I am lame, I said, ‘I will have my donkey saddled so that I may ride on it and go with the king.’ But my servant Ziba deceived me,
27 Inni gooftaa koo mooticha durattis garbicha kee maqaa balleesseera; gooftaan koo mootichi akkuma ergamaa Waaqayyoo ti; kanaafuu waan barbaadde hunda godhi.
and he has slandered your servant to my lord the king. Yet my lord the king is like the angel of God, so do what is good in your eyes.
28 Silaa wanni maatiin abbaa kootii hundinuu mooticha irraa argachuu malan duʼa qofa ture. Ati garuu ana garbicha kee warra maaddii kee irraa nyaatan wajjin teessifte. Kana caalaa wanni ani akka naa godhamuuf mooticha gaafachuuf mirga qabu maalii?”
For all the house of my grandfather deserves death from my lord the king, yet you have set your servant among those who eat at your table. What further right, then, do I have to keep appealing to the king?”
29 Mootichis, “Maaliif dubbii dheeressita? Ani akka atii fi Ziibaan lafa hunda gargar qooddattan ajajeera” jedheen.
The king replied, “Why say any more? I hereby declare that you and Ziba are to divide the land.”
30 Mefiibooshet immoo mootichaan, “Amma erga gooftaan koo mootichi nagaan deebiʼee inni waan hunda haa fudhatu” jedhe.
And Mephibosheth said to the king, “Instead, since my lord the king has safely come to his own house, let Ziba take it all!”
31 Namichi gosa Giliʼaad kan Barzilaay jedhamu tokkos Rogeliimii gad buʼe; innis mooticha geggeessuuf isa wajjin Yordaanos ceʼe.
Now Barzillai the Gileadite had come down from Rogelim to cross the Jordan with the king and send him on his way from there.
32 Barzilaayiin jaarsa dulloomaa waggaa saddeettama ture. Innis waan nama sooressa tureef yeroo mootichi Mahanayiim jiraatetti waan inni nyaatu dhiʼeessaafii ture.
Barzillai was quite old, eighty years of age, and since he was a very wealthy man, he had provided for the king while he stayed in Mahanaim.
33 Mootichis Barzilaayiin, “Gamatti na wajjin ceʼiitii na wajjin Yerusaalem jiraadhu; anis sin sooraa” jedhe.
The king said to Barzillai, “Cross over with me, and I will provide for you at my side in Jerusalem.”
34 Barzilaayiin garuu mootichaan akkana jedhe; “Ani siʼachi waggaa hammam jiraachuufan mooticha wajjin Yerusaalem dhaqa?
But Barzillai replied, “How many years of my life remain, that I should go up to Jerusalem with the king?
35 Ani yeroo ammaa waggaa saddeettama guuteera. Ani waan gaarii fi waan hamaa addaan baasuu nan dandaʼaa? Garbichi kee miʼaa nyaataa fi dhugaatii beekaa? Ammas sagalee dhiirotaatii fi dubartoota sirbanii dhagaʼuu dandaʼaa? Yoos garbichi kee maaliif gooftaa koo mootichatti baʼaa dabalamaa taʼa ree?
I am now eighty years old. Can I discern what is good and what is not? Can your servant taste what he eats or drinks? Can I still hear the voice of singing men and women? Why should your servant be an added burden to my lord the king?
36 Garbichi kee mooticha wajjin Yordaanos ceʼee xinnoo ishee ni deema; mootichi garuu maaliif haala kanaan galata naaf deebisa?
Your servant could go with the king only a short distance past the Jordan; why should the king repay me with such a reward?
37 Akka ani yoon duʼe magaaluma kootti awwaala abbaa fi haadha koo biratti awwaalamuuf garbicha kee dhiisi haa deebiʼu. Garbichi kee Kimhaam garuu kunoo ti. Inni gooftaa koo mooticha wajjin haa ceʼu. Atis waan jaallattu kam iyyuu isaaf godhi.”
Please let your servant return, that I may die in my own city near the tomb of my father and mother. But here is your servant Chimham. Let him cross over with my lord the king, and do for him what is good in your sight.”
38 Mootichis, “Kimhaam na wajjin ni ceʼa; anis waan ati jaallattu kam iyyuu isaaf nan godha; waan ati narraa barbaaddu kam iyyuus siif nan godha” jedhe.
The king replied, “Chimham will cross over with me, and I will do for him what seems good in your sight, and I will do for you whatever you desire of me.”
39 Akkasiin namoonni hundinuu Yordaanosin ceʼan; mootichis ni ceʼe. Mootichis Barzilaayii dhungatee eebbise; Barzilaayiinis gara mana isaatti deebiʼe.
So all the people crossed the Jordan, and then the king crossed over. The king kissed Barzillai and blessed him, and Barzillai returned home.
40 Yommuu mootichi gara Gilgaalitti darbetti Kimhaam isa wajjin deeme. Loltoonni Yihuudaa hundinuu fi walakkaan loltoota Israaʼel mooticha ceesisan.
Then the king went on to Gilgal, and Chimham crossed over with him. All the troops of Judah and half the troops of Israel escorted the king.
41 Yommuu suma namoonni Israaʼel hundinuu gara mootichaa dhufanii, “Obboloonni keenya warri Yihuudaa maaliif nu dhoksanii mootichaa fi maatii isaa, duukaa buutota isa wajjin Yordaanosin ceesisanii fidani?” jedhaniin.
Soon all the men of Israel came to the king and asked, “Why did our brothers, the men of Judah, take you away secretly and bring the king and his household across the Jordan, together with all of David’s men?”
42 Namoonni Yihuudaa hundis deebisanii namoota Israaʼeliin, “Nu waan mootichi fira dhiigaa nuuf taʼeef waan kana goone. Isin waaʼee waan kanaa maaliif aartu? Nu waan mootichaa keessaa tokko illee nyaanneerraa? Waan tokko illees ofii keenyaaf fudhanneerraa?” jedhan.
And all the men of Judah replied to the men of Israel, “We did this because the king is our relative. Why does this anger you? Have we ever eaten at the king’s expense or received anything for ourselves?”
43 Kana irratti namoonni Israaʼel namoota Yihuudaatiin, “Nu mooticha irraa qooda harka kudhan qabna; kana malees nu isin caalaa Daawit irraa mirga qabna. Yoos isin maaliif akkas nu tuffattu ree? Akka mootiin keenya nuuf deebiʼuuf kan duraan dursinee gaafanne nu mitii?” jedhanii deebisan. Garuu deebiin namoonni Yihuudaa deebisan kan Israaʼelootaa irra jabaa ture.
“We have ten shares in the king,” answered the men of Israel, “so we have more claim to David than you. Why then do you despise us? Were we not the first to speak of restoring our king?” But the men of Judah pressed even harder than the men of Israel.